Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 13

Michuu Waaqayyoo Kan Ture Abrahaam

Michuu Waaqayyoo Kan Ture Abrahaam

BISHAAN badiisaa booda, iddoowwan namoonni jiraachuuf deeman keessaa isheen tokko Ur jedhamti. Iddoon kun, magaalaa beekamtuu manneen babbareedan of keessaa qabdu taate. Haata’u malee, namoonni ishee keessa jiraatan waaqolii sobaa waaqeffatu turan. Yeroo Baabel keessa turanis akkasuma godhu turan. Namoonni magaalaa Uriifi Baabel keessa turan, akka Nohiifi ilmasaa Seem Yihowaa kan tajaajilan hin turre.

Dhumarratti, amanamaa kan ture Nohi, bishaan badiisaa booddee waggoota 350 jiraatee du’e. Namni fakkii kanarratti argitu sanaan booda waggaa lama turee dhalate. Inni Waaqayyo duratti nama baay’ee adda ta’edha. Maqaansaa Abrahaam jedhama. Abrahaam maatiisaa wajjin magaalaa Ur keessa jiraata ture.

Gaaf tokko Yihowaan Abrahaamiin: ‘Magaalaa Uriifi firoottan kee dhiisiitii, biyyan sitti argisiisu dhaqi’ jedheen. Abrahaam Waaqayyoof ajajamuudhaan jireenya qananii magaalaa Ur keessa jiru dhiisee ba’eeraa? Eeyyee ba’eera. Abrahaam yeroo hundumaa Waaqayyoof waan ajajamuuf, michuu Waaqayyoo ta’uudhaan beekameera.

Yommuu Abrahaam Urii ba’u, abbaansaa Taaraan, ilmi obboleessasaa Looxiifi haatimanaansaa Saaraan isaa wajjin deemaniiru. Yeroo booda, hundisaanii bakka Kaaraan jedhamu, iddoo Taaraan itti du’e ga’an. Amma Urirraa baay’ee fagaataniiru.

Yeroo xinnoo booda, Abrahaamiifi maatiinsaa Kaaraanii ba’anii gara biyya Kana’aan jedhamtu tokkoo dhaqan. Achitti Yihowaan: ‘Ani biyya kana ijoollee keetiif nan kenna’ jedheen. Abrahaam biyya Kana’aan keessa dunkaanaan jiraate.

Waaqayyo, Abrahaam hoolota baay’eefi horii baay’ee, akkasumas hojjettoota baay’ee akka qabaatu godhe. Haata’u malee, inniifi Saaraan ijoollee mataasaanii hin qaban turan.

Abrahaam umuriinsaa waggaa 99 yeroo ta’u, Yihowaan Abrahaamiin: ‘Saboota baay’eedhaaf abbaa si gochuuf siifin kakadha’ jedheen. Haata’u malee, Abrahaamiifi Saaraan mucaa godhachuuf baay’ee dulloomanii waan turaniif kun akkamitti ta’uu danda’a?