Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 14

Waaqayyo Amantii Abrahaam Qore

Waaqayyo Amantii Abrahaam Qore

ABRAHAAM maal gochaa akka jiru asirratti ni argitaa? Haaduu qabateera; ilmasaa qaluuf fakkaata. Akkas kan godhu maaliifii? Mee dura Abrahaamiifi Saaraan mucaa kan argatan akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

Waaqayyo mucaa akka kennuuf isaaniif kakachuusaa yaadadhu. Haata’u malee, Abrahaamiifi Saaraan baay’ee dulloomanii waan turaniif, wanti kun dhugaa hin fakkaatu ture. Abrahaam garuu, Waaqayyo wanta hin danda’amne fakkaatuyyuu gochuu akka danda’u ni amana ture. Egaa maaltu ta’eree?

Waaqayyo erga kakateefi booda, waggaan tokko guutuun ni darbe. Achiis, yommuu umuriin Abrahaam waggaa 100, kan Saaraammoo waggaa 90 ta’u, mucaa godhatan; maqaasaas Yisihaq jedhaniin. Waaqayyo akkuma jedhe godheera.

Haata’u malee, Yisihaq yommuu guddate, Yihowaan amantii Abrahaam ni qore. ‘Abrahaam!’ jedhee isa waame. Abrahaamis: ‘Oo’ jedhee awwaate. Achiis Waaqayyo: ‘Yisihaq ilma kee isa tokkicha fudhadhuutii gara gaara ani sitti argisiisu dhaqi. Achittis ilma kee qaliitii aarsaa godhii naaf dhiheessi’ jedheen.

Abrahaam ilmasaa baay’ee waan jaallatuuf, jechi kun baay’ee isa gaddisiiseera. Waaqayyo, ijoolleen Abrahaam biyya Kana’aan keessa ni jiraatu jedhee akka kakates yaadadhu. Yisihaq yoo du’e, kun akkamitti dhugaa ta’uu danda’a? Wanti kun Abrahaamiifis hin galleef, garuu Waaqayyoof ajajameera.

Yommuu gaaricharra ga’e, Abrahaam Yisihaqiin hidhee, iddoo aarsaa ijaarerra isa ciibse. Achiis ilmasaa qaluuf haaduu fudhate. Haata’u malee, yeruma sana ergamaan Waaqayyoo: ‘Abrahaam, Abrahaam!’ jedhee isa waame. Abrahaamis ‘Oo’ jedhee awwaate.

Waaqayyos, ‘Mucicha hin miidhin ykn waan tokkos isa hin godhin! Ilma kee isa tokkicha akka na hin dhowwanne, anarrattis amantii akka qabdu amma beekeera’ jedheen.

Abrahaam Waaqayyorratti amantii guddaa qaba ture. Wanti Yihowaan gochuu dadhabu akka hin jirre ni amana ture; akkasumas, Yihowaan Yisihaqiin du’aa kaasuu akka danda’u ni amana ture. Haata’u malee, dhugumaan kaayyoon Waaqayyoo, Abrahaam ilmasaa akka ajjeesuuf hin turre. Kanaafuu, Waaqayyo, Abrahaam bakka ilmasaa hoolaa gaafnisaa arangamaadhaan qabame tokko akka qalu itti hime.