Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 16

Yisihaq Haadha Manaa Gaarii Argate

Yisihaq Haadha Manaa Gaarii Argate

INTALLI fakkii kanarratti argitu kun eenyu akka taate beektaa? Maqaanshee Ribqaa jedhama. Namichi isheen itti deemtummoo Yisihaq jedhama. Haadha manaasaa ta’uufii. Kun kan ta’e akkamitti?

Abrahaam, ilmisaa haadha manaa gaarii akka argatu barbaade. Warri Kana’aan waaqolii sobaa kan waaqeffatan waan ta’aniif, Abrahaam ilmisaa Yisihaq durbootasaanii keessaa tokko akka fuudhu hin barbaadne. Kanaafuu, Abrahaam hojjetaasaa waamee: ‘Biyya firoottan koo jiraatan biyya Kaaraan dhaqiitii, ilma koo Yisihaqiif haadha manaa fidiif’ isaan jedhe.

Yeruma sana hojjetaan Abrahaam gaalota kudhan fudhatee karaa dheeraa adeemuutti ka’e. Naannoo firoottan Abrahaam jiraatan yeroo ga’u, boolla bishaanii tokko bira ga’ee dhaabate. Yeroonsaa gara galgalaa waan tureef, dubartoonni magaalattii bishaan waraabuuf gara boolla sanaa yeroo itti dhufan ture. Kanaafuu, hojjetaan Abrahaam: ‘Durbi anaafi gaalota kootiif bishaan kennitu, Yisihaqiif haadha manaa akka taatu kan ati ishee filatte haataatu’ jechuudhaan Yihowaa kadhate.

Yeruma sana, Ribqaan bishaan waraabbachuuf dhufte. Hojjetichi bishaan akka isa obaastu yommuu ishee gaafatu, ni kenniteef. Ammammoo deebitee gaalota dheebotan sana hundaaf akka ga’utti baay’istee fidde. Gaalonni bishaan baay’ee waan dhuganiif, kana gochuun hojii nama dadhabsudha.

Ribqaan kana gootee yommuu raawwattu, hojjetaan Abrahaam maqaan abbaashee eenyu akka ta’e ishee gaafate. Galgala sanaaf manasaanii buluu akka danda’us ishee gaafate. Isheenimmoo: ‘Abbaan koo Batu’el jedhama; mana keenya iddoon bultii isiniif ta’u jira’ jetteen. Hojjetaan Abrahaam, Naahor obboleessi Abrahaam, ilma Batu’el jedhamu akka qabu beeka ture. Kanaafuu, Yihowaan gara firoottan Abrahaamitti waan isa qajeelcheef jilbeenfatee isa galateeffate.

Galgala sana, hojjetaan Abrahaam maaliif isaan bira akka dhaqe, Batu’eliifi obboleessa Ribqaa Laabaanitti hime. Lamaansaaniiyyuu, Ribqaan isaa wajjin deemtee haadha manaa Yisihaq ta’uu akka dandeessu walii galan. Ribqaanoo yommuu gaafatamtu maal jette laata? ‘Eeyyee, wajjin deemuun barbaada’ jette. Kanaafuu, borumtaasaatti gaalotasaaniirra taa’anii Kana’aanitti deebi’uuf karaa dheeraa sana deemuu jalqaban.

Yommuu achi ga’an galgalaa’ee ture. Ribqaan namni tokko bakkee keessaa garasaaniitti ennaa deemu argite. Namichi Yisihaq ture. Yisihaq yeroo Ribqaa argu baay’ee gammade. Haatisaa Saaraan erga duutee reefuu waggaa sadi darbe; amma yeroo sanaattiyyuu gaddarra jira ture. Amma garuu, Yisihaq Ribqaa baay’isee waan jaallateef, baay’ee gammadeera.