Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 17

Lakkuu Wal Hin Fakkaanne

Lakkuu Wal Hin Fakkaanne

IJOOLLEEN lamaan asirratti argitu wal hin fakkaatan mitii? Maqaasaanii beektaa? Inni adamsu Esaawuu, inni hoolota tiksaa jirummoo Yaaqoob jedhama.

Esaawuufi Yaaqoob, ijoollee lakkuu Yisihaqiifi Ribqaati. Esaawuu, bineensota adamsee maatiisaatiif nyaata waan fiduuf, Yisihaq baay’ee isa jaallata ture. Ribqaan garuu, Yaaqoob mucaa amala gaarii qabu waan ta’eef caalaatti isa jaallatti turte.

Akaakayyuunsaanii Abrahaam ammayyuu hin duune; Yaaqoob waa’ee Yihowaa Abrahaamirraa dhaga’uun hammam akka isa gammachiisu beekamaadha. Dhumarratti Abrahaam umuriinsaa waggaa 175 yommuu ta’u, jechuunis ijoolleen lakkuu ta’an yeroo umuriinsaanii waggaa 15 ta’u du’e.

Esaawuu umuriinsaa waggaa 40 yeroo guutu, biyya Kana’aan keessaa dubartoota lama fuudhe. Dubartoonnisaa Yihowaa kan waaqeffatan waan hin taaneef, Yisihaqiifi Ribqaan haala kanatti baay’ee gaddaniiru.

Gaaf tokko, Esaawuu obboleessasaa Yaaqoobitti baay’ee akka aaru wanti godhu tokko uumame. Yisihaq ilmasaa isa hangafa yeroon itti eebbisu ni ga’e. Esaawuu hangafa Yaaqoob waan ta’eef, eebba kana anatu fudhata jedhee yaadee ture. Haata’u malee, Esaawuu, mirga eebbifamuuf qabu duraan dursee Yaaqoobitti gurgureera. Ijoolleen lamaan kun ennaa dhalatanis, Waaqayyo eebba kan argatu Yaaqoob ta’uusaa dubbatee ture. Akkuma jedhame Yisihaq eebbicha ilmasaa Yaaqoobiif kenne.

Booddee, Esaawuu yeroo kana beeku Yaaqoobitti baay’ee aare. Kanaafuu, Yaaqoobiin ajjeesuu barbaade. Ribqaan kana yommuu dhageessu dhiphattee waanuma taatu dhabde. Kanaaf abbaa manaashee Yisihaqiin: ‘Yaaqoobis dubartoota Kana’aan keessaa yoo fuudhe, rakkoo baay’eetu uumama’ jetteen.

Kanaan kan ka’e, Yisihaq ilmasaa Yaaqoobiin waamee akkas jedheen: ‘Dubartoota Kana’aan keessaa haadha manaa hin fuudhin. Kanaa mannaa, gara mana Batu’el akaakayyuu keetii biyya Kaaraan dhaqi. Achittis, ijoollee durbaa Laabaan keessaa tokko fuudhi.’

Yaaqoob waan abbaansaa jedheen dhaga’ee, yeruma sana gara Kaaraan biyya firoottansaa dhaquuf karaa dheeraa sana deemuu jalqabe.