Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 19

Yaaqoob Maatii Guddaa Qaba

Yaaqoob Maatii Guddaa Qaba

MAATII guddaa kana ilaali. Asirratti kan argitu, ijoollee dhiiraa Yaaqoob kudhalamaanidha. Ijoollee durbaas qaba. Maqaasaanii beektaa? Mee isaan keessaa tokko tokko haa ilaallu.

Liyaan, Ruuben, Shimi’oon, Lewwiifi Yihudaa deesse. Raahel garuu ijoollee akka hin godhanne yommuu argitu baay’ee gaddite. Kanaafuu, hojjettuushee kan taate Bilhaa haadha manaa akka isaaf taatu Yaaqoobiif laatte. Achiis, Bilhaan ijoollee dhiiraa, Daaniifi Niftaalem jedhaman deesse. Liyaanis hojjettuushee Zilfaa haadha manaa gootee Yaaqoobiif kennite. Zilfaanis ijoollee dhiiraa, Gaadiifi Asheer jedhaman deesseef. Dhumarratti, Liyaan ijoollee dhiiraa, Yisaakoriifi Zebuloon jedhaman deesse.

Booddee, Raahel mucaa godhachuu dandeesse. Maqaasaas Yoseef jetteen. Yoseef nama beekamaa waan ta’eef, booddee waa’eesaa bal’inaan baranna. Ijoolleen kudha tokkoon kun, Yaaqoob Laabaanii wajjin yommuu turetti kan godhatedha.

Yaaqoob ijoollee durbaa muraasas qaba ture; Macaafni Qulqulluun garuu maqaa ishee tokkoo qofaa nutti hima. Maqaanshee Dhinee jedhama.

Yaaqoob Laabaaniin gargar ba’ee biyya Kana’aanitti deebi’uuf deema. Kanaafuu, maatiisaa isa guddaa, hoolotasaafi horiisaa sassaabee karaa dheeraa sana deemuu jalqabe.

Biyya Kana’aan galanii baay’ee utuu hin turin, karaarra deemaa utuu jiranii, Raahel mucaa dhiiraa gara biraa deesse. Raahel ciniinsuun itti cimee waan tureef, dhumarratti ni duute. Daa’imichi garuu fayyaasaa ture. Yaaqoob Beniyaamin jedhee maqaa baaseef.

Guutummaan saba Israa’el kan dhufe ijoollee Yaaqoob kudha lamaanirraa waan ta’eef, maqaasaanii yaadachuun barbaachissaadha. Gosni Israa’el kudha lamaan maqaasaanii kan argatan, ilmaan Yaaqoob kudhaniifi ilmaan Yoseef lamaanirraati. Yisihaq ijoolleen dhiiraa kun hundumtuu erga dhalatanii booda waggoota baay’eedhaaf jiraateera. Ijoollee baay’eedhaaf akaakayyuu ta’uu danda’uusaatti akka gammadu beekamaadha. Haata’u malee, intala ilmasaa kan taate Dhineerra wanta ga’e haa ilaallu.