Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 21

Obboloonni Yoseef Isa Jibban

Obboloonni Yoseef Isa Jibban

MUCAAN kun akkamitti akka gaddeefi akka abdii kutate ilaali. Maqaansaa Yoseef jedhama. Obboloonnisaa namoota gara Gibxii deemaa jiranitti isa gurguraa jiru. Yoseef achitti garba ta’uuf deema. Ijoolleen abbaasaa wanta hamaa kana kan isarra geessisan maaliif ture? Yoseefitti waan inaafaniifi.

Abbaansaanii Yaaqoob, Yoseefiin baay’ee jaallata ture. Ijoollee kaanirra caalchisee waan isa jaallatuuf kootii dheeraa bareedu tokko isaaf hojjete. Hangafoonnisaa kurnan, Yaaqoob, Yoseefiin baay’isee akka jaallatu yeroo argan, Yoseefitti inaafuufi isa jibbuu jalqaban. Sababii itti isa jibban gara biraas qabu.

Yoseef abjuu lama abjootee ture. Abjuuwwan lamaanirrattiyyuu, obboloonnisaa kurnan yommuu isaaf sagadan arge. Yoseef abjuusaa kana obbolootasaatti yommuu himu, caalaatti isa jibbani.

Gaaf tokko, obboloonni Yoseef, warri hangafasaa ta’an hoolota abbaasaanii utuu eegaa jiranii, Yaaqoob fayyaasaanii akka gaafatuuf Yoseefiin erge. Obboloonni Yoseef tokko tokko, yommuu inni garasaanitti deemu arganii: ‘Kottaa isa ajjeesnaa’ waliin jedhan. Hangafasaanii kan ta’e Ruuben garuu obbolootasaatiin: ‘Lakkii, akkas hin godhinaa!’ jedheen. Kanaaf, isa ajjeesuu mannaa, Yoseefiin qabanii boolla bishaanii gogaa tokko keessa isa buusan. Achiis, maal akka isa godhan murteessuuf taa’anii mari’achuu jalqaban.

Yeruma sana, namoonni Ishmaa’el ennaa dhufan argan. Yihudaan ijoollee abbaasaatiin: ‘Kottaa, namoota Ishmaa’elitti isa gurgurraa’ jedheen. Akkuma jedhan qarshii 20⁠tti isa gurguran. Akkas gochuunsaanii hammeenya guddaa ture mitii?

Obboloonnisaa abbaasaaniitti maal jedhanii himu laata? Re’ee tokko qalanii, wayyaa Yoseef ishee bareedduu sana asiifi achiin gaggaragalchanii dhiigaan cuuban. Achii abbaasaanii Yaaqoobitti fidanii: ‘Kana ni arganne. Mee wayyaa Yoseef yoo ta’e ilaali’ jedhaniin.

Yaaqoob wayyaa Yoseef ta’uusaa beeke. ‘Bineensa hamaatu isa nyaate’ jedhee boo’e. Obboloonni Yoseefis kan barbaadan abbaansaanii akkas jedhee akka yaadu ture. Yaaqoob baay’ee waan gaddeef guyyoota baay’eedhaaf boo’e. Yoseef garuu hin duune. Bakka geeffametti waan isarra ga’e haa ilaallu.