Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 25

Maatichi Gibxiitti Gale

Maatichi Gibxiitti Gale

YOSEEF kana caalaa obsuu hin dandeenye. Hojjettoonnisaa hundi manicha gadhiisanii akka ba’an itti hime. Obbolootasaa wajjin kophaasaanii yommuu ta’an Yoseef boo’uu jalqabe. Obboloonnisaa maaliif akka boo’u waan hin beekneef baay’ee akka rifatan beekamaadha. Dhumarratti: ‘Ani Yoseefidha. Abbaan koo ammayyuu jiraa?’ jedheen.

Obboloonnisaa baay’ee waan na’aniif dubbachuuyyuu hin dandeenye. Baay’ee sodaatan. Yoseef garuu: ‘Gara koo kottaa’ jedheen. Yommuu garasaa dhaqan, ‘Ani obboleessa keessan Yoseef, isa Gibxiitti na gurgurtanidha’ jedheen.

Yoseef gaarummaadhaan isaanitti haasa’uusaa akkas jechuudhaan itti fufe: ‘Waan asitti na gurgurtaniif balleessaa qabna jettanii hin yaadda’inaa. Waaqayyotu lubbuu namootaa oolchuuf jedhee biyya Gibxiitti na erge. Fara’oon guutummaa biyyattiirratti bulchaa na godheera. Kanaaf, amma dafaa gara abbaa koo dhaqaatii kana itti himaa. Dhufee akka as jiraatus itti himaa.’

Achiis Yoseef obbolootasaatti maramee isaan hammachuudhaan hundasaanii dhungate. Fara’oon obboloonni Yoseef akka dhufan ennaa dhaga’u, Yoseefiin akkas jedheen: ‘Konkolaataa fardaan harkifamu fudhatanii, abbaasaaniifi maatiisaanii fidanii haadhufan. Biyya Gibxii keessaa lafa ishee hunda caaltu isaaniif nan kenna.’

Isaanis akkuma jedhaman godhan. Yaaqoob maatiisaa hundumaa fudhatee gara Gibxii yommuu dhufuufi Yoseef ennaa isa simatu asirratti arguu dandeessa.

Maatiin Yaaqoob baay’ee guddateera. Yaaqoobiin, ijoolleesaafi ijoollee ijoolleesaa dabalatee biyya Gibxiitti kan galan walumatti namoota 70 turan. Haata’u malee, dubartoonniifi tariimmoo hojjettoonni baay’eenis jiraachuu danda’u. Isaan kun hundi biyya Gibxii keessa jiraachuu jalqaban. Waaqayyo maqaa Yaaqoob Israa’el jedhee waan jijjiireef Israa’eloota jedhamanii waamaman. Booddee akka ilaallutti, Israa’eloonni Waaqayyoof saba addaa ta’aniiru.