Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 26

Iyoob Waaqayyoof Amanamaa Ture

Iyoob Waaqayyoof Amanamaa Ture

NAMNI dhukkubsataan asirratti argitu kun singaddisiisuu? Maqaansaa Iyoob jedhama; dubartiin isa biraammoo haadha manaasaati. Iyoobiin maal jechaanii akka jirtu beektaa? ‘Waaqayyoon arrabsiitii du’i’ jettiin. Maaliif akkas akka jetteefi Iyoobirras maaliif dhibeen akka ga’e haa ilaallu.

Iyoob nama amanamaa Waaqayyoof ajajamu ture. Kan jiraatummoo biyya Uz jedhamtu keessa ture; biyyattiin kun Kana’aanirraa baay’ee fagoo miti. Yihowaan Iyoobiin baay’ee jaallata ture; kan isa jibbu garuu jira ture. Eenyu akka ta’e beektaa?

Diiyaabilos isa Seexana jedhamu ture. Seexanni ergamaa hamaa Yihowaa jibbu ta’uusaa yaadadhu. Addaamiifi Hewwaan Yihowaadhaaf akka hin ajajamne gochuu danda’eera. Ammas namoonni hundinuu Yihowaadhaaf akka hin ajajamne gochuu kan danda’u itti fakkaata. Garuu kana gochuu danda’eeraa? Tasumaa hin dandeenye. Mee waa’ee namoota amanamoo seenaasaanii barannee yaadi. Isaan keessaa maqaa eenyuufaa yaadatta?

Yaaqoobiifi Yoseef Gibxiitti erga du’anii booda, Iyoob guutummaa lafaarratti nama baay’ee amanamaa ta’ee ture. Yihowaan, Seexanni namoota hundumaa hamoo gochuu akka hin dandeenye isa beeksisuu barbaade. Kanaaf: ‘Iyoob anaaf hammam amanamaa akka ta’e ilaali’ jedheen.

Seexanni garuu: ‘Iyoob amanamaa kan siif ta’e, isa eebbistee wanta gaarii ta’e waan isaaf kenniteefidha. Garuu utuu waan qabu hundaa irraa fudhattee, si arrabsa’ jedhee morme.

Achiis Yihowaan akkas jedheen: ‘Waanuma qabu hundaa jalaa fudhadhu. Waan hamaa barbaadde hundumaa irraan ga’i. Akka inni na arrabsuu ni ilaalla. Akka isa hin ajjeesne garuu of eeggadhu.’

Jalqabarratti Seexanni, saawwaniifi gaalonnisaa akka jalaa hataman, hoolonnisaammoo akka ajjeefaman godhe. Achiimmoo, ijoolleen dhiiraafi durbaa kurnan hobomboleettiidhaan akka jalaa du’an godhe. Itti aanseemmoo Seexanni, dhukkuba jabaa isatti fide. Rakkoo baay’eetu Iyoobirra ga’e. Haati manaasaa: ‘Waaqayyoon arrabsiitii du’i’ kan jetteen kanaafi. Iyoob garuu akkas hin goone. Hiriyoonnisaa warri sobduu ta’an sadanis dhufanii, kun kan sirra ga’e cubbuu keetiini jedhaniin. Iyyoob garuu amanamaa ta’ee itti fufe.

Kun Waaqayyoon baay’ee waan gammachiiseef, akka fakkii kanarratti argitutti booddee, Waaqayyo Iyoobiin ni eebbise. Dhukkubasaarraas isa fayyise. Ijoollee babbareedan 10 dabalataan argate. Kan kanaan dura qaburra, dachaa lamaan caalchisee saawwan, hoolotaafi gaalota baay’ee argate.

Atoo, akka Iyoobitti yoomiyyuu Yihowaadhaaf amanamaa ni taataa? Yoo taate, Waaqayyo siinis si eebbisa. Guutummaan lafaa, akka dhaaba ashaakiltii Edenitti bareedduu yommuu taatu, isheerra bara baraaf jiraachuu dandeessa.