Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 28

Akkaataa Museen Itti Oole

Akkaataa Museen Itti Oole

MUCAA quba intalattii qabatee boo’aa jiru kana ilaali. Mucichi Musee jedhama. Intalli bareedduun kun eenyu akka taate beektaa? Intala Fara’oon mootii Gibxiiti.

Haati Musee mucaanshee warra Gibxiin akka duraa ajjeefamu waan hin barbaadneef, hamma ji’a sadii guututti isa dhoksite. Haata’u malee, Museen akka duraa argamu waan beektuuf, isa oolchuuf jettee waan goote haa ilaallu.

Dhallaadduu fudhattee akka bishaan hin galchinetti guuboo hojjette. Musee erga keessa keessee boodas, guubicha fuutee jajjaba Laga Abbayyaa qarqara jiru gidduu keesse. Miiryaam obboleettiin Musee, naannoo sana dhaabattee waan isarra ga’u akka ilaaltu itti himamee ture.

Yeruma sana intalli Fara’oon qaamashee dhiqachuuf gara Laga Abbayyaa dhufte. Akkuma tasaa jajjaba keessatti guuboo tokko argite. Hojjettootashee keessaa ishee tokkoon: ‘Dhaqiitii guuboo sana fidi’ jetteen. Intalli mootichaa guubicha ennaa bantu mucaa baay’ee bareedu tokko keessatti argite. Mucichi boo’aa waan tureef baay’ee ishee marare. Kanaaf akka ajjeefamu hin barbaanne.

Achiis Miiryaamni dhufte. Fakkii kanarratti ishee arguu dandeessa. Miiryaam intala Fara’ooniin: ‘Mucaa kana akka siif guddistu dubartii Israa’el tokko siif waamuu?’ jetteen.

Isheenis: ‘Eeyyee naaf waami’ jetteen.

Kanaafuu, Miiryaam haadhasheetti himuuf fiigdee deemte. Haati musee gara intala mootichaa yeroo dhuftu, intalli mootichaa: ‘Mucaa kana fuudhiitii naaf guddisi; ani siifan kaffalaa’ jetteen.

Achiis, haati Musee mucaashee guddisuu jalqabde. Booddee yommuu Museen guddatetti, intala mootichaa ishee musee akka ilmasheetti ilaaltuutti kennite. Museen mana Fara’oonitti guddachuu kan danda’e akkaataa kanaani.