Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 29

Museen Kan Baqate Maaliifi

Museen Kan Baqate Maaliifi

MUSEEN biyya Gibxii keessaa fiigee yeroo ba’u ilaali. Namoota duukaa bu’anii isa ari’aa jiran kana ni argitaa? Maaliif Musee ajjeesuu akka barbaadan beektaa? Mee haa ilaallu.

Museen mana Fara’oon mootii Gibxiitti guddate; nama beekaafi guddaa ta’e. Museen, nama Gibxii akka hin taane, kanaa mannaa warrisaa Israa’eloota garboota warra Gibxii keessaa akka ta’an beeka ture.

Umuriinsaa waggaa 40 erga guutee booda gaaf tokko Museen sabnisaa akkamitti akka jiraatu ilaaluuf ba’e. Akkaataan itti jiraatan baay’ee kan nama gaddisiisu ture. Namichi biyya Gibxii tokko, hojjetaa Israa’el tokko utuu rukutu arge. Museen asiifi achi ilaallatee namni tokkoyyuu akka isa hin argine yommuu hubatu, namicha Gibxii rukutee ajjeese. Achiis Museen cirracha keessatti isa awwaale.

Guyyaa itti aanutti ammas Museen sabasaa ilaaluuf ba’e, lammata garboota akka hin taanetti isaan gargaaruu waan danda’u itti fakkaata ture. Haata’u malee, Israa’eloonni lama yommuu wal lolan argee, namicha balleessaa qabuun: ‘Maaliif obboleessa kee rukutta?’ jedheen.

Namichimmoo: ‘Nurratti bulchaafi ajajjuu kan si godhe eenyu? Akkuma namicha warra Gibxii ajjeestetti anas ajjeesuu barbaaddaa?’ jedheen.

Museen baay’ee sodaate. Namicha Gibxii kan ajjeese isa ta’uusaa namoonni akka beekan hubate. Fara’ooniyyuu wanta kana dhaga’ee, Musee akka ajjeesan namoota erge. Museen biyya Gibxii keessaa baqachaa kan jiru kanaafidha.

Museen biyya Gibxii ennaa ba’u, fagaatee biyya Miidiyaan dhaqe. Achittis maatii Yetroo wajjin wal argee, ijoollee durbaa Yetroo keessaa ishee Siiforaa jedhamtu fuudhe. Amma Museen, tiksee ta’ee hoolota Yetroo tiksuu jalqabe. Biyya Miidiyaan keessa waggaa 40 jiraate. Amma umuriinsaa waggaa 80 ta’eera. Achiis gaaf tokko, Museen hoolota Yetroo eegaa utuu jiruu, wanti dinqisiisaan jireenya Musee guutummaatti jijjiire tokko uumame. Wanti dinqisiisaan kun maal akka ta’e fuula itti aanu baasiitii haa ilaallu.