Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 32

Dha’ichawwan Kurnan

Dha’ichawwan Kurnan

FAKKIIWWAN kana ilaali. Tokkoon tokkoonsaanii, dha’icha Yihowaan warra Gibxiirratti fide argisiisu. Fakkii isa jalqabaarratti, Aaron uleesaatiin Laga Abbayyaa yommuu rukutu argita. Yeroo inni akkas godhu, bishaanichi dhiigatti jijjiirame. Qurxummiiwwan bishaanicha keessa jiran waan du’aniif lagichi ajaa’uu jalqabe.

Itti aansee, Yihowaan fatteewwan Laga Abbayyaa keessaa akka yaa’an godhe. Fatteewwan kun, iddoo ibiddaa, eeleefi sireerra—bakka hundumaa guutanii turan. Ennaa du’animmoo warri Gibxii tuulaa guddaa godhanii waan isaan tuulaniif biyyicha ni ajeessan.

Achiis Aaron uleesaatiin lafa yommuu rukutu awwaarri ol ka’e. Awwaarichis bookeetti jijjiirame. Bookeewwan kun ilbiisota balali’aniifi nama ciniinanidha. Bookeen kun dha’icha sadaffaa biyya Gibxiirratti dhufedha.

Dha’ichiwwan hafan garuu, warra Gibxiin qofa malee Israa’eloota hin miine. Dha’ichi arfaffaanimmoo qarxaasaa manneen warra Gibxii guutedha. Dha’ichi shanaffaan horiirratti dhufe. Saawwan, hoolotaafi re’oonni baay’een warra Gibxii duraa dhumaniiru.

Itti aansuudhaan, Museefi Aaron daaraa xinnoo fudhatanii, qilleensarratti ol facaasan. Isaan kunis namootarraafi horiirratti madaa hamaa fidan. Kun dha’icha ja’affaa ture.

Kana booda Museen harkasaa gara samiitti yommuu ol kaasu, Yihowaan bokkaan akka roobu godhe. Bokkaa hamaa kanaan dura biyya Gibxii keessatti roobee hin beekne ture.

Dha’ichi saddeettaffaan, hawaannisa baay’ee ture. Sanaan duras ta’e isa booddee hawaannisni baay’een hammasanaa argamee hin beeku. Waan bokkaarraa hafe hundumaa utuu hin hambisin nyaatan.

Dha’ichi saglaffaan dukkanadha. Guyyaa sadi guutuudhaaf dukkanni biyya Gibxiin haguugee ture. Bakka Israa’eloonni jiraatan garuu ifni jira ture.

Dhumarratti, Waaqayyo sabnisaa re’ee ykn hoolaa korbeessa qalanii, dhiigasaa balbalasaaniitti akka diban itti hime. Achiis ergamaan Waaqayyoo biyya Gibxii keessa darbe. Ergamichi balbala dhiiga dibame yommuu argu mana sana keessaa nama tokkoyyuu hin ajjeesu ture. Mana balaballisaa dhiiga hin dibamne keessaa garuu, ergamaan Waaqayyoo hangafa namootaafi hangafa horii ajjeesaa darba ture. Kun dha’icha kurnaffaa ture.

Dha’icha isa dhumaa kana booda, Fara’oon Israa’eloonni akka ba’an itti hime. Sabni Waaqayyoo hundisaanii biyyattii gadhiisuuf qophaa’anii turan. Halkan sanatti biyya Gibxii keessaa ba’an.