Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 3

Gibxii Erga Ba’anii Kaasee Hanga Mootii Israa’el Isa Duraatti

Gibxii Erga Ba’anii Kaasee Hanga Mootii Israa’el Isa Duraatti

Museen, saba Israa’el garbummaa Gibxii jalaa baasee gara gaara Siinaa, bakka Waaqayyo seerasaa itti kennetti isaan geesse. Booddees Museen biyya Kana’aan akka gaadaniif gaaddota 12 erge. Haata’u malee, isaan keessaa namoonni 10 oduu nama sodaachisu fidanii dhufan. Israa’eloonni biyya Gibxiitti deebi’uuf akka hawwan isaan godhan. Waaqayyo amantii dhabuusaaniitiin kan ka’e, waggaa 40f lafa onaa keessa akka jooran gochuudhaan isaan adabe.

Dhumarrattis, Iyaasuun Israa’eloota biyya Kana’aanitti geessuuf filatame. Biyyattii akka fudhataniif Yihowaan dinqiiwwan adda addaa akka raawwataman godhe. Lagni Yordaanos akka hin yaane, gamoon Yerikoo akka diigamuufi guyyaa guutuu biiftuun bakka jirtutti akka dhaabattu godhe. Waggoota ja’a booda biyyattiin warra Kana’aanirraa fudhatamte.

Iyaasuurraa jalqabee, waggoota 356f Israa’eloonni abboota firdii hedduudhaan geggeeffamaniiru. Baaraaq, Giidewon, Yiftaa, Siimsoniifi Saamu’eliin dabalatee waa’ee abboota firdii kanaa ni baranna. Akkasumas, waa’ee Rahaab, Deboraa, Yaa’el, Ruut, Naa’omiifi Deliilaa ni baranna. Guutummaan Kutaa SADAFFAA seenaawwan waggoota 396 kan qabatedha.