Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 35

Yihowaan Seerasaa Kenne

Yihowaan Seerasaa Kenne

ISRAA’ELOONNI erga Gibxii ba’anii ji’a lama booda, gara gaara Siinaa isa Horeeb jedhamu dhufan. Iddoon kun, iddoo Yihowaan huuxxii boba’u keessaa Museetti dubbatedha. Israa’eloonni iddoo kana dhufanii yeroo muraasaaf qubataniiru.

Israa’eloonni gaaricha jala dhaabatanii yommuu eegan, Museen gaarichatti ol ba’e. Gaaricharrattis, Yihowaan, Israa’eloonni akka isaaf ajajamaniifi saba addaa akka Isaaf ta’an kan barbaadu ta’uusaa Museetti hime. Museen gaaricharraa yommuu bu’e, waan Yihowaan jedhe Israa’elootatti hime. Sabni Israa’elis saba Yihowaa ta’uu waan barbaadaniif isaaf ni ajajamna jedhan.

Amma Yihowaan waan haaraa tokko gochuuf jedha. Fiixee gaarichaarraa aarri ba’ee qaqawwee guddaan akka uumamu godhe. Israa’elootaanis: ‘Ani biyya Gibxii kan isin baase, Waaqa keessan Yihowaadha’ jedheen. Achiis: ‘Ana malee Waaqa garabiraa tokkoyyuu hin waaqeffatinaa’ jedhee itti hime.

Waaqayyo warra Israa’eliif abboommiiwwan ykn seerawwan dabalataa sagal kenneef. Isaanis baay’ee sodaatanii turan. Museedhaan: ‘Waaqayyo yoo nutti dubbate ni duuna jennee waan sodaannuuf ati yoo nutti dubbatte nuuf wayya’ jedhaniin.

Booddee Yihowaan Museedhaan akkas jedheen: ‘Gaaricharraan gara koo kottu. Gabatee dhagaa lama, seera koo isan sabichi akka eegu barbaadu irratti barreessee siif nan kenna.’ Kanaafuu, Museen ammas gaarichatti ol ba’ee, halkaniifi guyyaa 40f achuma ture.

Waaqayyo sabasaatiif seerawwan baay’ee kenne. Museen seerawwan kana ni barreesse. Waaqayyo gabateewwan dhagaa lama Museetti kenne. Waaqayyo gabateewwan kanarratti seerota kurnan warra Israa’elitti himee ture sana ofumasaatii barreesse. Isaanis Abboommii Kurnan jedhamu.

Abboommiiwwan kurnan kun baay’ee barbaachisoodha. Haata’u malee, abboommiiwwan gara biraa hedduun Waaqayyo Israa’elootaaf kennes baay’ee kan barbaachisanidha. Abboommiiwwan kana keessaa inni tokko akkas jedha: ‘Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, jireenya kee guutuufi humna kee guutuudhaan Waaqa kee Yihowaa jaallachuu qabda.’ Inni garabiraanimmoo: ‘Nama akkuma ofii keetti jaalladhu’ kan jedhu ture. Ilma Waaqayyoo kan ta’e Yesus Kiristos, abboommiiwwan lamaan kun, abboommiiwwan Yihowaan saba Israa’eliif kenne hundumaa akka caalan dubbateera. Booddee waa’ee Ilma Waaqayyoofi barumsawwansaa waan baay’ee baranna.