Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 38

Gaaddota Kudha Lamaan

Gaaddota Kudha Lamaan

FUDURAALEE jarri kun baatan kana ilaali. Hammam akka gurguddatan ilaali. Nama lamatu wasaasaa qabee fide. Ija harbuufi rumaanii kana ilaali. Fuduraaleen babbareedan kun eessaa dhufani? Biyya Kana’aanii dhufan. Kana’aan biyya Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoob yeroo tokko keessa jiraachaa turanidha. Haata’u malee, sababii beelaatiin, Yaaqoob maatiisaa qabatee biyya Gibxiitti gale. Amma waggoota 216 booddee, Museen, Israa’eloota biyya Kana’aanitti deebisaa jira. Lafa onaa keessa bakka Qaadesh jedhamtu tokko ga’aniiru.

Namoonni biyya Kana’aan baay’ee hamoo turan. Kanaafuu, Museen gaaddota 12 erge; akkas jedheen: ‘Biyyattii sana keessa kan jiran namoota meeqa akka ta’aniifi hammam jajjaboo akka ta’an ilaalaa. Lafattiin midhaan kan magarsitu ta’uushees qoradhaa. Fuduraalee achitti argaman keessaas tokko tokko fidaa kottaa.’

Gaaddonni sun gara Qaadeshitti deebi’anii yeroo dhufan Museedhaan: ‘Biyyattiin baay’ee gaariidha’ jedhaniin. Kun dhugaa ta’uusaa argisiisuuf fuduraa fidan Museetti argisiisan. Gaaddonni 10 garuu: ‘Namoonni biyyattii keessa jiraatan baay’ee gurguddoofi jajjaboodha. Biyyattii fudhanna yoo jenne nu ajjeesu’ jedhan.

Israa’eloonni kana ennaa dhaga’an baay’ee sodaatan. ‘Utuu biyya Gibxii keessatti ykn lafa onaa kana keessatti dhumneerra ta’ee nuuf wayya ture’ jedhan. ‘Waraanaan ni ajjeefamna; dubartoonni keenyaafi ijoolleen keenyas ni booji’amu. Kottaa, bakka Museetti geggeessaa garabiraa filannee gara biyya Gibxiitti deebinaa!’ waliin jedhan.

Gaaddota keessaa Yihowaatti kan amanaman lamaan garuu, jarreen akka callisan gochuuf yaalan. Iyaasuufi Kaaleb jedhamu. Akkas jedhan: ‘Hin sodaatinaa. Yihowaan nu wajjin jira. Biyyattii fudhachuun baay’ee salphaadha.’ Sabichi garuu isaan hin dhageenye. Ittuu haa caalu jedhanii Iyaasuufi Kaalebiin ajjeesuu barbaadan.

Yihowaan kanatti baay’ee aaree, Museedhaan akkas jedheen: ‘Jarreen kana keessaa kan umuriinsaanii waggaa 20fi isaa ol ta’an hundi biyya Kana’aanitti hin galan. Dinqiin ani biyya Gibxiittiifi lafa onaa keessatti raawwadhe arganiiru; ammayyuu garuu anatti hin amanamne. Kanaafuu, hamma hundisaanii du’anii dhumanitti waggaa 40f lafa onaa keessa ni jooru. Biyya Kana’aanitti kan galu Iyaasuufi Kaaleb qofaadha.’