Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 39

Uleen Aaron Abaaboo Baaste

Uleen Aaron Abaaboo Baaste

ABAABOOFI lawuzii bilchaataa uleen kun magarsite kana ilaali. Uleen kun kan Aaronidha. Uleen Aaron abaaboofi fuduraa bilchaataa kana kan magarsite halkanuma tokkooni! Maaliif akka ta’e haa ilaallu.

Amma Israa’eloonni yeroo muraasaaf lafa onaa keessa jooraniiru. Isaan keessaa tokko tokko, Museen geggeessaa, Aaronis hangafa lubootaa ta’uu hin qabu jedhanii yaadu turan. Namoota akkas jedhan keessaa Qoraahi isa tokko ture; Daataan, Abiiramiifi geggeessitoonni 250 ta’anis yaaduma akkasii qabu turan. Hundisaanii gara Musee dhufanii: ‘Maaliif hunda keenyaa ol of goota?’ jedhaniin.

Museen Qoraahiifi namootasaatiin akkas jedheen: ‘Bor ganama qodaa itti ixaana aarsitan fidaatii ixaana itti naqaa. Gara mana qulqullummaa Yihowaatti kottaa. Nama Yihowaan filatu ni ilaalla.’

Guyyaa itti aanutti Qoraahiifi namoonni 250 ta’an gara mana qulqullummaa dhufan. Namoonni gara biraa baay’eenis warra kana gargaaruuf dhufan. Yihowaan baay’ee aare. Museen: ‘Dunkaanota warra hamoo kanaarraa fagaadhaa. Wanta kansaanii ta’e hundumaa hin tuqinaa’ jedheen. Israa’eloonnis kana dhaga’anii, dunkaanota Qoraahi, Daataaniifi Abiiramirraa fagaatan.

Achiis Museen akkas jedhe: ‘Lafti banamtee namoota hamoo kana ni liqimsiti. Kanaan Yihowaan eenyuun akka filate ni beektu.’

Akkuma Museen dubbatee fixetti lafti banamte. Dunkaanni Qoraahiifi wanti inni qabu hundumtuu, akkasumas Daataan, Abiiramiifi warri isaanii wajjin turan hundi gadi liqimfaman; laftis isaanitti cufame. Israa’eloonni kaan iyya jarootaa yommuu dhaga’an, ‘Lafattiin nuunis akka hin liqimsine haa baqannu!’ waliin jedhan.

Qoraahiifi namoonni 250 ta’an sun garuu ammayyuu iddoo mana qulqullummaa bira jiru. Kanaafuu, Yihowaan ibidda buusee hundisaanii akka ibiddaan gubatan godhe. Yihowaan, ilmi Aaron Ele’azaar, qodaa ixaana itti aarsan isa kan warra du’an sanaa fudhee, tumee diriirsee qadaaddii iddoo aarsaa akka tolchu itti hime. Qadaaddiin iddoo aarsaa kun, Aaroniifi ijoolleesaa warra dhiiraa malee, namni tokkoyyuu Yihowaadhaaf luba ta’uu akka hin dandeenye kan akeekkachiisanidha.

Haata’u malee Yihowaan, luboota akka ta’an kan filate Aaroniifi ijoolleesaa warra dhiiraa qofaa ta’uunsaa sirriitti akka beekamu barbaade. Kanaafuu, Yihowaan akkas jedhee Museetti hime: ‘Tokkoon tokkoo geggeessaa gosa Israa’el uleesaanii akka fidan godhi. Gosnii Lewwiifi Aaron uleesaanii akka fidan godhi. Achiis uleewwan kana hundumaa mana qulqullummaa keessa saanduqa kakuu fuldura kaa’i. Namni ani lubummaadhaaf filadhu uleensaa abaaboo baasti.’

Borumtaasaatti Museen yommuu ilaalu, uleen Aaron abaaboo baastee, lawuzii bilchaataa magarsite! Yihowaan uleen Aaron abaaboo akka baastu kan godhe maaliif akka ta’e amma hubattee?