Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 43

Iyaasuun Geggeessaa Ta’e

Iyaasuun Geggeessaa Ta’e

MUSEEN Israa’elootaa wajjin biyya Kana’aanitti galuu barbaadee ture. Kanaafuu: ‘Laga Yordaanos gama ce’ee biyyattii gaarii akkan ilaalu naaf heyyami’ jedhee Yihowaa gaafate. Yihowaan garuu: ‘Si ga’a, lammata waa’ee kanaa natti hin kaasin!’ jedheen. Yihowaan maaliif akkas akka jedhe beektaa?

Museen yeroo kattaa sana rukute waan raawwatameen kan ka’edha. Yeroo sanatti Museeniifi Aaron Yihowaadhaaf ulfina akka hin kennine yaadadhu. Katticha keessaa kan bishaan isaaniif baase Yihowaa ta’uusaa saba Israa’elitti hin himne. Kanaan kan ka’e Yihowaan, Museen saba Israa’elii wajjin biyya Kana’aanitti akka hin galle itti hime.

Kanaafuu, Aaron du’ee ji’oota muraasa booda Yihowaan Museedhaan akkas jedheen: ‘Iyaasuu fudhadhuutii Ele’azaar lubichaafi guutummaa saba Israa’el dura dhaabi. Iyaasuun geggeessaasaanii isa haaraa akka ta’u hundasaaniitti himi.’ Akkuma fakkii kanarratti argitu, Museen waan Yihowaan isaan jedhe godhe.

Achiis Yihowaan Iyaasuudhaan: ‘Jabaadhu, hin sodaatin. Ati Israa’eloota biyya Kana’aan, isheen ani isaan abdachiisetti ni galchita; anis si wajjin nan ta’a’ jedheen.

Booddees Yihowaan, Museen tulluu Neboo isa biyya Mo’aab keessa jirutti akka ol ba’u itti hime. Museen achirra dhaabatee, Laga Yordaanos gamatti biyya Kana’aan ishee bareedduu ilaale. Yihowaan akkas jedheen: ‘Biyyi kun, isheen ani sanyii Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoobiif kennuuf kakadhedha. Ija keetiin akka argitu nan godha; garuu ceetee achi hin galtu.’

Museen tulluu Neboorratti du’e. Umuriinsaa waggaa 120 ture. Yeroo sanattiyyuu jabaa ture; ijisaas sirriitti arguu danda’a ture. Museen waan du’eef sabni Israa’el baay’ee gaddanii boo’an. Haata’u malee, Iyaasuun geggeessaasaanii isa haaraa ta’uusaatiin baay’ee gammadaniiru.