Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 50

Dubartoota Ija Jabeeyyii Ta’an Lamaan

Dubartoota Ija Jabeeyyii Ta’an Lamaan

ISRAA’ELOONNI rakkinarra yommuu bu’an, Yihowaatti boo’an. Yihowaan geggeessitoota ija jabeeyyii isaaniif kennuudhaan isaan gargaare. Macaafni Qulqulluun geggeessitoota kanaan abboota firdii jedhee waama. Iyaasuun abbaa firdii isa jalqabaa ture; abboota firdii isa booda turan keessaa tokko tokko, Otnii’el, Ehudiifi Shamgaar jedhamu. Haata’u malee, namoota saba Israa’el gargaaran keessaa lama dubartoota yeroo ta’an isaanis Deboraafi Yaa’el jedhamu turan.

Deboraan raajii turte. Yihowaan wanta fulduratti ta’uuf jedhu isheetti yeroo himu, isheenimmoo saba Israa’elitti himti turte. Deboraan geggeessituus turte. Biyya gaara gubbaa tokkotti, muka meexxii tokko jala teessi turte. Namoonnis rakkinasaaniitiif furmaata argachuuf garashee dhufu turan.

Yeroo sanatti Yaabiin mootii biyya Kana’aan ture. Innis konkolaataa waraanaa 900 qaba ture. Humni waraanaasaa baay’ee cimaa waan tureef, Israa’eloonni hedduun humnaan garboota Yaabiin godhamaniiru. Hangafni loltuu Mootichaa Siiseraa jedhama.

Gaaf tokko Deboraan, Baaraaq isa Abbaa Firdiitti ergitee akkas jetteen: ‘Yihowaan akkas jedha: “Namoota 10,000 fudhuutii gara tulluu Taaboritti isaan geessi. Siiseraan si loluuf akka dhufu nan godha. Isaafi humna waraanaasaa akka mootus nan godha.”’

Baaraaq Deboraadhaan: ‘Yoo ati deemte nan deema’ jedheen. Deboraan isaa wajjin deemte; garuu Baaraaqiin akkas jette: ‘Yihowaan Siiseraan harka dubartiitiin akka ajjeefamu waan godhuuf, inni mo’amuusaatiin ati ulfina hin argattu.’ Kan ta’es kanuma ture.

Baaraaq loltoota Siiseraatiin wal arguuf Tulluu Taaborirraa gadi bu’e. Akkuma tasaa Yihowaan lolaa fidee, loltoonni diinaa baay’een bishaaniin akka fudhataman godhe. Siiseraan garuu konkolaataasaa dhiisee baqate.

Akkuma xinnoo tureen, Siiseraan gara dunkaana Yaa’el dhufe. Isheenis manatti akka ol galu erga gootee booda aannan kenniteef. Aannanichi waan hirriba isa qabsiiseef, yeruma sana hirribni cimaan isa fudhate. Achiis Yaa’el qofoo dunkaanaa fudhattee gurra namicha hamaa sanaatti rukuttee illeessaa keessa baafte. Booddee, yommuu Baaraaq dhufu reeffa Siiseraa itti argisiiste! Wanti Deboraan dubbatte dhugaa ta’uusaa arguu dandeessa.

Dhumarratti, Yaabiin Mootichi ni ajjeefame; Israa’eloonnis Yeroo xinnoodhaaf nagaa argatan.