Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 51

Ruutiifi Naa’omii

Ruutiifi Naa’omii

MACAAFA Qulqulluu keessatti macaafa Ruut kan jedhamu ni argatta. Israa’el abboota firdiitiin yeroo bulfamtutti kan jiraatu maatiin tokko jira ture; seenaan kun waa’ee maatii sanaa kan dubbatudha. Ruut shamarree biyya Mo’aab turte; Isheen saba Israa’el keessaa miti. Haata’u malee, Ruut waa’ee Yihowaa isa Waaqa dhugaa ta’ee yommuu barattu baay’ee isa jaallatte. Naa’omiinimmoo, dubartii dulloomtuu Ruut waa’ee Yihowaa akka barattu gargaartedha.

Naa’omiin dubartii Israa’elidha. Isheen, abbaan manaasheefi ijoolleen dhiiraa lamaan biyya Israa’el keessaa midhaan yommuu dhumuuf jedhu gara biyya Mo’aab dhaqan. Achiis gaaf tokko abbaan manaa Naa’omii ni du’e. Booddees, ijoolleen Naa’omii biyya Mo’aabii dubartoota Ruutiifi Orphaa jedhaman fuudhan. Haata’u malee, waggoota 10 booda ijoolleen Naa’omii lamaanuu ni du’an. Naa’omiiniifi dubartoonni lamaan sun baay’ee gaddan! Egaa amma Naa’omiin maal gootiree?

Gaaf tokko Naa’omiin karaa dheeraa sana deemtee sabasheetti deebi’uuf murteessite. Ruutiifi Orphaan ishee wajjin jiraachuu waan barbaadaniif wajjin deemuuf ka’an. Haata’u malee, akkuma karaa xinnoo wajjin deemaniin, Naa’omiin dubartoota kanaan: ‘Gara mana warra keessaniitti deebi’aa’ jetteen.

Naa’omiin dubartoota sana dhungattee, nagaan taa’aa jetteen. Baay’isanii Naa’omii waan jaallataniifis boo’utti ka’an. ‘Hin ta’u! Sii wajjin biyya keetti galla’ jedhaniin. Naa’omiin garuu deebistee: ‘Ijoollee koo deebi’aa; mana keessanitti deebi’uu isiniif wayya’ jetteen. Kanaaf, Orphaan gara manasheetti deebite. Ruut garuu hin deebine.

Naa’omiinis: ‘Orphaan deebiteetti. Atis ishee wajjin dhaqi’ jetteen. Ruut garuu akkas jetteen: ‘Ani si dhiisee akkan deemu gochuuf hin yaalin! Ani si wajjin nan deema. Bakka ati dhaqxu anis nan dhaqa, bakka ati jiraattu nan jiraadha. Sabni kee saba koo, Waaqni kees Waaqa koo ni ta’a. Bakka ati duututti anis nan du’a, achumattis nan awwaalama.’ Erga Ruut kana jettee booda gara manaatti akka deebitu Naa’omiin deebistee itti hin dubbanne.

Dhumarratti, dubartoonni lamaan kun biyya Israa’elitti galan. Achis jiraachuu jalqaban. Yeroon sun yeroo garbuu itti sassaaban waan tureef, yeruma sana Ruut maasii keessa hojjechuu jalqabde. Namni Bo’az jedhamu tokko maasiisaa keessaa garbuu akka sassaabbattu isheedhaaf heyyame. Haati Bo’az eenyu akka taate beektaa? Rahaab ishee biyya Yerikoo keessa turtedha.

Gaaf tokko Bo’az Ruutiin akkas jedheen: ‘Waa’ee kee ani waan hundumaa dhaga’eera; Naa’omiidhaaf waan gaarii akka gootes dhaga’eera. Abbaa kee, haadha keefi biyya kee dhiistee, saba kanaan dura hin beeknee wajjin jiraachuuf akkamitti akka dhuftes beeka. Yihowaan waan gaarii siif haa godhu!’

Ruut: ‘Gooftaa koo, ati waan gaarii anaaf gootetta. Waan gaarii natti dubbachuudhaan na gammachiiste’ jettee deebiste. Bo’az Ruutiin baay’isee waan jaallateef utuma hin turin walfuudhan. Naa’omiin kanatti baay’ee akka gammaddu beekamaadha. Haata’u malee, yommuu Ruutiifi Bo’az mucaasaanii isa jalqabaa Yoobeediin godhatan Naa’omiin caalaatti gammaddeetti. Boodas, Yoobeed, Daawit isa waa’eesaa booddee barannuuf akaakayyuu ta’e.

Macaafa Ruut