Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 55

Mucaa Xinnoo Waaqayyoon Tajaajile

Mucaa Xinnoo Waaqayyoon Tajaajile

MUCAAN kun hin bareeduu? Maqaansaa Saamu’el jedhama. Namichi mataa Saamu’elirra harkasaa kaa’ee jirummoo, hangafa lubootaa Israa’el kan ta’e Eliidha. Saamu’eliin gara Eliitti kan fidanimmoo, abbaasaa Elqaanaafi haadhasaa Haannaadha.

Saamu’el waggaa afur ykn shan hin caalu. Ta’uyyuu, Eliifi luboota kaanii wajjin mana qulqullummaa Yihowaa keessa jiraachuuf jedha. Elqaanaafi Haannaan mucaansaanii umuriisaa kanatti mana qulqullummaa keessatti Yihowaa akka tajaajilu kan godhan maaliifi? Mee haa ilaallu.

Haannaan gaddarra kan turte, wanti kun ta’uusaa waggoota muraasa dura ture. Kan gaddite, mucaa waan hin qabaanneef tokkollee godhachuuf baay’ee waan hawwiteefidha. Kanaafuu, gaaf tokko Haannaan gara mana qulqullummaa Yihowaa yommuu dhaqxu, akkas jettee kadhatte: ‘Yaa Yihowaa, yoo na yaadatte, yoo na irraanfachuu baatte mucaa dhiiraas yoo anaaf kennite, animmoo jireenyasaa guutuu akka si tajaajilu siif nan kenna.’

Yihowaan kadhannaa Haannaa waan dhaga’eef, yeroo xinnoo booda Saamu’eliin deesse. Haannaan mucaashee baay’ee jaallatti turte. Ijoollummaasaatii kaastee waa’ee Yihowaa isa barsiisuu jalqabde. Abbaa manaasheetiinis akkas jetteen: ‘Saamu’el erga harma gu’ee booda nuu wajjin taa’uu hin qabu; Yihowaa akka tajaajiluuf gara mana qulqullummaattin isa geessa.’

Fakkii kanarratti akka arginutti Haannaafi Elqaanaan Saamu’eliin gara mana qulqullummaa Yihowaatti fidanii dhufan. Saamu’el warrasaarraa akka gaariitti waan barateef, dunkaana Yihowaa keessatti tajaajiluu danda’uusaatti baay’ee gammade. Elqaanaafi Haannaan dunkaana addaa kanatti waaqeffachuufi ilmasaanii arguuf waggaa waggaadhaan ni dhaqu. Haannaan waggaa waggaadhaan wayyaa harka hin qabne haaraa Saamu’eliif fuutee dhaqxi turte.

Waggoota baay’eedhaaf Saamu’el mana qulqullummaa Yihowaatti tajaajiluusaa ittuma fufe. Yihowaaniifi sabni Israa’el isa jaallatu. Ilmaan Elii isa hangafa lubootaa kan ta’an, Hofniifi Fiinehaas garuu namoota gaarii hin turre. Waan gadhee ta’e baay’ee hojjetaniiru; warri kaanis Yihowaadhaaf akka hin ajajamne godhaniiru. Eliin lubummaarraa isaan kaasuu qaba ture; inni garuu akkas hin goone.

Saamu’el wantoonni gadheen mana qulqullummaa keessatti raawwatamaa turan tokkoyyuu Yihowaa tajaajiluu akka isa dhowwan hin goone. Haata’u malee, namoonni dhugumaan Yihowaa jaallatan baay’ee xiqqoo waan turaniif, Yihowaan erga namootaa wajjin dubbatee yeroo dheeraan darbeera. Garuu, Saamu’el xiqqoo yommuu jabaatetti Yihowaan isatti dubbateera.

Sagaleen tokko dhufee yommuu isa dammaqsu, Saamu’el mana qulqullummaa keessa ciisa ture. ‘Oo’ jedhee owwaatee. Achiis, ka’ee gara Eliitti fiigee: ‘Kunoo asan jira, maal jette?’ jedheen.

Eliin deebisee: ‘Ani si hin waamne, deebi’ii ciisi’ jedheen. Saamu’el deebi’ee ciise.

Ammas sagaleen ‘Saamu’el!’ jedhu dhufe. Saamu’el ka’ee ammas gara Eliitti fiigee: ‘Na waamtee, kunoo dhufe’ jedheen. Eliin garuu: ‘Yaa ilma koo ani si hin waamne; deebi’ii ciisi’ jedheen. Ammas Saamu’el deebi’ee ciise.

Sagalichi al sadaffaadhaaf, ‘Saamu’el!’ jedhee isa waame. Saamu’el gara Eliitti fiigee, ‘Oo, amma garuu dhugumaan na waamteetta’ jedheen. Yeroo kanatti Eliin kan isa waame Yihowaa ta’uu akka qabu baree. Kanaafuu, Saamu’eliin akkas jedheen: ‘Amma takkaa dhaqii ciisi; ammas deebi’ee yoo si waame, “Yihowaa, garbichi kee ni dhaggeeffataa dubbadhu” jedhiin’ jedhe.

Yommuu Yihowaan isa waamu Saamu’el akkuma kana jedhe. Yihowaan Eliifi ilmaansaa akka adabu Saamu’elitti hime. Booddees, Hofniifi Fiinehaas waraana Filisxeemotaa wajjin godhamerratti ajjeefaman. Eliinis kana yeroo dhaga’u kufee mormisaa cabee du’e. Kanaaf wanti Yihowaan jedhe dhugaa ta’e.

Saamu’el guddatee, abbaa firdii Israa’el isa dhumaa ta’e. Yeroo dulloometti Israa’eloonni: ‘Mootii nu bulchu nuu filadhu’ jedhanii isa gaafatan. Yihowaan mootiisaanii waan ta’eef, Saamu’el akkas gochuu hin barbaadne. Yihowaan garuu waan sabichi jedhu akka dhaga’u isatti hime.