Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 4

Mootii Israa’el Isa Jalqabaarraa Hanga Boojuu Baabilonitti

Mootii Israa’el Isa Jalqabaarraa Hanga Boojuu Baabilonitti

Saa’ol mootii Israa’el isa jalqabaa ta’e. Haata’u malee, Yihowaan waan isatti hin gammanneef Daawit bakkasaa akka mootii ta’u filate. Waa’ee Daawit waan baay’ee baranna. Yeroo dargaggeessa turetti goota Goliyaad jedhamu waraaneera. Booddees Mootii hinaafaa Saa’ol jedhamu jalaa baqateera. Achiimmoo, dubartii bareedduu kan taate Abigaayil wanta hamaa gochuurraa isa deebisteetti.

Itti aansinee, waa’ee Solomoon ilma Daawit isa bakka Daawit mootii Israa’el ta’ee ni baranna. Mootonni Israa’el warri jalqabaa sadan tokkoon tokkoonsaanii waggaa 40 bulchaniiru. Erga Solomoon du’ee booda, mootummaan Israa’el mootummaa kaabaafi kibbaa jedhamee bakka lamatti qoodame.

Mootummaan gosoota kurnanii inni kaabaa warra Asoriin balleeffamuusaa dura, waggoota 257 ture. Waggoota 133 booda, mootummaan kibbaa inni gosota lamaaniis ni balleeffame. Yeroo kanatti Israa’eloonni warra Baabilooniin booji’aman. Kanaafuu, Kutaan ARFAFFAAN seenaa waggoota 510 qabateera; kunis seenaawwan nama gammachiisan kan itti barannudha.