Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 56

Mootii Israa’el Isa Jalqabaa Kan Ta’e Saa’ol

Mootii Israa’el Isa Jalqabaa Kan Ta’e Saa’ol

SAAMU’EL mataa namichaarratti zayitii yommuu naqu ilaali. Namoonni yeroo sanaa, nama tokko mootii godhatanii filachuusaanii akkas gochuudhaan argisiisu turan. Yihowaan, Saamu’el mataa Saa’olirratti zayitii akka naqu itti hime. Inni kun zayitii addaa urgaa gaarii qabudha.

Saa’ol mootii ta’uuf nan ga’a jedhee hin yaadne. Saamu’eliin: ‘Gosti koo gosa Beniyaamin isa gosoota Israa’el keessaa xinnoo ta’edha. Mootii taata maaliif naan jetta?’ jedheen. Saa’ol waan of hin tuulleef Yihowaan isa jaallateera. Kanaaf mootii godhee isa filate.

Haata’u malee, Saa’ol hiyyeessa ykn nama gabaabaa hin turre. Warrisaa sooreyyii turan. Innis baay’ee bareedaafi dheeraa ture. Namoota biyya Israa’el jiran hundumaa caalaa dheeraa ture. Fiigichatti baay’ee cimaafi nama jabaa ture. Yihowaan mootii godhee Saa’oliin waan filateef sabni Israa’el baay’ee gammadaniiru. Hundisaanii: ‘Mootichi bara baraaf haa jiraatu’ jedhanii iyyan.

Diinonni Israa’el isa kanaan duraa caalaatti isaanirratti jabaatanii turan. Ammayyuu Israa’elootarratti rakkoo geessisaa jiru. Akkuma Saa’ol mootii ta’eetti, Amoononni isaaniin loluu dhufan. Haata’u malee, Saa’ol humna waraanaa baay’ee sassaabee Amoonota mo’e. Kunis, sabichi Saa’ol mootii ta’uusaatti akka gammadan isaan godhe.

Waggoonni yeroo darbaa adeeman, Saa’ol Israa’eloonni diinotasaanii akka mo’an godheera. Saa’ol ilma goota Yonaataan jedhamus qaba ture. Yonaataan Israa’eloonni waraana hedduurratti diinotasaanii akka mo’an gargaareera. Yeroo kanatti Filisxeemonni Israa’elootaaf diina guddaa turan. Gaaf tokko Filisxeemonni kumaatamaan lakkaa’aman Israa’elootaan loluu dhufan.

Saamu’el Saa’oliin, amma ani dhufutti Yihowaadhaaf aarsaa hin dhiheessin, kennaas hin kennin jedheen. Saamu’el garuu utuu hin dhufin ture. Saa’ol Filisxeemonni waraanicha ni jalqabu jedhee waan sodaateef, aarsicha ofumasaatii dhiheesse. Booddee Saamu’el yommuu dhufu, Saa’ol abboommii Waaqayyoo cabsuusaa itti hime. Saamu’el: ‘Yihowaan nama Israa’elirratti mootii ta’u gara biraa ni filata’ jedheen.

Booddees Saa’ol deebi’ee ajaja dide. Saamu’el akkas jedhee itti hime: ‘Hoolaa filatamaa kennaa godhanii isaaf kennuurra Yihowaadhaaf ajajamuutu caala. Ati waan Yihowaadhaaf hin ajajamneef Yihowaan mootii Israa’el taatee akka itti fuftu hin godhu.’

Nuyi kanarraa barumsa gaarii argachuu dandeenya. Yeroo hundumaa Yihowaadhaaf ajajamuun hammam barbaachisaa akka ta’e nutti hima. Akkasumas, namni akka Saa’ol gaarii ture jijjiiramee nama hamaa ta’uu akka danda’u nu hubachiisa. Nuyi nama akkasii ta’uu hin barbaannu; mitiiree?