Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 60

Abigaayiliifi Daawit

Abigaayiliifi Daawit

DUBARTII bareedduun gara Daawit dhuftu kun eenyu akka taate beektaa? Abigaayil jedhamti. Isheen beekumsa gaarii qabdi turte; Daawit waan gadhee akka hin raawwanne isa deebisteetti. Waa’ee kanaa barachuu keenya dura, wanta Daawitirra ga’e haa ilaallu.

Daawit Saa’ol jalaa erga baqatee booda, holqa tokko keessa dhokate. Obboloonnisaafi maatiiwwansaa warri kaanis isa bira dhufan. Walumatti namoonni gara 400 ta’an garasaa dhufan; Daawitis geggeessiituusaanii ta’e. Achiis Daawit gara mootii Mo’aabitti ergee: ‘Maaloo wanta narra ga’u hamman beekutti abbaan koofi haati koo si bira naaf haa turan’ jedheen. Booddee Daawitiifi namoonnisaa gaarota jala dhokachuu jalqaban.

Daawit Abigaayilii wajjin kan wal arge kana booddeedha. Abbaan manaashee Naabaal nama sooressa lafa bal’aa qabudha. Hoolota 3,000fi re’oota 1,000 qaba. Naabaal nama hamaadha. Haati manaasaa Abigaayil dubrtii baay’ee bareedduufi waan sirrii ta’e gochuun akkamitti akka danda’amus kan beektu turte. Keessumaa yeroo tokko maatiishee du’a jalaa oolchiteetti. Kun akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

Daawitiifi namoonnisaa Naabaaliif waan gaarii godhaniiru. Hoolotasaa eeganiiruuf. Kanaafuu, gaaf tokko Daawit namootasaa keessaa muraasa ergee Naabaaliin waan tokko gaafate. Namoonni Daawit Naabaal bira yommuu ga’an, Naabaal hojjettootasaa wajjin rifeensa hoolotaa mura ture. Guyyaansaa guyyaa ayyaanaa waan tureef, Naabaal nyaata gaarii baay’ee qaba ture. Kanaafuu, namoonni Daawit: ‘Nuyi siif waan gaarii gooneerra. Hoolota kee siif eegne malee isaan keessaa tokkoyyuu si jalaa hin hanne. Egaa nyaata xinnoo nuuf kenni’ jedhaniin.

Naabaal: ‘Ani nyaata koo namoota akka keessaniitiif hin kennu’ jedheen. Akkaataa hammeenyaatiin isaaniif deebisee, waa’ee Daawitimmoo waan gadhee itti dubbate. Jaroonni deebi’anii kana Daawititti himan; Daawitis baay’ee aare. Namootasaatiin: ‘Billaa keessan qabadhaa’ jedheen. Achiis Naabaaliifi namootasaa ajjeesuuf karaasaanii deemuu jalqaban.

Namoota Naabaal keessaa inni jechoota gadhee Naabaal dubbate dhaga’e, waan ta’e hundumaa Abigaayilitti hime. Yeruma sana Abigaayil nyaata qopheessitee, harrootasheerratti fe’attee adeemuutti kaate. Yommuu Daawitiin argattu, harreesheerraa buutee isaaf sagaddee akkas jetteen: ‘Maaloo, gooftaa koo, Naabaal abbaa manaa koo tuffadhuu dhiisi. Inni gowwaadha; wanti inni godhu hundis gowwummaadha. Kennaan koo kunooti; fudhadhu. Balleessaa keenyaafis dhiifama nuu godhi.’

Daawit: ‘Ati dubartii beektuudha’ jedheen. Hammeenya Naabaal mataasaarratti deebisuuf jedhee akkan isa hin ajjeesne na deebiste. Amma nagaadhaan mana keetti deebi’i’ jedheen. Booddee Naabaal yeroo du’u, Abigaayil haadha manaa daawit taate.