Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 62

Rakkoo Maatii Daawitirra Ga’e

Rakkoo Maatii Daawitirra Ga’e

DAAWIT Yerusaalemitti bulchuu erga jalqabee booda, Yihowaan humni waraanaasaa diinotasaanii akka mo’an godhe. Yihowaan biyya Kana’aan Israa’elotaaf kennuuf isaan abdachiisee ture. Egaa amma gargaarsa Yihowaatiin biyyi abdachiifaman hundi dhumarratti kan isaanii ta’eera.

Daawit mootii gaarii ture. Yihowaa ni jaallata. Kanaafuu erga Yerusaalemiin qabatee booda wanti inni dura godhe, saanduqa kakuu Yihowaa achi fiduu ture. Mana qulqullummaa saanduqicha keessa kaa’us ijaaruu barbaade.

Daawit nama guddaa yeroo ta’u balleessaa gadhee hojjete. Daawit, waan namaa fudhachuun sirrii akka hin taane beeka ture. Haata’u malee, gaaf tokko bantii manasaarra dhaabatee yommuu gadi ilaalu dubartii bareedduu tokko arge. Dubartiin kun Baat-Sheebaa jedhamti. Abbaan manaashee loltootasaa keessaa isa tokko kan ta’e Uriiyaadha.

Daawit Baat-Sheebaa baay’isee waan jaallateef ishee waamsise. Abbaan manaashee bakka waraanaa jira. Achiis, Daawit ishee wajjin saalqunnamtii raawwate; booddees isheen akka ulfoofte hubatte. Daawit baay’ee waan dhiphateef, gara hangafa humna waraanaasaa Yo’aabitti eergee Uriiyaa waraanicha dura bu’ee akka ajjeefamu godhi jedheen. Uriiyaan ennaa du’u Daawit Baat-Sheebaa fuudhe.

Yihowaan Daawititti baay’ee aare. Kanaafuu, Daawititti cubbuusaa akka himuuf raajiisaa Naataaniin itti erge. Naataan Daawititti yommuu dubbatu asirratti arguu dandeessa. Daawit cubbuu hojjetetti baay’ee waan gaddeef, Yihowaan isa hin ajjeesne. Haata’u malee, Yihowaan akkas jedheen: ‘Wanta gadhee kana waan hojjetteef, rakkinni baay’een maatii keerra ni ga’a.’ Daawit rakkina guddaatu isarra ga’e!

Jalqaba mucaan Baat-Sheebaan deesse ni du’e. Achiimmoo, ilma hangafaa Daawit kan ta’e Amnoon obboleettiisaa Taamaar kophaashee isaa wajjin akka taatu erga godhee booda, ishee dirqisiisee saalqunnamtii raawwateera. Abiishaalom ilmi Daawit kanatti baay’ee waan aareef Amnooniin ajjeese. Booddee, namoota baay’ee biratti jaallatamaa waan ta’eef mootii of godhe. Dhumarratti, Daawit lola Abiishaalom isa ajjeefamee wajjin godherratti mo’eera. Dhugumaanuu Daawitirra rakkina baay’eetu ga’e.

Kana gidduutti, Baat-Sheebaan ilma Solomoon jedhamu deesse. Daawit dulloomee yommuu dhukkubsatu, ilmisaa Adoniyaan mootii of gochuuf barbaade. Kanaan Daawit, lubni Zaadoq jedhamu tokko Solomoon mootii akka ta’u argisiisuuf mataasaarratti zayitii akka dhangalaasu godhe. Baay’ee utuu hin turin, Daawit waggaa 70 jiraatee du’e. Waggoota 40f mo’e; amma garuu Solomoon mootii Israa’el ta’eera.