Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 64

Solomoon Mana Qulqullummaa Ijaare

Solomoon Mana Qulqullummaa Ijaare

DAAWIT du’uusaa dura karoora mana qulqullummaa Yihowaa ijaaruuf ba’e Solomooniif kenne. Bulchuu erga jalqabee waggaa arfaffaarratti, Solomoon mana qulqullummaa ijaaruu jalqabe; ijaaramee dhumuufis waggaa torbaafi walakkaa fudhate. Mana qulqullummaa sana ijaaruurratti kan hirmaatan namoota kuma kudhaniin lakkaa’amanidha. Ijaarsisaas qarshii baay’ee fixeera. Kun kan ta’es, kan ijaarame warqeefi meetii baay’eedhaan waan ta’eefidha.

Manni qulqullummaa kun, kutaa gurguddaa lama qaba ture. Haata’u malee, kutaawwan kun kutaa dunkaana qulqulluurra harka lama bal’atu. Solomoon saanduqa kakuu godoo mana qulqullummaa keessa kaa’e. Qodaawwan gara biraan dunkaana qulqullaa’aa keessa turan, kutaa gara biraa keessa kaa’aman.

Manni qulqullummaa ijaaramee yeroo dhumu ayyaana guddaatu godhame. Fakkii kanarratti akka argitutti, Solomoon mana qulqullummaa fuulduratti jilbeenfatee kadhachaa jira. Solomoon Yihowaadhaan akkas jedhe: ‘Samiin inni bal’aanillee si baachuu hin danda’u, egaa manni qulqullummaa inni xinnoon kunimmoo akkamitti si baachuu danda’aree? Ta’ullee, yaa Waaqa koo sabni kee bakka kanatti yommuu si kadhatan isaan dhaggeeffadhu.’

Solomoon kadhannaasaa yommuu xumuru, ibiddi samiirraa gadi bu’ee, aarsaa horii dhihaate gube. Achiis ifni Yihowaa biraa dhufe mana qulqulluu sana guute. Kun, Yihowaan akka dhaggeeffatee, mana qulqulluummaa ijaarameefi kadhannaa Solomoonitti akka gammade kan argisiisudha. Namoonni, dunkaana qulqullaa’aa keessatti utuu hin ta’in, Manna qulqullummaa sana keessatti waaqeffachuutti ka’an.

Yeroo dheeraadhaaf Solomoon ogummaadhaan bulche; sabni Israa’elis baay’ee gammadan. Haata’u malee, Solomoon biyya gara biraatii, warra Yihowaa hin waaqeffanne keessaa dubartoota baay’ee fuudhe. Isaan keessaa isheen tokko waaqa tolfamaadhaaf yommuu sagaddu ni argitaa? Dhumarratti dubartoonnisaa Solomoon waaqolii tolfaman akka waaqeffatu isa godhan. Solomoon kana yommuu godhu wanta ta’e beektaa? Sanaan booda saba Israa’eliif mootii gaarii hin taane. Baay’ee hamaa waan ta’eef yeroo sanaa kaasee sabichi gammachuu dhabe.

Kun Yihowaan Solomoonitti akka aaruu godhe. Kanaaf Solomooniin akkas jedheen: ‘Mootummaa kana sirraa fuudhee nama biraadhaaf nan kenna. Kana kanan godhu bara jireenya keetti utuu hin ta’in, bara bulchiinsa ilma keetiittidha. Ilma kee jalaa kanan fudhadhu saba mootummichaan bulfamu hundaa miti.’ Kun akkamitti akka ta’e haa ilaallu.