Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 69

Intalli Tokko Nama Jabaa Tokko Gargaarte

Intalli Tokko Nama Jabaa Tokko Gargaarte

INTALLI xinnoon kun maal jechaa akka jirtu beektaa? Waa’ee Elsaa’i raajicha, akkasumas wantoota dinqisiisaa ta’an gochuuf Yihowaan akkamitti akka isa gargaare dubartittiitti himaa jirti. Dubartittiin nama Israa’el waan hin taaneef waa’ee Yihowaa hin beektu. Dura, intalattiin gara mana dubartittii kan dhaqxe akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

Dubartittiin dubartii Sooriyaati. Abbaan manaashee, abbaa duulaa mootii Sooriyaa kan ta’e Na’amaanidha. Warri Sooriyaa intala xinnoo kana booji’anii, hojjettuushee akka taatuuf gara haadha manaa Na’amaanitti fidan.

Na’amaan dhukkuba hamaa lamxii jedhamu qaba. Dhukkubni kun, namoota tokko tokko foonsaanii akka irraa harca’u gochuullee ni danda’a. Kanaafuu, intallii kun haadha manaa Na’amaaniin akkas jechaa jirti: ‘Gooftaan koo raajii Yihowaa biyya Israa’el jiru bira utuu dhaqee gaariidha. Inni lamxii kanarraa isa fayyisuu ni danda’a.’ Booddee wanti isheen jette abbaa manaa dubartittiitti himame.

Na’amaan fayyuuf baay’ee waan barbaadeef, biyya Israa’el dhaquuf ka’e. Yommuu achi ga’u, gara mana Elsaa’i dhaqe. Elsaa’i hojjetaansaa dhaqee Na’amaan Laga Yordaanositti al torba akka dhiqatu akka itti himu godhe. Na’amaan kanatti baay’ee waan aareef: ‘Lagoonni biyya koo jiran laga biyya Israa’el jiru kamiyyuu ni caalu!’ jedhe. Na’amaan kana dubbatee sokke.

Hojjettoonnisaa garuu: ‘Yaa gooftaa, Elsaa’i waan kana caaluyyuu godhi utuu siin jedhee ni goota turte. Amma garuu akkuma inni siin jedhe, al torba maaliif hin dhiqattu?’ jedhaniin. Na’amaan waan hojjettoonnisaa itti himan dhaga’ee, Laga Yordaanos keessa al torba lixee ba’e. Achiis foonsaa jabaataafi fayyaa ta’e!

Na’amaan baay’ee gammade. Gara Elsaa’itti deebi’ee: ‘Amma, Waaqni Israa’el guutummaa biyya lafaarratti kophaasaa Waaqa dhugaa akka ta’e beekeera. Kanaafuu, maaloo, kennaa kana fudhadhu’ jedheen. Elsaa’i garuu: ‘Lakki, ani hin fudhadhu’ jedhe. Na’amaaniin kan fayyise Yihowaa waan ta’eef, Elsaa’i kennaa fudhachuunsaa sirrii akka hin taane beeka. Haata’u malee, hojjetaa Elsaa’i kan ta’e Gehaaz kennaa sana ofii fudhachuu barbaade.

Gehaaz maal akka godhe haa ilaallu. Na’amaan achii erga deemee booda, Gehaaz fiigee isa qaqqabe. Achiis: ‘Elsaa’i, hiriyootasaa warra isa gaafachuu dhufaniif kan ta’u kennaa kee keessaa tokko tokko akka kennituuf na erge’ jedheen. Akkas kan jedhe garuu sobeeti. Na’amaanimmoo soba ta’uusaa waan hin beekneef kennaawwan tokko tokko itti kenne.

Gehaaz gara manaatti yommuu deebi’u, Elsaa’i waan inni godhe ni beeke. Yihowaan waan isatti himeef: ‘Waan gadhee akkasii kana waan gooteef, lamxiin Na’amaan sitti haa darbu’ jedheen. Yeruma sana lamxiin irratti ba’e!

Kana hundumaarraa maal barachuu dandeenya? Tokkoffaa, akka intala xinnoo sanaa waa’ee Yihowaa dubbachuu qabna. Kana gochuun keenya faayidaa guddaa qaba. Lammaffaa, akka Na’amaan jalqabarratti godhe of tuuluu hin qabnu; kanaa mannaa, tajaajiltoota Waaqayyootiif ajajamuu qabna. Sadaffaammoo, akka Gehaaz sobuu hin qabnu. Macaafa Qulqulluu dubbisuu keenyaan waan baay’ee barachuu dandeenya mitiiree?