Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 72

Waaqayyo Hisqiyaas Mooticha Gargaare

Waaqayyo Hisqiyaas Mooticha Gargaare

NAMICHI kun Yihowaa kan kadhatu maaliif akka ta’e beektaa? Xalayaawwan kana iddoo aarsaa Yihowaa dura kan kaa’e maaliifi? Namtichi Hisqiyaas jedhama. Inni mootii gosoota lamaan Israa’el warra kibbaati. Rakkina guddaa keessa jira. Maaliifi laata?

Loltoonni warra Asor gosoota kurnan kaabaa balleessanii waan turaniifidha. Yihowaan akkas akka ta’u kan godhe, jaroonni baay’ee hamoo waan turaniifidha. Amma loltoonni Asorotaa mootummaa gosa lamaanii loluuf dhufaniiru.

Mootiin Asor Hisqiyaas Mootichatti xalayaa erge. Hisqiyaas Waaqayyo dura kan kaa’e, xalayaawwan kanadha. Xalayaawwan kun, Yihowaatti kan qoosaniifi Hisqiyaas abdii akka kutatu kan godhanidha. Hisqiyaas: ‘Yaa Yihowaa, mootii Asor jalaa nu oolchi. Namoonni hundinuu kophaa kee Waaqayyo kan taate si ta’uu kee ni beeku’ jedhee kan kadhatu kanaafi. Yihowaan kadhannaa Hisqiyaas ni dhaga’aa laata?

Hisqiyaas mootii gaariidha. Inni akka mootota hamoo gosoota Israa’el kurnanii ykn akka abbaasaa Ahaaz mooticha isa hamaa miti. Hisqiyaas seerawwan Yihowaa hundumaa of eeggannoodhaan eega ture. Kanaafuu, Hisqiyaas erga kadhannaasaa fixee booda, Isaayaas raajichi ergaa Yihowaarraa argate ergeef; ergichi akkas jedha: ‘Mootiin Asor gara Yerusaalem hin dhufu. Loltootasaa keessaas tokkoyyuu isheetti hin dhihaatu. Magaalattiirratti xiyya tokkollee hin darbatan.’

Fakkii fuula kanarra jiru ilaali. Loltoonni du’an kun hundi eenyu akka ta’an beektaa? Asoorotadha. Yihowaan ergamaasaa ergee, halkanuma tokkotti ergamaan tokko loltoota Asor 185,000 ajjeese. Kanaaf, mootiin Asor lolicha itti dhiisee gara biyyasaatti deebi’e.

Mootummaan gosoota lamaanii badiisa jalaa ooleera; sabni Israa’elis yeroodhaaf nagaa argataniiru. Haata’u malee, Hisqiyaas erga du’ee booda ilmisaa Minaaseen mootii ta’e. Minaaseeniifi ilmisaa Amoon mootota baay’ee hamoo ta’anidha. Kanaaf, ammas lafattiin yakkaafi hammeenyaan guutamte. Amoon mootichi hojjettootumasaatiin yommuu ajjeefamu, ilmisaa Yosiyaas gosoota lamaanirratti mootii ta’e.