Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 73

Mootii Gaarii Isa Dhumaa

Mootii Gaarii Isa Dhumaa

YOSIYAAS mootii gosoota lamaan kibbaa yommuu ta’u umuriinsaa waggaa saddeet qofadha. Namni tokko umurii kanatti mootii ta’uuf hin ga’u. Kanaafuu, jalqabarratti jaarsolii tokko tokkotu sabicha bulchuuf isa gargaare.

Yosiyaas waggaa torbaaf mootii erga ta’ee booda Yihowaa barbaaduu jalqabe. Fakkeenya mootota gaarii, akka Daawit, Yoshaafaaxiifi Hisqiyaas jiranii hordofe. Yosiyaas ijoollee yommuu turetti, hojii ija jabina gaafatu hojjeteera.

Yeroo dheeraadhaaf, Israa’eloonni baay’een hamoo ta’anii turan. Waaqolii sobaa waaqeffatu turan. Waaqolii tolfamaniif sagadu turan. Kanaafuu, Yosiyaas namootasaa qabatee, waaqeffannaa sobaa biyyattiidhaa balleessuuf ka’e. Waaqolii sobaa kan waaqeffatan namoota baay’ee waan ta’aniif, kana gochuun hojii guddaadha. Yosiyaasiifi namoonnisaa waaqolii tolfaman yommuu caccabsan asirratti arguu dandeessa.

Kana booddee, Yosiyaas mana qulqullummaa Yihowaa ijaaruuf namoota sadi itti gaafatamtoota godhe. Qarshiin hojichi ittiin hojjetamu walitti qabamee jara kanatti kennama ture. Yommuu mana qulqullummaa hojjetan, hangafa lubootaa kan ta’e Hilqiiyaan wanta baay’ee barbaachisaa ta’e tokko argate. Kitaaba seera Yihowaan Museetti kenne qabateefi waggaa dheeraa dura Museen barreessedha. Kitaabichi waggoota baay’eedhaaf badee ture.

Kitaabichi Yosiyaastti geeffame; innis akka isaaf dubbifamu gaafate. Yommuu dhaggeeffatu, sabichi seera Yihowaa eegaa akka hin jirre hubate. Kun baay’ee waan isa gaddisiiseef, akkuma asirratti argitu wayyaasaa tarsaase. ‘Abbootiin keenya seerawwan kitaaba kanarratti barreeffaman waan hin eegneef Yihowaan nutti aareera’ jedhe.

Yihowaan maal akka isaanitti fidu beekee akka isatti himuuf Yosiyaas Hilqiiyaa hangafa lubootaa ajaje. Hilqiiyaan dubartii Huldaa jedhamtu raajittii bira dhaqee ishee gaafate. Ergaa Yihowaan isheetti hime Yosiyaasitti akka himu itti himte. Ergichi akkas jedha: ‘Waaqolii sobaa waan waaqeffataniifi biyyattiin hammeenyaan waan guutamteef, Yerusaalemiifi namoonnishee hundinuu ni adabamu. Ati Yosiyaas garuu waan gaarii waan gooteef, bara jireenya keetti isaan hin adabu.’