Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 77

Fakkichaaf Hin Sagadne

Fakkichaaf Hin Sagadne

WAA’EE dargaggoota kana sadanii ni yaadattaa? Eeyyee, hiriyoota Daani’el warra nyaata isaaniif hin taane nyaachuu didanidha. Warri Baabilon Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo jedhanii maqaa baasaniif. Amma maal akka gochaa jiran ilaali. Akka namoota warra kaaniitti fakkii guddaa kanaaf sagaduu kan didan maaliifi? Maaliif akka ta’e mee haa ilaallu.

Abboommiiwwan Yihowaan barreesse kurnan ni yaadattaa? Isaan keessaa inni jalqabaa: ‘Ana malee waaqa biraa hin waaqeffatinaa’ jedha. Seera kana eeguun salphaa ta’uu baatus, dargaggoonni kun seera kanaaf ajajamaniiru.

Nebukadnezaar mootiin Baabilon, fakkii inni dhaabeef akka sagadaniif namoota taayitaa qaban baay’ee waame. Namoota hundaanis: ‘Sagalee fiinoo, faaggaa, kiraara, maseenqoo sagalee mi’a garaa garaas yeroo dhageessan, gombifamaatii fakkii warqee kanaaf sagadaa. Namni gombifamee hin sagadneefi fakkii kana hin waaqeffanne, yeruma sana gara ibidda boba’utti darbatama’ jedheen.

Nebukadnezaar Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoon akka hin sagadne yommuu dhaga’u baay’ee aare. Akka qabanii garasaatti isaan fidan ajaje. Fakkii inni dhaabeef akka sagadaniif carraa gara biraa isaaniif kenne. Dargaggoonni kun garuu Yihowaatti amanaman. Nebukadnezaariinis, ‘Waaqni waaqeffannu nu oolchuu danda’a; nu oolchuu baatuyyuu fakkii warqee keetiif hin sagadnu’ jedhaniin.

Nebukadnezaar yommuu kana dhaga’e isa duraa caalaatti baay’ee aare. Ibiddi naannoo sanaa boba’u: ‘Isa duraa caalaa harka torba itti dabalanii akka bobeessan’ ajaje! Achiis, loltootasaa keessaa warri jajjaboo ta’an, Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo hidhanii ibiddichatti akka darbatan ajaje. Ibiddichi baay’ee boba’aa waan tureef, namoonni jajjaboon sun arraba ibiddichaatiin gubatanii du’an. Haata’u malee, dargaggoonni gara ibiddaatti darbataman akkam ta’an?

Mootichi gara ibiddichaa yommuu ilaalu baay’ee na’e. Kan ‘hiinee ibiddichatti darbanne namoota sadi hin turree?’ jedhee gaafate.

Hojjettoonnisaas, ‘Eeyyee’ jedhanii deebisaniif.

‘Amma garuu ani namoota ibiddicha keessa asiif achi adeeman afuran arga. Hin hidhamne; ibiddichis isaan hin gubne. Bifni isa afuraffaammoo waaqa fakkaata’ jedhe. Mootichi gara balbala ibiddichaatti dhihaatee, sagaleesaa ol fuudhee: ‘Shaadraak! Meshaak! Abed-Neegoo! Hojjettoota Waaqayyo isa hundumaa gararraa jiruu as ba’aa!’ jedhe.

Yeroo ibiddicha keessaa ba’anitti, namoonni achitti argaman hundi miidhaan tokkoyyuu akka isaanirra hin geenye argan. Achiis mootichi: ‘Waaqayyo inni kan Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo ulfina haa argatu! Waaqasaaniitiin ala waaqa gara biraadhaaf waan hin sagadneefi hin waaqeffanneef, ergamaasaa ergee isaan oolcheera’ jedhee dubbate.

Kun, Yihowaadhaaf amanamoo ta’uu ilaalchisee fakkeenya gaarii hordofuu qabnu mitii?