Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 6

Dhaloota Yesusii Kaasee Hanga Du’asaatti

Dhaloota Yesusii Kaasee Hanga Du’asaatti

Gabri’el ergamaan gara shamarree Maariyaam jedhamtu tokkotti ergame. Ilma bara baraaf mootii ta’ee bulchu akka godhattu itti hime. Yesus moonaa ykn mana horiin itti galan keessatti, bakka tiksoonni isa ilaaluu danda’anitti dhalate. Boodas, urjiin tokko namoota Ba’a Biiftuutii dhufan gara mucichi itti dhalatetti isaan fide. Urjii sana akka argan kan godhe eenyu akka ta’eefi Yesusis yaalii isa ajjeesuuf godhame jalaa akkamitti akka oole ni baranna.

Achiis, Yesus waggaa 12 yeroo ta’etti mana qulqullummaa keessatti barsiisotaa wajjin yommuu haasa’u argina. Waggaa 18 booddee Yesus ni cuuphame; boodas waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabuufi barsiisuudhaan hojii Waaqayyo akka raawwatuuf gara lafaatti isa erge hojjechuu jalqabe. Yesus hojii kana akka isa gargaaraniif namoota 12 filatee ergamootasaa isaan godhate.

Kana malees, Yesus dinqiiwwan baay’ee raawwateera. Namoota kumaan lakkaa’aman qurxummii muraasaafi buddeena xinnoo qofaa nyaatanii akka quufan godheera. Namoota dhukkubsatan fayyiseera; kan du’anis kaaseera. Gara dhuma jireenyasaa isa lafaarratti wantoota baay’ee Yesusirra ga’aniifi akkamitti akka ajjeefame ni baranna. Yesus gara waggaa sadiifi walakkaa lallabeera; kanaafuu, KUTAA 6⁠ffaan seenaa waggaa 34 hin caalle kan qabatedha.