Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 86

Namoota Urjiidhaan Geggeeffaman

Namoota Urjiidhaan Geggeeffaman

URJII namoota kana keessaa inni tokko quba itti qabaa jiru ni argitaa? Yommuu isaan Yerusaalemii ba’an urjichi ni mul’ate. Jarri kun gara Ba’a Biiftuutii kan dhufan yommuu ta’u, namoota waa’ee urjii qoratanidha. Urjiin haaraan kun nama bakka guddaa qabu tokkotti nu geessa jedhanii amanu.

Jarri jalqaba yommuu Yerusaalemiin ga’an: ‘Mucaan mootii Yihudootaa ta’u eessa jira?’ jedhanii gaafatan. “Yihudoota” jechuun maqaa kan biraa sabni Israa’el ittiin beekamanidha. Namoonni sunis: ‘Utuu Ba’a Biiftuu jirruu urjii mucichaa arginee sagaduufii dhufne’ jedhan.

Mootii Yerusaalem kan ture, Herodis yommuu kana dhaga’u baay’ee aare. Mootii gara biraan iddoosaa akka fudhatu hin barbaadne. Kanaafuu, luboota warra hangafaa waamee: ‘Mootichi ni dhufa jedhame eessatti dhalata?’ jedhee isaan gaafate. Isaanis: ‘Macaafni Qulqulluun Betlihemitti dhalata jedha’ jedhaniin.

Kanaafuu, Herodis namoota gara Ba’a Biiftuutii dhufan waame: ‘Dhaqaatii bakka mucichi jiru barbaadaa. Yommuu isa argattan anattis himaa. Anis dhaqee isaaf sagaduun barbaada’ jedheen. Haata’u malee, Herodis mucicha argachuuf kan barbaade isa ajjeesuufidha!

Achiis, urjichi namoota sana dura adeemuudhaan gara Betlihemitti isaan geessee, bakka mucichi jiru ga’ee dhaabate. Namoonni sun gara manaa yommuu seenan Maariyaamiifi mucicha argan. Kennaa baay’ee baasanii Yesusiif kennan. Booddee garuu, Yihowaan jarri gara Herodisitti akka hin deebine abjuudhaan akeekkachiise. Kanaafuu, karaa biraarra biyyasaaniitti deebi’an.

Herodis, jarri Ba’a Biiftuutii dhufan gara biyyasaaniitti deebi’uusaanii yommuu dhaga’u baay’ee aare. Kanaafuu, Betlihem keessaa ijoolleen dhiiraa umuriinsaanii waggaa lamaafi isaa gadi ta’an akka ajjeefaman ajaje. Haata’u malee, Yihowaan dursee Yoseefiin abjuudhaan waan akeekkachiiseef, Yoseef maatiisaa qabatee gara Gibxii dhaqe. Boodas, Yoseef Herodis du’uusaa yommuu dhaga’u, Maariyaamiifi Yesusiin qabatee biyyasaa Naazireetitti deebi’e. Biyyi kunimmoo biyya Yesus itti guddatedha.

Urjii haaraan sun akka mul’atu kan godhe eenyu sitti fakkaata? Namoonni kun urjicha akka arganiin jalqaba gara Yerusaalem akka dhaqan yaadadhu. Seexanni Ilma Waaqayyoo ajjeesuu barbaada ture; Herodis mootiin Yerusaalemis isa ajjeesuuf akka barbaadu beeka ture. Kanaafuu, urjiin sun akka mul’atu kan godhe Seexana ta’uu qaba.