Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 93

Yesus Namoota Baay’ee Nyaachise

Yesus Namoota Baay’ee Nyaachise

WANTA nama gaddisiisu tokkotu raawwatame. Yohannis cuuphaan ni ajjeefame. Haadha manaa mootichaa kan taate, Herodiyaas isa hin jaallattu turte. Kanaafuu, mootichi morma Yohannis akka irraa kutu goote.

Yesus kana yommuu dhaga’u baay’ee gaddee, kophaasaa bakka tokko dhaqe. Jarri garuu isuma duukaa adeeman. Yesus namoota isa duukaa adeeman yeroo argu baay’ee isaaniif gadde. Kanaafuu, waa’ee mootummaa Waaqayyoo itti himee, dhukkubsattootasaaniis ni fayyise.

Galgala sana bartoonnisaa garasaa dhufanii: ‘Amma galgalaa’eera; iddoon kunimmoo lafa onaadha. Magaalota dhihoo jiran dhaqanii waan nyaatan akka bitatan jarreen geggeessi’ jedhaniin.

Yesus deebisee: ‘Waan nyaatan kennaafii malee akkasumatti deemuu hin qaban’ jedheen. Yesus Filphoositti garagalee: ‘Buddeena jara kana hundumaaf ga’u eessaa bituu dandeenya?’ jedhee isa gaafate.

Filphoosis: ‘Namni kun hundumtuu nyaata xinnoo xinnoo akka argatu gochuufillee qarshii baay’ee gaafata’ jedheen. Indiriyaasis: ‘Gurbaan buddeena garbuu shaniifi qurxummii lama qabu as jira; garuu kun nama kana hundaaf maal godha?’ jedhe.

Yesus: ‘Jarreen margarra akka taa’an itti himaa’ jedhe. Achiis, nyaatichaaf Waaqayyoon erga galateeffatee booda, caccabsuu jalqabe. Sana booda, bartoonnisaa buddeenichaafi qurxummicha namoota hundaaf kennan. Isaanis, dhiirota 5,000fi dubartootaafi ijoollee kuma baay’eedhaan lakkaa’aman garabiraanis achi turan. Hundisaanii hamma quufanitti nyaatan. Bartoonnisaa nyaata hafe yommuu walitti qaban gundoo kudha lama guutuu ta’e.

Amma Yesus, bartoonnisaa bidiruu yaabbatanii Galaana Galiilaa akka ce’an godhe. Galgala sana bubbee hamaan ka’ee, bidiricha asiifi achi raasu jalqabe. Bartoonnis baay’ee sodaatan. Halkan walakkaa ennaa ta’ummoo, nama bishaanicharra deemee garasaaniitti dhufaa jiru tokko argan. Wanti argaa jiran maal akka ta’e waan hin beekneef, baay’ee sodaatanii iyyan.

Yesus: ‘Hin sodaatinaa, anadhaa’ jedheen. Isaan garuu ammayyuu amanuu hin dandeenye. Kanaafuu, Phexros: ‘Yaa Gooftaa, dhugumaan yoo si taate, bishaanicharra adeemee gara kee akkan dhufu godhi’ jedheen. Yesuusis: ‘Kottu!’ jedheen. Phexrosis bidricha keessaa ba’ee bishaanicharra adeemuu jalqabe! Garuu waan sodaateef bishaanicha keessa lixuu jalqabe; haata’u malee Yesus isa oolcheera.

Yeroo gara biraattis Yesus namoota kumaan lakkaa’aman nyaachiseera. Yeroo kanattis kan kana godhe buddeena torbaafi qurxummii muraasaan ture. Ammas nyaanni baay’een isaanirraa hafee ture. Yesus namootaaf akkasitti kan yaadu ta’uunsaa nama hin gammachiisuu? Yeroo inni mootii ta’ee bulchutti waan tokkoofiyyuu hin dhiphannu.