Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 94

Yesus Ijoollee Xixinnoo Ni Jaallata

Yesus Ijoollee Xixinnoo Ni Jaallata

YESUS asirratti mucaa xinnoo tokko hammateera. Kanaafuu, ijoollee xixinnoodhaaf akka yaadu dubbachuu dandeessa. Namoonni isa ilaalaa jiran kunimmoo ergamootasaati. Yesus maal isaaniin jechaa jira? Mee haa ilaallu.

Yesusiifi ergamoonnisaa karaa fagoo deemanii deebi’uusaaniiti. Ergamoonnisaa karaarratti wal mormaa dhufan. Adeemsasaanii booda Yesus: ‘Karaarratti waa’ee maalii wal mormaa dhuftan?’ jedhee isaan gaafate. Yesus maalirratti waliin mormaa akka dhufan beeka ture. Haata’u malee, ergamoonnisaa akka itti himaniifi akka isa dhoksan beekuuf isaan gaafate.

Karaarratti wal mormaa kan dhufan nu keessaa eenyutu caala jedhanii waan tureef, waan tokkoyyuu isaaf hin deebisne. Ergamoonni tokko tokko warra kaanirra caaluu barbaadu turan. Yesus, warra kaan caaluuf barbaaduun sirrii akka hin taane akkamitti itti hima laata?

Mucaa xinnoo kana waamee hundasaanii dura erga dhaabee booda, ergamootasaatiin akkas jedhe: ‘Dhuguman isinitti hima, jijjiiramtanii akka mucaa xinnoo kanaa ta’uu yoo baattan, mootummaa Waaqayyootti hin galtan. Mootummaa Waaqayyootti kan hunda caalu kan akka mucaa xinnoo kanaati.’ Yesus maaliif akka akkas jedhe beektaa?

Eeyyee, warra kaanirra caaluun ijoollee xixinnoo hin yaaddessu. Kanaafuu, ergamoonnisaas akka ijoollee ta’uuf barachuufi warra kaan nan caala jedhanii wal mormuu dhiisuu qabu.

Yesus ijoollee xixinnoodhaaf hammam akka yaadu yeroo inni itti argisiise garabiraanis jira. Ji’oota muraasa booddee, namoonni tokko tokko ijoolleesaanii gara Yesusitti fidan. Ergamoonnisaa garuu isaan dhowwuu barbaadanii turan. Haata’u malee, Yesus ergamootasaatiin: ‘Ijoolleen gara koo akka hin dhufne hin dhowwinaa; mootummaan waaqayyoo warra akkasiitiif ta’a’ isaaniin jedhe. Achiis Yesus ijoollee kana hammatee isaan eebbise. Yesus ijoollee xixinnoo akka jaallatu beekuun nama hin gammachiisuu?