Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 95

Akkaataa Yesus Itti Barsiise

Akkaataa Yesus Itti Barsiise

GAAF tokko Yesus, namicha tokkotti nama akka ofiisaatti akka jaallachuu qabu itti hime. Namichis: ‘Nama isa kam?’ jedhee Yesusiin gaafate. Yesus namichi kun maal akka yaade beeka ture. Namichi, namoota sanyiisaa ta’aniifi amantaasaa hordofan qofaa jaallachuu kan qabu itti fakkaatee ture. Kanaafuu, mee Yesus maal akka ittiin jedhe haa ilaallu.

Yesus yeroo tokko tokko seenaa dubbachuudhaan barsiisa ture. Ammas akkasuma godhe. Seenaa nama Yihudii tokkoofi nama Samaariyaa tokkoo itti hime. Akkuma kanaan dura barannetti Yihudoonni baay’een warra Samaariyaa hin jaallatan. Seenaan Yesus dubbate akkas kan jedhudha:

Gaaf tokko namni Yihudii tokko tabbarra kutee karaa Yerikootti geessurra gadi bu’a ture. Haata’u malee akkuma tasaa saamtonni isa qabatan. Qarshiisaa irraa fudhatanii, reebanii, du’aafi jireenya gidduutti isa dhiisanii adeeman.

Booddas, lubni Yihudii tokko karaa sanarra dhufe. Namicha reebames ni arge. Maal godha jettee yaadda? Irrumaa goree callisee darbe. Namni amantaa Yihudii jabeessee hordofu kan biraanis ni dhufe. Innimmoo nama gosa Lewwii ture. Innoo dhaabateeraa? Matumaa, innis namicha reebame sana gargaaruuf hin dhaabanne. Lubichiifi namichi Lewwii, namicha reebamerraa fagaatanii yommuu gadi bu’an asirratti arguu ni dandeessa.

Haata’u malee, namni namicha reebamee wajjin jiru eenyu akka ta’e beektaa? Nama Samaariyaati. Namicha Yihudii sana gargaaraa jira. Madaasaarratti qoricha godhaafii jira. Booddees namicha Yihudii kana fuudhee bakka itti boqotuufi fayyuu danda’utti isa geesse.

Yesus seenaa kana erga dubbatee fixee booda, namicha gaaffii isa gaafateen: ‘Egaa namoota sadan kana keessaa, namicha reebame sana akka ofiisaatti kan jaallate, Lubichamoo, namicha Lewwiitimoo namicha Samaariyaati?’ jedheen.

Namichis deebisee: ‘Namicha Samaariyaati. Isatu namicha reebametti gaarummaa argisiise’ jedheen.

Yesus deebisee: ‘Dhuguma keeti. Atis dhaqiitii warra kaaniif akkasuma godhi!’ jedheen.

Akkaataan Yesus itti barsiise nama hin gammachiisuu? Waan Yesus Macaafa Qulqulluu keessatti dubbate yoo dhaggeeffanne, wantoota nu fayyadan baay’ee barachuu dandeenya. Mitiiree?