Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 99

Kutaa Fooqii Tokko Keessatti

Kutaa Fooqii Tokko Keessatti

GUYYAANSAA Kamisa galgaladha; guyyaa lama booda jechuudha. Yesusiifi ergamoonnisaa kudhalamaan irbaata Faasikaa nyaachuuf kutaa bal’aa fooqiirratti argamu keessatti walga’aniiru. Namichi yommuu ba’u argitu kun Yihudaa isa biyya Keriyotidha. Luboonni akkamitti Yesusiin qabachuu akka danda’an isaanitti himuu dhaqa.

Guyyaa tokko dura Yihudaan isaan bira dhaqee: ‘Yesusiin akka qabattan yoon isin gargaare maal naa kennitu?’ jedhee gaafate. Isaanis deebisanii: ‘Qarshii soddoma’ jedhaniin. Kanaafuu, Yihudaan namoota kanaa wajjin wal argee Yesusiin qabsiisuuf adeemaa jira. Kan nama gaddisiisu mitii?

Irbaanni Faasikaa dhumeera. Amma Yesus irbaata addaa kan biraa jalqabe. Buddeena cabsee ergamootasaatii erga kennee booda: ‘Nyaadhaa, kun foon koo isa isiniif kennamudhaa’ jedheen. Achiimmoo, wayinii xoofootti kenneefii akkas jedheen: ‘Dhugaa, kun dhiiga koo isa isiniif dhangala’udhaa!’ jedheen. Macaafni Qulqulluun kanaan ‘irbaata Gooftaa’ jedhee waama.

Israa’eloonni irbaata Faasikaa kan nyaatan, ennaa Gibxii keessa turanitti, ergamaan Waaqayyoo manasaaniirra ‘darbee’ mana Gibxootaa keessaa ijoollee hangafaa hundumaa yeroo itti ajjeese yaadachuufidha. Amma garuu, Yesus ergamoonnisaa akkaataa inni itti lubbuusaa isaaniif dabarsee kenne akka isaaf yaadatan gochuu barbaade. Ayyaana adda ta’e kana waggaa waggaadhaan akka kabajan kan ajajes kanumaafidha.

Irbaata Gooftaa erga nyaatanii booda, Yesus ergamoonnisaa ija jabeeyyii akka ta’aniifi amantii cimaa akka qabaatan itti hime. Dhumarrattis, faarfannaa faarfatanii achii ba’an. Yeroo kanatti baay’ee dhihee ture; halkan walakkaarra darbuu hin oolu. Mee eessa akka dhaqan haa ilaallu.