Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 100

Yesus Dhaaba Ashaakiltii Keessatti

Yesus Dhaaba Ashaakiltii Keessatti

MANA fooqii sanaa erga ba’anii booda, Yesusifi ergamoonnisaa gara dhaaba ashaakiltii Getesemaanee dhaqan. Kanaan dura bakka kana yeroo baay’ee dhufaniiru. Amma Yesus dammaqoo akka ta’aniifi akka kadhatan isaanitti hime. Achiis, xinnoo fagaatee lafatti gombifamee kadhate.

Booddas, Yesus bakka ergamoonnisaa jiranitti deebi’e. Maal gochaa waan jiran sitti fakkaata? Rafaniiru! Yesus dammaqoo akka ta’an al sadi itti himuyyuu, deebi’ee yommuu dhufu rafanii isaan arga ture. Yesus dhumarratti garasaanii yeroo dhufu: ‘Yeroo akkasii kanatti akkamitti raftu? Yeroon diinota kootti kennamu ga’eera’ jedheen.

Yeruma sana namoonni baay’een yommuu wacan dhaga’ame. Namoota billaafi ulee qabatanii dhufan kana ilaali! Akka isaanitti ifuufimmoo guca qabataniiru. Yommuu itti dhihaachaa dhufan, inni tokko isaan gidduudhaa ba’ee Yesus bira dhaabate. Akkuma asirratti argituttis Yesusin dhungate. Namichi kun Yihudaadha! Yesusiin kan dhungate maaliifi?

Yesus: ‘Yihudaa, dhungachuudhaan dabarsitee na kennitee?’ jedheen. Isa dhungachuunsaa, namoonni Yihudaa wajjin jiran, namichi isaan barbaadan isa kam akka ta’e kan isaan beeksisu ture. Kanaafuu, diinonni Yesus isa qabachuuf itti dhihaatan. Phexros garuu yeroo Yesusiin fudhatan callisee ilaaluu hin barbaadne. Billaa qabatee dhufe luqqifatee namicha isa bira jiru rukute. Billichis mataa namichaa bira darbee gurrasaa isa mirgaa irraa kute. Yesus garuu namicha qaqqabee gurrasaa fayyiseef.

Yesus Phexrosiin: ‘Billaa kee bakkasaatti deebisi. Abbaan koo na oolchuuf ergamoota kumaan lakka’aman akka naaf ergu gaafachuu kanan danda’u sitti hin fakkaatuu?’ jedheen. Eeyyee, Yesus akkas gochuu ni danda’a ture! Haata’u malee, Yesus yeroon diinonnisaa itti isa qaban akka ga’e waan beekuuf Waaqayyo ergamootasaa akka isaaf ergu hin gaafanne. Kanaafuu, isa qabatanii akka adeeman heyyame. Amma waan Yesusirra ga’e haa ilaallu.