Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 7

Yesus Erga Du’aa Ka’ee Kaasee Hanga Phaawulos Hidhametti

Yesus Erga Du’aa Ka’ee Kaasee Hanga Phaawulos Hidhametti

Yesus du’ee guyyaa sadaffaa booda du’aa ka’e. Guyyaa sanatti bartootasaatti al shan mul’ate. Sanaan booda guyyaa 40f isaanitti mul’achaa ture. Achiis, Yesus utuma bartoonnisaa tokko tokko isa arganii samiitti ol ba’e. Guyyaa kudhan boodas, Waaqayyo bartoota Yesus warra Yerusaalem keessa turanirratti hafuura qulqulluu dhangalaase.

Boodas, diinonni Waaqayyoo, bartoonni Yesus mana hidhaa akka galan isaan godhanis, ergamoonni Waaqayyoo garuu achii isaan baasaniiru. Mormitoonni, Isxifaanosiin dhagaadhaan rukutanii ajjeesaniiru. Haata’u malee, Yesus mormitoota sana keessaa inni tokko tajaajilaa addaa akka isaaf ta’uuf akkamitti akka isa filate, dhumarrattis akkamitti akka Phaawulos ergamaa jedhame ni baranna. Itti aansuudhaanis, Yesus du’ee waggaa sadiifi walakkaa booda, Waaqayyo Phexrosiin erguudhaan nama Yihudaa kan hintaane Qorneelewosiifi maatiisaatiif akka lallabu godhe.

Gara waggaa 13 booda, Phaawulos lallabuuf adeemsasaa isa duraa jalqabe. Adeemsa lammataarratti Ximotewos Phaawulosii wajjin adeeme. Phaawulosiifi hiriyoonnisaa warri isaa wajjin adeeman Waaqayyoon tajaajiluusaaniitiin akkamitti yeroo gammachiisaa akka dabarsan ni baranna. Dhumarratti, Phaawulos biyya Roomaatti mana hidhaa gale. Waggaa lama booda gadhiifamuyyuu, deebi’ee mana hidhaa galee ajjeefame. KUTAA 7⁠ffaan seenaa gara waggaa 32 qabateera.