Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 108

Karaa Gara Damaasqoo Geessurratti

Karaa Gara Damaasqoo Geessurratti

NAMNI lafarra ciisee jiru kun eenyu akka ta’e beektaa? Saa’ol jedhama. Inni warra Isxifaanosiin dhagaadhaan rukutan sanaaf wayyaasaanii kan eegaa ture ta’uusaa ni yaadatta mitii! Ifa calaqqisu kana ilaali. Maaltu ta’aa jira?

Erga Isxifaanos ajjeefamee booda Saa’ol duuka buutota Yesusirra miidhaa geessuuf dura bu’aa ta’e. Mana manasaanii dhaquudhaan isaan qabee mana hidhaatti isaan galcha ture. Bartoonni baay’een gara mandaroota kan biraatti baqatanii ‘misiraachicha’ lallabuusaanii itti fufan. Saa’ol garuu duuka buutota Yesus barbaacha, gara magaalota biraas dhaqeera. Amma gara Damaasqoo dhaqaa jira. Haata’u malee, karaarra utuu jiruu wanti dinqisiisaan isarra ga’e maal akka ta’e ilaali:

Akkuma tasaa ifni samiirraa naannoo Saa’olitti calaqqise. Akkuma asirratti argitutti lafarratti kufe. Achiis, sagaleen tokko: ‘Saa’ol, Saa’ol! Maaliif na ari’atta?’ isaan jedhe. Namoonni isaa wajjin jiranis ificha arganiiru; sagalichas dhaga’aniiru; haata’u malee, wanti dubbatame maal akka ta’e hubachuu hin dandeenye.

Saa’olis: ‘Gooftaa koo ati eenyu?’ jedhee gaafate.

Sagalichis: ‘Ani Yesus isa ati na ari’attudha’ isaan jedhe. Yesus kan akkas jedhe, Saa’ol bartootasaa ari’achuunsaa akkuma waan ofiisaatiif ari’atametti waan itti dhaga’ameefidha.

Saa’olis: ‘Yaa Gooftaa maal godhuree?’ jedhee gaafate.

Yesusis deebisee: ‘Ka’iitii gara Damaasqoo dhaqi! Achittis wanti gochuu qabdu sitti himamaa’ jedheen. Phaawulos ol jedhee ijasaa yommuu banatu waan tokkoyyuu arguu dadhabe. Jaamee ture! Kanaafuu, namoonni isaa wajjin turan harkasaa qabanii Damaasqootti isa geessan.

Yeroo kanatti Yesus bartootasaa warra Damaasqoo keessa jiran keessaa isa tokkoon akkas jedhe: ‘Yaa Anaaniyaas ka’iitii gara karaa isa Sirrii jedhamuu dhaqi. Mana Yihudaatii nama Saa’ol jedhamu gaafadhu. Ani akka na tajaajiluuf isa filadheera’ jedheen.

Anaaniyaas akkuma jedhame godhe. Saa’oliin yommuu argu harkasaa ija Saa’olirra kaa’ee: ‘Akka iji kee arguufi hafuura qulqulluudhaan akka guutamtuuf Gooftaan na ergeera’ jedheen. Yeruma sana wanti qola fakkaatuu tokko ijasaarraa harca’e; ijisaas arguu jalqabe.

Saa’ol saboota biyya adda addaatiif lallabuudhaan hojii guddaa hojjeteera. Boodas, Phaawulos ergamaa jedhameera; waa’eesaa waan baay’ee baranna. Isa dura garuu, Waaqayyo Phexrosiin kan erge maal akka godhuuf akka ta’e haa ilaallu.