Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 110

Gargaaraa Phaawulos Isa Haaraa Kan Ta’e Ximotewos

Gargaaraa Phaawulos Isa Haaraa Kan Ta’e Ximotewos

DARGAGGEESSI asirratti Phaawulosii wajjin argitu Ximotewos jedhama. Innis maatiisaa wajjin Lisxiraa keessa jiraata ture. Haatisaa Ewuniiqee, akkoonsaammoo Lo’is jedhamu.

Phaawulos yeroo Lisxiraa daawwatu, kun yeroo sadaffaasaati. Waggaa tokkoo dura Phaawulosiifi Barnaabaas lallabuuf bakka kana dhufanii turan. Amma garuu Phaawulos michuusaa Siilaasii wajjin deebi’ee dhufe.

Phaawulos Ximotewosiin maal jechaa akka jiru beektaa? ‘Anaafi Siilaasii wajjin deemuu ni barbaaddaa? jedhee isa gaafachaa jira. Biyyoota fagootti lallabuuf gargaarsa kee ni barbaadna’ jedheen.

Ximotewos: ‘Eeyyee, deemuu nan barbaada’ jedheen. Kanaafuu, yeruma sana maatiisaa dhiisee Phaawulosiifi Siilaasii wajjin adeeme. Waa’ee adeemsasaanii barachuu keenya dura, waan Phaawuloosirra ga’e haa ilaallu. Erga Yesus karaa Damaasqoorratti isatti mul’atee gara waggaa 17 ta’eera.

Kanaan dura Phaawulos gara Damaasqoo kan dhufe bartoota Yesus ari’achuuf akka ta’e yaadadhu; amma garuu inni mataansaa bartoota keessaa tokko ta’eera. Boodas, diinonni tokko tokko Phaawulos waa’ee Yesus barsiisuusaa waan hin jaallanneef isa ajjeesuu yaadan. Haata’u malee, bartoonni kaan waan isa gargaaraniif harkaa ba’uu danda’eera. Guuboo keessa isa kaa’anii dallaa magaalattiirraan gad isa buusan.

Kana booda Phaawulos lallabuuf gara Anxokiyaa dhaqe. Duuka buutonni Yesus, bakka kanatti yeroo jalqabaatiif Kiristiyaanota jedhamanii waamaman. Achiis, Phaawulosiifi Barnaabaas Anxokiyaadhaa ba’anii biyyoota fagoo dhaqanii akka lallaban ergaman. Magaalota dhaqan keessaa tokko biyya Ximotewos kan taate Lisxiraa turte.

Gara waggaa tokkoo booda, Phaawulos adeemsasaa isa lammataarratti deebi’ee gara Lisxiraa dhufe. Phaawulosiifi Siilaas Ximotewosii wajjin garam akka dhaqan beektaa? Kaartaa kana ilaaliitii, iddoowwan tokko tokko haa barannu.

Dura gara mandara isaanitti dhihoo jirtu ishee Iqoniiyum jedhamtu, achiimmoo gara mandara Anxokiyaa dhaqan. Boodas, gara Xiroo’aadaa, achiimmoo gara Filiphisiiyus, gara Tasaloniiqeefi gara Beeriyaa dhaqan. Kaarticharratti biyya Ateenaa ni argitaa? Phaawulos achitti lallabeera. Sana boodas, waggaa tokkoofi walakkaadhaaf Qorontos keessatti lallabaniiru. Dhumarrattis, yeroo xinnoodhaaf Efesoon turan. Achiis, markabaan gara Qiisaariyaatti deebi’anii, gara Anxokiyaa biyya Phaawulos ture dhaqan.

Kanaafuu, Ximotewos hojii “misiraachoo” lallabuufi gumiiwwan Kirstiyaanaa dhaabuurratti Phaawulosiin gargaaruuf kiiloomeetra baay’ee adeemeera. Atoo ennaa guddattu, akka Ximotewositti amanamummaadhaan Waaqayyoon ni tajaajiltaa?