Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 8

Wanti Macaafni Qulqulluun Raajesse Ni Raawwatama

Wanti Macaafni Qulqulluun Raajesse Ni Raawwatama

Macaafni Qulqulluun wanta kanaan dura raawwatame qofaa utuu hin ta’in, wanta gara fulduraatti ta’us ni dubbata. Namoonni wanta gara fulduraatti ta’u dubbachuu hin danda’an. Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo ta’uusaa kanaan beekuu dandeenya. Waa’ee gara fulduraa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal jedha?

Waa’ee waraana Waaqayyoo isa guddaa nutti hima. Waaqayyo waraana kanaan guutummaatti hammeenya lafarraa balleessa; warra isa tajaajilan garuu ni hambisa. Mootiin Waaqayyo dibe Yesus Kiristos yeroo ta’u, innis tajaajiltoonni Waaqayyoo nagaafi gammachuu akka argatan, akka hin dhukkubsanneefi akka hin duune godha.

Waaqayyo lafarratti jannata haaraa qopheessuunsaa baay’ee nu hin gammachiisuu? Ta’uyyuu, jannata kana keessa jiraachuuf wanta tokko gochuu nu barbaachisa. Waaqayyoo wantoota gaarii namoota isa tajaajilaniif qopheesse argachuuf maal gochuun akka nurraa barbaadamu seenaa dhumaa kitaaba kanaarratti ni baranna. Kanaafuu, KUTAA 8 dubbisiitii, Macaafni Qulqulluun waa’ee gara fulduraa maal akka dubbatu baradhu.