Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 116

Bara Baraaf Jiraachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Bara Baraaf Jiraachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

MUCAA xinnoon kuniifi hiriyoonnishee maal dubbisaa akka jiran beektaa? Eeyyee, kitaabuma ati qayyabachaa jirtu—Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu dubbisaa jiru. Akkasumas, seenaadhuma ati amma qayyabachaa jirtu, mataduree “Bara Baraaf Jiraachuu kan Dandeenyu Akkamitti?” jedhu dubbisaa jiru.

Maal akka barachaa jiran beektaa? Jireenya bara baraa argachuu yoo barbaanne, jalqaba waa’ee Yihowaafi waa’ee Ilmasaa Yesus Kiristos beekuun kan nu barbaachisu ta’uusaa barachaa jiru. Macaafni Qulqulluun, ‘Jireenya bara baraa argachuuf waa’ee Waaqayyo isa tokkichaafi waa’ee Ilmasaa isa inni gara lafaatti erge beekuun’ barbaachisaa akka ta’e dubbata.

Waa’ee Yihowaafi waa’ee Ilmasaa Yesus akkamitti barachuu dandeenya? Karaan inni tokko, kitaaba, Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu jalqabaa hanga dhumaatti dubbisuudhaani. Waa’ee Yihowaafi Yesus waan baay’ee nutti hima; mitii ree? Wantoota baay’ee kanaan dura godhaniifi gara fulduraatti gochuuf jedhan nutti hima. Haata’u malee, kitaaba kana dubbisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira.

Kitaaba lafa jiru kana argitaa? Macaafa Qulqulluudha. Namni tokko kutaawwan Macaafa Qulqulluu seenaawwan kun irraa fudhataman akka siif dubbisu gaafadhu. Macaafni Qulqulluun, beekumsa karaa sirrii ta’een Yihowaa tajaajiluufi jireenya bara baraa argachuuf nu dandeessisu nuu kenna. Kanaafuu, yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuu amaleeffachuu nu barbaachisa.

Ta’uyyuu, waa’ee Yihowaafi waa’ee Yesus Kiristos beekuun qofti ga’aa miti. Waa’eesaaniifi waa’ee barumsasaanii beekumsa baay’ee qabaannuyyuu, jireenya bara baraa argachuu dhiisuu dandeenya. Wanti barbaachisu gara biraan maal akka ta’e beektaa?

Wantoota baranne hojiirra oolchuun nu barbaachisa. Yihudaa isa biyya Asqorot ni yaadattaa? Namoota kudhalamaan Yesus ergamoota godhee filate keessaa isa tokko ture. Yihudaan waa’ee Yihowaafi waa’ee Yesus beekumsa baay’ee qaba ture. Haata’u malee maaltu irra ga’e? Yeroo booda ofittoo ta’uudhaan, qarshii 30⁠tti Yesusiin gurgure. Kanaafuu, Yihudaan jireenya bara baraa hin argatu.

Seenaa 69⁠ffaarratti waa’ee Gehaaz qayyabachuu keenyahoo ni yaadattaa? Wayyaafi qarshii kansaa hin taane fudhachuu barbaade. Kanaafuu, wantoota kana argachuuf jedhee soba dubbate. Yihowaan garuu isa adabe. Nuyis seerawwansaatiif hin ajajamnu taanaan Yihowaan nu adaba.

Haata’u malee, Yihowaan namoota gaarii yeroo hundumaa amanamummaadhaan isa tajaajilan baay’ee qaba. Nuyi akkasaanii ta’uu barbaadna; mitiiree? Mucaa xinnoo kan ture Saamu’el fakkeenya gaarii nuuf ta’a. Seenaa 55⁠ffaarratti akkuma arginetti, Saamu’el mana qulqullummaa keessatti tajaajiluu yeroo jalqabetti mucaa waggaa 4 ykn 5 akka ture yaadadhu. Kanaafuu, hammam xinnoo taatuyyuu Yihowaa tajaajilu ni dandeessa.

Dhugumaan, fakkeenyi hundi keenya duukaa bu’uu qabnu fakkeenya Yesus ta’uunsaa beekamaadha. Seenaa 87⁠ffaarratti akka arginetti, utuu mucaa ta’ee jiruu mana qulqulluummaa keessa taa’ee waa’ee Abbaasaa isa samii warra kaanitti hima ture. Nuyis fakkeenyasaa haa hordofnu. Waa’ee Yihowaa, Waaqa keenya isa guddaafi waa’ee Yesus Kiristos hanga dandeenye namoota baay’eetti haa himnu. Kana yoo goone, jannata haaraa Waaqayyo dhaabu keessatti bara baraaf jiraachuu dandeenya.