Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu Jedhamuuf Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu Jedhamuuf Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

Seenaa 1

Waaqayyo Wantoota Adda Addaa Uumuu Jalqabe

  1. Wantoonni gaariin hundinuu eessaa dhufan? Fakkeenya kennuu ni dandeessaa?

  2. Wanti Waaqayyo jalqaba uume maalidha?

  3. Ergamaan inni jalqaba uumame adda kan ture maaliifi?

  4. Lafti yeroo jalqabaa maal akka fakkaattu ibsi. (Fakkicha ilaali.)

  5. Waaqayyo, lafa bineensotaafi namootaaf qopheessuu kan jalqabe akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ermiyaas 10:12 dubbisi.

    Wantoonni Waaqayyo uume amalawwansaa warra kam argisiisu? (Isa. 40:26; Rom. 11:⁠33)

  2. Qolosaayis 1:​15-​17 dubbisi.

    Yesus hojii uumamaarratti ga’ee maalii qaba? Kunoo ilaalcha isaaf qabnu kan tuqu akkamitti? (Qol. 1:​15-​17)

  3. Uumama 1:​1-​10 dubbisi.

    1. Lafti kan uumamte akkamitti? (Uma. 1:⁠1)

    2. Waaqayyo guyyaa uumamaa isa jalqabaatti maaltu haa ta’u jedhe? (Uma. 1:​3-5)

    3. Guyyaa uumamaa isa lammaffaatti maal raawwate? (Uma. 1:​7, 8)

Seenaa 2

Jannata Bareedduu

  1. Waaqayyo lafti bakka jireenyaa akka nuuf taatu kan qopheesse akkamitti?

  2. Bineensota gosa adda addaa Waaqayyo uume ibsi. (Fakkicha ilaali.)

  3. Dhaabni Eeden adda kan ture maaliifi?

  4. Waaqayyo guutummaan lafaa maal akka taatu barbaada ture?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 1:​11-​25 dubbisi.

    1. Waaqayyo guyyaa uumamaa isa sadaffaatti maalfaa uume? (Uma. 1:​12)

    2. Guyyaa afuraffaattoo maaltu raawwatame? (Uma. 1:​16)

    3. Waaqayyo guyyaa shanaffaafi ja’affaatti bineensota akkamii uume? (Uma. 1:​20, 21, 25)

  2. Uumama 2:​8, 9 dubbisi.

    Waaqayyo, jannata keessatti mukkeetii adda ta’an lama akkamii biqilche? Mukkeetiin kunoo maal kan argisiisan turan?

Seenaa 3

Dhiiraafi Dubartii Jalqabaa

  1. Fakkiin Seenaa 3ffaa, fakkii Seenaa 2ffaarraa adda kan ta’e akkamitti?

  2. Namicha jalqabaa kan uume eenyu? Maqaan namichaahoo eenyu?

  3. Waaqayyo Addaamiif hojii akkamii kenne?

  4. Waaqayyo Addaamittii hirriba cimaa kan buuse maaliifi?

  5. Addaamiifi Hewwaan hammam jiraachuu danda’u turan? Yihowaan maal akka hojjetan barbaada ture?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Faarfannaa 83:18 dubbisi.

    Maqaan Waaqayyo eenyu? Guutummaa biyya lafaarrattihoo aangoo adda ta’e akkamii qaba? (Er. 16:21; Dan. 4:​17)

  2. Uumama 1:​26-​31 dubbisi.

    1. Wantoota Waaqayyo guyyaa ja’affaatti uume keessaa inni dhumaa maalidha? Uumamni kunoo bineensotarraa adda kan ture akkamitti? (Uma. 1:​26)

    2. Yihowaan namaafis ta’e bineensotaaf qophii akkamii godhe? (Uma. 1:​30)

  3. Uumama 2:​7-​25 dubbisi.

    1. Addaam bineensotaaf maqaa akka moggaasuuf hojiin kennameef maal kan dabalatu ture? (Uma. 2:​19)

    2. Uumamni 2:​24, ilaalcha Yihowaan gaa’elaaf, gargar ba’uufi wal hiikuuf qabu hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Mat. 19:​4-6, 9)

Seenaa 4

Iddoo Jireenyaasaaniitii kan Baafaman Maaliifi?

  1. Fakkicharraa akka ilaaltutti, Addaamiifi Hewwaanirra maaltu ga’aa jira?

  2. Yihowaan maaliif isaan adabe?

  3. Bofti tokko Hewwaaniin maal jedhe?

  4. Bofichi Hewwaanitti akka dubbatu kan godhe eenyu?

  5. Addaamiifi Hewwaan iddoo jireenyaasaanii kan taate Jannata keessaa kan baafaman maaliifi?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 2:​16, 17 fi 3:​1-​13, 24 dubbisi.

    1. Bofichi gaaffii Hewwaaniif dhiheesseen waa’ee Yihowaa soba kan dubbate akkamitti? (Uma. 3:​1-5; 1 Yoh. 5:⁠3)

    2. Hewwaan fakkeenya akeekkachiisaa kan nuuf taatu akkamitti? (Filp. 4:8; Yaq. 1:​14, 15; 1 Yoh. 2:​16)

    3. Addaamiifi Hewwaan balleessaa hojjetaniif itti gaafatamummaa jalaa ba’uuf kan yaalan akkamitti? (Uma. 3:​12, 13)

    4. Kiruubelonni bakka dhaaba Eeden bira karaa baha biiftuu dhaabatan, olaantummaa Yihowaa kan kabajchiisan akkamitti? (Uma. 3:​24)

  2. Mul’ata 12:9 dubbisi.

    Seexanni, ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyoorraa jal’isuun kan isaaf mijaa’e akkamitti? (1 Yoh. 5:​19)

Seenaa 5

Jireenya Ulfaataa Ta’e Jiraachuutu Jalqabame

  1. Jireenyi Addaamiifi Hewwaan bakka dhaaba Eedenii alatti maal fakkaata ture?

  2. Addaamiifi Hewwaan maal ta’uu jalqaban? Maaliif?

  3. Ijoolleen Addaamiifi Hewwaan kan dulloomaniifi kan du’an maaliifi?

  4. Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoof utuu ajajamaniiru ta’ee, jireenyisaaniis ta’e kan ijoolleesaanii maal fakkaata ture?

  5. Hewwaan ajajamuu diduunshee rakkina kan itti fide akkamitti?

  6. Maqaan ijoollee Addaamiifi Hewwaan warra jalqabaa lamaan eenyu?

  7. Ijoolleen fakkicharra jiran garabiraanoo eenyu fa’i?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 3:​16-​23 fi 4:​1, 2 dubbisi.

    1. Lafti abaaramuunshee jireenya Addaamirratti miidhaa kan geessise akkamitti? (Uma. 3:​17-​19; Rom. 8:​20, 22)

    2. Maqaan Hewwaan jedhu hiiknisaa “Jiraattuu” ta’uunsaa sirrii kan ta’e maaliifi? (Uma. 3:​20)

    3. Addaamiifi Hewwaan cubbuu erga hojjetanii boodallee, Yihowaan akka isaaniif yaadu kan argisiise akkamitti? (Uma. 3:​7, 21)

  2. Mul’ata 21:​3, 4 dubbisi.

    “Wanti duraa” yeroo badu wanti arguuf hawwitu maalidha?

Seenaa 6

Mucaa Gaarii Ta’e Tokkoofi Mucaa Hamaa Ta’e Tokko

  1. Hojiin Qaayiniifi Abeel maal ture?

  2. Qaayiniifi Abeel, Yihowaadhaaf kennaawwan akkamii dhiheessan?

  3. Yihowaan kennaa Abeelitti kan gammade maaliifi? Kennaa Qaayinittihoo kan hin gammanne maaliifi?

  4. Qaayin nama akkamii ture? Yihowaanoo isa sirreessuu kan yaale akkamitti?

  5. Qaayin obboleessasaa wajjin kophaasaanii dirreerra yeroo turanitti maal godhe?

  6. Qaayin obboleessasaa erga ajjeesee booda waan isarra ga’e ibsi.

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 4:​2-​26 dubbisi.

    1. Yihowaan haalli Qaayin keessa jiru balaa akka isarraan ga’u kan ibse akkamitti? (Uma. 4:⁠7)

    2. Qaayin fedhii garaasaa keessa jiru kan mul’ise akkamitti? (Uma. 4:⁠9)

    3. Dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuu ilaalchisee, Yihowaan ilaalcha akkamii qaba? (Uma. 4:​10; Isa. 26:⁠21)

  2. 1 Yohannis 3:​11, 12 dubbisi.

    1. Qaayin baay’ee kan aare maaliifi? Kunoo yeroo har’aatti akeekkachiisa kan nuuf ta’u akkamitti? (Uma. 4:​4, 5; Fak. 14:30; 28:⁠22)

    2. Macaafni Qulqulluun, miseensonni maatii keenyaa hundi yoo Yihowaa mormanillee, jabaannee dhaabachuu akka dandeenyu kan argisiisu akkamitti? (Far. 27:10; Mat. 10:​21, 22)

  3. Yohannis 11:25 dubbisi.

    Yihowaan namoota qajeelummaadhaaf jedhanii du’aniif abdii amansiisaa akkamii kenneera? (Yoh. 5:​24)

Seenaa 7

Nama Ija Jabeessa Ta’e

  1. Henok namoota yeroo sana turanirra adda kan ture akkamitti?

  2. Namoonni bara Heenok turan wantoota baay’ee gadhee ta’an kan hojjetan maaliifi?

  3. Wantoota gadhee akkamii hojjetu turan? (Fakkicha ilaali.)

  4. Henok ija jabeessa ta’uun kan isa barbaachise maaliif?

  5. Namoonni bara sanaa hammam jiraatu turan? Henok garuu hammam jiraate?

  6. Henok erga du’ee maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 5:​21-​24, 27 dubbisi.

    1. Henok Yihowaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba ture? (Uma. 5:​24)

    2. Macaafni Qulqulluun akka jedhutti, namni namoota lafarra jiraatan hundumaa caalaa umurii dheeraa jiraate eenyu? Yommuu du’u umuriinsaa meeqa ture? (Uma. 5:​27)

  2. Uumama 6:5 dubbisi.

    Henok erga du’ee booda hammeenyi lafarratti kan baay’ate akkamitti? Kun yeroo amma keessa jiraannu kanaa wajjin kan walfakkaatu akkamitti? (2 Xim. 3:​13)

  3. Ibroota 11:5 dubbisi.

    Amala Henok isa kamtu ‘Waaqayyoon gammachiise?’ Bu’aansaahoo maal ta’e? (Uma. 5:​22)

  4. Yihudaa 14, 15 dubbisi.

    Yeroo har’aa Kiristiyaanonni waraana Armaagedoon isa fulduratti dhufu ilaalchisee, yommuu namoota akeekkachiisan, akka Henok ija jabeeyyii ta’uu kan danda’an akkamitti? (2 Xim. 4:2; Ibr. 13:⁠6)

Seenaa 8

Namoota Dhedheeroofi Humna Guddaa Qaban

  1. Ergamoota Waaqayyoo keessaa tokko tokko Seexana yommuu dhaggeeffatan maaltu ta’e?

  2. Ergamoonni tokko tokko hojiisaanii isa samiirraa dhiisanii gara lafaatti kan dhufan maaliifi?

  3. Ergamoonni gara lafaa dhufanii qaama namaa uffachuunsaanii dogoggora kan ta’e maaliifi?

  4. Ijoolleen Ergamoota sanaa warra kaanirra adda kan turan maaliini?

  5. Akka fakkicharratti argitutti, ijoolleen ergamoota sanaa yommuu guguddatanitti maal gochuu jalqaban?

  6. Henokin booda, namni gaariin lafarra jiraate eenyu? Waaqayyo kan isa jaallatehoo maaliifi?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 6:​1-8 dubbisi.

    Akkaataan amala keenyaa, miira Yihowaa kan tuqu ta’uusaa Uumamni 6:6 kan ibsu akkamitti? (Far. 78:​40, 41; Fak. 27:⁠11)

  2. Yihudaa 6 dubbisi.

    Ergamoonni bara Nohi, “lafa taa’umsa isaanii gad dhiisan” bara keenyatti akeekkachiisa kan nuuf ta’an akkamitti? (1 Qor. 3:​5-9; 2 Phe. 2:​4, 9, 10)

Seenaa 9

Nohi Markaba Hojjete

  1. Maatiin Nohi meeqa turan? Maqaan ijoolleesaa sadanihoo eenyu fa’i?

  2. Waaqayyo Nohiif hojii haaraa akkamii kenneef? Maaliifi?

  3. Nohi waa’ee markabichaa yeroo isaanitti himetti, ollaawwansaa deebii akkamii kennan?

  4. Waaqayyo Nohi bineensota maal akka godhu itti hime?

  5. Waaqayyo balbala markabichaa erga cufee booda, Nohiifi maatiinsaa maal gochuu qabu turan?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 6:​9-​22 dubbisi.

    1. Nohi, Waaqa dhugaa waaqeffachuudhaan fakkeenya gaarii kan ta’e akkamitti? (Uma. 6:​9, 22)

    2. Yihowaan humnaan walirratti ka’uudhaaf ilaalcha akkamii qaba? Kunoo bashannana filannu kan tuqu akkamitti? (Uma. 6:​11, 12; Far. 11:⁠5)

    3. Qajeelfamni jaarimiyaa Yihowaarraa yommuu nuu kennamu, fakkeenya Nohi hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Uma. 6:​22; 1 Yoh. 5:⁠3)

  2. Uumama 7:​1-9 dubbisi.

    Yihowaan, nama gonkummaa hin qabaanne Nohiin akka qajeelaatti ilaaluunsaa, yeroo har’aa kan nu jajjabeessu akkamitti? (Uma. 7:1; Fak. 10:16; Isa. 26:⁠7)

Seenaa 10

Bishaan Badiisaa Isa Guddaa

  1. Erga bokkichi roobuu jalqabee booda, namni tokkoyyuu gara markabaatti seenuu kan hin dandeenye maaliifi?

  2. Yihowaan bokkicha kan roobse guyyaa meeqaafi halkan meeqaafidha? Bishaanichihoo lafarraa hammam ol ka’ee ture?

  3. Bishaanichi lafarra guutaa yeroo adeemutti markabichi maal ta’e?

  4. Ijoolleen ergamootaa sun Bishaan Badiisaa sana jalaa oolaniiruu? Abbootiinsaaniihoo maal ta’an?

  5. Ji’oota shan booda markabichi maal ta’e?

  6. Nohi, qurruu sana markaba keessaa baasee kan erge maaliifi?

  7. Nohi bishaan lafarraa hir’achaa akka jiru akkamitti bare?

  8. Iniifi maatiinsaa markabicha keessa waggaa tokkoo ol erga turanii booda, Waaqayyo Nohiin maal jedheen?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 7:​10-​24 dubbisi.

    1. (a) Lubbuun lafarratti argamu hundi guutummaatti kan balleeffame akkamitti? (Uma. 7:​23)

    2. (b) Bishaan Badiisaa lafarraa hir’achuuf yeroo hammamii fudhate? (Uma. 7:​24)

  2. Uumama 8:​1-​17 dubbisi.

    Uumamni 8:​17 kaayyoon Yihowaan lafaaf qabu akka hin jijjiiramne kan argisiisu akkamitti? (Uma. 1:​22)

  3. 1 Phexros 3:​19, 20 dubbisi.

    1. (a) Ergamoonni hamoon gara samiitti yommuu deebi’an firdii akkamiitu itti faradame? (Yih. 6)

    2. (b) Seenaan Nohiifi maatiisaa, dandeettii Yihowaan sabasaa oolchuuf qaburratti amantaa qabnu kan nuuf jabeessu akkamitti? (2 Phe. 2:⁠9)

Seenaa 11

Sabbata Jalqabaa

  1. Fakkicharraa akka arginutti, Nohi akkuma markaba keessaa ba’een jalqaba maal godhe?

  2. Bishaan Badiisaa booda, Waaqayyo Nohiifi maatiisaatiif abboommii maalii kenneef?

  3. Waaqayyo waadaa maalii gale?

  4. Yeroo sabbata Waaqaa arginu maal yaadachuu qabna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 8:​18-​22 dubbisi.

    1. (a) Yeroo har’aatti, “foolii isa garaa ciibsu” Yihowaadhaaf dhiheessuu kan dandeenyu akkamitti? (Uma. 8:​21; Ibr. 13:​15, 16)

    2. (b) Yihowaan yaada garaa namootaa ilaalchisee maal hubateera? Kanaafuu of eeggannoo maalii gochuu qabna? (Uma. 8:​21; Mat. 15:​18, 19)

  2. Uumama 9:​9-​17 dubbisi.

    1. (a) Yihowaan uumama lafarra jiru hundumaa wajjin kakuu maalii gale? (Uma. 9:​10, 11)

    2. (b) Kakuun sabbata Waaqaa kan itti fufu hanga yoomiitti? (Uma. 9:​16)

Seenaa 12

Namoonni Gamoo Guddaa Ijaaran

  1. Naamrud eenyu ture? Waaqayyo akkamitti isa ilaala ture?

  2. Akka fakkicharratti arginutti, namoonni suphee kan tolchan maaliifi?

  3. Yihowaan ijaarsasaanii kanatti kan hin gammanne maaliif ture?

  4. Waaqayyo hojii ijaarsaa gamoo kana kan dhaabsise akkamitti?

  5. Maqaan magaalattiin ittiin waamamtu maal ture? Hiikni maqaa kanaahoo maalidha?

  6. Waaqayyo erga afaansaanii waliin makee booda jarri akkam ta’an?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 10:​1, 8-​10 dubbisi.

    Naamrud amalawwan akkamii argisiise? Kunoo akeekkachiisa akkamii nuuf ta’a? (Fak. 3:​31)

  2. Uumama 11:​1-9 dubbisi.

    Gamoo kana ijaaruuf kan isaan kakaase maal ture? Ijaarsisaanii utuu fiixaan hin ba’in kan hafe maaliifi? (Uma. 11:4; Fak. 16:18; Yoh. 5:​44)

Seenaa 13

Michuu Waaqayyoo Kan Ture Abrahaam

  1. Magaalaa Ur keessa namoota akkamiitu jiraata ture?

  2. Namni fakkii kanarratti argitu eenyudha? Yoom dhalate? Kan jiraatuho eessa ture?

  3. Waaqayyo Abrahaam maal akka godhu itti hime?

  4. Abrahaam michuu Waaqayyoo jedhamee kan waamame maaliifi?

  5. Abrahaam biyya Urii yommuu ba’etti, eenyufaatu isaa wajjin adeeme?

  6. Abrahaam biyya Kana’aan yommuu ga’etti Waaqayyo maal itti hime?

  7. Abrahaam umuriinsaa 99 yeroo turetti, Waaqayyo kakuu akkamii galeef?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 11:​27-​32 dubbisi.

    1. (a) Abrahaamifi Loox firooma maalii qabu turan? (Uma. 11:⁠27)

    2. (b) Taaraan maatiisaa gara Kana’aanitti geessuunsaa kan beekamu ta’uyyuu, adeemsa kana kan jalqabe Abrahaam ta’uusaa akkamitti beekna? Abrahaam akkas kan godhehoo maaliifi? (Uma. 11:31; HoE. 7:​2-4)

  2. Uumama 12:​1-7 dubbisi.

    Abrahaam erga biyya Kana’aanitti galee booda, Yihowaan dabalataan abdii akkamii isaaf kenne? (Uma. 12:⁠7)

  3. Uumama 17:​1-8, 15-​17 dubbisi.

    1. (a) Abraam yommuu umuriinsaa 99 ta’etti maqaansaa eenyutti jijjiirame? Maaliif? (Uma. 17:⁠5)

    2. (b) Yihowaan fulduratti Saaraa eebbisuuf waadaa maalii gale? (Uma. 17:​15, 16)

  4. Uumama 18:​9-​19 dubbisi.

    1. (a) Uumama 18:19 rratti abbootiidhaaf itti gaafatamummaa akkamiitu kenname? (Kes. 6:​6, 7; Efe. 6:⁠4)

    2. (b) Muuxannoo Saaraa isa kamtu waan tokkoyyuu Yihowaa jalaa dhoksuu akka hin dandeenye argisiisa? (Uma. 18:​12, 15; Far. 44:⁠21)

Seenaa 14

Waaqayyo Amantii Abrahaam Qore

  1. Waaqayyo Abrahaamiif waadaa maalii gale? Kanahoo kan raawwate akkamitti?

  2. Akkuma fakkii kanarratti argamutti, Waaqayyo amantii Abrahaam kan qore akkamitti?

  3. Abrahaam Waaqayyo maaliif akka isa abboome hubachuu baatus maal godhe?

  4. Abrahaam yommuu ilmasaa qaluuf haaduu fudhetti maaltu ta’e?

  5. Amantiin Abrahaam Waaqayyorratti qabu hammam jabaa ture?

  6. Waaqayyo, Abrahaam aarsaa akka dhiheessuuf maal isaaf qopheesse? Akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 21:​1-7 dubbisi.

    Abrahaam ilmasaa guyyaa saddeettaffaatti kan dhagna qabe maaliifi? (Uma. 17:​10-​12; 21:⁠4)

  2. Uumama 22:​1-​18 dubbisi.

    Yisihaq abbaasaa Abrahaamiif akka abboomamu kan argiisiise akkamitti? Kunoo wanta guddaa fuulduratti raawwatamuuf fakkeenya kan ta’e akkamitti? (Uma. 22:​7-9; 1 Qor. 5:7; Filp. 2:​8, 9)

Seenaa 15

Haati Manaa Loox Gara Duubaa Ilaalte

  1. Abrahaamiifi Loox kan gargar ba’an maaliifi?

  2. Loox biyya Sodoom keessa jiraachuu kan filate maaliifi?

  3. Namoonni Sodoom namoota akkamii turan?

  4. Ergamoonni lama Looxiif akeekkachiisa akkamii kennan?

  5. Haati manaa Loox utubaa soogiddaa kan taate maaliifi?

  6. Wanta haadha manaa Looxirra ga’erraa barumsa maalii arganna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 13:​5-​13 dubbisi.

    Wal dhabiinsa nu gidduutti uumamu akkaataa itti hiiknu ilaalchisee Abrahaamirraa barumsa akkamii argachuu dandeenya? (Uma. 13:​8, 9; Rom. 12:10; Filp. 2:​3, 4)

  2. Uumama 18:​20-​33 dubbisi.

    Haalli itti Yihowaan Abrahaamiin qabe, Yihowaaniifi Yesus qajeelummaadhaan akka faradan kan nuuf mirkaneessuu akkamitti? (Uma. 18:​25, 26; Mat. 25:​31-​33)

  3. Uumama 19:​1-​29 dubbisi.

    1. (a) Seenaan Macaafa Qulqulluu kun, Waaqayyo, saalqunnamtii namoota saala walfakkaatu qaban gidduutti godhamuf ilaalcha maalii akka qabu ibsa? (Uma. 19:​5, 13; Lew. 20:⁠13)

    2. (b) Akkaataa Abrahaamifi Loox qajeelfama Waaqayyootiif deebii itti kennanirratti garaagarummaa maalii argina? Kanarraahoo maal barachuu dandeenya? (Uma. 19:​15, 16, 19, 20; 22:⁠3)

  4. Luqaas 17:​28-​32 dubbisi.

    Haati manaa Loox qabeenyaaf ilaalcha akkamii qabdi turte? Kunoo nuuf akeekkachiisa kan ta’u akkamitti? (Luq. 12:15; 17:​31, 32; Mat. 6:​19-​21, 25)

  5. 2 Phexros 2:​6-8 dubbisi.

    Fakkeenya Loox fudhachuudhaan, addunyaa Waaqayyo malee jiraatuufi nu marsee jiru kanaaf, ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? (His. 9:4; 1 Yoh. 2:​15-​17)

Seenaa 16

Yisihaq Haadha Manaa Gaarii Argate

  1. Namichiifi dubartiin fakkii kanarra jiran eenyufa’i?

  2. Abrahaam ilmasaatiif haadha manaa argachuuf maal godhe? Kan akkas godhehoo maaliifi?

  3. Kadhannaan hojjetaa Abrahaam dhiheesse deebii kan argate akkamitti?

  4. Ribqaan, Yisihaqitti heerumuuf fedhii qabaachuushee yommuu gaafatamtu deebii akkamii laatte?

  5. Yisihaqiin maaltu gaddasaa isa irraanfachiise?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 24:​1-​67 dubbisi.

    1. (a) Ribqaan boolla bishaanii biratti hojjetaa Abrahaamiin yommuu argitetti, amalawwan gaarii akkamii argisiiste? (Uma. 24:​17-​20; Fak. 31:​17, 31)

    2. (b) Qophiin Abrahaam Yisihaqif godhe Kiristiyaanota yeroo har’aatti argamaniif fakkeenya gaarii akkamii ta’a? (Uma. 24:​37, 38; 1 Qor. 7:​39; 2 Qor. 6:​14)

    3. (c) Akkuma Yisihaq godhe, nuyis xiinxaluuf yeroo ramaduu kan qabnu maaliifi? (Uma. 24:63; Far. 77:12; Filp. 4:⁠8)

Seenaa 17

Lakkuu Wal Hin Fakkaanne

  1. Esaawuufi Yaaqoob eenyu fa’i? Addadda kan turanoo akkamitti?

  2. Esaawuufi Yaaqoob yeroo akaakayyuunsaanii Abrahaam du’etti, umuriinsaanii meeqa ture?

  3. Esaawu wanta haadhaafi abbaasaa baay’ee gaddisiisu akkamii hojjete?

  4. Esaawu obboleessasaa Yaaqoobitti baay’ee kan aare maaliifi?

  5. Yisihaq ilmasaa Yaaqoobiif qajeelfama maalii kenneef?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 25:​5-​11, 20-​34 dubbisi.

    1. (a) Yihowaan ijoollee dhiiraa lamaan Ribqaan deessu ilaalchisee raajii maalii dubbate? (Uma. 25:⁠23)

    2. (b) Mirga hangafummaa ilaalchisee, ilaalcha Yaaqoobiifi Esaawu gidduu addaddummaa akkamiitu ture? (Uma. 25:​31-​34)

  2. Uumama 26:​34, 35; 27:​1-​46; fi 28:​1-5 dubbisi.

    1. (a) Esaawu wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa akka hin qabaanne kan argisiise akkamitti? (Uma. 26:​34, 35; 27:⁠46)

    2. (b) Yaaqoob eebba Waaqayyoo akka argatuuf Yisihaq maal akka godhu itti hime? (Uma. 28:​1-4)

  3. Ibroota 12:​16, 17 dubbisi.

    Fakkeenyi Esaawu, namoonni wantoota qulqulluu tuffatan bu’aansaanii maal akka ta’e argisiisa?

Seenaa 18

Yaaqoob Gara Kaaraan Dhaqe

  1. Shamarreen fakkii kanarra jirtu eenyudha? Yaaqoob maal godheef?

  2. Yaaqoob Raaheliin fuudhuuf jecha maal gochuuf walii gale?

  3. Yeroon Yaaqoob Raaheliin itti fuudhu ennaa ga’u Laabaan maal godhe?

  4. Yaaqoob Raaheliin fuudhuuf maal gochuuf walii gale?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 29:​1-​30 dubbisi.

    1. (a) Yeroo Laabaan isa gowwoomsettillee Yaaqoob garraamii ta’uusaa kan argisiise akkamitti? Nuyi kanarraa maal barachuu dandeenya? (Uma. 25:27; 29:​26-​28; Mat. 5:​37)

    2. (b) Fakkeenyi Yaaqoob garaagarummaa jaalala dhugaafi jaalala sinsinnii gidduu jiru kan nu hubachiisu akkamitti? (Uma. 29:​18, 20, 30; Wed. 8:⁠6)

    3. (c) Dubartoonni arfan miseensa maatii Yaaqob ta’aniifi boodas ijoollee isaaf da’an eenyu fa’i? (Uma. 29:​23, 24, 28, 29)

Seenaa 19

Yaaqoob Maatii Guddaa Qaba

  1. Maqaan ijoolleen Yaaqoob, Liyaa haadha manaasaa ishee jalqabaarraa godhate ja’an eenyu fa’i?

  2. Hojjettuun Liyaa, Zilfaan Yaaqoobiif ijoollee lamaan kam deesse?

  3. Hojjettuun Raahel, Bilhaan Yaaqoobiif ijoollee lamaan kam deesse?

  4. Ijoolleen lamaan Raahel deesse eenyufa’i? Haata’u malee, mucaa isa lammaffaa yommuu deessetti maaltu ta’e?

  5. Akka fakkicharratti arginutti Yaaqoob ijoollee meeqa qaba? Isaanirraahoo maaltu argame?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 29:​32-​35; 30:​1-​26; fi 35:​16-​19 dubbisi.

    Akka maqaa ijoollee Yaaqoob 12aanirraa hubachuu dandeenyutti, bara duriitti, maqaan ilmaan Ibrootaa kan moggaafamu akkamitti ture?

  2. Uumama 37:35 dubbisi.

    Macaafa Qulqulluu keessatti kan caqafame maqaa Dhinee qofaa ta’us, Yaaqoob ijoollee durbaa garabiraas akka qabu akkamitti beekuu dandeenya? (Uma. 37:​34, 35)

Seenaa 20

Dhineen Rakkoorra Buute

  1. Abrahaamiifi Yishaq ijoolleensaanii namoota biyya Kana’aanitti akka hin heerumne ykn akka hin fuune kan barbaadan maaliifi?

  2. Yaaqoob, intallisaa durboota Kana’aan hiriyyaa godhachuusheetti gammadee turee?

  3. Fakkicharratti namni Dhinee ilaalaa jiru eenyudha? Innoo wanta gadhee akkamii raawwate?

  4. Obboloonni Dhinee, Shimi’ooniifi Lewwiin wanta raawwatame yommuu dhaga’an maal godhan?

  5. Yaaqoob wanata Shimi’ooniifi Lewwiin godhanitti gammadeeraa?

  6. Maatiinsaanii hundi rakkina keessa galuu kan jalqabe akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 34:​1-​31 dubbisi.

    1. (a) Dhineen ijoollee durbaa biyya Kana’aanii wajjin hiriyoomuunshee waan al tokko ta’edhamoo wanta irra deddeebi’amedha? Ibsi. (Uma. 34:1 NW)

    2. (b) Dhineen durbummaashee dhabuusheetiin kan itti gaafatamu ishumadha kan jennu maaliifi? (Gal. 6:⁠7)

    3. (c) Dargaggoonni yeroo har’aa jiran, fakkeenya akeekkachiisaa Dhineerraa argatan qalbeeffachuusaanii argisiisuu kan danda’an akkamitti? (Fak. 13:20; 1 Qor. 15:33; 1 Yoh. 5:​19)

Seenaa 21

Obboloonni Yoseef Isa Jibban

  1. Obboloonni Yoseef kan isatti hinaafan maaliifi? Boodahoo maal godhan?

  2. Obboloonni Yoseef maal isa gochuu barbaadu turan? Ruuben garuu maal jedhe?

  3. Daldaltoonni biyya Ishmaa’el yommuu karaa sanarra dhufan maaltu ta’e?

  4. Obboloonni Yoseef, abbaansaanii Yoseef du’eera jedhee akka amanu gochuuf maal godhan?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 37:​1-​35 dubbisi.

    1. (a) Kiristiyaanonni wanta dogoggoraa hojjetamu gumiitti beeksisuudhaan, fakkeenya Yoseef hordofuu kan danda’an akkamitti? (Uma. 37:2; Lew. 5:1; 1 Qor. 1:​11)

    2. (b) Obboloonni Yoseef akka isarratti hammaatan kan isaan godhe maali? (Uma. 37:​11, 18; Fak. 27:4; Yaq. 3:​14-​16)

    3. (c) Yaaqoob gaddasaa karaa baramaa ta’e isa kamiin ibse? (Uma. 37:⁠35)

Seenaa 22

Yoseef Mana Hidhaa Gale

  1. Yoseef gara biyya Gibxiitti yeroo geessame umuriinsaa meeqa ture? Yommuu achi ga’u maaltu ta’e?

  2. Yoseef mana hidhaa kan gale maaliifi?

  3. Mana hidhaa keessatti Yoseefiif itti gaafatamummaa akkamiitu kenname?

  4. Yoseef mana hidhaatti, nama mootii Gibxiif dhugaatii dhiheessuufi nama buddeena isaaf tolchuuf maal godhe?

  5. Namichi dhugaatii dhiheessu mana hidhaatii erga gadhiifamee booda maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 39:​1-​23 dubbisi.

    Bara Yoseefitti, ejjuun dogoggora ta’uusaa ilaalchisee seerri Waaqayyo barreessise kan hin jirre erga ta’ee, Yoseef haadha manaa Phoxiifaar jalaa akka baqatu kan isa godhe maalidha? (Uma. 2:​24; 20:3; 39:⁠9)

  2. Uumama 40:​1-​23 dubbisi.

    1. (a) Abjuun namicha mootii Gibxiif dhugaatii dhiheessuu maal akka tureefi hiikni abjuu kanaa Yihowaan Yoseefiif ibsee maal akka ta’e gabaabsii ibsi. (Uma. 40:​9-​13)

    2. (b) Namichi buddeena tolchu maal abjoote? Hiiknisaahoo maal ture? (Uma. 40:​16-​19)

    3. (c) Yeroo har’aatti, kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessi fakkeenya Yoseef kan hordofe akkamitti? (Uma. 40:8; Far. 36:9; Yoh. 17:17; HoE. 17:​2, 3)

    4. (d) Uumamni 40:20 guyyaa dhalootaa kabajuu ilaalchisee, ilaalchi Kiristiyaanotaa maal ta’u akka qabu kan ibsu akkamitti? (Lal. 7:1; Mar. 6:​21-​28)

Seenaa 23

Abjuu Fara’oon

  1. Gaaf tokko halkan mootii warra Gibxiirra maaltu ga’e?

  2. Namichi dhugaatii dhiheessu dhumarratti Yoseefiin kan yaadate maaliifi?

  3. Fakkicharraa akka arginutti, Mootiin warra Gibxii abjuuwwan akkamii lama abjoote?

  4. Yoseef abjicha maal jedhee hiike?

  5. Yoseef, Fara’oonitti aanee biyya Gibxii keessatti nama aangoo guddaa qabu kan ta’e akkamitti?

  6. Obboloonni Yoseef gara biyya warra Gibxii kan dhaqan maaliifi? Kan isa wallaalanoo maaliifi?

  7. Yoseef abjuusaa isa kam yaadate? Kunoo maal akka hubatu isa gargaareera?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 41:​1-​57 dubbisi.

    1. (a) Yoseef Yihowaadhaaf ulfina kan kenne akkamitti? Yeroo har’aa Kiristiyaanonni fakkeenyasaa hordofuu kan danda’an karaa kamiini? (Uma. 41:​16, 25, 28; Mat. 5:​16; 1 Phe. 2:​12)

    2. (b) Biyya Gibxii keessatti waggoonni quufaa, itti aanseemmoo waggoonni beelaa kan turan ta’uunsaa, haala sabni Yihowaafi Sabni Kiristiyaanaa yeroo har’aa karaa hafuuraa keessa jiranii wajjin kan wal bira qabamu akkamitti? (Uma. 41:​29, 30; Amo 8:​11, 12)

  2. Uumama 42:​1-8 fi 50:⁠20 dubbisi.

    Waaqeffattoonni Yihowaa, aadaa biyya sanaa yoo ta’e nama aangoo qabu tokko kabajuuf qomma’uunsaanii dogoggoradhaa? (Uma. 42:⁠6)

Seenaa 24

Yoseef Obbolootasaa Qore

  1. Yoseef isin gaaddota jedhee obbolootasaatiin kan morme maaliifi?

  2. Yaaqoob, ilmisaa Beniyaamin inni quxisuun gara Gibxii akka dhaqu kan heyyame maaliifi?

  3. Xoofoon meetii Yoseef qalqalloo Beniyaamin keessa kan kaa’ame akkamitti?

  4. Yihudaan, Beniyaamiiniin gadhiisisuuf maal godhe?

  5. Obboloonni Yoseef kan jijjiiraman akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 42:​9-​38 dubbisi.

    Jechi Yoseef Uumama 42:18 rrtti dubbate, namoota yeroo har’aatti jaarmiyaa Yihowaa keessatti itti gaafatamummaa qabaniif yaadachiisa gaarii kan ta’u akkamitti? (Nah. 5:​15; 2 Qor. 7:⁠1, 2)

  2. Uumama 43:​1-​34 dubbisi.

    1. (a) Hangafa kan ture Ruuben ta’us, obbolootasaa bakka bu’uudhaan kan dubbate Yihudaa ta’uusaa akkamitti beekuu dandeenya? (Uma. 43:​3, 8, 9; 44:​14, 18; 1 Sen. 5:⁠2)

    2. (b) Yoseef obbolootasaa kan qore akkamitti? Maaliif? (Uma. 43:​33, 34)

  3. Uumama 44:​1-​34 dubbisi.

    1. (a) Yoseef obboloonnisaa akka isa hin barre gochuuf, mala akkamiitiin gargaarame? (Uma. 44:​5, 15; Lew. 19:⁠26)

    2. (b) Obboloonni Yoseef, hinaaffaa dura obboleessasaaniirratti qaban dhiisuusaanii kan argisiisan akkamitti? (Uma. 44:​13, 33, 34)

Seenaa 25

Maatichi Gibxiitti Gale

  1. Yoseef eenyummaasaa obbolootasaatti yommuu himu maaltu ta’e?

  2. Yoseef gaarummaadhaan obbolootasaatti maal hime?

  3. Mootiin warra Gibxii waa’ee obboloota Yoseef yeroo dhaga’e maal jedhe?

  4. Maatiin Yaaqoob gara biyya Gibxiitti yommuu dhaqan hammam baay’atu turan?

  5. Maatiin Yaaqoob eenyu jedhamee waamame? Maaliif?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Uumama 45:​1-​28 dubbisi.

    Seenaan Macaafa Qulqulluu waa’ee Yoseef dubbatu, Yihowaan hammeenya tajaajiltootasaarratti karoorfame waan gaaritti jijjiiruu akka danda’u kan argisiisu akkamitti? (Uma. 45:​5-8; Isa. 8:​10; Filp. 1:​12-​14)

  2. Uumama 46:​1-​27 dubbisi.

    Yaaqoob yommuu gara Gibxii dhaqu Yihowaan maal jedhee waadaa galeef? (Uma. 46:​1-4)

Seenaa 26

Iyoob Waaqayyoof Amanamaa Ture

  1. Iyoob eenyu ture?

  2. Seexanni maal gochuuf yaale? Haata’u malee, isaaf mijaa’eeraa?

  3. Yihowaan Seexanni maal akka godhu isaaf heyyame? Maaliif?

  4. Haati manaa Iyoob “Waaqayyoon arrabsii du’i!” kan isaan jette maaliifi? (Fakkicha ilaali.)

  5. Fakkii isa lammaffaarratti akka argitutti, Yihowaan Iyoobiin kan eebbise akkamitti? Maaliif?

  6. Nuyis akkuma Iyoob Yihowaadhaaf amanamoo yoo taane eebba akkamii arganna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Iyoob 1:​1-​22 dubbisi.

    Yeroo har’aatti Kiristiyaanonni fakkeenya Iyoob hordofuu kan danda’an akkamitti? (Iyo. 1:1; Filp. 2:​15; 2 Phe. 3:​14)

  2. Iyoob 2:​1-​13 dubbisi.

    Iyoobiifi haati manaasaa ari’atama Seexanarraa isaanirra ga’eef deebii kan kennan karaa lamaan addaddaa kamiini? (Iyo. 2:​9, 10; Fak. 19:3; Mik. 7:7; Mil. 3:​14)

  3. Iyoob 42:​10-​17 dubbisi.

    1. (a) Badhaasni Iyoob Yihowaarraa argateefi Yesus jireenyasaa guutuutti amanamaa ta’uusaatiin argate kan walfakkaatu akkamitti? (Iyo. 42:12; Filp. 2:​9-​11)

    2. (b) Iyoob Waaqayyoof amanamaa ta’ee dhaabachuusaatiin eebbifamuunsaa kan nu jajjabeessu akkamitti? (Iyo. 42:​10, 12; Ibr. 6:​10; Yaq. 1:​2-4, 12; 5:​11)

Seenaa 27

Mootii Hamaan Tokko Biyya Gibxii Bulchuu Jalqabe

  1. Fakkii kanarratti, namichi qaccee qabate eenyudha? Kan inni reebaa jiruhoo eenyunidha?

  2. Yoseef erga du’ee booda Israa’elootarra maaltu ga’e?

  3. Warri Gibxii Israa’eloota kan sodaatan maaliifi?

  4. Fara’oon dubartoota Israa’eloota deessisaniif ajaja akkamii kenne?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ba’uu 1:​6-​22 dubbisi.

    1. (a) Yihowaan kakuu Abrahaamiif gale raawwachuu kan jalqabe karaa kamiini? (Bau. 1:7; Uma. 12:2; HoE. 7:​17)

    2. (b) Deessistoonni Ibrootaa sun lubbuudhaaf ulfina akka kennan kan argisiisan akkamitti? (Bau. 1:​17; Uma. 9:⁠6)

    3. (c) Deessistoonni sun Yihowaadhaaf amanamuusaaniitiin kan kiisaman akkamitti? (Bau. 1:​20, 21; Fak. 19:⁠17)

    4. (d) Seexanni, sanyii karaa Abrahaam abdachiifame ilaalchisee kaayyoo Yihowaan baase fashaleessuuf yaalii kan godhe akkamitti? (Bau. 1:​22; Mat. 2:​16)

Seenaa 28

Akkaataa Museen Itti Oole

  1. Mucaan fakkii kanarra jiru eenyu? Kan inni qabate jiruhoo quba eenyuuti?

  2. Haati Musee mucaashee du’arraa oolchuuf maal goote?

  3. Intalli xinnoon fakkii kanarra jirtu eenyudha? Isheenoo maal gochaa jirti?

  4. Intalli Fara’oon mucicha yommuu argattutti, Miiryaam yaada maalii dhiheessiteef?

  5. Intalli mootichaa haadha Museetiin maal jette?

Gaaffii dabalataa:

  1. Ba’uu 2:​1-​10 dubbisi.

    Haati Musee yeroo inni mucaa xinnoo turetti isa leenjisuufi isa barsiisuuf carraa akkamii argattee turte? Kunoo warra yeroo har’aa argamaniif fakkeenya akkamii ta’a? (Bau. 2:​9, 10; Kes. 6:​6-9; Fak. 22:6; Efe. 6:4; 2 Xim. 3:​15)

Seenaa 29

Museen kan Baqate Maaliifi

  1. Museen eessatti guddate? Haata’u malee, waa’ee warrasaa maal beeka ture?

  2. Museen umuriinsaa waggaa 40 yeroo turetti maal godhe?

  3. Museen, namicha Israa’el isa obboleessasaarra miidhaa geessisaa tureen maal jedhe? Namichoo maal jedhee deebiseef?

  4. Museen biyya Gibxii kan baqate maaliifi?

  5. Museen garamitti baqate? Achittoo eenyuu wajjin wal bare?

  6. Museen erga biyya Gibxii baqatee booda, waggaa 40af maal hojjechaa ture?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ba’uu 2:​11-​25 dubbisi.

    Museen waggoota hedduudhaaf ogummaa warra Gibxii kan barate ta’us, Yihowaafi sabasaatiif amanamaa ta’uusaa kan argisiise akkamitti? (Bau. 2:​11, 12; Ibr. 11:⁠24)

  2. Hojii Ergamootaa 7:​22-​29 dubbisi.

    Museen kophaasaa garbummaa warra Gibxii jalaa Israa’eloota baasuuf yaalii inni godherraa barumsa maalii argachuu dandeenya? (HoE. 7:​23-​25; 1 Phe. 5:​6, 10)

Seenaa 30

Huuxxii Boba’u

  1. Maqaan gaara fakkii kanarratti argitu maal jedhama?

  2. Museen hoolotasaa qabatee gara gaara kanaatti yommuu ol ba’u waan haaraa akkamii akka arge ibsi.

  3. Sagaleen tokko huuxxii gubatu keessaa maal jedhe? Sagalichi kan eenyuu ture?

  4. Museen Saba Waaqayyoo biyya Gibxii akka baasu yommuu Waaqayyo isatti himetti maal jedhe?

  5. Waaqayyo, sabni Israa’el eenyutu si erge jedhanii yoo Musee gaafatan, maal jedhee akka isaaniif deebisu itti hime?

  6. Museen Waaqayyo kan isa erge ta’uusaa kan isaaniif mirkaneesse akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ba’uu 3:​1-​22 dubbisi.

    Hojii ti’ookraasii nuuf kenname raawwachuuf ga’eessota akka hin taane yoo nutti dhaga’ame, fakkeenyi Musee Yihowaan akka nu gargaaru kan nuuf mirkaneessu akkamitti? (Bau. 3:​11, 13; 2 Qor. 3:​5, 6)

  2. Ba’uu 4:​1-​20 dubbisi.

    1. (a) Museen waggaa 40 biyya Miidiyaanitti dabarse, ilaalchasaarratti jijjiirama akkamii godhe? Obboloonni gumii keessatti mirga argachuuf carraaqan kanarraa maal barachuu danda’u? (Bau. 2:​11, 12; 4:​10, 13; Mik. 6:8; 1 Xim. 3:​1, 6, 10)

    2. (b) Yihowaan karaa jaarmiyaasaa kan nu adabu ta’us, fakkeenyi Musee amantaa akkamii akka qabaannu nu godha? (Bau. 4:​12-​14; Far. 103:14; Ibr. 12:​4-​11)

Seenaa 31

Museefi Aaron Fara’oon Duratti Dhihaatan

  1. Dinqiiwwan Museefi Aaron hojjetan Israa’elootarratti dhiibbaa maalii geessisan?

  2. Museefi Aaron Fara’ooniin maal jedhaniin? Fara’oonoo maal jedhee deebiseef?

  3. Akkuma fakkicharratti arginutti, Aaron uleesaa lafatti yommuu darbatu maaltu ta’e?

  4. Yihowaan Fara’ooniif barumsa kan kenne akkamitti? Deebiin Fara’oonoo maal ture?

  5. Dha’icha kurnaffaa booddee maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ba’uu 4:​27-​31 fi 5:​1-​23 dubbisi.

    Fara’oon: “Ani Waaqayyoon hin beeku” ennaa jedhu maal jechuusaa ture? (Bau. 5:2; 1 Sam. 2:​12; Rom. 1:​21)

  2. Ba’uu 6:​1-​13, 26-​30 dubbisi.

    1. (a) Yihowaan, Abrahaamiif, Yisihaqiifi Yaaqoobiif kan hin beekamne karaa kamiini? (Bau. 3:​13, 14; 6:3; Uma. 12:⁠8)

    2. (b) Museen hojii Yihowaan isatti kenne raawwachuuf ga’aa akka hin taane itti dhaga’amus, Yihowaan isatti gargaaramuunsaa maal akka nutti dhaga’amu godha? (Bau. 6:​12, 30; Luq. 21:​13-​15)

  3. Ba’uu 7:​1-​13 dubbisi.

    1. (a) Museefi Aaron ija jabinaan firdii Yihowaa Fara’oonitti himuusaaniitiin, tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo har’aa jiraniif fakkeenya kan ta’an akkamitti? (Bau. 7:​2, 3, 6; HoE. 4:​29-​31)

    2. (b) Yihowaan, waaqolii Gibxiirratti olaantummaasaa kan argisiise akkamitti? (Bau. 7:​12; 1 Sen. 29:12)

Seenaa 32

Dha’ichawwan Kurnan

  1. Fakkiiwwan asirra jiran ilaaluudhaan, dha’ichi jalqabaa sadan Yihowaan biyya Gibxiirratti fide ibsi.

  2. Dha’ichi sadan jalqabaafi dha’ichi kaan garaagarummaa maalii qabu?

  3. Dha’ichi arfaffaan, shanaffaaniifi ja’affaan maalfaa turan?

  4. Dha’ichi torbaffaan, saddeettaffaaniifi sagalaffaan maal akka ta’an ibsi

  5. Yihowaan, dha’icha kurnaffaa dura Israa’eloonni maal akka godhan itti hime?

  6. Dha’ichi kurnaffaan maal ture? Sanaan boodahoo maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ba’uu 7:⁠19–8:​23 dubbisi.

    1. (a) Qaallonni Gibxii dha’icha jalqabaa lamaan Yihowaan buuse isaanis fiduu danda’aniyyuu, dha’icha sadaffaa booda maal amanuuf dirqamaniiru? (Bau. 8:​18, 19; Mat. 12:​24-​28)

    2. (b) Dha’ichi arfaffaan, Yihowaan sabasaa eeguuf dandeettii akka qabu kan argisiise akkamitti? Sabni Waaqayyoo kana beekuunsaanii, yeroo “rakkina guddaa” ni dhufa jedhame dura dhaabatanitti maal akka isaanitti dhaga’amu godha? (Bau. 8:​22, 23; Mul. 7:​13, 14; 2 Sen. 16:⁠9)

  2. Ba’uu 8:​24; 9:​3, 6, 10, 11, 14, 16, 23-​25; fi 10:​13-​15, 21-​23 dubbisi.

    1. (a) Dha’icha Kurnanirratti gareewwan gargar baafaman lamaan kam fa’i? Kun ilaalcha gareewwan bara keenya jiraniif qabnu kan xuqu akkamitti? (Bau. 8:​10, 18, 19; 9:​14)

    2. (b) Yaadni Ba’uu 9:​16 rratti argamu, Yihowaan, Seexanni hanga ammaatti akka turu maaliif akka heyyame hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Rom. 9:​21, 22)

  3. Ba’uu 12:​21-​32 dubbisi.

    Waaqayyo, hangafoota warra Gibxii yeroo balleessetti, manneen Israa’elootaa bira darbuunsaa namoonni hedduun akka oolan kan godhe akkamitti? Kunoo maaliif fakkeenya ta’a? (Bau. 12:​21-​23; Yoh. 1:​29; Rom. 5:​18, 19, 21; 1 Qor. 5:⁠7)

Seenaa 33

Galaana Diimaa Ce’uu

  1. Dhiironni Israa’el dubartootaafi ijoollee wajjin biyya Gibxiitii ennaa ba’an meeqa turan? Isaanii wajjinoo eenyufaatu ba’e?

  2. Israa’eloonni erga ba’anii booda Fara’oonitti maaltu dhaga’ame? Kanaaf maal godhe?

  3. Yihowaan, warri Gibxii sabasaa miidhuu akka dhaaban gochuuf maal godhe?

  4. Museen uleesaa Galaana Diimaarratti yommuu diriirsetti maaltu ta’e? Israa’eloonnihoo maal godhan?

  5. Warri Gibxii Israa’eloota duukaa ariitiidhaan galaanichatti yeroo nam’an maaltu ta’e?

  6. Israa’eloonni badiisa jalaa ooluusaaniitti gammaduusaaniifi Yihowaa galateeffachuusaanii kan argisiisan akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ba’uu 12:​33-​36 dubbisi.

    Yihowaan, waggoota baay’ee biyya Gibxii keessatti garbummaadhaan erga dabarsanii booda sabasaa kan eebbise akkamitti? (Bau. 3:​21, 22; 12:​35, 36)

  2. Ba’uu 14:​1-​31 dubbisi.

    Wanti Museen Ba’uu 14:​13, 14 rratti dubbate, tajaajiltoonni Yihowaa yeroo ammaa jiran waraana Armaagedoon dura yeroo dhaabatanitti kan isaan tuqu akkamitti? (2 Sen. 20:17; Far. 91:⁠8)

  3. Ba’uu 15:​1-8, 20, 21 dubbisi.

    1. (a) Tajaajiltoonni Yihowaa, faarfannaa galataa isaaf faarfachuu kan qaban maaliifi? (Bau. 15:​1, 2; Far. 105:​2, 3; Mul. 15:​3, 4)

    2. (b) Yihowaa faarfachuu ilaalchisee Miiryaamiifi dubartoonni Galaana Diimaa biratti faarfatan, dubartoota Kiristiyaanaa yeroo ammaatiif fakkeenya maalii ta’u? (Bau. 15:​20, 21; Far. 68:⁠11)

Seenaa 34

Nyaata Haaraa

  1. Fakkii kanarratti namoonni lafaa maal funaannachaa jiru? Maqaansaa maal jedhama?

  2. Mannaa funaannachuu ilaalchisee Museen Israa’elootaaf qajeelfama akkamii kenne?

  3. Yihowaan, sabni Israa’el guyyaa ja’affaatti maal akka godhan itti hime? Maaliif?

  4. Mannaan guyyaa torbaffaadhaaf funaanamee ennaa bulu Yihowaan dinqii maalii hojjete?

  5. Yihowaan Israa’eloota mannaa kan nyaachise yeroo hammamiitiifi?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ba’uu 16:​1-​36 fi Lakkoobsa 11:​7-9 dubbisi.

    1. (a) Namoota gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniif ajajamuu ilaalchisee, Ba’uun 16:8 maal nu hubachiisa? (Ibr. 13:⁠17)

    2. (b) Lafa onaa keessatti, Yihowaarratti amanamuu ilaalchisee Israa’elootaaf guyyaa guyyaadhaan yaadachiisni kan kennamu akkamitti ture? (Bau. 16:​14-​16, 35; Kes. 8:​2, 3)

    3. (c) Yesus maannaadhaaf hiika fakkeenyaa maal jedhu kenne? “Buddeena waaqa irraa” faayidaa kan argannu akkamitti? (Yoh. 6:​31-​35, 40)

  2. Iyaasuu 5:​10-​12 dubbisi.

    Israa’eloonni mannaa kan nyaatan waggoota meeqaaf ture? Kunoo kan isaan qore akkamitti? Seenaa kanarraa maal baranna? (Bau. 16:35; Lak. 11:​4-6; 1 Qor. 10:​10, 11)

Seenaa 35

Yihowaan Seerasaa Kenne

  1. Israa’eloonni Gibxii erga ba’anii gara ji’a lamaa booddee eessa qubatan?

  2. Yihowaan Israa’eloonni maal akka godhan akka barbaadu itti hime? Deebiinsaaniihoo maal ture?

  3. Yihowaan gabateewwan dhagaa lama Museetti kan kenne maaliifi?

  4. Yihowaan Israa’elootaaf Abboommiiwwan Kurnan malees seerawwan kan biraa kam kenneef?

  5. Yesus Kiristos seerota lamaan kamtu gurguddaadha jedhee dubbate?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ba’uu 19:​1-​25; 20:​1-​21; 24:​12-​18; fi 31:18 dubbisi.

    Yaadni Ba’uu 19:8 rra jiru Yihowaadhaaf of murteessuun maal akka dabalatu hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Mat. 16:24; 1 Phe. 4:​1-3)

  2. Keessa Deebii 6:​4-6; Lewwoota 19:18; fi Maatewos 22:​36-​40 dubbisi.

    Kiristiyaanonni jaalala Waaqayyoofi ollaawwansaaniitiif qaban kan argisiisan akkamitti? (Mar. 6:​34; HoE. 4:​20; Rom. 15:⁠2)

Seenaa 36

Dibicha Warqeerraa Tolfame

  1. Fakkii kanarratti namoonni kun maal gochaa jiru? Maaliif?

  2. Yihowaan kan aare maaliifi? Museenoo waan jarri kun gochaa jiran yommuu argu maal godhe?

  3. Museen namoonni tokko tokko maal akka godhan itti hime?

  4. . Seenaa kanarraa maal baranna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ba’uu 32:​1-​35 dubbisi.

    1. (a) Seenaan kun waaqeffannaa dhugaafi amantii sobaa waliin makuu ilaalchisee, ilaalcha Yihowaan qabu kan argisiisu akkamitti? (Bau. 32:​4-6, 10; 1 Qor. 10:​7, 11)

    2. (b) Kiristiyaanonni bashannana akka sirbaafi ragadaa yommuu filatan ofeeggannoo maalii gochuu qabu? (Bau. 32:​18, 19; Efe. 5:​15, 16; 1 Yoh. 2:​15-​17)

    3. (c) Gosni Lewwii qajeelummaadhaaf dhaabachuudhaan fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u akkamitti? (Bau. 32:​25-​28; Far. 18:⁠25)

Seenaa 37

Dunkaana Waaqeffannaadhaaf Tajaajilu

  1. Manni fakkii kanarra jiru maal jedhama? Maaliif tajaajila?

  2. Yihowaan, Museen dunkaanichi bubuqqa’ee salphumatti akka gargar baafamutti akka hojjetu kan itti hime maaliifi?

  3. Saanduqni kutaa xinnoo dunkaanichaa isa dhumaa argamu keessa jiru maalinni? Saanduqichi maal qabatee jira?

  4. Yihowaan hangafa lubootaa akka ta’uf kan filate eenyuuni? Hojiin hangafa lubootaa maalidha?

  5. Wantoota sadan kutaa bal’aa dunkaanichaa keessa jiran maqaa dha’i.

  6. Wantoonni lamaan dallaa mana qulqullummaa keessa jiran maal fa’i? Faayidaansaaniihoo maalidha?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ba’uu 25:​8-​40; 26:​1-​37; 27:​1-8; fi 28:1 dubbisi.

    Kiruubelonni “saanduuqa dhuga baatuu irra” turan maal kan argisiisanidha? (Bau. 25:​20, 22; Lak. 7:​89; 2 Mot. 19:⁠15)

  2. Ba’uu 30:​1-​10, 17-​21; 34:​1, 2; fi Ibroota 9:​1-5 dubbisi.

    1. (a) Yihowaan, luboonni mana qulqullummaatti tajaajilan, qulqullina qaamasaanii eeguun barbaachisaa ta’uusaa jabeessee kan itti hime akkamitti? Kanarraahoo maal baranna? (Bau. 30:​18-​21; 40:​30, 31; Ibr. 10:⁠22)

    2. (b) Phaawulos yeroo Kiristiyaanota Ibrootaatiif xalayaa barreessetti, manni qulqullummaafi Seerri Musee kan yeroon itti darbe akka ta’an kan argisiise akkamitti? (Ibr. 9:​1, 9; 10:⁠1)

Seenaa 38

Gaaddota Kudha Lamaan

  1. Waa’ee ija wayinii fakkiirra jiru kanaa maal hubatteetta? Wayiniin kun eessaa dhufe?

  2. Museen gaaddota 12 gara Kana’aanitti kan erge maaliifi?

  3. Gaaddonni kurnan gara Museetti deebi’anii gabaasa akkamii dhiheessan?

  4. Gaaddonni lama Yihowaatti amanamuusaanii kan argisiisan akkamitti? Maqaansaanii eenyu?

  5. Yihowaan maaliif aare? Museedhaanoo maal jedheen?

Gaaffiiwan dabalataa:

  1. Lakkoobsa 13:​1-​33 dubbisi.

    1. (a) Biyyattii gaaduuf kan filataman eenyufa’i? Isaanoo carraa guddaa maalii qabu turan? (Lak. 13:​2, 3, 18-​20)

    2. (b) Ilaalchi Iyaasuufi Kaaleb gaaddoota warra kaaniirraa adda kan ta’e maaliifi? Kunoo barumsa maalii nuuf dabarsa? (Lak. 13:​28-​30; Mat. 17:20; 2 Qor. 5:⁠7)

  2. Lakkoobsa 14:​1-​38 dubbisi.

    1. (a) Namoota Yihowaan lafarratti bakka buufaterratti gungumuu ilaalchisee akeekkachiisa kam hojiirra oolchuu qabna? (Lak. 14:​2, 3, 27; Mat. 25:​40, 45; 1 Qor. 10:⁠10)

    2. (b) Lakkoobsi 14:24 Yihowaan tokkoo tokkoon tajaajiltootasaatiif akka yaadu kan argisiisu akkamitti? (1 Mot. 19:18; Fak. 15:⁠3)

Seenaa 39

Uleen Aaron Abaaboo Baaste

  1. Aangoo Museefi Aaron kan morman eenyufa’i? Museedhaanoo maal jedhan?

  2. Museen, Qoraahiifi namoonnisaa 250 ta’an maal akka godhan itti hime?

  3. Museen namootaan maal jedhe? Akkuma inni dubbatee fixeenoo maaltu ta’e?

  4. Qoraahiifi namootasaa 250 ta’anirra maaltu ga’e?

  5. Ilma Aaron kan ture Ele’azaar, qodaa ixaanaa warra du’an sanaa maal godhe? Kana kan godhehoo maaliif?

  6. Yihowaan uleen Aaron abaaboo akka baastu kan godhe maaliifi? (Fakkicha ilaali.)

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Lakkoobsa 16:​1-​49 dubbisi.

    1. (a) Qoraahiifi namoonnisaa maal godhan? Kun Yihowaa mormuu kan ture maaliifi? (Lak. 16:​9, 10, 18; Lew. 10:​1, 2; Fak. 11:⁠2)

    2. (b) Qoraahiifi namoonni 250ni ‘geggeessitoota waldaa’ turan ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu turan? (Lak. 16:​1-3; Fak. 15:33; Isa. 49:⁠7)

  2. Lakkoobsa 17:​1-​11 fi 26:10 dubbisi.

    1. (a) Uleen Aaron abaaboo baasuunshee maal kan argisiisu ture? Yihowaan ulichi saanduqa kakuu keessa akka kaa’amu kan ajajehoo maaliifi? (Lak. 17:​5, 8, 10)

    2. (b) Mallattoo ulee Aaronirraa barumsa guddaa akkamii arganna? (Lak. 17:10; HoE. 20:28; Filp. 2:​14; Ibr. 13:⁠17)

Seenaa 40

Museen Katticha Rukute

  1. Israa’eloonni lafa onaa keessa yeroo turanitti Yihowaan kan isaan kunuunse akkamitti?

  2. Israa’eloonni Qaadeshitti safaranii yommuu jiran maal jedhanii gunguman?

  3. Yihowaan Israa’elootaafi horiiwwansaaniitiif bishaan kan kenne akkamitti?

  4. Fakkii kanarratti namichi quba ofitti qabee jiru eenyu? Kana kan gochaa jiru maaliifi?

  5. Yihowaan Museefi Aaronitti kan aare maaliifi? Kan adabamanoo akkamitti?

  6. Tulluu Hoorirratti maaltu ta’e? Eenyutu hangafa lubootaa Israa’el ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Lakkoobsa 20:​1-​13, 22-​29 fi Keessa Deebii 29:5 dubbisi.

    1. (a) Akkaataa Yihowaan lafa onaa keessatti Israa’eloota kunuunserraa maal baranna? (Kes. 29:5; Mat. 6:​31; Ibr. 13:⁠5; Yaq. 1:​17)

    2. (b) Museeniifi Aaron saba Israa’el duratti isaaf ulfina kennuu dhiisuusaanii Yihowaan kan ilaale akkamitti? (Lak. 20:12; 1 Qor. 10:12; Mul. 4:​11)

    3. (c) Akkaataa Museen adaba Yihowaan isaaf kenne fudhaterraa maal baranna? (Lak. 12:3; 20:​12, 27, 28; Kes. 32:4; Ibr. 12:​7-​11)

Seenaa 41

Bofa Sibiila Diimaarraa Hojjetame

  1. Fakkii kanarratti wanti utubaarratti marame kun maalinni? Museen utubaa kanarratti akka isa fannisu Yihowaan kan itti hime maaliifi?

  2. Sabni Israa’el waan Yihowaan isaaniif godhe hundumaaf kan hin galateeffanne akkamitti?

  3. Erga Yihowaan isaan adabuuf bofoota hadhaa qaban ergee booda, sabni Israa’el Museen maal akka godhu isa kadhatan?

  4. Yihowaan, Museen sibiila diimaarraa bofa akka tolchu kan isatti hime maaliifi?

  5. Seenaa kanarraa maal baranna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Lakkoobsa 21:​4-9 dubbisi.

    1. (a) Israa’eloonni qophiiwwan Yihowaan isaaniif godherratti gungumuunsaanii akeekkachiisa akkamii nuuf ta’a? (Lak. 21:​5, 6; Rom. 2:⁠4)

    2. (b) Bara sanaan boodaatti, Israa’eloonni bofa sibiila diimaarraa tolfame maaliif itti gargaaramu turan? Hisqiyaas Mootichihoo tarkaanfii akkamii fudhate? (Lak. 21:9; 2 Mot. 18:​1-4)

  2. Yohannis 3:​14, 15 dubbisi.

    Bofni sibiila diimaarraa hojjetame sun utubaarratti fannifamuunsaa, Yesus Kiristos mukarratti fannifamuusaa wajjin kan walfakkaatu akkamitti? (Gal. 3:​13; 1 Phe. 2:​24)

Seenaa 42

Harreen Tokko Ni Dubbatte

  1. Balaaq eenyudha? Bala’aamin kan waamsisehoo maaliifi?

  2. Harreen Bala’aam karaarra kan ciiste maaliifi?

  3. Bala’aam harreensaa maal ennaa jettu dhaga’e?

  4. Ergamaan tokko Bala’aamiin maal jedhe?

  5. Bala’aam Israa’eloota abaaruuf yommuu yaalu maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Lakkoobsa 21:​21-​35 dubbisi.

    Israa’eloonni, Sihoon mootii Amoorotaafi Oog mootii Baashaan kan mo’an maaliifi? (Lak. 21:​21, 23, 33, 34)

  2. Lakkoobsa 22:​1-​40 dubbisi.

    Bala’aam Israa’eloota abaaruuf akka yaalu kan isa kakaase maalidha? Nuhoo kanarraa barumsa maalii argachuu dandeenya? (Lak. 22:​16, 17; Fak. 6:​16, 18; 2 Phe. 2:​15; Yih. 11)

  3. Lakkoobsa 23:​1-​30 dubbisi.

    Bala’aam akka Yihowaa waaqeffatu dubbatuyyuu, wanti inni godhe jechisaa kun soba ta’uusaa kan argisiisu akkamitti? (Lak. 23:​3, 11-​14; 1 Sam. 15:⁠22)

  4. Lakkoobsa 24:​1-​25 dubbisi.

    Seenaan Macaafa Qulqulluu kun, Yihowaan kaayyoosaa akka galmaan ga’u amantii qabnu kan nuu jabeessu akkamitti? (Lak. 24:10; Isa. 54:⁠17)

Seenaa 43

Iyaasuun Geggeessaa Ta’e

  1. Fakkicharratti namoonni lamaan Musee wajjin dhaabatan eenyufa’i?

  2. Yihowaan Iyaasuudhaan maal jedheen?

  3. Museen fiixee Tulluu Nebootti kan ol ba’e maaliifi? Yihowaanoo achitti maal isaan jedhe?

  4. Museen yommuu du’u umuriinsaa meeqa ture?

  5. Israa’eloonni kan gaddan maaliifi? Haata’u malee, gammadoo ta’uuf sababii maalii qabu?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Lakkoobsa 27:​12-​23 dubbisi.

    Yihowaan Iyaasuudhaaf hojii guddaa akkamii kenneef? Yeroo har’aahoo Yihowaan sabasaa akka kunuunsu kan mul’ate akkamitti? (Lak. 27:​15-​19; HoE. 20:28; Ibr. 13:⁠7)

  2. Keessa Deebii 3:​23-​29 dubbisi.

    Yihowaan, Museeniifi Aaron biyyattii abdachiifamtetti akka hin galle kan godhe maaliifi? Nuyi kanarraa barumsa maalii arganna? (Kes. 3:​25-​27; Lak. 20:​12, 13)

  3. Keessa Deebii 31:​1-8, 14-​23 dubbisi.

    Museen ennaa du’uuf jedhu wanti Israa’elootatti dubbate, adaba Yihowaan kenneef gad of qabuudhaan fudhachuusaa kan argisiisu akkamitti? (Kes. 31:​6-8, 23)

  4. Keessa Deebii 32:​45-​52 dubbisi.

    Sagaleen Waaqayyoo jireenya keenya kan tuqu akkamitti? (Kes. 32:47; Lew. 18:5; Ibr. 4:​12)

  5. Keessa Deebii 34:​1-​12 dubbisi.

    Museen kallattumaan bifa Yihowaa kan hin argine ta’uyyuu, Keessa Deebii 34:10 walitti dhufeenya inni Yihowaa wajjin qabu ilaalchisee maal argisiisa? (Bau. 33:​11, 20; Lak. 12:⁠8)

Seenaa 44

Rahaab Gaaddota Dhoksite

  1. Rahaab eessa jiraatti turte?

  2. Namoonni lamaan fakkii kanarra jiran eenyufa’i? Gara Yerikoo kan dhaqan maaliifi?

  3. Mootiin Yerikoo Rahaab maal akka gootu ishee ajaje? Isheenoo maal jettee deebiste?

  4. Rahaab jara lamaan kana kan gargaarte akkamitti? Isaanis maal akka isheedhaaf godhan gaafatte?

  5. Gaaddonni lamaan Rahaabiif waadaa maalii galaniif?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Iyaasuu 2:​1-​24 dubbisi.

    Yeroo Israa’eloonni Yerikoo waraanuuf dhufanitti, abdii Yihowaan Ba’uu 23:27 rratti kenne kan raawwatame akkamitti? (Iya. 2:​9-​11)

  2. Ibroota 11:31 dubbisi.

    Fakkeenyi Rahaab amantaan barbaachisaa ta’uusaa kan argisiisu akkamitti? (Rom. 1:​17; Ibr. 10:39; Yaq. 2:​25)

Seenaa 45

Laga Yordaanos Ce’uu

  1. Israa’eloonni Laga Yordaanos akka ce’aniif Yihowaan dinqiiwwan akkamii hojjete?

  2. Israa’eloonni Laga Yordaanos ce’uuf amantaa akkamii argisiisuu qabu turan?

  3. Yihowaan, Iyaasuun dhagaa 12 laga keessaa akka walitti qabu kan itti hime maaliifi?

  4. Akkuma luboonni Laga Yordaanos keessaa ba’aniin maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Iyaasuu 3:​1-​17 dubbisi.

    1. (a) Seenaan kun akka argisiisutti, gargaarsaafi eebba Yihowaa argachuuf maal gochuutu nu barbaachisa? (Iya. 3:​13, 15; Fak. 3:5; Yaq. 2:​22, 26)

    2. (b) Israa’eloonni Laga Yordaanos ce’anii Biyyattii Abdachiifamtetti ennaa galan lagichi maal ta’ee ture? Kunoo maqaan Yihowaa akka kabajamu kan godhe akkamitti? (Iya. 3:​15; 4:​18; Far. 66:​5-7; Iya. 4:​23, 24)

  2. Iyaasuu 4:​1-​18 dubbisi.

    Dhagaawwan kudhalamaan Laga Yordaanos keessaa walitti qabamanii Giilgal keessa dhaabaman kaayyoo maaliitiif tajaajilan? (Iya. 4:​4-7)

Seenaa 46

Masaraa Yerikoo

  1. Yihowaan, loltoonniifi luboonni guyyaa ja’aaf maal akka godhan itti hime?

  2. Namoonni kun guyyaa torbaffaatti maal gochuu qabu?

  3. Akka fakkicharratti argitu mandarri Yerikoo maal ta’aa jirti?

  4. Fo’aa diimaan foddaa kanarratti kan rarraafame maaliifi?

  5. Iyaasuun, loltoonnisaa namoota Yerikoofi mandarattii maal akka godhan itti hime? Meetii, warqee, sibiila diimaafi sibiila maal gochuu qabu turan?

  6. Gaaddonni lamaan maal akka godhan itti himame?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Iyaasuu 6:​1-​25 dubbisi.

    1. (a) Haalli Israa’eloonni guyyaa torbaffaatti Yerikoo itti marsan, sochii Dhugaa Baatonni Yihowaa bara dhumaa kanatti hojii lallabaarratti godhaniin kan walfakkaatu akkamitti? (Iya. 6:​15, 16; Isa. 60:22; Mat. 24:14; 1 Qor. 9:​16)

    2. (b) Raajiin Iyaasuu 6:​26 rratti dubbatame, waggoota 500 booda kan raawwatame akkamitti? Kun waa’ee sagalee Yihowaa maal nu barsiisa? (1 Mot. 16:34; Isa. 55:⁠11)

Seenaa 47

Hattuu Israa’el Keessa Ture

  1. Fakkii kanarratti, namni qabeenya Yerikoodhaa fudhate awwaalaa jiru kun eenyu? Jarri isa gargaaraa jiranoo eenyufa’i?

  2. Wanti Aakaaniifi maatiinsaa raawwatan cubbuu guddaa kan ture maaliifi?

  3. Warri Aayi Israa’eloota kan mo’an maaliif akka ta’e Iyaasuun ennaa gaafatu Yihowaan maal jedhe?

  4. Aakaaniifi maatiinsaa gara Iyaasuutti erga geeffamanii booda maaltu isaanirra ga’e?

  5. Firdiin Aakaanirratti faradame barumsa barbaachisaa akkamii nuu kenna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Iyaasuu 7:​1-​26 dubbisi.

    1. (a) Kadhannaan Iyaasuun dhiheesse, Uumaasaa kan ta’e Yihowaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu argisiisa? (Iya. 7:​7-9; Far. 119:145; 1 Yoh. 5:​14)

    2. (b) Fakkeenyi Aakaan maal argisiisa? Kun akeekkachiisa kan nuuf ta’uhoo akkamitti? (Iya. 7:​11, 14, 15; Fak. 15:3; 1 Xim. 5:​24; Ibr. 4:​13)

  2. Iyaasuu 8:​1-​29 dubbisi.

    Yeroo har’aa gumii Kiristiyaanaa ilaalchisee dhuunfaatti itti gaafatamummaa maalii qabna? (Iya. 7:​13; Lew. 5:1; Fak. 28:⁠13)

Seenaa 48

Giibe’onota Gamnoota Turan

  1. Namoonni Giibe’on namoota Kana’aan keessa jiranirraa adda kan turan akkamitti?

  2. Akka fakkii kanarratti kaa’ametti, Giibe’ononni maal godhan? Kan akkas godhanoo maaliifi?

  3. Iyaasuuniifi geggeessitoonni Israa’el Giibe’onotaaf maal jedhanii kakataniif? Haata’u malee, guyyaa sadi booda maal hubatan?

  4. Mootonni magaalota kan biraa, Giibe’ononni Israa’elootaa wajjin nagaa uumuusaanii yommuu dhaga’an maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Iyaasuu 9:​1-​27 dubbisi.

    1. (a) Yihowaan sabni Israa’el ‘warra biyya sana keessa jiraatan hundumaa akka balleessan’ ajajee utuu jiruu, Giibe’onota oolchuunsaa amalawwansaa warra kam kan argisiisudha? (Iya. 9:​22, 24; Mat. 9:​13; HoE. 10:​34, 35; 2 Phe. 3:⁠9)

    2. (b) Iyaasuun kakuu Giibe’onotaaf gale eeguudhaan, Kiristiyaanota yeroo har’aatiif fakkeenya gaarii kan ta’u akkamitti? (Iya. 9:​18, 19; Mat. 5:​37; Efe. 4:​25)

  2. Iyaasuu 10:​1-5 dubbisi.

    Yeroo har’aa, tuutni sonaan baay’ee fakkeenya Giibe’onotaa kan hordofan akkamitti? Kunoo maaliif isaan saaxila? (Iya. 10:4; Zak. 8:​23; Mat. 25:​35-​40; Mul. 12:⁠17)

Seenaa 49

Biiftuun Bakka Jirtutti Dhaabatte

  1. Fakkicharratti Iyaasuun maal jechaa jira? Maaliifoo?

  2. Yihowaan, Iyaasuufi loltoota isaa wajjin jiran kan gargaare akkamitti?

  3. Iyaasuun mootota diinaa meeqa mo’e? Kunoo yeroo hammamii itti fudhate?

  4. Iyaasuun biyya Kana’aan kan qoqqoode maaliifi?

  5. Iyaasuun yommuu du’u umuriinsaa meeqa ture? Erga inni du’ee booda sabni Israa’el maal ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Iyaasuu 10:​6-​15 dubbisi.

    Yihowaan biiftuuniifi addeessi saba Israa’eliif bakka jiranitti akka dhaabatan gochuusaa beekuun keenya, yeroo ammaa amantaa akkamii akka qabaannu nu godha? (Iya. 10:​8, 10, 12, 13; Far. 18:3; Fak. 18:⁠10)

  2. Iyaasuu 12:​7-​24 dubbisi.

    Mootota Kana’aan 31n mo’uuf dhugumaan itti gaafatamaa kan ta’e eenyu ture? Yeroo har’aa kun nuuf barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (Iya. 12:7; 24:​11-​13; Kes. 31:8; Luq. 21:​9, 25-​28)

  3. Iyaasuu 14:​1-5 dubbisi.

    Biyyattiin gosoota Israa’eliif kan qoqqoodamte akkamitti? Kun Jannata gara fulduraatti dhaallu ilaalchisee maal argisiisa? (Iya. 14:2; Isa. 65:21; His. 47:​21-​23; 1 Qor. 14:⁠33)

  4. Abboota Firdii 2:​8-​13 dubbisi.

    Akkuma Iyaasuun Israa’el keessatti gochaa ture, yeroo ammaa gantummaa kan ittisu eenyudha? (Abo. 2:​8, 10, 11; Mat. 24:​45-​47; 2 Tas. 2:​3-6; Tit. 1:​7-9; Mul. 1:1; 2:​1, 2)

Seenaa 50

Dubartoota Ija Jabeeyyii Ta’an Lamaan

  1. Hojiin abbootii firdii maal ture? Isaan keessaa maqaa warra tokko tokkoo waami.

  2. Deboraan mirga addaa akkamii qabdi turte? Kunoo maal kan dabalatudha?

  3. Yaabiin Mootichiifi hangafa loltootasaa kan ta’e Siiseraan Israa’eloota yommuu sodaachisan, Yihowaan Deboraan abbaa firdii kan ta’e Baaraaqitti ergaa akkamii akka himtu godhe? Injifannoo argataniif galata kan argatu eenyudha jette?

  4. Yaa’el ija jabeettii ta’uushee kan argisiiste akkamitti?

  5. Erga Yaabiin Mootichi du’ee booda maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Abboota Firdii 2:​14-​22 dubbisi.

    Israa’eloonni aariin Yihowaa akka isaanirratti boba’u kan godhan akkamitti? Nuyi kanarraa barumsa maalii argachuu dandeenya? (Abo. 2:​20; Fak. 3:​1, 2; His. 18:​21-​23)

  2. Abboota Firdii 4:​1-​24 dubbisi.

    Obboleettonni Kiristiyaanaa yeroo ammaa jiran, amantaafi ija jabina ilaalchisee fakkeenya Deboraafi Yaa’elirraa maal barachuu danda’u? (Abo. 4:​4, 8, 9, 14, 21, 22; Fak. 31:30; 1 Qor. 16:⁠13)

  3. Abboota Firdii 5:​1-​31 dubbisi.

    Faarfannaan injifannoo Baaraaqiifi Deboraan faarfatan, waraana Armaagedoon isa dhufu ilaalchisee akka kadhannaatti dhihaachuu kan danda’u akkamitti? (Abo. 5:​3, 31; 1 Sen. 16:​8-​10; Mul. 7:​9, 10; 16:16; 19:​19-​21)

Seenaa 51

Ruutiifi Naa’omii

  1. Naa’omiin gara biyya Mo’aab kan dhufte akkamitti?

  2. Ruutiifi Orphaan eenyufa’i?

  3. Naa’omiin gara sabasheetti akka deebitu yommuu isaanitti himtu Ruutiifi Orphaan maal jedhan?

  4. Bo’az eenyudha? Innoo Ruutiifi Naa’omii kan gargaare akkamitti?

  5. Mucaan Bo’aziifi Ruut godhatan eenyu jedhama? Isa dagachuu kan hin qabnehoo maaliifi?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ruut 1:​1-​17 dubbisi.

    1. (a) Ruut jecha jaalala dhugaa argisiisu akkamii dubbatte? (Ruut 1:​16, 17)

    2. (b) Ilaalchi Ruut, ilaalcha ‘hoolonni kan biraan’ dibamtoota yeroo har’aa lafarra jiraniif qaban akka gaariitti kan ibsu akkamitti? (Yoh. 10:16; Zak. 8:​23)

  2. Ruut 2:​1-​23 dubbisi.

    Ruut shamarree yeroo ammaatti argamaniif fakkeenya akkamii taati? (Ruut 2:​17, 18; Fak. 23:22; 31:⁠15)

  3. Ruut 3:​5-​13 dubbisi.

    1. (a) Bo’az, Ruut nama isarra dargaggeessa ta’ee mannaa isatti heerumuuf walii galuusheetti maaltu isatti dhaga’ame?

    2. (b) Ilaalcha Ruut jaalala amanamaadhaaf qabdurraa maal baranna? (Ruut 3:​10; 1 Qor. 13:​4, 5)

  4. Ruut 4:​7-​17 dubbisi.

    Obboloonni dhiiraa yeroo har’aa jiran, fakkeenya Bo’azin hordofuu kan danda’an akkamitti? (Ruut 4:​9, 10; 1 Xim. 3:​1, 12, 13; 5:⁠8)

Seenaa 52

Giidewoniifi Namoota 300

  1. Israa’elootarra rakkinni guddaan kan ga’e akkamitti? Maaliif?

  2. Yihowaan, loltoonni Giidewon duukaa jiran baay’ee akka ta’an kan itti hime maaliifi?

  3. Giidewon warri sodaatan gara manasaaniitti akka deebi’an erga itti himee booda nama meeqatu isa biratti hafe?

  4. Fakkicha ilaaliitii, Yihowaan loltoota Giidewon wajjin turan gara 300tti kan hir’ise akkamitti akka ta’e ibsi.

  5. Giidewon namoota dhibba sadan kan qindeesse akkamitti? Israa’eloonni waraanicharratti kan mo’an akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Abboota Firdii 6:​36-​40 dubbisi.

    1. (a) Giidewon fedhiin Yihowaa maal akka ta’e kan beeke akkamitti?

    2. (b) Yeroo har’aa nuyi fedhiin Yihowaa maal akka ta’e kan beeknu akkamitti? (Fak. 2:​3-6; Mat. 7:​7-​11; 2 Xim. 3:​16, 17)

  2. Abboota Firdii 7:​1-​25 dubbisi.

    1. (a) Warra dantaa dhabummaa argisiisan sanaarraa haala faallaa ta’een, namoota dhibba sadan dammaqoo turanirraa barumsa maalii arganna? (Abo. 7:​3, 6; Rom. 13:​11, 12; Efe. 5:​15-​17)

    2. (b) Namoonni dhibba sadan Giidewoniin ilaaluudhaan akkuma baratan, nuyis Yesus Kiristos Giidewon Guddicha ilaaluudhaan barachuu kan dandeenyu akkamitti? (Abo. 7:​17; Mat. 11:​29, 30; 28:​19, 20; 1 Phe. 2:​21)

    3. (c) Yaadni Abboota Firdii 7:​21 (NW) irratti, “tokkoon tokkoonsaanii bakka ramadaman dhaabatan” jedhu, jaarmiyaa Yihowaa keessatti eessattiyyuu yoo ramadamne gammachuudhaan akka tajaajillu kan nu gargaaru akkamitti? (1 Qor. 4:2; 12:​14-​18; Yaq. 4:​10)

  3. Abboota Firdii 8:​1-3 dubbisi.

    Obboloota keenyaa wajjin walii galuun yoo nu rakkise, akkaataa Giidewon mormii namoota Efreemii wajjin qabu itti hiikerraa maal baranna? (Fak. 15:1; Mat. 5:​23, 24; Luq. 9:​48)

Seenaa 53

Wareega Yiftaan Wareege

  1. Yiftaan eenyudha? Kan jiraatehoo yeroo kamitti?

  2. Yiftaan Yihowaadhaaf maal wareege?

  3. Yiftaan warra Amoonotaarratti injifannoo argatee gara manasaatti yommuu deebi’u kan gadde maaliifi?

  4. Intalli Yiftaa wareega abbaashee yommuu dhageessu maal jette?

  5. Namoonni intala Yiftaa kan jaallatan maaliif ture?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Abboota Firdii 10:​6-​18 dubbisi.

    Israa’eloonni Yihowaadhaaf amanamuu dhiisuunsaanii akeekkachiisa akkamii nuuf ta’a? (Abo. 10:​6, 15, 16; Rom. 15:4; Mul. 2:​10)

  2. Abboota Firdii 11:​1-​11, 29-​40 dubbisi.

    1. (a) Yiftaan intalasaa “qalma gubamu” godhee kennuunsaa, ibiddaan gubee ishee dhiheesse jechuu akka hin taane akkamitti beekna? (Abo. 11:31; Lew. 16:24; Kes. 18:​10, 12)

    2. (b) Yiftaan intalasaa aarsaa godhee kan dhiheesse akkamitti?

    3. (c) Yiftaan wanta Yihowaadhaaf wareegeef ilaalcha qaburraa maal baranna? (Abo. 11:​35, 39; Lal. 5:​4, 5; Mat. 16:⁠24)

    4. (d) Tajaajila yeroo guutuu hordofuu ilaalchisee intalli Yiftaa dargaggoota Kirsitiyaanaatiif fakkeenya gaarii kan taatu akkamitti? (Abo. 11:​36; Mat. 6:​33; Filp. 3:⁠8)

Seenaa 54

Nama Humna Guddaa Qabu

  1. Namoota hanga ammaatti jiraatan caalaatti namni humna guddaa qabu eenyu jedhama? Humna guddaa kanahoo kan kenneef eenyudha?

  2. Akka fakkii kanarratti argitutti, yeroo tokko Siimson leenca guddaa tokko maal godhe?

  3. Fakkii kanarratti Siimson Deliilaatti iccitii maal jedhu itti himaa jira? Kunoo Filisxeemonni akka isa qaban kan godhe akkamitti?

  4. Siimson gaafa du’e sana diinota 3,000 kan ajjeese akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Abboota Firdii 13:​1-​14 dubbisi.

    Maano’aaniifi haati manaasaa ijoollee guddisuudhaan warraaf fakkeenya kan ta’an akkamitti? (Abo. 13:8; Far. 127:3; Efe. 6:⁠4)

  2. Abboota Firdii 14:​5-9 fi 15:​9-​16 dubbisi.

    1. (a) Siimson leenca ajjeesuunsaa, funyoo haaraa ittiin hidhamee ture kutuunsaafi lafee mangaagaa harreetiin namoota 1,000 ajjeesuunsaa hojii hafuura qulqulluu Yihowaa kan argisiisu akkamitti?

    2. (b) Yeroo har’aa hafuurri qulqulluun kan nu gargaaru akkamitti? (Abo. 14:6; 15:14; Zak. 4:6; HoE. 4:​31)

  3. Abboota Firdii 16:​18-31 dubbisi.

    Hiriyaa gadheen Siimsonirratti dhiibbaa kan geesse akkamitti? Nuyi kanarraa maal baranna? (Abo. 16:​18, 19; 1 Qor. 15:⁠33)

Seenaa 55

Mucaa Xinnoo Waaqayyoon Tajaajile

  1. Mucaan xinnoon fakkii kanarra jiru maqaansaa eenyu? Warri kaanoo eenyufa’i?

  2. Gaaf tokko Haannaan gara mana qulqullummaa dhaqxee kadhannaa maal jedhu dhiheessite? Yihowaan kadhannaashee kan deebiseefoo akkamitti?

  3. Saamu’el dunkaana Yihowaa keessatti akka tajaajiluuf yommuu geessamu umuriinsaa meeqa ture? Haatisaahoo waggaa waggaadhaan maal isaaf gooti turte?

  4. Maqaan ijoollee Elii eenyufaadha? Isaanoo namoota akkamii turan?

  5. Yihowaan Saamu’eliin kan waame akkamitti? Achiihoo ergaa akkamii kenneef?

  6. Saamu’el yommuu guddate maal ta’e? Yeroo dulloomettihoo maaltu isa mudate?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Saamu’el 1:​1-​28 dubbisi.

    1. (a) Waaqeffannaa dhugaa keessatti dursa fudhachuu ilaalchisee, Elqaanaan mataawwan maatiitiif fakkeenya kan ta’u akkamitti? (1 Sam. 1:​3, 21; Mat. 6:​33; Filp. 1:​10)

    2. (b) Haalli rakkisaan tokko yeroo nu mudatu fakkeenya Haannaarraa maal baranna? (1 Sam. 1:​10, 11; Far. 55:22; Rom. 12:⁠12)

  2. 1 Saamu’el 2:​11-​36 dubbisi.

    Eliin Yihowaa caalaa ijoolleesaatiif ulfina kan kenne akkamitti? Kunoo akeekkachiisa akkamii nuuf ta’a? (1 Sam. 2:​22-​24, 27, 29; Kes. 21:​18-​21; Mat. 10:​36, 37)

  3. 1 Saamu’el 4:​16-​18 dubbisi.

    Oduu gaddisiisaa akkamiitu bakka waraanaatii Eliidhaaf dhufe? Kana dhaga’uunsaahoo maal isarraan geessise?

  4. 1 Saamu’el 8:​4-9 dubbisi.

    Israa’eloonni, Yihowaa baay’ee kan gaddisiisan akkamitti? Nutihoo yeroo har’aatti amanamummaadhaan Mootummaasaa deggaruu kan dandeenyu akkamitti? (1 Sam. 8:​5, 7; Yoh. 17:16; Yaq. 4:⁠4)

Seenaa 56

Mootii Israa’el Isa Jalqabaa kan Ta’e​​—⁠Saa’ol

  1. Fakkicharratti Saamu’el maal gochaa jira? Kana kan godhuhoo maaliif?

  2. Yihowaan Saa’oliin kan jaallate maaliifi? Innoo nama akkamii ture?

  3. Ilmi Saa’ol eenyu jedhama? Ilmisaa kun maal godhe?

  4. Saa’ol, Saamu’eliin eeguu mannaa ofiisaatiin aarsaa kan dhiheesse maaliifi?

  5. Seenaa waa’ee Saa’ol dubbaturraa maal baranna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Saamu’el 9:​15-​21 fi 10:​17-​27 dubbisi.

    Saa’ol amala gad of qabummaa qabaachuunsaa, namoonni tokko tokko waa’eesaa tuffiidhaan yommuu dubbatan yeruma sana tarkaanfii fudhachuurraa kan isa eege akkamitti? (1 Sam. 9:​21; 10:​21, 22, 27; Fak. 17:⁠27)

  2. 1 Saamu’el 13:​5-​14 dubbisi.

    Saa’ol Giilgalitti cubbuu akkamii hojjete? (1 Sam. 10:8; 13:​8, 9, 13)

  3. 1 Saamu’el 15:​1-​35 dubbisi.

    1. (a) Haala Agaag mootii Amaaleqiin wal qabateen Saa’ol cubbuu guddaa akkamii hojjete? (1 Sam. 15:​2, 3, 8, 9, 22)

    2. (b) Saa’ol cubbuu hojjeteef sababii dhiheessuufi nama biraatti qabachuuf kan yaale akkamitti? (1 Sam. 15:⁠24)

    3. (c) Yeroo har’aa gorsi ennaa nuu kennamu akeekkachiisa kam qalbeeffachuu qabna? (1 Sam. 15:​19-​21; Far. 141:5; Fak. 9:​8, 9; 11:⁠2)

Seenaa 57

Waaqayyo Daawitiin Filate

  1. Mucaan fakkii kanarra jiru maqaansaa eenyu? Ija jabeessa ta’uusaahoo maaliin beekna?

  2. Daawit eessa jiraachaa ture? Maqaan abbaasaafi akaakayyuusaa eenyudha?

  3. Yihowaan, Saamu’el gara mana Iseyi gara Betlihem akka dhaqu kan itti hime maaliifi?

  4. Iseyi ijoolleesaa torban gara Saamu’elitti yommuu fidu maaltu ta’e?

  5. Daawit ennaa achi fidamu Yihowaan Saamu’eliin maal jedhe?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Saamu’el 17:​34, 35 dubbisi.

    Yeroo kanatti Daawit ija jabeessaafi kan Yihowaatti amanamu ta’uunsaa kan mul’ate akkamitti? (1 Sam. 17:⁠37)

  2. 1 Saamu’el 16:​1-​14 dubbisi.

    1. (a) Yaadni 1 Saamu’el 16:7 rra jiru, akka namoota wal hin caalchisneefi bifasaanii arginee itti faraduurraa akka of qusannu kan nu gargaaru akkamitti? (HoE. 10:​34, 35; 1 Xim. 2:⁠4)

    2. (b) Fakkeenyi Saa’ol, Yihowaan hafuurasaa isa qulqulluu yommuu namarraa fudhatu hafuurri xuraa’aan iddoo sanatti akka guutu, ykn waan dogoggora ta’e raawwachuuf akka nama kakaasu kan argisiisu akkamitti? (1 Sam. 16:14; Mat. 12:​43-​45; Gal. 5:​16)

Seenaa 58

Daawitiifi Goliyaad

  1. Goliyaad loltoota Israa’el kan sossodaachise akkamitti?

  2. Goliyaad hammam ga’a ture? Saa’ol Mootichi, nama Goliyaadiin ajjeeseef maalan godha jedhee waadaa gale?

  3. Saa’ol, Daawit Goliyaadiin loluu akka hin dandeenye ennaa itti himu Daawit maal jedhe?

  4. Daawit deebii Goliyaadiif kenneen Yihowaatti amanamuusaa kan argisiise akkamitti?

  5. Akkuma fakkii kanarratti argitu, Daawit Goliyaadiin ajjeesuuf maalitti gargaarame? Sanaan booda Filisxeemonni maal ta’an?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Saamu’el 17:​1-​54 dubbisi.

    1. (a) Daawitiin ija jabeessa kan isa godhe maali? Nuhoo akkasaa ija jabeeyyii ta’uu kan dandeenyu akkamitti? (1 Sam. 17:​37, 45; Efe. 6:​10, 11)

    2. (b) Kiristiyaanonni tapha tokko yommuu taphatan ykn yommuu bashannanan, amala dorgommii Goliyaad argisiiserraa fagaachuu kan qaban maaliifi? (1 Sam. 17:8; Gal. 5:​26; 1 Xim. 4:⁠8)

    3. (c) Jechoonni Daawit, gargaarsa Waaqayyorratti amantaa akka qabu kan argisiisan akkamitti? (1 Sam. 17:​45-​47; 2 Sen. 20:⁠15)

    4. (d) Seenaan kun, waraanni kan godhame loltoota waraanaa diina ta’an gidduutti qofaa utuu hin ta’in, waraana waaqolii sobaafi Waaqa dhugaa kan ta’e Yihowaa gidduutti godhame ta’uusaa kan argisiisu akkamitti? (1 Sam. 17:​43, 46, 47)

    5. (e) Dibamtoonni lafarratti argaman, Yihowaarratti amanamuudhaan fakkeenya Daawit kan hordofan akkamitti? (1 Sam. 17:37; Er. 1:​17-​19; Mul. 12:​17)

Seenaa 59

Daawit Baqachuu kan Qabu Maaliifi

  1. Saa’ol Daawititti kan hinaafe maaliifi? Ilmisaa Yonaataan garuu adda kan ture akkamitti?

  2. Gaaf tokko Daawit Saa’oliif kiraara utuma taphatuu maaltu ta’e?

  3. Saa’ol, Daawit intalasaa Mikaal haadha manaa godhee fudhachuusaa dura maal gochuu akka qabu dubbate? Saa’ol akkas kan jedhe maaliifi?

  4. Akka fakkii kanarratti arginutti, Daawit Saa’oliif kiraara taphachaa utuu jiruu yeroo sadaffaadhaaf maaltu ta’e?

  5. Mikaal lubbuu Daawit kan oolchite akkamitti? Achiihoo, Daawit waggoota torbaaf maal gochuutu isarra jira ture?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Saamu’el 18:​1-​30 dubbisi.

    1. (a) Jaalalli cimaan Yonaataan Daawitiif qabu, jaalala cimaa “hoolota kan biraa” fi “karra xinnayyoo” gidduu jiruuf fakkeenya kan ta’u akkamitti? (1 Sam. 18:1; Yoh. 10:⁠16; Luq. 12:32; Zak. 8:​23)

    2. (b) Akka seerasaatti mootummaa Saa’ol kan dhaalu Yonaataan ta’uyyuu, Yonaataan, nama mootii ta’uuf filatameef akka bitamu 1 Saamu’el 18:4 kan argisiisu akkamitti?

    3. (c) Fakkeenyi Saa’ol, hinaaffaan cubbuu guddaa hojjechuutti akka nama geessu kan argisiisu akkamitti? Kunoo akeekkachiisa akkamii nuuf ta’a? (1 Sam. 18:​7-9, 25; Yaq. 3:​14-​16)

  2. 1 Saamu’el 19:​1-​17 dubbisi.

    Yonaataan yeroo Saaˈoliin mormetti, lubbuusaa balaarra buusee kan ture akkamitti? (1 Sam. 19:1, 4-6; Fak. 16:14)

Seenaa 60

Abigaayiliifi Daawit

  1. Fakkii kanarratti, dubartiin gara Daawit dhuftu kun eenyudha? Isheenoo nama akkamiiti?

  2. Naabaal eenyu?

  3. Daawit, Naabaal waan gaarii tokko akka isaaf godhu kan itti erge maaliifi?

  4. Naabaal namoota Daawit ergeen maal jedhe? Daawitoo maaltu itti dhaga’ame?

  5. Abigaayil dubartii ogummaa qabdu ta’uushee kan argisiiste akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Saamu’el 22:​1-4 dubbisi.

    Gumii Kiristiyaanaa keessatti gargaarsa waliif gochuu ilaalchisee maatiin Daawit fakkeenya gaarii kan nuuf ta’an akkamitti? (Fak. 17:17; 1 Tas. 5:​14)

  2. 1 Saamu’el 25:​1-​43 dubbisi.

    1. (a) Naabaal akka nama ulfinni isaaf hin taaneetti kan ibsame maaliifi? (1 Sam. 25:​2-5, 10, 14, 21, 25)

    2. (b) Yeroo har’aa haadholiin manaa Kiristiyaana ta’an, fakkeenya Abigaayilirraa maal barachuu danda’u? (1 Sam. 25:​32, 33; Fak. 31:26; Efe. 5:⁠24)

    3. (c) Abigaayil, Daawit wantoota hamoo lamaan kam hojjechuurraa isa deebiste? (1 Sam. 25:​31, 33; Rom. 12:​19; Efe. 4:⁠26)

    4. (d) Yaada Abigaayil dhiheessiteef deebiin Daawit kenne, yeroo har’aa dhiironni dubartootaaf ilaalcha Yihowaan qabu akka qabaatan kan isaan gargaaru akkamitti? (HoE. 21:​8, 9; Rom. 2:​11; 1 Phe. 3:⁠7)

Seenaa 61

Daawit Mootii Ta’e

  1. Saa’ol buufaticha gidduu rafee utuu jiruu Daawitiifi Abiishaayi maal godhan?

  2. Daawit, Saa’oliin gaaffii akkamii gaafate?

  3. Daawit Saa’ol biraa erga deemee booda garam dhaqe?

  4. Daawitiin wanti baay’ee isa aarsee faarfannaa akka barreessu isa godhe maalidha?

  5. Daawit Kebroonitti mootii yommuu ta’u umuriinsaa meeqa ture? Maqaan ijoolleessaa tokko tokko eenyufa’i?

  6. Booddeehoo Daawit mootii ta’ee kan bulche eessatti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Saamu’el 26:​1-​25 dubbisi.

    1. (a) Wanti Daawit 1 Saamu’el 26:11 rratti dubbate, namoota aboorra jiraniif ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu argisiisa? (Far. 37:7; Rom. 13:⁠2)

    2. (b) Gaarummaa argisiisuuf carraaqqii guddaa goonuyyuu, galata yeroo dhabnutti, yaadni Daawit 1 Saamu’el 26:23 rratti dubbate ilaalcha gaarii qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (1 Mot. 8:​32; Far. 18:⁠20)

  2. 2 Saamu’el 1:​26 dubbisi.

    Akkuma Daawitiifi Yonaataan, yeroo har’aa Kiristiyaanonni ‘jaalala ho’aa waliif qabaachuu’ kan danda’an akkamitti? (1 Phe. 4:⁠8; Qol. 3:​14; 1 Yoh. 4:​12)

  3. 2 Saamu’el 5:​1-​10 dubbisi.

    1. (a) Daawit waggoota meeqaaf mootii ta’ee bulche? Yeroon kunoo kan qoqqoodame akkamitti? (2 Sam. 5:​4, 5)

    2. (b) Jabinni Daawit eessaa kan argamedha? Kunoo maal nu hubachiisa? (2 Sam. 5:​10; 1 Sam. 16:13; 1 Qor. 1:​31; Filp. 4:​13)

Seenaa 62

Rakkoo Maatii Daawitirra Ga’e

  1. Gargaarsa Yihowaatiin dhumarratti biyyi Kana’aan eenyuuf taate?

  2. Gaaf tokko galgala Daawit bantii mana Mootummaasaarra utuu jiruu maaltu ta’e?

  3. Yihowaan Daawititti baay’ee kan aare maaliifi?

  4. Fakkii kanarratti Yihowaan, Daawititti cubbuusaa akka himuuf eenyuun erge? Namichi sun Daawitirra maaltu akka ga’u dubbate?

  5. Daawitirra rakkina akkamiitu ga’e?

  6. Daawititti aanee mootii Israa’el kan ta’e eenyudha?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 2 Saamu’el 11:​1-​27 dubbisi.

    1. (a) Tajaajila Yihowaatiin qabamuun keenya eegumsa kan nuuf ta’u akkamitti?

    2. (b) Daawitiin cubbuu hojjechuutti kan isa geesse maali? Kunoo, yeroo har’aa tajaajiltoota Yihowaatiif akeekkachiisa akkamii ta’a? (2 Sam. 11:2; Mat. 5:​27-29; 1 Qor. 10:12; Yaq. 1:​14, 15)

  2. 2 Saamu’el 12:​1-​18 dubbisi.

    1. (a) Jaarsoliin gumiifi warri, akkaataa Yonaataan Daawitiif gorsa kennuuf itti dhihaaterraa maal barachuu danda’u? (2 Sam. 12:​1-4; Fak. 12:18; Mat. 13:⁠34)

    2. (b) Yihowaan Daawitiif dhiifama kan godhe maaliifi? (2 Sam. 12:13; Far. 32:5; 2 Qor. 7:​9, 10)

Seenaa 63

Mootii Ogeessa kan Ta’e Solomoon

  1. Yihowaan Solomooniin maal gaafate? Innoo maal jedhee deebise?

  2. Yihowaan, wanta Solomoon isa gaafatetti waan gammadeef, maal isaaf kennuuf waadaa gale?

  3. Rakkoo guddaan dubartoonni lamaan Solomoonitti dhiheessan maalidha?

  4. Akkuma fakkii kanarratti argitutti, Solomoon rakkina kana kan hiike akkamitti?

  5. Bulchiinsi Solomoon maal fakkaata ture? Kun kan ta’ehoo maaliifi?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Mootota 3:​3-​28 dubbisi.

    1. (a) Namoonni yeroo har’aa jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti itti gaafatamummaa qaban, yaada Solomoon 1 Mootota 3:7 rratti garaasaatii dubbaterraa maal barachuu danda’u? (Far. 119:105; Fak. 3:​5, 6)

    2. (b) Waa’ee maalii kadhachuun sirrii akka ta’e ilaalchisee, kadhannaan Solomoon dhiheesse fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u akkamitti? (1 Mot. 3:​9, 11; Fak. 30:​8, 9; 1 Yoh. 5:⁠14)

    3. (c) Akkaataan Solomoon waldhabiinsa dubartoota lamaan gidduutti uumame itti hiike, Solomoon Isa Guddaa kan ta’e bulchiinsa Yesus Kiristos ilaalchisee amantaa akkamii akka qabaannu nu gargaara? (1 Mot. 3:​28; Isa. 9:​6, 7; 11:​2-4)

  2. 1 Mootota 4:​29-​34 dubbisi.

    1. (a) Kadhannaa, Solomoon ajajamuu ilaalchisee dhiheesseef Yihowaan deebii akkamii kenne? (1 Mot. 4:​29)

    2. (b) Namoonni ogummaa Solomoon dhaga’uuf carraaqqii gochuusaanii yeroo ilaallu, nuyis Sagalee Waaqayyoo qayyabachuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? (1 Mot. 4:​29, 34; Yoh. 17:3; 2 Xim. 3:​16)

Seenaa 64

Solomoon Mana Qulqullummaa Ijaare

  1. Solomoon mana qulqullummaa Yihowaa ijaaree fixuuf yeroo hammamii itti fudhate? Manichi qarshii baay’ee kan fixe maaliifi?

  2. Manni qulqullummaa sun kutaawwan gurguddaa meeqa qaba ture? Kutaa isa keessaa keessa maaltu kaa’ama ture?

  3. Manni qulqullummaa ijaaramee yommuu dhumu Solomoon kadhannaa maal jedhu dhiheesse?

  4. Yihowaan kadhannaa Solomoonitti gammaduusaa kan argisiise akkamitti?

  5. Dubartoonni Solomoon maal akka godhuuf isa kakaasan? Booddeehoo Solomoon maal ta’e?

  6. Yihowaan Solomoonitti kan aare maaliifi? Yihowaan maal isaan jedhe?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Seenaa 28:​9, 10 dubbisi.

    Akkuma Daawit 1 Seenaa 28:​9, 10 rratti dubbatetti, yeroo hundumaa maal gochuuf carraaquu qabna? (Far. 19:14; Filp. 4:​8, 9)

  2. 2 Seenaa 6:​12-​21, 32-​42 dubbisi.

    1. (a) Solomoon, galmi namni ijaare kamiyyuu Waaqa Hundaa Ol ta’e baachuu akka hin dandeenye kan argisiise akkamitti? (2 Sen. 6:​18; HoE. 17:​24, 25)

    2. (b) Jechoonni Solomoon 2 Seenaa 6:​32, 33 rratti dubbate waa’ee Yihowaa maal ibsu? (HoE. 10:​34, 35; Gal. 2:⁠6)

  3. 2 Seenaa 7:​1-5 dubbisi.

    Israa’eloonni ulfina Yihowaa yeroo arganitti galata qaban ibsuuf akkuma kaka’an, yeroo har’aas nuyi Yihowaan sabasaatiif eebba dhangalaasuusaarratti yaaduun keenya kan nu tuquu qabu akkamitti? (2 Sen. 7:3; Far. 22:22; 34:1; 96:⁠2)

  4. 1 Mootota 11:​9-​13 dubbisi.

    Muuxannoon Solomoon, hamma dhumaatti amanamoo ta’anii jiraachuun barbaachisaa ta’uusaa kan ibsu akkamitti? (1 Mot. 11:​4, 9; Mat. 10:22; Mul. 2:​10)

Seenaa 65

Mootummichi Ni Qoqqoodame

  1. Namoonni fakkii kanarratti argitu lamaan maqaansaanii eenyu? Hojiinsaanihoo maal ture?

  2. Ahiiyaan wayyaa uffate maal godhe? Kana gochuunsaahoo maal kan argisiisu ture?

  3. Solomoon, Yerobi’aamiin maal gochuu barbaadee ture?

  4. Namoonni, Yerobi’aamiin gosoota kurnanirratti mootii kan godhan maaliifi?

  5. Yerobi’aam jabbilee lama warqeerraa kan tolche maaliifi? Utuu hin turin biyyattiin sun maal taate?

  6. Mootummaan gosoota lamaaniifi manni qulqullummaa Yihowaa Yerusaalem keessa jiru maal ta’an?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Mootota 11:​26-​43 dubbisi.

    Yerobi’aam nama akkamii ture? Yihowaan, utuu Yerobi’aam seerawwan Waaqayyoo eegee maal akka isaaf godhu waadaa galeef? (1 Mot. 11:​28, 38)

  2. 1 Mootota 12:​1-​33 dubbisi.

    1. (a) Warroonniifi jaarsoliin seera malee aangootti fayyadamuu ilaalchisee, fakkeenya gadhee Rehobiyaamirraa maal baratu? (1 Mot. 12:13; Lal. 7:7; 1 Phe. 5:⁠2, 3)

    2. (b) Dargaggoonni jireenyasaanii keessatti murtoo guddaa yommuu godhan, qajeelfama amanamaa ta’e argachuuf garam dhaquu qabu? (1 Mot. 12:​6, 7; Fak. 1:​8, 9; 2 Xim. 3:​16, 17; Ibr. 13:⁠7)

    3. (c) Yerobi’aam jabbilee warqee waaqeffannaadhaaf bakka lamatti akka dhaabu kan isa kakaase maalidha? Kunoo Yihowaarratti amantaa dhabuusaa kan argisiisu akkamitti? (1 Mot. 11:​37; 12:​26-​28)

    4. (d) Mootummaan gosoota kurnanii waaqeffannaa dhugaarratti akka ka’an kan isaan godhe eenyu? (1 Mot. 12:​32, 33)

Seenaa 66

Mootii Hamtuu kan Taate Iizaabel

  1. Iizaabel eenyu turte?

  2. Ahaab Mootichi gaaf tokko baay’ee kan gaddee maaliifi?

  3. Iizaabel, abbaan manaashee Ahaab iddoo dhaaba wayinii Naabot akka argatuuf maal goote?

  4. Yihowaan Iizaabeliin adabuuf eenyuun erge?

  5. Akka fakkicharratti argitutti, ennaa Yehuun mana Iizaabel ga’u maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Mootota 16:​29-​33 fi 18:​3, 4 dubbisi.

    Yeroo Ahaab Mootichi bulchaa turetti haalli Israa’eloonni keessa turan gaarii kan hin turre akkamitti? (1 Mot. 16:⁠33)

  2. 1 Mootota 21:​1-​16 dubbisi.

    1. (a) Naabot ija jabummaafi Yihowaadhaaf amanamaa ta’uusaa kan argisiise akkamitti? (1 Mot. 21:​1-3; Lew. 25:​23-​28)

    2. (b) Wanti nu aarsu ennaa nu mudatu fakkeenya Ahaabirraa maal barachuu dandeenya? (1 Mot. 21:4; Rom. 5:​3-5)

  3. 2 Mootota 9:​30-​37 dubbisi.

    Fedhii Yihowaa raawwachuudhaan hinaaffaa Yehuun argisiiserraa maal baranna? (2 Mot. 9:​4-​10; 2 Qor. 9:​1, 2; 2 Xim. 4:⁠2)

Seenaa 67

Yoshaafaax Yihowaatti Amaname

  1. Yoshaafaax eenyu? Kan jiraatehoo bara kam ture?

  2. Israa’eloonni kan sodaatan maaliif ture? Baay’eensaaniihoo maal godhan?

  3. Yihowaan kadhannaa Yoshaafaaxiif deebii akkamii kenne?

  4. Yihowaan waraanicha dura maaltu akka ta’u godhe?

  5. Yoshaafaaxirraa maal baranna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 2 Seenaa 20:​1-​30 dubbisi.

    1. (a) Yoshaafaax, tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoo ta’an yeroo doorsisni isaanirra ga’u maal gochuu akka qaban kan argisiise akkamitti? (2 Sen. 20:12; Far. 25:15; 62:⁠1)

    2. (b) Yihowaan yeroo hundumaa sabasaa wajjin wal qunnamuuf daandii walitti dhufeenyaatiin waan fayyadamuuf, yeroo har’aa daandii akkamiitiin gargaarama? (2 Sen. 20:​14, 15; Mat. 24:​45-​47; Yoh. 15:⁠15)

    3. (c) Waaqayyo, “lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo” yeroo jalqabu, haalli keenya haala Yoshaafaaxii wajjin kan wal fakkaatu akkamitti? (2 Sen. 20:​15, 17; 32:8; Mul. 16:​14, 16)

    4. (d) Fakkeenya Lewwotaa, qajeelchitootaafi misiyoonotaa hordofuudhaan yeroo har’aa hojii lallabaa addunyaa maratti hojjetamu deggaruu kan dandeenyu akkamitti? (2 Sen. 20:​19, 21; Rom. 10:​13-​15; 2 Xim. 4:⁠2)

Seenaa 68

Ijoollee Dhiiraa Du’aa Ka’an Lama

  1. Namoonni sadan fakkii kanarra jiran eenyu fa’i? Mucaa isa xinnorrahoo maaltu ga’ee ture?

  2. Eliyaas mucicha ilaalchisee maal jedhee kadhate? Itti aanseehoo maaltu ta’e?

  3. Maqaan gargaaraa Eliyaas eenyu?

  4. Elsaa’i gara mana dubartii biyya Shuneemitti kan waamame maaliifi?

  5. Elsaa’i maal godhe? Mucichi du’ehoo maal ta’e?

  6. Akka Eliyaasiifi Elsaa’irraa arguun danda’ametti Yihowaan humna akkamii qaba?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Mootota 17:​8-​24 dubbisi.

    1. (a) Ajajamummaafi amantaan Eliyaas kan qorame akkamitti? (1 Mot. 17:9; 19:​1-4, 10)

    2. (b) Dubartiin abbaan manaashee irraa du’eefi Saraaphtaa keessa jiraattu amantaanshee baay’ee guddaa kan ture maaliifi? (1 Mot. 17:​12-​16; Luq. 4:​25, 26)

    3. (c) Muuxannoon dubartiin abbaan manaashee irraa du’eefi Saraaphtaa keessa jiraattuu, jechoonni Yesus Maatewos 10:​41, 42 rratti dubbate dhugaa ta’uusaanii kan argisiisu akkamitti? (1 Mot. 17:​10-​12, 17, 23, 24)

  2. 2 Mootota 4:​8-​37 dubbisi.

    1. (a) Keessummoota simachuu ilaalchisee, dubartiin biyya Shuneem fakkeenya akkamii nuuf taati? (2 Mot. 4:8; Luq. 6:​38; Rom. 12:13; 1 Yoh. 3:​17)

    2. (b) Yeroo har’aatt tajaajiltoota Waaqayyootti gaarummaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (HoE. 20:35; 28:​1, 2; Gal. 6:​9, 10; Ibr. 6:​10)

Seenaa 69

Intalli Tokko Nama Jabaa Tokko Gargaarte

  1. Fakkicharratti, intalli xinnoon kun dubartittiitti maal himaa jirti?

  2. Dubartiin fakkii kanarra jirtu eenyu? Intalattiinoo mana dubartii kanaatii maal hojjetti?

  3. Elsaa’i hojjetaansaa Na’amaanitti maal akka himu itti hime? Na’amaanoo kan aare maaliifi?

  4. Na’amaan waan hojjettoonnisaa itti himan yommuu dhaga’u maaltu ta’e?

  5. Elsaa’i kennaa Na’amaan fudhachuu kan dide maaliifi? Gehaazoo maal godhe?

  6. Gehaazirra maaltu ga’e? Nuyi kanarraa maal baranna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 2 Mootota 5:​1-​27 dubbisi.

    1. (a) Fakkeenyi intala xinnoo biyya Israa’el, dargaggoota yeroo har’aatti argaman kan jajjabeessu akkamitti? (2 Mot. 5:3; Far. 8:2; 148:​12, 13)

    2. (b) Gorsi Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e yeroo nuu kennamu fakkeenya Na’amaan yaadachuun keenya gaarii kan ta’e maaliifi? (2 Mot. 5:​15; Ibr. 12:​5, 6; Yaq. 4:⁠6)

    3. (c) Fakkeenya Elsaa’iifi Gehaaz walbira qabuudhaan barumsa akkamii argachuu dandeenya? (2 Mot. 5:​9, 10, 14-​16, 20; Mat. 10:8; HoE. 5:​1-5; 2 Qor. 2:​17)

Seenaa 70

Yoonaasiifi Qurxummii Guddicha

  1. Yoonaas eenyu? Yihowaan maal akka hojjetu isatti hime?

  2. Yoonaas, bakka Yihowaan dhaqi isaan jedhe dhaquu waan hin barbaadneef maal godhe?

  3. Yoonaas bubbichi akka dhaabatuuf warra markaba oofaniin maal godhaa jedhe?

  4. Akkuma fakkii kanarratti arguu dandeessutti, Yoonaas bishaan keessa lixuu yeroo jalqabu maal ta’e?

  5. Yoonaas garaa qurxummichaa keessa hammam ture? Achii keessattoo maal godhe?

  6. Yoonaas garaa qurxummicha keessaa erga ba’ee booda eessa dhaqe? Kunoo maal nu barsiisa?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Yoonaas 1:​1-​17 dubbisi.

    Yoonaas hojii namoota Nanawweetti akka lallabuuf isatti kenname ilaalchisee maaltu itti dhaga’ame? (Yon. 1:​2, 3; Fak. 3:7; Lal. 8:​12)

  2. Yoonaas 2:​1, 2, 10 dubbisi.

    Muuxannoon Yoonaas, Yihowaan kadhannaa keenyaaf akka deebii kennu kan nuu mirkaneessu akkamitti? (Far. 22:24; 34:6; 1 Yoh. 5:​14)

  3. Yoonaas 3:​1-​10 dubbisi.

    1. (a) Yoonaas yeroo jalqabaa hojii Yihowaan isatti kenne hojjechuu baatus, Yihowaan isatti gargaaramuusaa itti fufuunsaa kan nu jajjabeessu akkamitti? (Far. 103:14; 1 Phe. 5:​10)

    2. (b) Warra Nanawwee ilaalchisee muuxannoon Yoonaas, namoota naannoo keenya keessa jiranirratti dursinee akka hin faranne kan nu barsiisu akkamitti? (Yon. 3:​6-9; Lal. 11:6; HoE. 13:⁠48)

Seenaa 71

Waaqayyo Jannata Akka Fidu Abdii Kenneera

  1. Isaayaas eenyu ture? Kan jiraatehoo bara kamitti? Yihowaan maal isatti argisiise?

  2. Jechi “jannata” jedhu maal jechuudha? Maal si yaadachiisa?

  3. Yihowaan Isaayaas waa’ee Jannata haaraa maal akka barreessu itti hime?

  4. Addaamiifi Hewwaan iddoo jireenyaasaanii isa bareedaa maaliif dhaban?

  5. Yihowaan namoota isa jaallataniif abdii maalii kenne?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Isaayaas 11:​6-9 dubbisi.

    1. (a) Sagaleen Waaqayyoo, nagaa addunyaa haaraa keessatti bineensotaafi namoota gidduu jiraatu kan ibsu akkamitti? (Far. 148:​10, 13; Isa. 65:25; His. 34:⁠25)

    2. (b) Yeroo har’aatti, jecha Isaayaas isa kamtu saba Yihowaa gidduutti karaa hafuuraatiin raawwiisaa argachaa jira? (Rom. 12:2; Efe. 4:​23, 24)

    3. (c) Ammas ta’e addunyaa haaraa keessatti amala namootaarratti jijjiiramni gaariin mul’achuusaatiif galateeffatamuu kan qabu eenyu? (Isa. 48:​17, 18; Gal. 5:​22, 23; Filp. 4:⁠7)

  2. Mul’ata 21:​3, 4 dubbisi.

    1. (a) Waaqayyo namootaa wajjin ni jiraata jechuun, lafa kanaaf xiyyeeffannaa ni kenna jechuu malee, qaamaan gara lafaa dhufa jechuu akka hin taane Macaafni Qulqulluun kan argisiisu akkamitti? (Lew. 26:​11, 12; 2 Sen. 6:​18; Isa. 66:1; Mul. 21:​2, 3, 22-​24)

    2. (b) Imimmaaniifi dhibee akkamiitu balleeffama? (Luq. 8:​49-​52; Rom. 8:​21, 22; Mul. 21:⁠4)

Seenaa 72

Waaqayyo Hisqiyaas Mooticha Gargaare

  1. Namichi fakkii kanarra jiru eenyu? Dhiphinni guddaan kan isarra ga’ehoo maaliifi?

  2. Xalayaawwan Hisqiyaas Waaqayyo dura kaa’e maalidha? Hisqiyaas maal jedhee kadhannaa dhiheesse?

  3. Hisqiyaas mootii akkamii ture? Yihowaanoo karaa Isaayaas raajichaa ergaa akkamii isatti erge?

  4. Akka fakkii kanarratti arginutti, ergamaan Yihowaa tokko Asorotarra maal geessise?

  5. Mootummaan gosoota lamaanii yeroo xinnoodhaaf nagaadhaan kan jiraate ta’uyyuu, Hisqiyaas erga du’ee booda maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 2 Mootota 18:​1-​36 dubbisi.

    1. (a) Sagale-dabarsituu Asorotaa kan ture Rabshaaqeen amantaa Israa’elootaa dadhabsiisuu kan barbaade akkamitti? (2 Mot. 18:​19, 21 [1899]; Bau. 5:2; Far. 64:⁠3)

    2. (b) Mormitootaaf deebii kennuu ilaalchisee, Dhugaa Baatonni Yihowaa fakkeenya Hisqiyaas hordofuu kan danda’an akkamitti? (2 Mot. 18:36; Far. 39:1; Fak. 26:4; 2 Xim. 2:​24)

  2. 2 Mootota 19:​1-​37 dubbisi.

    1. (a) Yeroo har’aatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa rakkinni yommuu isaanirra ga’u fakkeenya Hisqiyaas hordofuu kan danda’an akkamitti? (2 Mot. 19:​1, 2; Fak. 3:​5, 6; Ibr. 10:​24, 25; Yaq. 5:​14, 15))

    2. (b) Senaaheriib Mootichi, karaa sadan kamiin mo’ame? Innoo eenyuuf fakkeenya ta’a? (2 Mot. 19:​32, 35, 37; Mul. 20:​2, 3)

  3. 2 Mootota 21:​1-6, 16 dubbisi.

    Minaaseen, mootota Yerusaalemiin bulchan hundumaa caalaa baay’ee hamaa ture jechuu kan dandeenyu maaliifi? (2 Sen. 33:⁠4-6, 9)

Seenaa 73

Mootii Gaarii Isa Dhumaa

  1. Yosiyaas yeroo mootii ta’etti umuriinsaa meeqa ture? Mootummaasaarra waggaa torba erga turee booda maal gochuu jalqabe?

  2. Fakkii jalqabaarratti Yosiyaas yommuu maal godhu argita?

  3. Namoonni mana qulqullummaa utuu suphaa jiranii hangafni lubootaa tokko maal argate?

  4. Yosiyaas wayyaasaa kan tarsaase maaliifi?

  5. Raajittiin Huldaa jedhamtu Yihowaarraa ergaa maal jedhu fiddee Yosiyaasitti himte?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 2 Seenaa 34:​1-​28 dubbisi.

    1. (a) Yosiyaas, ijoollee maatii Yihowaadhaaf hin ajajamne keessatti argamaniif fakkeenya akkamii ta’a? (2 Sen. 33:​21-​25; 34:​1, 2; Far. 27:⁠10)

    2. (b) Yosiyaas bulchiinsasaa waggaa 8ffaa, 12ffaafi 18ffaatti, waaqeffannaa dhugaa babal’isuuf tarkaanfii guddaa akkamii fudhate? (2 Sen. 34:​3, 8)

    3. (c) Galmawwan Mootummaa haaromsuu ilaalchisee, fakkeenya Yosiyaas Mootichaafi Hangafa Lubootaa Hilqiyaasirraa maal baranna? (2 Sen. 34:​9-​13; Fak. 11:14; 1 Qor. 10:⁠31)

Seenaa 74

Nama Ija Jabeessa Ta’e

  1. Dargaggeessi fakkii kanarra jiru eenyu?

  2. Ermiyaas raajii ta’uusaa ilaalchisee maaltu isatti dhaga’amee ture? Ta’uyyuu Yihowaan maal jedheen?

  3. Ermiyaas ergaa maal jedhu namootatti himuusaa itti fufe?

  4. Luboonni, Ermiyaas hojiisaa akka dhaabu gochuuf kan yaalan akkamitti? Inni garuu akka hin sodaanne kan argisiise akkamitti?

  5. Israa’eloonni karaasaanii isa jal’aarraa yeroo deebi’uu didanitti maaltu isaanirra ga’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Ermiyaas 1:​1-8 dubbisi.

    1. (a) Akka fakkeenyi Ermiyaas argisiisutti, nama tokko tajaajila Yihowaatiif ga’aa kan isa godhu maalidha? (2 Qor. 3:​5, 6)

    2. (b) Fakkeenyi Ermiyaas, dargaggoota Kiristiyaanaa yeroo har’aatti argaman kan jajjabeessu akkamitti? (Lal. 12:1; 1 Xim. 4:​12)

  2. Ermiyaas 10:​1-5 dubbisi.

    Ermiyaas waaqolii tolfamanitti amanamuun gowwummaa ta’uusaa argisiisuuf, fakkeenya gaarii akkamiitiin gargaarame? (Er. 10:5; Isa. 46:7; An. 2:⁠19)

  3. Ermiyaas 26:​1-​16 dubbisi.

    1. (a) Dibamtoonni lafarratti hafan yeroo har’aa ergaa akeekkachiisaa yommuu himan, abboommii Yihowaan Ermiyaasiin “wanta ani si abboomu kana hundumaa keessaa tokko illee hin hambisin!” jechuudhaan isatti hime kan hin daganne akkamitti? (Er. 26:2; Kes. 4:2; HoE. 20:⁠27)

    2. (b) Akeekkachiisa Yihowaan kenne sabootaaf lallabuu ilaalchisee, Ermiyaas Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo har’aatti argamaniif fakkeenya gaarii akkamii kaa’eera? (Er. 26:​8, 12, 14, 15; 2 Xim. 4:​1-5)

  4. 2 Mootota 24:​1-​17 dubbisi.

    Sabni Yihudaa Yihowaadhaaf amanamoo ta’uu dhiisuusaanitiin waan gaddisiisaa akkamiitu isaanirra ga’e? (2 Mot. 24:​2-4, 14)

Seenaa 75

Ijoollee Dhiiraa Arfan Baabilon Keessa Turan

  1. Dargaggoonni arfan fakkii kanarra jiran eenyufa’i? Gara biyya Baabilon kan dhufan maaliifi?

  2. Nebukadnezaar dargaggoota arfan kana ilaalchisee karoora maalii qaba ture? Hojjettootasaatiifoo ajaja akkamii kenne?

  3. Daani’el, nyaataaf dhugaatii isaafi hiriyotasaa sadaniif dhihaatu ilaalchisee gaaffii maalii dhiheesse?

  4. Daani’eliifi hiriyoonnisaa sadan guyyaa kudhaniif kuduraalee qofaa erga nyaatanii booda, warra kaanii wajjin walbiratti yeroo ilaalaman akkam ta’anii argaman?

  5. Daani’elifi hiriyoonnisaa sadan mana mootichaa keessa jiraachuu kan danda’an akkamitti? Lubootaafi ogeeyyota kaanirra kan caalanoo karaa kamiini?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Daani’el 1:​1-​21 dubbisi.

    1. (a) Rakkoowwan nurra ga’aniifi dadhabbii keenya mo’uu yoo barbaadne, carraaqqii akkamii gochuu qabna? (Dan. 1:8; Uma. 39:​7, 10; Gal. 6:⁠9)

    2. (b) Dargaggoonni yeroo har’aatti argaman nyaatawwan namoonni tokko tokko akka ‘nyaata mootti’ ilaalan nyaachuuf akka qoraman dhiibbaan kan isaanirra ga’u akkamitti? (Dan. 1:8; Fak. 20:1; 2 Qor. 6:⁠17–7:⁠1)

    3. (c) Seenaan Macaafa Qulqulluu waa’ee dargaggoota Ibrootaa arfanii dubbatu, beekumsa biyya lafaa qabaachuu ilaalchisee, maal akka hubannu nu gargaara? (Dan. 1:​20; Isa. 54:13; 1 Qor. 3:​18-​20)

Seenaa 76

Yerusaalem Ni Balleeffamte

  1. Fakkicharratti akka arginutti, Yerusaalemiifi Israa’elootarra maaltu ga’aa jira?

  2. Hisqi’el eenyudha? Yihowaan wantoota nama suukanneessan akkamii isatti argisiise?

  3. Yihowaan Israa’eloonni isa kabajuu waan didaniif maal gochuuf kakate?

  4. Nebukadnezaar Mootichi erga Israa’eloonni isarratti fincila kaasanii booda maal godhe?

  5. Yihowaan badiisni guddaan akkasii Israa’elootarra akka ga’u kan heyyame maaliifi?

  6. Biyyi Israa’el ona taatee kan hafte akkamitti? Yeroo hammamiitiifoo?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 2 Mootota 25:​1-​26 dubbisi.

    1. (a) Zedeqiiyaan eenyu? Maaltu isarra ga’e? Kun ta’uunsaa raajiin Macaafa Qulqulluu akka raawwatamu kan godhe akkamitti? (2 Mot. 25:​5-7; His. 12:​13-​15)

    2. (b) Israa’eloonni amanamoo ta’uu diduusaaniitiif Yihowaan kan itti gaafatamaa godhe eenyuuni? (2 Mot. 25:​9, 11, 12, 18, 19; 2 Sen. 36:​14, 17)

  2. Hisqi’el 8:​1-​18 dubbisi.

    Sabni Kiristiyaanaa, Israa’eloota gantoota aduu waaqeffatan kan fakkaatan akkamitti? (His. 8:​16; Isa. 5:​20, 21; Yoh. 3:​19-​21; 2 Xim. 4:⁠3)

Seenaa 77

Fakkichaaf Hin Sagadne

  1. Mootiin biyya Baabilon Nebukadnezaar jiraattota biyyattiitiif abboommii maalii kenne?

  2. . Hiriyoonni Daani’el sadan fakkii warqeerraa tolfame kanaaf kan hin sagadne maaliifi?

  3. Ibroonni sadan akka sagadaniif Nebukadnezaar carraa dabalataa isaaniif kennus, Yihowaatti amanamuusaanii kan argisiisan akkamitti?

  4. Nebukadnezaar, namoonnisaa Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo maal akka godhan ajaje?

  5. Nebukadnezaar gara ibiddichaa yommuu ilaalu maal arge?

  6. Mootichi, Waaqayyo isa kan Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo kan jaje maaliifi? Isaanoo fakkeenya akkamii nuuf ta’u?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Daani’el 3:​1-​30 dubbisi.

    1. (a) Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi ejjennoonsaanii yommuu qoramutti, amala dargaggoonni Ibrootaa sadan argisiisan isa kam hordofuu qabu? (Dan. 3:​17, 18; Mat. 10:28; Rom. 14:​7, 8)

    2. (b) Yihowaan Nebukadnezaariif barumsa barbaachisaa akkamii kenne? (Dan. 3:​28, 29; 4:​34, 35)

Seenaa 78

Barreeffama Keenyanirratti Harkaan Barreeffame

  1. Mootiin Baabilon, nyaachisa guddaa qopheesseef finjaalaafi saanii golboo mana qulqullummaa Yihowaa isa Yerusaalem keessa jiru keessaa fuudhetti utuu fayyadamaa jiruu maaltu ta’e?

  2. Belshaazaar beektotasaatiin maal jedheen? Isaan garuu maal gochuu dadhaban?

  3. Haati mootichaa maal akka godhu isatti himte?

  4. Akka Daani’el mootichatti himetti, Waaqayyo qubni tokko keenyanirratti akka barreessu kan godhe maaliifi?

  5. Daani’el jechoota keenyanirratti barreeffaman kan ibse akkamitti?

  6. Utuma Daani’el dubbachaa jiruu maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Daani’el 5:​1-​31 dubbisi.

    1. (a) Waaqayyoon sodaachuufi sodaan Belshaazaar yeroo keenyanirratti barreeffamicha arge itti dhaga’ame gidduu garaagarummaa jiru ibsi. (Dan. 5:​6, 7; Far. 19:9; Rom. 8:​35-​39)

    2. (b) Daani’el, Belshaazaariifi gurguddootasaa duratti yommuu dubbatu ija jabeessa ta’uusaa kan argisiise akkamitti? (Dan. 5:​17, 18, 22, 26-​28; HoE. 4:​29)

    3. (c) Daani’el boqonnaan 5 olaantummaa Yihowaan uumama cufarratti qabu kan mirkaneessu karaa kamiini? (Dan. 4:​17, 25; 5:​21)

Seenaa 79

Daani’el Boolla Leencaa Keessatti

  1. Daariyoos eenyudha? Daani’eliifoo ilaalcha akkamii qaba ture?

  2. Namoonni hinaafan tokko tokko Daariyoos maal akka godhu godhan?

  3. Daani’el seerri haaraan ba’uusaa yeroo dhaga’e maal godhe?

  4. Daariyoos hamma hirriba isa dhowwutti kan aare maaliifi? Borumtaasaa ganama maal godhe?

  5. Daani’el Daariyoosiif deebii kan kenne akkamitti?

  6. Namoota hamoo Daani’eliin ajjeesuu yaalanirra maaltu ga’e? Achiihoo Daariyoos namoota mootummaasaa keessa jiraniif maal jedhee barreesse?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Daani’el 6:​1-​28 dubbisi.

    1. (a) Koratni Daani’elirratti godhame, wanta mormitoonni yeroo keenyatti hojii Dhugaa Baatota Yihowaa dhaabsisuuf godhan kan nu yaadachiisu akkamitti? (Dan. 6:7; Far. 94:20; Isa. 10:1; Rom. 8:​31)

    2. (b) Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo har’aatti argaman “warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif” abboomamuudhaan Daani’eliin fakkaachuu kan danda’an akkamitti? (Dan. 6:​5, 10; Rom. 13:1; HoE. 5:​29)

    3. (c) Daani’el ‘ittuma fufee’ Yihowaa tajaajiluudhaan fakkeenya nuu kaa’e hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Dan. 6:​16, 20; Filp. 3:​16; Mul. 7:​15)

Seenaa 80

Sabni Waaqayyoo Baabilonii Ba’e

  1. Akka fakkicharratti fakkeenyaan kaa’ametti Israa’eloonni maal gochaa jiru?

  2. Qiiros, raajii Yihowaan karaa Isaayaas dubbate kan raawwate akkamitti?

  3. Qiiros, Israa’eloota gara Yerusaalemitti deebi’uu hin dandeenyeen maal jedhe?

  4. Qiiros, sabni Israa’el gara Yerusaalemitti maal fudhatanii akka deebi’an godhe?

  5. Israa’eloonni Yerusaalemitti deebi’uuf yeroo hammamii isaanitti fudhate?

  6. Biyyattiin guutummaatti ona taatee kan turte waggoota meeqaafi?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Isaayaas 44:28 fi 45:​1-4 dubbisi.

    1. (a) Yihowaan, raajiin waa’ee Qiiros dubbatu raawwatamuunsaa akka hin oolle kan mirkaneesse akkamitti? (Isa. 55:​10, 11; Rom. 4:​17)

    2. (b) Raajiin Isaayaas Qirosiin ilaalchisee dubbate, wanta fuulduratti raawwatamu dubbachuu ilaalchisee dandeettii Yihowaan qabu kan argisiisu akkamitti? (Isa. 42:9; 45:21; 46:​10, 11; 2 Phe. 1:​20)

  2. Izraa 1:​1-​11 dubbisi.

    Fakkeenya warra Yerusaalemitti deebi’uu hin dandeenye sanaa hordofuudhaan, nuyis yeroo har’aatti obboloota yeroo guutuu tajaajiluu danda’an ‘gargaaruu’ kan dandeenyu akkamitti? (Iz. 1:​4, 6; Rom. 12:13; Qol. 4:​12)

Seenaa 81

Gargaarsa Waaqayyootti Amanamuu

  1. Baabilonii ka’anii gara Yerusaalem dhaquuf karaa dheeraa sana kan deeman namoota meeqadha? Haata’u malee yeroo achi ga’an maal argan?

  2. Israa’eloonni erga achi ga’anii booda maal ijaaruu jalqaban? Diinonnisaaniihoo maal godhan?

  3. Haageefi Zakaariyaas eenyu? Saba sanattoo maal himan?

  4. Taatanaayi gara Baabilonitti xalayaa kan erge maaliifi? Achiihoo deebii akkamiitu deebi’eef?

  5. Izraan, manni qulqullummaa Waaqayyoo haaromfamuu akka qabu yommuu dhaga’u maal godhe?

  6. Fakkicharratti Izraan waa’ee maalii kadhachaa jira? Kadhannaasaatiif deebii kan argate akkamitti? Kunoo maal nu barsiisa?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Izraa 3:​1-​13 dubbisi.

    Bakka gumiin saba Waaqayyoo hin argamne utuu jiraannee maal gochuu keenya itti fufuu qabna? (Iz. 3:​3, 6; HoE. 17:​16, 17; Ibr. 13:⁠15)

  2. Izraa 4:​1-7 dubbisi.

    Amantii waliin makuu ilaalchisee Zarubaabel saba Yihowaatiif fakkeenya akkamii ta’a? (Bau. 34:12; 1 Qor. 15:33; 2 Qor. 6:​14-​17)

  3. Izraa 5:​1-5, 17 fi 6:​1-​22 dubbisi.

    1. (a) Mormitoonni, ijaarsi mana qulqullummaa akka dhaabatu gochuu kan hin dandeenye maaliifi? (Iz. 5:5; Isa. 54:⁠17)

    2. (b) Tarkaanfiin jaarsoliin warra Yihudootaa fudhatan, jaarsoliin gumii Kiristiyaanaa yeroo mormiin isaanirra ga’u qajeelfama Yihowaa akka gaafatan kan isaan jajjabeessu akkamitti? (Iz. 6:​14; Far. 32:⁠8; Rom. 8:​31; Yaq. 1:⁠5)

  4. Izraa 8:​21-​23, 28-​36 dubbisi.

    Hojii tokko jalqabuu keenya dura fakkeenya Izraa isa kam hordofuu keenyatu gaariidha? (Iz. 8:​23; Far. 127:1; Fak. 10:22; Yaq. 4:​13-​15)

Seenaa 82

Mordekaayiifi Asteer

  1. Mordekaayiifi Asteer eenyu?

  2. Ahashweros Mootichi haadha manaa haaraa kan barbaade maaliifi? Kan inni filatehoo eenyuuni?

  3. . Haamaan eenyudha? Wanti baay’ee isa aarsehoo maali?

  4. Seera akkamiitu baafamee ture? Asteeroo ergaa Mordekaayi biraa dhufe erga fudhattee booda maal goote?

  5. Haamaanirra maaltu ga’e? Mordekaayihoo maal ta’e?

  6. Israa’eloonni diinotasaanii jalaa kan oolan akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Asteer 2:​12-​18 dubbisi.

    Asteer amala “garraamummaa fi gabii” horachuun barbaachisaa ta’uusaa kan argisiiste akkamitti? (As. 2:​15; 1 Phe. 3:​1-5)

  2. Asteer 4:​1-​17 dubbisi.

    Asteer waaqeffannaa dhugaaf jecha tarkaanfii akka fudhattu akkuma heyyamameefii ture hundaa, nuyis yeroo har’aa amanamummaa Yihowaadhaaf qabnuufi kan isaaf bulle ta’uu keenya argisiisuuf carraan akkamii nuu kennameera? (As. 4:​13, 14; Mat. 5:​14-​16; 24:⁠14)

  3. Asteer 7:​1-6 dubbisi.

    Akkuma Asteer goote hundaa, sabni Yihowaa yeroo har’aatti argaman baay’eenis ari’atamaaf kan of saaxilan akkamitti? (As. 7:4; Mat. 10:​16-​22; 1 Phe. 2:​12)

Seenaa 83

Masaraawwan Yerusaalem

  1. Israa’eloonni, magaalaan Yerusaalem masaraa dhabuusheetti maaltu isaanitti dhaga’ame?

  2. Nahimiiyaan eenyu?

  3. Hojiin Nahimiiyaa maal ture? Kunoo barbaachisaa kan ture maaliifi?

  4. Nahimiiyaa kan gaddisiise oduu akkamiiti? Achiihoo maal godhe?

  5. Ahashweros Mootichi Nahimiiyaatti gaarummaa kan argisiise akkamitti?

  6. Diinonni Israa’el hojicha dhaabsisuu akka hin dandeenyetti, Nahimiiyaan hojii ijaarsichaa kan qindeesse akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Nahimiiyaa 1:​4-6 fi 2:​1-​20 dubbisi.

    Nahimiiyaan qajeelfama Yihowaa kan barbaade akkamitti? (Nah. 2:​4, 5; Rom. 12:12; 1 Phe. 4:⁠7)

  2. Nahimiiyaa 3:​3-5 dubbisi.

    Jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii, garaagarummaa warra Teqo’aafi ‘gurguddootasaanii’ gidduu jirurraa maal barachuu danda’u? (Nah. 3:​5, 27; 2 Tas. 3:​7-​10; 1 Phe. 5:⁠5)

  3. Nahimiiyaa 4:​1-​23 dubbisi.

    1. (a) Israa’eloonni mormii guddaan utuma jiruu ijaarsasaanii akka itti fufan kan isaan kakaase maalidha? (Nah. 4:​6, 8, 9; Far. 50:15; Isa. 65:​13, 14)

    2. (b) Fakkeenyi Israa’elootaa yeroo har’aatti kan nu jajjabeessu karaa kamiini?

  4. Nahimiiyaa 6:​15 dubbisi.

    Dallaawwan Yerusaalem ji’a lama gidduutti ijaaramanii dhumuunsaanii humna amantaan qabu kan argisiisu akkamitti? (Far. 56:​3, 4; Mat. 17:20; 19:⁠26)

Seenaa 84

Ergamaan Tokko Maariyaamiin Haasofsiise

  1. Durbi fakkii kanarratti argamtu eenyu?

  2. Gabri’el Maariyaamitti maal hime?

  3. Gabri’el, Maariyaamiin dhiira kan hin beekne taatuyyuu mucaa akka godhattu kan ibseef akkamitti?

  4. Maariyaam firashee Elsaabexiin yommuu daawwattetti maaltu ta’e?

  5. Yoseef, Maariyaamiin akka ulfoofte erga baree booda maal gochuuf yaade? Yaadasaa kan geeddarehoo maaliifi?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Luqaas 1:​26-​56 dubbisi.

    1. (a) Yeroo lubbuun Ilma Waaqayyoo samiirraa gara gadameessasheetti geeddarametti, cubbuu Maariyaam Addaamirraa dhaalte ilaalchisee Luqaas 1:​35 maal argisiisa? (Hag. 2:​11-​13; Yoh. 6:​69; Ibr. 7:​26; 10:⁠5)

    2. (b) Yesus utuu gadameessa haadhasaa keessa jiruullee ulfina kan argate akkamitti? (Luq. 1:​41-​43)

    3. (c) Maariyaamiin, Kiristiyaanota yeroo har’aa mirgi tajaajilaa adda ta’e argataniif fakkeenya gaarii akkamii taati? (Luq. 1:​38, 46-​49; 17:10; Fak. 11:⁠2)

  2. Maatewos 1:​18-​25 dubbisi.

    Maqaan Yesus ittiin waamamu Amaanu’el ta’uu baatuyyuu, yeroo inni nama ta’ee lafarratti dabarsetti hiikni maqaa kanaa kan raawwatame akkamitti? (Mat. 1:​22, 23; Yoh. 14:​8-​10; Ibr. 1:​1-3)

Seenaa 85

Yesus Moonaa Keessatti Dhalate

  1. Mucaa xinnoon fakkii kanarra jiru eenyu? Maariyaam eessa isa ciibsaa jirti?

  2. Yesus moonaa keessa bakka horiin jiranitti kan dhalate maaliifi?

  3. Fakkicharratti, namoonni gara moonichaa seenaa jiran eenyufa’i? Ergamaan tokko maal jedhee isaanitti hime?

  4. Yesus adda kan ture maaliifi?

  5. Yesus Ilma Waaqayyoo jedhamee kan waamame maaliifi?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Luqaas 2:​1-​20 dubbisi.

    1. (a) Awugusxos Mootichi, raawwii raajii waa’ee dhalachuu Yesus ilaalchisee dubbatame keessatti ga’ee maalii qaba ture? (Luq. 2:​1-4; Mik. 5:⁠2)

    2. (b) Namni tokko warra “namoota Waaqayyo itti gammadu” jedhaman keessaa tokko ta’uu kan danda’u akkamitti? (Luq. 2:​14; Mat. 16:24; Yoh. 17:3; HoE. 3:​19; Ibr. 11:⁠6)

    3. (c) Tiksoonni warra Yihudaa amala gad of qabuu qaban sun Fayyisaan dhalachuusaatti erga gammadanii, tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo ammaa jiran gammaduuf sababii guddaa akkamii qabu? (Luq. 2:​10, 11; Efe. 3:​8, 9; Mul. 11:15; 14:⁠6)

Seenaa 86

Namoota Urjiidhaan Geggeeffaman

  1. Jarreen fakkii kanarra jiran eenyufa’i? Inni tokko gara urjii ifu kanaatti qubasaa kan qabe maaliifi?

  2. Herodis Mootichi kan aare maaliifi? Kanaaf maal godhe?

  3. Urjiin ifu kun namoota kana garamitti geesse? Haata’u malee, karaa biraarra goranii gara biyyasaaniitti kan deebi’an maaliifi?

  4. Herodis ajaja akkamii kenne? Maaliif?

  5. Yihowaan Yoseef maal akka godhu itti hime?

  6. Urjiin haaraan kun akka ifu kan godhe eenyu? Kana kan godhehoo maaliifi?

Gaaffii dabalataa:

  1. Maatewos 2:​1-​23 dubbisi.

    Namoonni urjii lakkaa’an isa ilaaluu yommuu dhufan, Yesus umuriinsaa meeqa ture? Kan jiruhoo eessa ture? (Mat. 2:​1, 11, 16)

Seenaa 87

Yesus Mana Qulqullummaa Keessatti

  1. Fakkii kanarratti yommuu ilaaltu Yesus umuriinsaa meeqa ta’a? Yeroo kanatti eessa jira ture?

  2. Yoseef wagga waggaadhaan maatiisaatii wajjin maal godha ture?

  3. Yoseefiifi Maariyaam gara biyyasaaniitti deebi’uuf adeemsa guyyaa tokkoo erga adeemanii booda, gara Yerusaalemitti kan deebi’an maaliifi?

  4. Yoseefiifi Maariyaam Yesusiin eessatti argatan? Namoonni achi turan baay’ee kan dinqisiifatan maaliifi?

  5. Yesus Maariyaamiin maal jedhe?

  6. Waa’ee Waaqayyoo barachuudhaan Yesusiin fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Luqaas 2:​41-​52 dubbisi.

    1. (a) Akka Seerichaatti ayyaanicharratti akka argaman kan ajajaman warra dhiiraa qofaa ta’aniyyuu, Yoseefiifi Maariyaam warra yeroo har’aa argamaniif fakkeenya gaarii akkamii ta’u? (Luq. 2:​41; Kes. 16:16; 31:12; Fak. 22:⁠6)

    2. (b) Yesus, dargaggoonni yeroo har’aatti argaman warrasaaniitiif akka ajajamaniif fakkeenya gaarii kan ta’u akkamitti? (Luq. 2:​51; Kes. 5:​16; Fak. 23:22; Qol. 3:​20)

  2. Maatewos 13:​53-​56 dubbisi.

    Obboloonni Yesus arfan Macaafa Qulqulluu keessatti caqafaman eenyufa’i? Booddeehoo lamaansaanii gumii Kiristiyaanaa keessatti kan tajaajilan akkamitti? (Mat. 13:​55; HoE. 12:17; 15:​6, 13; 21:18; Gal. 1:​19; Yaq. 1:1; Yih. 1)

Seenaa 88

Yohannis Yesusiin Cuuphe

  1. Namoonni fakkii kanarra jiran lamaan eenyufa’i?

  2. Namni tokko kan cuuphamu akkamitti?

  3. Yohannis duraan namoota akkamii cuuphaa ture?

  4. Yesus Yohannisiin na cuuphi kan jedhe kaayyoo adda ta’e maaliitiifi?

  5. Waaqayyo Yesus cuuphamuusaatti akka gammade akkamitti argisiise?

  6. Yesus guyyaa 40f kophaasaa gara lafa onaa yeroo dhaqetti maaltu ta’e?

  7. Duuka buutota ykn bartoota Yesus warra duraa keessaa tokko tokko eenyufa’i? Dinqiin inni jalqaba raawwatehoo maal ture?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Maatewos 3:​13-​17 dubbisi.

    Yesus akkaataa bartoonnisaa itti cuuphaman ilaalchisee fakkeenya maalii kaa’e? (Far. 40:​7, 8; Mat. 28:​19, 20; Luq. 3:​21, 22)

  2. Maatewos 4:​1-​11 dubbisi.

    Yesus Caaffata Qulqullaa’ootti karaa bu’a qabeessa ta’een gargaaramuunsaa, guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu akka qayyabannu kan nu jajjabeessu akkamitti? (Mat. 4:​5-7; 2 Phe. 3:​17, 18; 1 Yoh. 4:⁠1)

  3. Yohannis 1:​29-​51 dubbisi.

    Yohannis Cuuphaan bartootasaa gara eenyuutti erge? Nuhoo yeroo har’aatti fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Yoh. 1:​29, 35, 36; 3:​30; Mat. 23:⁠10)

  4. Yohannis 2:​1-​12 dubbisi.

    Dinqiin Yesus inni jalqabaa, Yihowaan tajaajiltootasaa waan gaarii tokkoyyuu akka hin dhoowwanne kan argisiisu akkamitti? (Yoh. 2:​9, 10; Far. 84:11; Yaq. 1:​17)

Seenaa 89

Yesus Namoota Gadhee Mana Qulqullummaa Keessaa Ari’e

  1. Horiiwwan mana qulqullummaa keessatti kan gurguraman maaliifi?

  2. Yesusiin maaltu aarse?

  3. Akka fakkii kanarratti argitutti, Yesus maal godhe? Namoota gugee gurguraniifoo ajaja maalii kenne?

  4. Bartoonni Yesus waan inni gochaa jiru yommuu argan maal yaadatan?

  5. Yesus gara Galiilaatti yommuu deebi’u karaa magaalaa kamii darbe?

Gaaffii dabalataa:

  1. Yohannis 2:​13-​25 dubbisi.

    Yesus warra mana qulqullummaa keessatti daldalanitti aaruusaa yommuu ilaallu, Galma Mootummaa keessatti wantoota daldalaa wajjin wal qabatan gochuun akkamitti ilaalamuu qaba? (Yoh. 2:​15, 16; 1 Qor. 10:​24, 31-​33)

Seenaa 90

Dubartii Tokkoo Wajjin Boolla Bishaanii Biratti

  1. Yesus biyya Samaariyaatti boolla bishaanii tokkotti kan gore maaliifi? Dubartii bishaanicha bira jirtuunoo maal jechaa jira?

  2. Dubartittiin kan dinqisiifamte maaliifi? Yesus maal isheedhaan jedhe? Maaliif?

  3. Dubartittiin, Yesus waa’ee bishaan isa kamii kan dubbatu itti fakkaatee ture? Inni garuu kan dubbatu waa’ee bishaan isa kamii ture?

  4. Dubartittii kan dinqisiise Yesus waa’eeshee maal beekuusaati? Innoo kana beekuu kan danda’e akkamitti?

  5. Seenaa waa’ee dubartii boolla bishaanii bira turte dubbaturraa barumsa maalii arganna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Yohannis 4:​5-​43 dubbisi.

    1. (a) Fakkeenya Yesus hordofuudhaan, namoota sanyiifi akkaataa guddinaa addaddaa qabaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? (Yoh. 4:9; 1 Qor. 9:​22; 1 Xim. 2:​3, 4; Tit. 2:​11)

    2. (b) Namni barataa Yesus ta’u karaa hafuuraa faayidaawwan akkamii argata? (Yoh. 4:​14; Isa. 58:11; 2 Qor. 4:​16)

    3. (c) Akka dubartii Samaariyaa waan baranne warra kaaniif hiruuf fedhii qabnu sanaatti dinqisiifannaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Yoh. 4:​7, 28; Mat. 6:​33; Luq. 10:​40-​42)

Seenaa 91

Yesus Gaara Tokkorratti Barsiise

  1. Fakkii kanarratti, Yesus eessatti barsiisaa jira? Warri isatti dhihaatanii taa’an eenyufa’i?

  2. Maqaan ergamoota Yesus kudha lamaanii eenyu?

  3. Mootummaan Yesus lallabe maalidha?

  4. Yesus namoonni maal jedhanii akka kadhatan barsiise?

  5. Yesus namoonni akkamitti waliin jiraachuu akka qaban yeroo barsiisuu maal jedhe?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Maatewos 5:​1-​12 dubbisi.

    Qophiiwwan hafuuraatiif fedhii qabaachuu keenya argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? (Mat. 5:3; Rom. 10:​13-​15; 1 Xim. 4:​13, 15, 16)

  2. Maatewos 5:​21-​26 dubbisi.

    Maatewos 5:​23, 24, walitti dhufeenyi obboloota keenyaa wajjin qabnu, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu kan tuqu ta’uusaa kan addeessu akkamitti? (Mat. 6:​14, 15; Far. 133:​1; Qol. 3:​13; 1 Yoh. 4:​20)

  3. Maatewos 6:​1-8 dubbisi.

    Kiristiyaanonni akkaataawwan of tuulummaa akkamiirraa fagaachuu qabu? (Luq. 18:​11, 12; 1 Qor. 4:​6, 7; 2 Qor. 9:⁠7)

  4. Maatewos 6:​25-​34 dubbisi.

    Wantoota karaa foonii nu barbaachisaniif Yihowaatti amanamuu ilaalchisee Yesus maal barsiise? (Bau. 16:4; Far. 37:25; Filp. 4:⁠6)

  5. Maatewos 7:​1-​11 dubbisi.

    Fakkeenyi Maatewos 7:5 rra jiru maal nu barsiisa? (Fak. 26:12; Rom. 2:1; 14:10; Yaq. 4:​11, 12)

Seenaa 92

Yesus Namoota Du’an Kaase

  1. Abbaan intala fakkii kanarra jirtuu eenyu? Abbaansheefi haatishee baay’ee kan dhiphatan maaliifi?

  2. Yaayiros Yesusiin yommuu arge maal godhe?

  3. Yeroo Yesus mana Yaayiros dhaqaa jiru maaltu uumame? Utuma karaarra jiranii Yaayiros ergaa maaliitu isa ga’e?

  4. Namoonni mana Yaayiros turan Yesusitti kan kolfan maaliifi?

  5. Yesus bartootasaa sadan, abbaafi haadha intalattii gara kutaa intalattiin duute ciistetti erga ol galee booda maal godhe?

  6. Kana malees Yesus eenyuun du’aa kaaseera? Kun maal argisiisa?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Luqaas 8:​40-​56 dubbisi.

    Yesus dubartii dhiignishee dhangala’u tokkoof akka oo’eefi sababi qabeessa ta’uusaa kan argisiise akkamitti? Jaarsoliin gumii yeroo har’aatti argaman kanarraa maal barachuu danda’u? (Luq. 8:​43, 44, 47, 48; Lew. 15:​25-​27; Mat. 9:​12, 13; Qol. 3:​12-​14)

  2. Luqaas 7:​11-​17 dubbisi.

    Namoonni warra jaallatan du’aan dhaban, deebii Yesus dubartii Naayin ishee abbaan manaa irraa du’eef kenneen jajjabaachuu kan danda’an akkamitti? (Luq. 7:​13; 2 Qor. 1:​3, 4; Ibr. 4:​15)

  3. Yohannis 11:​17-​44 dubbisi.

    Yesus nama du’eef gadduun waanuma jiru ta’uusaa kan argisiise akkamitti? (Yoh. 11:​33-​36, 38; 2 Sam. 18:33; 19:​1-4)

Seenaa 93

Yesus Namoota Baay’ee Nyaachise

  1. Yohannis Cuuphaarra wanta nama suukanneessu akkamiitu irra ga’e? Kanaan kan ka’e Yesusitti maaltu itti dhaga’ame?

  2. Yesus namoota baay’ee isa duukaa turan kan nyaachise akkamitti? Kan isaanirraa hafehoo nyaata hammamiiti?

  3. Halkan tokko bartoonni kan sodaatan maaliif ture? Phexirosiinoo maaltu mudate?

  4. Yesus yeroo lammataatiif namoota kumaan lakkaa’aman kan nyaachise akkamitti?

  5. Yesus Mootii Waaqayyo dibe ta’ee lafa kana yeroo bulchu kan nama gammachiisu kan ta’u maaliifi?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Maatewos 14:​1-​32 dubbisi.

    1. (a) Seenaan Maatewos 14:​23-​32 rra jiru waa’ee amala Phexros maal nu hubachiisa?

    2. (b) Macaafni Qulqulluun, Phexros ga’eessa akka tureefi jarjaruusaa akka dhiise kan argisiisu akkamitti? (Mat. 14:​27-​30; Yoh. 18:10; 21:7; HoE. 2:​14, 37-40; 1 Phe. 5:​6, 10)

  2. Maatewos 15:​29-​38 dubbisi.

    Yesus kennaa foonii abbaasaarraa dhufeef ulfina kan kenne akkamitti? (Mat. 15:37; Yoh. 6:​12; Qol. 3:​15)

  3. Yohannis 6:​1-​21 dubbisi.

    Haala bulchiinsa biyya lafaatiin wal qabateen Kiristiyaanonni har’aa fakkeenya Yesus hordofuu kan danda’an akkamitti? (Yoh. 6:​15; Mat. 22:21; Rom. 12:2; 13:​1-4)

Seenaa 94

Yesus Ijoollee Xixinnoo Ni Jaallata

  1. Ergamoonni Yesus yeroo karaa dheeraa adeemanii dhufan waa’ee maalii waliin mormaa dhufan?

  2. Yesus mucaa xinnoo tokko waamee ergamoota gidduu kan dhaabe maaliifi?

  3. Ergamoonni Yesus akka ijoollee xixinnoo ta’uu kan qaban karaa kamiini?

  4. Ji’oota muraasa booda Yesus ijoollee xixinnoo akka jaallatu kan argisiise akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Maatewos 18:​1-4 dubbisi.

    Yesus yommuu barsiisu fakkeenyaan kan fayyadame maaliifi? (Mat. 13:​34, 36; Mar. 4:​33, 34)

  2. Maatewos 19:​13-​15 dubbisi.

    Eebba Mootummattiin argamsiisturraa hirmaachuu yoo barbaanne amala ijoollee xixinnoo isa kam hordofuu qabna? (Far. 25:9; 138:6; 1 Qor. 14:⁠20)

  3. Maarqos 9:​33-​37 dubbisi.

    Bakka guddaa qabaachuu ilaalchisee Yesus bartootasaa maal barsiise? (Mar. 9:​35; Mat. 20:​25, 26; Gal. 6:3; Filp. 2:​5-8)

  4. Maarqos 10:​13-​16 dubbisi.

    Yesus itti dhihaachuun kan nama hin sodaachisne kan ture akkamitti? Jaarsoliin gumiihoo fakkeenyasaarraa maal barachuu danda’u? (Mar. 6:​30-​34; Filp. 2:​1-4; 1 Xim. 4:​12)

Seenaa 95

Akkaataa Yesus Itti Barsiise

  1. Namni tokko Yesusiin gaaffii akkamii gaafate? Maaliif?

  2. Yesus yeroo tokko tokko yommuu barsiisu maaliin gargaarama ture? Kanaan dura waa’ee Yihudootaafi warra Samaariyaa maal barannee ture??

  3. Seenaa Yesus dubbaterratti, nama Yihudaa karaa Yerikootti geessurra deemu tokkorra maaltu ga’e?

  4. Lubni amantaa Yihudiifi namni Lewwii tokko karaa sanarra yeroo darban maaltu ta’e?

  5. Fakicharratti namicha Yihudaa miidhame gargaaraa kan jiru eenyu?

  6. Yesus seenicha dubbatee erga fixee booda maal jedhee gaafate? Namichihoo maal jedhee deebiseef?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Luqaas 10:​25-​37 dubbisi.

    1. (a) Yesus barsiisaa seeraa kanaaf kallattiidhaan deebii kennuu mannaa, dhimma sanarratti yaadee ofumasaatiif akka bira ga’u kan godhe akkamitti? (Luq. 10:26; Mat. 16:​13-​16)

    2. (b) Yesus dhaggeeffattoonnisaa namoota akkasumaan ilaalanii akka itti hin faranne barsiisuuf fakkeenyaan kan gargaarame akkamitti? (Luq. 10:​36, 37; 18:​9-​14; Tit. 1:⁠9)

Seenaa 96

Yesus Warra Dhukkubsatan Fayyise

  1. Yesus yeroo guutummaa biyyattii keessa adeemetti maal godhe?

  2. Yesus erga cuuphamee waggaa sadi booda ergamootasaatti maal hime?

  3. Namoonni fakkii kanarra jiran eenyufa’i? Yesus dubartii kanaaf maal gochaa jira?

  4. Deebiin Yesus geggeessitoota amantii yaada mormii kaasaniif kenne kan isaan saalfachiise maaliifi?

  5. Yesusifi ergamoonnisaa naannoo Yerikoo yommuu turanitti, Yesus namoota iji isaanii hin argine lamaan karaarra taa’anii kadhataniif maal godhe?

  6. Yesus dinqiiwwan kan hojjete maaliifi?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Maatewos 15:​30, 31 dubbisi.

    Humna Yihowaa isa dinqisiisaa kamtu karaa Yesus mul’ate? Kunoo abdii Yihowaan addunyaa haaraa keessatti raawwatu ilaalcisee hubannaa kan nuu dabalu akkamitti? (Far. 37:29; Isa. 33:⁠24)

  2. Luqaas 13:​10-​17 dubbisi.

    Yesus guyyaa Sanbataatti dinqiiwwan addaddaa hojjechuunsaa, Bulchiinsasaa isa Waggaa Kumaatti ilmaan namaatiif boqonnaa akkamii akka fidu kan argisiisu akkamitti? (Luq. 13:​10-​13; Far. 46:9; Mat. 12:8; Qol. 2:​16, 17; Mul. 21:​1-4)

  3. Maatewos 20:​29-​34 dubbisi.

    Seenaan kun Yesus namoota gargaaruuf tasumaa yeroo dhabee akka hin beekne kan argisiisu akkamitti? Nuyi kanarraa maal baranna? (Kes. 15:7; Yaq. 2:​15, 16; 1 Yoh. 3:​17)

Seenaa 97

Yesus Mootii Ta’ee Dhufe

  1. Yesus gara mandara xinnoo Yerusaalem bira jirtu tokkoo yeroo dhufu, bartoonnisaa maal akka godhan itti hime?

  2. Fakkicharratti akka arginutti, yeroo Yesus magaalaa Yerusaalem bira ga’uuf jedhu maaltu ta’e?

  3. Ijoollee xixinnoon, Yesus namoota ijisaanii hin argineefi naafa ta’an fayyisuusaa yommuu argan maal godhan?

  4. Yesus luboota aaranii turaniin maal jedheen?

  5. Nuyi akka ijoollee Yesusiin galateeffatan sanaa ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

  6. Bartoonni maal beekuu barbaadanii turan?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Maatewos 21:​1-​17 dubbisi.

    1. (a) Haalli Yesus Mootii ta’ee gara Yerusaalem itti gale, haala ajajaa waraanaa bara warra Roomaatti injifannoo argaturraa kan adda ta’e akkamitti? (Mat. 21:​4, 5; Zak. 9:9; Filp. 2:​5-8; Qol. 2:​15)

    2. (b) Ijoollee Israa’elootaa warra yeroo Yesus gara Yerusaalem seenetti Faarfannaa 118 caqasanirraa, dargaggoonni yeroo ammaa maal barachuu danda’u? (Mat. 21:​9, 15; Far. 118:​25, 26; 2 Xim. 3:​15; 2 Phe. 3:​18)

  2. Yohannis 12:​12-​16 dubbisi.

    Namoonni Yesusiin galateeffatan damee muka meexxiitti gargaaramuunsaanii maal argisiisa? (Yoh. 12:13; Filp. 2:​10; Mul. 7:​9, 10)

Seenaa 98

Gaara Ejersaarratti

  1. Fakkicharratti Yesus isa kami? Namoonni isaa wajjin jiranoo eenyufa’i?

  2. Mana qulqullummaa keessatti luboonni Yesusiin maal gochuuf yaalanii turan? Innoo maal jedheen?

  3. Ergamoonni Yesusiin maal gaafatan?

  4. Yesus Mootii ta’ee samiirratti yommuu bulchu, wantoota lafa kanarratti ta’an tokko tokko ergamootasaatti kan hime maaliifi?

  5. Yesus hammeenya lafarraa haxaa’ee balleessuusaa dura maaltu ta’a jedhee dubbate?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Maatewos 23:​1-​39 dubbisi.

    1. (a) Caaffanni Qulqullaa’oon namoota aboo qaban maqaawwan ulfinaatiin waamuun sirrii ta’uusaa dubbatus, gumii Kiristiyaanaa keessatti maqaawwan ulfinaatti gargaaramuu ilaalchisee wanta Yesus Maatewos 23:​8-​11 rratti dubbaterraa maal baranna? (HoE. 26:25; Rom. 13:7; 1 Phe. 2:​13, 14)

    2. (b) Fariisonni, namoonni Kiristiyaanota akka hin taane gochuuf kan yaalan akkamitti? Yeroo ammaattis geggeessitoonni amantii maluma akkasiitiin kan gargaaraman akkamitti? (Mat. 23:13; Luq. 11:52; Yoh. 9:​22; 12:42; 1 Tas. 2:​16)

  2. Maatewos 24:​1-​14 dubbisi.

    1. (a) Maatewos 24:13 rratti barbaachisummaan jabaatanii dhaabachuu kan ibsame akkamitti?

    2. (b) Jechi Maatewos 24:13 rratti ‘dhuma’ jedhu maal argisiisa? (Mat. 16:27; Rom. 14:​10-​12; 2 Qor. 5:​10)

  3. Maarqos 13:​3-​10 dubbisi.

    Ibsa Maarqos 13:10 rra jiru isa kamtu misiraachicha lallabuun ariifachiisaa ta’uusaa argisiisa? Jechoonni Yesus kun kan nu tuquu qabanoo akkamitti? (Rom. 13:​11, 12; 1 Qor. 7:​29-​31; 2 Xim. 4:⁠2)

Seenaa 99

Kutaa Fooqii Tokko Keessatti

  1. Akka fakkicharratti arginutti, Yesusiifi ergamoonnisaa kudha lamaan fooqii kanarraa maal godhu?

  2. Namichi isaan biraa ba’aa jiru eenyu? Maal gochuuf adeema?

  3. Erga Irbaanni ayyaana Faasikaa nyaatamee booda Yesus irbaata akkamii jalqabe?

  4. Ayyaanni Faasikaa Israa’eloonni maal akka yaadatan isaan godha? Irbaanni adda ta’e kunoo duuka buutonni Yesus maal akka yaadatan godha?

  5. Erga Irbaata Gooftaa nyaatanii booda Yesus duuka buutotasaatti maal hime? Isaanoo maal godhan?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Maatewos 26:​14-​30 dubbisi.

    1. (a) Maatewos 26:​15, Yihudaan Yesusiin dabarsee kan kenne beekaa akka ta’e kan argisiisu akkamitti?

    2. (b) Dhiigni Yesus dhangala’unssaa kaayyoowwan lamaan kamiif tajaajile? (Mat. 26:​27, 28; Er. 31:​31-​33; Efe. 1:7; Ibr. 9:​19, 20)

  2. Luqaas 22:​1-​39 dubbisi.

    Seexanni Yihudaatti kan gale akkamitti? (Luq. 22:3; Yoh. 13:2; HoE. 1:​24, 25)

  3. Yohannis 13:​1-​20 dubbisi.

    1. (a) Akka Yohannis 13:​2 rratti ibsametti, Yihudaan wanta raawwateef itti gaafatamuu danda’aa? Tajaajiltoonni Waaqayyoo kanarraa maal baratu? (Uma. 4:7; 2 Qor. 2:​11; Gal. 6:⁠1; Yaq. 1:​13, 14)

    2. (b) Yesus fakkeenya hojiirra ooluu danda’u akkamii nuu kaa’e? (Yoh. 13:15; Mat. 23:11; 1 Phe. 2:​21)

  4. Yohannis 17:​1-​26 dubbisi.

    Yesus bartoonnisaa “tokko akka ta’aniif” yeroo kadhatu maal jechuusaati? (Yoh. 17:​11, 21-​23; Rom. 13:8; 14:19; Qol. 3:​14)

Seenaa 100

Yesus Dhaaba Ashaakiltii Keessatti

  1. Yesusiifi ergamoonnisaa fooqii sanarraa erga bu’anii booda garam dhaqan? Innoo maal akka godhan isaanitti hime?

  2. Yesus gara ergamootasaa yeroo deebi’ee dhufu utuu maal godhanii arge? Kunoo al meeqa ta’e?

  3. Gara dhaaba kanaa eenyufaatu dhufe? Akka fakkicharratti argitutti Yihudaan inni biyya Keriyot maal godhe?

  4. Yihudaan Yesusiin kan dhungate maaliifi? Phexrosoo maal godhe?

  5. Yesus Phexrosiin maal jedheen? Haata’u malee, Yesus Waaqayyo ergamoota akka isaaf ergu kan hin kadhanne maaliifi?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Maatewos 26:​36-​56 dubbisi.

    1. (a) Akkaataan Yesus bartootasaa itti gorse, jaarsolii yeroo har’aatti gumii Kiristiyaanaa keessatti argamaniif fakkeenya gaarii kan ta’u akkamitti? (Mat. 20:​25-​28; 26:​40, 41; Gal. 5:​17; Efe. 4:​29, 31, 32)

    2. (b) Yesus, namootarratti meeshaa waraanaa kaasuu akkamitti ilaala? (Mat. 26:52; Luq. 6:​27, 28; Yoh. 18:⁠36)

  2. Luqaas 22:​39-​53 dubbisi.

    Ergamaan tokko Yesusiin jajjabeessuuf bakka dhaaba Getesemaaneetti isatti mul’achuunsaa Yesus amantaa dhabee akka ture kan argisiisudhaa? Ibsi. (Luq. 22:​41-​43; Isa. 49:8; Mat. 4:​10, 11; Ibr. 5:⁠7)

  3. Yohannis 18:​1-​12 dubbisi.

    Yesus bartoonnisaa diinotasaa jalaa akka oolan kan isaan eege akkamitti? Nuhoo fakkeenya kanarraa maal barachuu dandeenya? (Yoh. 10:​11, 12; 18:​1, 6-9; Ibr. 13:6; Yaq. 2:​25)

Seenaa 101

Yesus Ni Ajjeefame

  1. Yesus ajjeefamuusaatiif itti gaafatamummaa kan fudhatu eenyudha?

  2. Geggeessitoonni amantii yommuu Yesusiin qaban ergamoonni Yesus maal godhan?

  3. Mana Qayyaafaa, isa hangafa lubootaatti maaltu raawwatame?

  4. Phexros gadi ba’ee hirqinfatee kan boo’e maaliifi?

  5. Erga Yesus gara Philaaxositti deebifamee booda hangafni lubootaa maal jedhee iyye?

  6. Gaafa Jimaataa sa’aatii booda Yesus maal godhame? Saamtuu isa biratti fannifameefoo waadaa maalii gale?

  7. Jannanni Yesus waa’eeshee dubbate eessatti argamti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Maatewos 26:​57-​75 dubbisi.

    Miseensonni mana murtii olaanaa warra Yihudootaa hamoo ta’uusaanii kan argisiisan karaa kamiini? (Mat. 26:​59, 67, 68)

  2. Maatewos 27:​1-​50 dubbisi.

    Yihudaan kan gaabbe garaasaatii hin turre jechuu kan dandeenyu maaliifi? (Mat. 27:​3, 4; Mar. 3:​29; 14:21; 2 Qor. 7:​10, 11)

  3. Luqaas 22:​54-​71 dubbisi.

    Halkan Yesus qabamee hidhametti Phexros isa ganuusaarraa barumsa akkamii arganna? (Luq. 22:​60-​62; Mat. 26:​31-​35; 1 Qor. 10:⁠12)

  4. Luqaas 23:​1-​49 dubbisi.

    Murtoo jal’aa isarratti godhameef deebiin Yesus maal ture? Nuyi kanarraa maal baranna? (Luq. 23:​33, 34; Rom. 12:​17-​19; 1 Phe. 2:​23)

  5. Yohannis 18:​12-​40 dubbisi.

    Phexros yeroodhaaf sodaa namootaatiin duubatti jedhuyyuu, booddee jabaachuudhaan ergamaa Yesus isa cimaa ta’uunsaa maal argisiisa? (Yoh. 18:​25-​27; 1 Qor. 4:2; 1 Phe. 3:​14, 15; 5:​8, 9)

  6. Yohannis 19:​1-​30 dubbisi.

    1. (a) Yesus wantoota karaa fooniitiif ilaalcha sirrii akkamii qaba ture? (Yoh. 2:​1, 2, 9, 10; 19:​23, 24; Mat. 6:​31, 32; 8:​20)

    2. (b) Jechoonni Yesus yeroo du’uuf jedhu dubbate olaantummaa Yihowaa deeggaruusaa kan argisiisan akkamitti? (Yoh. 16:33; 19:30; 2 Phe. 3:​14; 1 Yoh. 5:⁠4)

Seenaa 102

Yesus Du’aa Ka’e

  1. Dubartiin fakkii kanarra jirtu eenyu? Namoonni lamaan kunoo eenyufa’i? Yeroo kanatti eessa jiru?

  2. Philaaxos luboonni eegdota lama erganii awwaala Yesus akka eegsisan kan godhe maaliifi?

  3. Erga Yesus du’ee booda guyyaa sadaffaatti ergamaan tokko maal godhe? Luboonni garuu maal godhan?

  4. Dubartoonni tokko bakka awwaalaa Yesus yommuu ilaalan kan na’an maaliifi?

  5. Phexrosifi Yohannis bakka awwaala Yesusitti kan fiigan maaliifi? Achiihoo maal argatan?

  6. Reeffi Yesus akkam ta’e? Haata’u malee, du’aa ka’uusaa bartootasaatti argisiisuuf maal godhe?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Maatewos 27:​62-​66 fi 28:​1-​15 dubbisi.

    Yeroo Yesus du’aa ka’etti, hangafoonni lubootaa, Faarisonniifi maanguddoonni hafuura qulqulluurratti cubbuu kan hojjetan akkamitti? (Mat. 12:​24, 31, 32; 28:​11-​15)

  2. Luqaas 24:​1-​12 dubbisi.

    Seenaan waa’ee du’aa ka’uu Yesus dubbatu, Yihowaan dubartoota akka immaanyii amanamootti akka ilaalu kan argisiisu akkamitti? (Luq. 24:​4, 9, 10; Mat. 28:​1-7)

  3. Yohannis 20:​1-​12 dubbisi.

    Raajiin Macaafa Qulqulluu tokko akkamitti akka raawwatamu guutummaatti hubachuu yoo dadhabne, Yohannis 20:​8, 9 obsi barbaachisaa ta’uusaa hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Fak. 4:​18; Mat. 17:​22, 23; Luq. 24:​5-8; Yoh. 16:⁠12)

Seenaa 103

Mana Cufame Keessatti

  1. Maariyaam namicha iddoo dhaabaa eegu isheetti fakkaate tokkoon maal jette? Booddee garuu Yesus ta’uusaa kan beekte akkamitti?

  2. Bartoota lamaan gara mandara Emaahus deemaa turan maaltu isaan mudate?

  3. Bartoonni lama Yesusiin arguusaanii ergamootatti ennaa himan wanta dinqisiisaa akkamiitu ta’e?

  4. Yesus duuka buutotasaatti al meeqa mul’ate?

  5. Toomaas, bartoonni Gooftaa arguusaanii ennaa dhaga’u maal jedhe? Haata’u malee guyyaa saddeet booda maaltu ta’e?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Yohannis 20:​11-​29 dubbisi.

    Yesus Yohannis 20:23 rratti ennaa dubbatu namoonni cubbuu namaa dhiisuuf aangoo qabu jechuusaa turee? Ibsi. (Far. 49:​2, 7; Isa. 55:7; 1 Xim. 2:​5, 6; 1 Yoh. 2:​1, 2)

  2. Luqaas 24:​13-​43 dubbisi.

    Dhugaa Macaafa Qulqulluu fudhachuuf laphee keenya qopheessuu kan qabnu akkamitti? (Luq. 24:​32, 33; Iz. 7:​10; Mat. 5:3; HoE. 16:14; Ibr. 5:​11-​14)

Seenaa 104

Yesus Gara Samiitti Deebi’e

  1. Yeroo tokkotti Yesusiin kan argan bartoota meeqa turan? Innoo waa’ee maalii isaanitti hime?

  2. Mootummaan Waaqayyoo maalidha? Yesus waggaa kumaaf lafarratti Mootii ta’e ennaa bulchu jireenyi lafarraa maal fakkaata?

  3. Yesus guyyoota meeqaaf bartootasaatti mul’ate? Amma garuu yeroonsaa kan maal itti godhudha?

  4. Yesus bartootasaa dhiisee deemuusaa dura maal akka godhan itti hime?

  5. Fakkii kanarratti maal argita? Yesus argaasaanii duraa kan dhokatehoo akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. 1 Qorontos 15:​3-8 dubbisi.

    Phaawulos waa’ee du’aa ka’uu Yesus mirkanaa’aa ta’ee dubbachuu kan danda’e maaliifi? Yeroo har’aahoo Kiristiyaanonni waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’anii dubbachuu danda’u? (1 Qor. 15:​4, 7, 8; Isa. 2:​2, 3; Mat. 24:​14; 2 Xim. 3:​1-5)

  2. Hojii Ergamootaa 1:​1-​11 dubbisi.

    Akka Hojii Ergamootaa 1:8 rratti ibsametti hojiin lallabaa hammam babal’atee ture? (HoE. 6:7; 9:​31; 11:​19-​21; Qol. 1:​23)

Seenaa 105

Yerusaalem Taa’anii Eeggachuu

  1. Akka fakkicharratti arginutti, bartoota Yesus warra Yerusaalem taa’anii eeggachaa turaniif maaltu bu’e?

  2. Keessummoonni gara Yerusaalem dhufanii turan dinqii akkamii argan?

  3. Phexros jarreeniif maal jedhee ibsa kenneef?

  4. Keessummoonni sunoo Phexrosin erga dhaggeeffatanii booda maaltu isaanitti dhaga’ame? Innoo maal akka godhan itti hime?

  5. Bara 33 Dhaloota Kiristos booda guyyaa Phenxeqosteetti namoota meeqatu cuuphame?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Hojii Ergamootaa 2:​1-​47 dubbisi.

    1. (a) Wanti Phexros Hojii Ergamootaa 2:​23, 36 rratti dubbate, du’a Yesusiif guutummaan saba Yihudootaa akka itti gaafataman kan argisiisu akkamitti? (1 Tas. 2:​14, 15)

    2. (b) Caaffatawwan Qulqullaa’oorraa caqasanii xiinxalsiisuu ilaalchisee, Phexros fakkeenya gaarii kan nuu ta’u akkamitti? (HoE. 2:​16, 17, 29, 31, 36, 39; Qol. 4:⁠6)

    3. (c) Phexros “Banaa mootummaa waaqaa” isa jalqabaafi Yesus isaaf kennuuf waadaa galeefitti kan fayyadame akkamitti? (HoE. 2:​14, 22-​24, 37, 38; Mat. 16:⁠19)

Seenaa 106

Mana Hidhaatii Gadhiifamuu

  1. Phexrosifi Yohannis gaaf tokko waaree booda gara mana qulqullummaa ennaa dhaqan maaltu isaanirra ga’e?

  2. Phexros namicha hir’ina qaamaa qabuun maal jedhe? Phexros wanta qarshii caalu akkamii kenneef?

  3. Geggeessitoonni amantii kan aaran maaliifi? Phexrosiifi Yohannisiinoo maal godhan?

  4. Phexros geggeessitoota amantiitiin maal jedheen? Ergamoota Yesusiifoo akeekkachiisa akkamiitu kennameef?

  5. Geggeessitoonni amantii kan hinaafan maaliif ture? Ta’uyyuu ergamoonni yeroo lammataatiif mana hidhaa ennaa galan maaltu ta’e?

  6. Ergamoonni yaa’ii duratti ennaa dhiheeffaman maal jedhanii deebisan?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Hojii Ergamootaa 3:​1-​10 dubbisi.

    Yeroo har’aatti dinqiiwwan hojjechuu baannuyyuu, wanti Phexros Hojii Ergamootaa 3:6 rratti dubbate ergaa Mootummattitiif bakka guddaa akka kenninu kan nu gargaaru akkamitti? (Yoh. 17:3; 2 Qor. 5:​18-​20; Filp. 3:⁠8)

  2. Hojii Ergamootaa 4:​1-​31 dubbisi.

    Tajaajilarratti mormiin yommuu nu mudatu, fakkeenya obboloota keenya warra jaarraa jalqabaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (HoE. 4:​29, 31; Efe. 6:​18-​20; 1 Tas. 2:⁠2)

  3. Hojii Ergamootaa 5:​17-​42 dubbisi.

    Namoonni Dhuga Baatota hin taane tokko tokko, duris ta’e yeroo ammaatti hojii lallabaatiif ilaalcha sirrii akka qaban kan argisiisan akkamitti? (HoE. 5:​34-​39)

Seenaa 107

Isxifaanos Dhagaadhaan Rukutame

  1. Isxifaanos eenyudha? Waaqayyo maal akka godhu isa gargaare?

  2. Isxifaanos wanta geggeessitoota amantii aarsu maal dubbate?

  3. Namoonni Isxifaanosiin gad harkisanii mandarattiidhaa erga baasanii booda maal isa godhan?

  4. Fakkicharratti dargaggeessi uffata bira dhaabatee jiru eenyu?

  5. Isxifaanos du’uusaa dura maal jedhee Yihowaa kadhate?

  6. Fakkeenya Isxifaanos hordofuudhaan, namni tokko waan gadhee yoo nurratti raawwate maal gochuu qabna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Hojii Ergamootaa 6:​8-​15 dubbisi.

    Geggeessitoonni amantii, hojii Dhugaa Baatota Yihowaa dhaabsisuuf gochawwan sobaa akkamiitti gargaaraman? (HoE. 6:​9, 11, 13)

  2. Hojii Ergamootaa 7:​1-​60 dubbisi.

    1. (a) Isxifaanos yaa’ii duratti yeroo dhiheeffame, misiraachicha deeggaruudhaan ennaa dubbatu bu’a qabeessa akka ta’u kan isa gargaare maali? Nuyihoo fakkeenya kanarraa maal barachuu dandeenya? (HoE. 7:​51-​53; Rom. 15:4; 2 Xim. 3:​14-​17; 1 Phe. 3:​15)

    2. (b) Namoota hojii keenya mormaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? (HoE. 7:​58-​60; Mat. 5:​44; Luq. 23:​33, 34)

Seenaa 108

Karaa Gara Damaasqoo Geessurratti

  1. Erga Isxifaanos ajjeefamee booda Saa’ol maal godhe?

  2. Saa’ol gara Damaasqoo adeemaa utuu jiruu, wanta dinqisiisaa akkamiitu raawwatame?

  3. Yesus Saa’ol maal akka godhu itti hime?

  4. Yesus Anaaniiyaasiif qajeelfama akkamii kenneef? Phaawulos ijisaa arguufii kan danda’e akkamitti?

  5. Saa’ol maqaa eenyu jedhamuun moggaafame? Kan tajaajilehoo akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Hojii Ergamootaa 8:​1-4 dubbisi.

    Mormii cimaan gumii Kiristiyaanaa reefu dhaabate bittinneesse, amantiin Kiristiyaanummaa akka babal’atuuf karaa banee kan ture akkamitti? Bara keenyattoo waan kanaan wal fakkaatu akkamiitu ta’e? (HoE. 8:4; Isa. 54:⁠17)

  2. Hojii Ergamootaa 9:​1-​20 dubbisi.

    Yesus hojiiwwan Phaawulosiif kennuuf jedhu sadan kam sammuutti qabatee ture? (HoE. 9:​15; 13:⁠5; 26:​1; 27:24; Rom. 11:⁠13)

  3. Hojii Ergamootaa 22:​6-​16 dubbisi.

    Akka Anaaniiyaa ta’uu kan dandeenyu akkamitti? Kunoo barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (HoE. 22:12; 1 Xim. 3:7; 1 Phe. 1:​14-​16; 2:​12)

  4. Hojii Ergamootaa 26:​8-​20 dubbisi.

    Phaawulos Kiristiyaanummaatti jijjiiramuunsaa, obboloota yeroo har’aa hiriyaa gaa’elaa hin amanne qaban kan jajjabeessu akkamitti? (HoE. 26:11; 1 Xim. 1:​14-​16; 2 Xim. 4:2; 1 Phe. 3:​1-3)

Seenaa 109

Phexros Gara Mana Qorneelewos Dhaqe

  1. Namichi fakkii kanarratti jilbeenfatee sagadaa jiru eenyu?

  2. Ergamaan tokko Qorneelewosiin maal jedhe?

  3. Phexros Yopheetti mana Simoon isa fooqiirra utuu jiruu Waaqayyo maal isatti argisiise?

  4. Phexros, Qorneelewos isaaf sagaduufi isa waaqeffachuu akka hin qabne kan itti hime maaliifi?

  5. Bartoota warra Yihudii Phexrosii wajjin turan maaltu isaan dinqisiise?

  6. Phexros gara Qorneelewos dhaquunsaa barumsa guddaa akkamii nuu kenna?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Hojii Ergamootaa 10:​1-​48 dubbisi.

    Misiraachoo Mootummattii lallabuu ilaalchisee, wanti Phexros Hojii Ergamootaa 10:42 rratti dubbate maal argisiisa? (Mat. 28:19; Mar. 13:10; HoE. 1:⁠8)

  2. Hojii Ergamootaa 11:​1-​18 dubbisi.

    Phexros Saba Warra kan Waaqayyoo Hin Taane ilaalchisee qajeelfama Yihowaa ennaa dhaga’u, maaltu isatti dhaga’ame? Nuhoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (HoE. 11:​17, 18; 2 Qor. 10:5; Efe. 5:​17)

Seenaa 110

Gargaaraa Phaawulos Isa Haaraa kan Ta’e Ximotewos

  1. Dargaggeessi fakkii kanarra jiru eenyu? Eessa jiraata? Maqaan haadhasaafi akkoosaahoo eenyu jedhama?

  2. Phaawulos, Ximotewos isaafi Siilaasii wajjin iddoowwan fagoo dhaqee tajaajiluuf fedhii qabaachuusaa yommuu isa gaafatu, Ximotewos maal jedhe?

  3. Duuka buutonni Yesus yeroo jalqabaatiif Kiristiyaanota kan jedhaman eessatti?

  4. Phaawulos, Siilaasiifi Ximotewos Lisxiraadhaa baˈanii gara magaalaawwan kamfaa dhaqan?

  5. Ximotewos Phaawulosin kan gargaare akkamitti? Dargaggoonni yeroo ammaa jiranoo maal jedhanii of gaafachuu qabu?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Hojii Ergamootaa 9:​19-​30 dubbisi.

    Yeroo misiraachicharratti mormiin ka’etti, Phaawulos hubannaa qabaachuusaa kan argisiise akkamitti? (HoE. 9:​22-​25, 29, 30; Mat. 10:⁠16)

  2. Hojii Ergamootaa 11:​19-​26 dubbisi.

    Seenaan Hojii Ergamootaa 11:​19-​21, 26 rratti argamu, hafuurri Yihowaa hojii misiraachoo kana kan geggeessu ta’uusaa kan argisiisu akkamitti?

  3. Hojii Ergamootaa 13:​13-​16, 42-​52 dubbisi.

    Hojiin Ergamootaa 13:​51, 52, bartoonni Yesus mormii isaanirra ga’een akka duubatti hin jenne kan argisiisu akkamitti? (Mat. 10:14; HoE. 18:⁠6; 1 Phe. 4:​14)

  4. Hojii Ergamootaa 14:​1-6, 19-​28 dubbisi.

    Jechi ‘jaarsolii fo’aman harka gooftaatti hadaraa kennan’ jedhu, yeroo namoota haaraa gargaarrutti wanta rakkisaa nu mudatu kan nurraa hir’isu akkamitti? (HoE. 14:​21-​23; 20:32; Yoh. 6:​44)

  5. Hojii Ergamootaa 16:​1-5 dubbisi.

    Ximotewos dhagna qabamuuf walii galuunsaa, ‘wangeelaaf jennee waan hundumaa gochuun’ keenya barbaachisaa ta’uusaa kan addeessu akkamitti? (HoE. 16:3; 1 Qor. 9:​23; 1 Tas. 2:⁠8)

  6. Hojii Ergamootaa 18:​1-​11, 18-​22 dubbisi.

    Hojii Ergamootaa 18:​9, 10 Yesus hojii lallabaa geggeessuurratti dhuunfaadhaan hirmaannaa akka qabu kan argisiisu akkamitti? (Mat. 28:⁠20)

Seenaa 111

Mucaa Muge

  1. Fakkii kanarratti mucaan lafatti kufe kun eenyu? Kan kufehoo maaliifi?

  2. Phaawulos mucichi du’uusaa ennaa argu maal godhe?

  3. Phaawulos, Ximotewosiifi namoonni isaanii wajjin jiran eessa dhaqaa jiru? Ennaa Miilexos ga’anoo maaltu ta’e?

  4. Agaabos raajichi Phaawulosin maal jedhee akeekkachiise? Akkuma raajichi dubbate kan ta’ehoo akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Hojii Ergamootaa 20:​7-​38 dubbisi.

    1. (a) Akka Phaawulos Hojii Ergamootaa 20:​26, 27 rratti dubbatetti, dhiiga nama hundumaatti akka “itti hin gaafatamne” gochuu kan dandeenyu akkamitti? (His. 33:8; HoE. 18:​6, 7)

    2. (b) Jaarsi gumii tokko ennaa barsiisu “dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatee qabamuun” kan isarra jiru maaliifi? (HoE. 20:​17, 29, 30; Tit. 1:​7-9; 2 Xim. 1:​13)

  2. Hojii Ergamootaa 26:​24-​32 dubbisi.

    Phaawulos hojii lallabaa Yesus kenneef raawwachuuf, lammii biyya Roomaa ta’uusaatti kan fayyadame akkamitti? (HoE. 9:​15; 16:​37, 38; 25:​11, 12; 26:32; Luq. 21:​12, 13)

Seenaa 112

Markabni Tokko Biyya Bishaan Gidduu Jirtu Tokko Biratti Cabe

  1. Markabni Phaawulos yaabbate tokko utuma biyya bishaan gidduu Qareexis bira darbaa jiranii maal taate?

  2. Phaawulos namoota markabicharra turaniin maal jedhe?

  3. Markabichi caccabee kan hurraa’e akkamitti?

  4. Ajajaan dhibbaa aangoo qabu tokko qajeelfama maal jedhu kenne? Namoota meeqatu utuu homaa hin ta’in gara qarqara bishaanichaatti ba’e?

  5. Biyya bishaan gidduu eenyu jedhamtu buufatan? Qilleensichi gaarii ta’aa ennaa dhufu Phaawulos maal godhame?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Hojii Ergamootaa 27:​1-​44 dubbisi.

    Waa’ee adeemsa Phaawulos isa gara Roomaa ennaa dubbisnu, seenaawwan Macaafa Qulqulluurratti galmeeffaman sirrii ta’uusaaniitiif amantaan qabnu kan jabaatu akkamitti? (HoE. 27:​16-​19, 27-​32; Luq. 1:3; 2 Xim. 3:​16, 17)

  2. Hojii Ergamootaa 28:​1-​14 dubbisi.

    Jiraattonni Malaaxiyaa warri Waaqayyoon hin beeknellee Phaawulosiifi warra markabicharra isaa wajjin turaniif “jaalala guddaa” argisiisuuf erga kaka’anii, Kiristiyaanonni maal argisiisuuf kaka’uu qabu? Keessumaammoo karaa kamiin kana gochuu qabu? (HoE. 28:​1, 2; Ibr. 13:​1, 2; 1 Phe. 4:​9)

Seenaa 113

Phaawulos Roomaa Keessatti

  1. . Phaawulos biyya Roomaatti mana hidhaa keessa utuu jiruu eenyuuf dhugaa ba’e?

  2. Keessummaan fakkicharratti argamu kun eenyu? Innoo Phaawulosiif maal gochaa jira?

  3. Ephafrodixos eenyudha? Gara Filiphisiiyusitti ennaa deebi’u maal fudhatee deebi’e?

  4. Phaawulos michuusaa Filemoniif xalayaa kan barreesse maaliifi?

  5. Phaawulos mana hidhaatii ennaa gadhiifamu maal godhe? Booddeehoo maaltu isarra ga’e?

  6. Yihowaan macaafota kutaa dhumaa Macaafa Qulqulluu ta’an barreessisuuf eenyutti gargaarame? Macaafni Mul’ataa waa’ee maalii dubbata?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Hojii Ergamootaa 28:​16-​31 fi Filiphisiiyus 1:​13 dubbisi.

    Phaawulos Roomaatti hidhamee yeroo turetti yeroosaa kan fayyadame akkamitti? Amantii jabaa qabaachuunsaa gumii Kiristiyaanaarratti dhiibbaa maalii geessiseera? (HoE. 28:​23, 30; Filp. 1:​14)

  2. Filiphisiiyus 2:​19-​30 dubbisi.

    Phaawulos dinqisiifannaa Ximotewosiifi Ephafrodixosiif qabu kan ibse akkamitti? Nuhoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Filp. 2:​20, 22, 25, 29, 30; 1 Qor. 16:18; 1 Tas. 5:​12, 13)

  3. Filemon 1-​25 dubbisi.

    1. (a) Phaawulos Filemon waan sirrii ta’e akka godhu kan isa gorse sababii maalitiini? Kunoo jaarsolii gumii yeroo ammaatiif qajeelfama kan kennu akkamitti? (Film. 9; 2 Qor. 8:8; Gal. 5:​13)

    2. (b) Dubbiin Phaawulos Filemon 13, 14 rratti dubbate, dhageettii yaada garaa warra gumii keessa jiranii akka kabaju kan argisiisu akkamitti? (1 Qor. 8:​7, 13; 10:​31-​33)

  4. 2 Ximotewos 4:​7-9 dubbisi.

    Akkuma Phaawulos nuyis hamma dhumaatti amanamoo yoo taane, Yihowaan akka nu kiisu amanuu kan dandeenyu akkamitti? (Mat. 24:13; Ibr. 6:​10)

Seenaa 114

Dhuma Hammeenya Hundaa

  1. Macaafni Qulqulluun waa’ee fardeen samiirraa kan dubbatu maaliifi?

  2. Waraanni Waaqayyo namoota hamoo lafarra jiranii wajjin godhu maal jedhama? Kaayyoon waraana kanaahoo maali?

  3. Akka fakkicharratti arginutti, waraanicha kan geggeessu eenyu? Innoo gonfoo kan godhate maaliifi? Billaansaahoo kan maal argisiisudha?

  4. Akka Seenaa 10, 15fi 33rratti barannetti, Waaqayyo namoota hamoo kan balleessu ta’uunsaa kan nu hin dinqisiisne maaliifi?

  5. . Namoonni hamoon Waaqayyoon ni waaqeffanna jedhanii dubbatanille Waaqayyo akka isaan balleessu Seenaan 36fi 76 kan argisiisu akkamitti?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Mul’ata 19:​11-​16 dubbisi.

    1. (a) Caaffanni Qulqullaa’oon, Yesus Kiristos farda adiirra taa’ee akka gulufu kan addeessan akkamitti? (Mul. 1:5; 3:​14; 19:11; Isa. 11:⁠4)

    2. (b) Dhiigni uffata Yesusirratti faca’e, injifannoon inni argatu quubsaafi kan irra hin deebi’amne ta’uusaa kan argisiisu akkamitti? (Mul. 14:​18-​20; 19:13)

    3. (c) Yesus farda adiirra taa’ee ennaa gulufu isa duukaa kan bu’an eenyufa’i? (Mul. 12:​7; 19:14; Mat. 25:​31, 32)

Seenaa 115

Jannata Haaraa Lafarratti Dhaabamtu

  1. Akka Macaafni Qulqulluun dubbatutti lafa Jannata taaturratti haala gammachiisaa akkamiitu jiraata?

  2. Namoota Jannata keessa jiraataniif Macaafni Qulqulluun abdii akkamii kenna?

  3. Yesus jijjiirama dinqisiisaa akkasii kana kan fidu yoomi?

  4. Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo ennaa ta’u waan godhu argisiisuuf yeroo lafarra turetti maal godhe?

  5. Yesusiifi warri isaa wajjin bulchan, samiirra taa’anii lafa kana yeroo bulchanitti maal godhu?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Mul’ata 5:​9, 10 dubbisi.

    Warri Waggaa Kumaaf lafa kana bulchan, moototaafi luboota gara laaftotaafi oo’a qaban akka ta’an amantaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? (Efe. 4:​20-​24; 1 Phe. 1:7; 3:⁠8; 5:​6-​10)

  2. Mul’ata 14:​1-3 dubbisi.

    Maqaan Abbaafi maqaan Hoolichaa adda namoota 144,000rratti barreeffamuunsaa maal kan argisiisudha? (1 Qor. 3:​23; 2 Xim. 2:⁠19; Mul. 3:​12)

Seenaa 116

Bara Baraaf Jiraachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

  1. Bara baraaf jiraachuu yoo barbaanne maal beekuutu nu barbaachisa?

  2. Akka intala xinnoo fakkicharra jirtuufi hiriyootasheetti waa’ee Yihowaafi Yesus barachuu kan dandeenyu akkamitti?

  3. Fakkicharratti kitaaba kan biraa kam argita? Yeroo hundumaa isa dubbisuu kan qabnuhoo maaliifi?

  4. Jireenya bara baraa argachuuf waa’ee Yihowaafi Yesus barachuu malees maal gochuu qabna?

  5. Seenaa 69ffaarraa maal baranna?

  6. Fakkeenyi gaariin Saamu’el Seenaa 55ffaarratti ibsame maal argisiisa?

  7. Fakkeenya Yesus Kiristos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Kunoo gara fulduraatti maal gochuuf nu dandeessisa?

Gaaffiiwwan dabalataa:

  1. Yohannis 17:3 dubbisi.

    Beekumsa Yihowaafi Yesus Kiristos argachuu jechuun, akkasumaan wanta dhugaa ta’e beekuu qofaa akka hin taane Caaffattoonni Qulqulluun kan argisiisan akkamitti? (Mat. 7:​21; Yaq. 2:​18-​20; 1 Yoh. 2:​17)

  2. Faarfannaa 145:​1-​21 dubbisi.

    1. (a) Sababiiwwan hedduu Yihowaa itti galateeffannu keessaa tokko tokko maal fa’i? (Far. 145:​8-​11; Mul. 4:​11)

    2. (b) Yihowaan “nama hundumaaf gaarii” kan ta’e akkamitti? Kunoo caalaatti garasaatti kan nu dhiheessu akkamitti? (Far. 145:9; Mat. 5:​43-​45)

    3. (c) Garaa keenyatti Yihowaa yoo jaallanne maal gochuuf kakaana? (Far. 119:​171, 172, 175; 145:​11, 12, 21)