Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Introduction

Introduction

Daawudaa inni Seraa Liyonitti dhalate, Mandara xinnoo koonyaa karaa kaabaa argamtu tokko keessattan guddadhe” jedhuun dubbateera. “Yeroon ijoollee xinnoo ture, maatiikoofi maatii garabiraa gidduutti falmiin lafaa uumamee ture. Lamaanuu lafichi kan kooti jedhanii wal falmu. Dhimma kanaaf, furmaata akka argamsiisuufis, qaalluun tokko ni waamame. Innis ofilaalii fuudhee nama tokkotti erga kennee booda huccuu adii itti haguuge. Namichi itti hagoogame sunis yeruma sana rom’uufi dafquu jalqabe. Gara ofilaalichaa ilaaluudhaanis: ‘Namni dulloomaan tokko yommuu dhufu natti mul’ata! Uffata adii uffateera. Dheeraafi dulloomaa, mataansaas harrii si’a ta’u, xinnoo gadi gugguufee adeema’ jedhee iyye.

“Namichi waa’ee akaakayyuukoo dubbachaa ture! Achiis, sodaadhaan rom’aa: ‘Waanan jedhu amanuu baannaan ofii keessanii kottaa ilaalaa!’ jedhee iyye. Nu gidduudhaa kana gochuuf ija kan jabaate hin turre! Qaallichis, qoricha baalaafi bishaaniin walitti makameefi qabee keessa jiru itti facaasuudhaan akka callisu isa taasise.

“‘Akaakayyuunkoo,’ karaa namicha isa ofilaalii keessaan dubbatuu lafichi maatii keenyaaf kan malu ta’uusaa dubbate. Sodaa tokko malee laficha qotachuu akka dandeessu akkookootti hime. Maatiin inni kaanis murtoo kana ni fudhate. Falmiin ka’es furmaata argate.”

Afriikaa Lixaatti muuxannoowwan akkasii dhaga’uun baay’ee beekamaadha. Akkuma kutaawwan addunyaa garabiraatti raawwatamu, biyya kanattis namoonni miliyoonaan lakkaa’aman warri du’an jireenya namoota lafarra jiraatanii arguufi gara addunyaa hafuuraa dhiibbaa geessisuu danda’anitti darbu jedhanii amanu. Amantiin akkasii sirriidhaa? Namoonni du’an dhuguma lubbuun jiruu? Lubbuun hin jiran taanaan ekeraa namoota du’anii fakkaatanii kan dubbatan eenyufa’i? Gaaffiiwwan kanaaf deebii sirrii argachuun keenya baay’ee barbaachisaa ta’uusaarrayyuu dhimma du’aafi jireenyaati.