Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuuronni Hamoon Warri Duʼan Lubbuudhaan Jiru Jedhanii Sobaan Dubbatu

Hafuuronni Hamoon Warri Duʼan Lubbuudhaan Jiru Jedhanii Sobaan Dubbatu

Macaafni Qulqulluun, Seexanni ‘guutummaa biyya lafaa wallaalchisaa’ akka jiru dubbata. (Mul’ata 12:9) Seexanniifi hafuuronni hamoon Macaafa Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo ta’etti akka amannu hin barbaadan. Isaan namoonni du’an addunyaa hafuuraa keessaa bakka tokko jiru jedhanii akka amanaman gochuuf carraaqu. Kana kan godhan akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

Amantii Sobaa

Namoonni, bineensonni, qurxummiifi allaattonni hundi lubbuudha

Amantiin hedduun namni tokko erga foonsaa du’ee booda lubbuun hin duuneefi gara addunyaa hafuuraa dhaqxee jiraattu jirti jedhanii barsiisu. Foon ni du’a, lubbuun garuu hin duutu jedhu. Akkasumas, lubbuun du’uu hin dandeessu, barabaraaf jiraatti jedhanii falmu.

Dubbiin Waaqayyoo garuu kana hin barsiisu. Macaafni Qulqulluun lubbuun namuma malee wanta nama keessa jirtu akka hin taane argisiisa. Fakkeenyaaf waa’ee uumamuu Addaam yommuu ibsu akkas jedha: “Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate; [“namnis jireenyi kan keessa jiru lubbuu ta’e, hiika bara 1899”].” (Uumama 2:7) Kanaaf, Addaam Lubbuu ture malee lubbuun hin kennamneef.

Bineensonnis lubbuu jedhamanii waamamaniiru.—Uumama 1:20, 21, 24, 30, hiika bara 1899.

Jechi Macaafa Qulqulluu “lubbuu” jedhu nama jechuu waan ta’eef, wantoonni lubbuu ta’an du’uu akka danda’aniifi kan du’an ta’uusaanii yommuu barannu nu dinqisiisuu hin qabu. Caaffanni Qulqullaa’oon akkas jedhu:

  • “Lubbuun cubbuu hojjetu innindu’a.”Hisqi’el 18:4, hiika bara 1899.

  • “Siimsonis jedhe. ‘Filisxeemotaa wajjin lubbuunkoo haabadu.’”Abboota Firdii 16:30, hiika bara 1899.

  • “Seerri keenya guyyaa Sanbataatti gaarii moo hamaa gochuu yookiis lubbuu oolchuu moo ajjeesuu nu abbooma?”—Maarqos 3:4.

Macaafni Qulqulluun lubbuun kan duutu ta’uushee argisiisa

Caqasoonni kaanis lubbuun baduu (Uumama 17:14, hiika bara 1899), billaan balleeffamuu (Iyaasuu 10:37, hiika bara 1899), hudhamuu (Iyoob 7:15, hiika bara 1899) fi bishaaniin liqimfamuu akka dandeessu ibsu. (Yoonaas 2:6, hiika bara 1899). Kanaaf, lubbuun ni duuti.

Guutummaa Macaafa Qulqulluu yoo dubbiste, matumaa yaada “lubbuun hin duutu” jedhu hin argitu. Lubbuun namootaa hafuura miti. Barumsi lubbuun hin duutu jedhu barumsa Macaafa Qulqulluu miti. Barumsa Seexanaafi kan hafuurota hamooti. Yihowaan barumsa amantii sobaa hunda ni jibba.—Fakkeenya 6:16-19; 1 Ximotewos 4:1, 2.

Eker-Dubbistuu

Hafuuronni hamoon ekeraa namoota du’anii fakkaatanii dhihaatu

Karaa Seexanni itti namoota wallaalchisu garabiraanimmoo, eker-dubbistuutti fayyadamuudha. Eker-dubbistuun nama addunyaa hafuuraarraa kallattiin ergaa fudhatudha. Namoonni hangana hin jedhamne eker-dubbistuu dabalatee ergaawwan kun kan dhufan ekeraa namoota du’aniirraa akka ta’e amanu. Ta’us, akkas gochuun akka hin danda’amne Macaafa Qulqulluurraa ilaalleerra.—Lallaba 9:5, 6, 10.

Erga akkas ta’ee ergaawwan kun eessaa dhufan? Hafuurota hamoo biraa dhufu! Hafuuronni hamoon namni tokko yommuu lubbuun jiraachaa ture akkaataa dubbiisaa, maal akka fakkaatu, wantoota inni godheefi wantoota inni beeku arguufi beekuu danda’u. Kanaaf, isaaniif namoota du’an fakkaatanii dhihaachuun baay’ee salphaadha.—1 Saamu’el 28:3-19.

Seenaa Sobaa

Karaa garabiraan Seexanni waa’ee namoota du’anii soba itti babal’isummoo, oduuwwan sobaati. Oduuwwan sobaa akkasiimmoo, yeroo hedduu namoonni dhugaa Macaafa Qulqulluurraa akka fagaatan godhu.—2 Ximotewos 4:4.

Namoonni tokko tokko namoota du’aa ka’an waan argan itti fakkaata

Afriikaa keessatti oduun namoonni erga du’anii booda deebi’anii mul’ataniiru jedhu baay’ee babal’ateera. Haata’u malee, namoonni kun naannoo dur jiraachaa turanirraa fagaatanii akka mul’atan dubbatama. Mee akkas jedhii of gaafadhu: ‘Namni erga du’ee booda deebi’ee jiraachuuf humna isa dandeessisu qabaannaan, maatiif michootasaarraa fagaatee jiraata jedhanii amanuun sirrii ta’aa?’

Akkasumas, namni argameera jedhame nama du’e sanaa wajjin waan wal fakkaateef qofa ta’uu hin danda’uu? Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni naannoo baadiyyaatti lallaban lama namni dulloomaan tokko sa’aatii muraasaaf duubasaaniitiin akka isaan hordofaa ture hubatan. Maaliif akka isaan hordofu yommuu isa gaafatan Kiristiyaanota kana keessaa inni tokko obboleessasaa isa waggoota muraasa dura du’ee wajjin akka wal fakkaatu isaanitti hime. Namichi dogoggoree ture; ta’us dogoggoruusaa amanuu dide. Jaarsi kun yeroo booda seenaa kana michootaafi ollaawwansaatti maal jedhee akka hime mee yaadi!

Mul’ata, Abjuufi Sagalee

Hafuuronni hamoon abjuu, mul’ataafi sagaleedhaan namoota wallaalchisu

Waa’ee wantoota haaraa namoonni arganiifi dhaga’an ykn abjuudhaan argan hin beekin hin ooltu. Yeroo baay’ee namoonni wantoonni hubannaasaanii ol ta’an akkasii isaan mudatan baay’ee isaan sodaachisu. Maareeyin isheen Afriikaa Lixaatti argamtu yeroo hundaa akkoonshee galgala galgala yeroo ishee waaman ni dhageessi turte. Maareeyinis naatee ka’uudhaan maatii hundaa hirribaa dammaqsiti. Dhumarrattis ni maraatte.

Dhuguma namoonni du’an utuu lubbuudhaan jiraatanii namoota jaallatan ni rifaasisu turanii? Matumaa! Ergaawwan miidhaa geessisan akkasii hafuurota hamoorraa maddu.

Haata’u malee, waa’ee ergaawwan waan bu’aa argamsiisaniifi nama jajjabeessan fakkaatanii maal jechuutu danda’ama? Fakkeenyaaf, Gibaaseeyi isheen Seraa Liyonitti argamtu dhukkubsattee turte. Abbaanshee inni du’ee ture abjuudhaan itti mul’ate. Gara muka tokkoo akka dhaqxuufi baalasaa fuutee bishaanii wajjin waliin makuudhaan bishaansaa akka dhugdu itti hime. Kana gochuushee dura nama tokkoo wajjin akka hin dubbanne itti himame. Isheenis akkuma ajajamte gochuudhaan dhukkubasheettii fayyite.

Dubartiin tokkommoo, abbaan manaashee erga du’ee booda gaaf tokko halkan akka itti mul’ate dubbatte. Baay’ee akka miidhageefi uffata mimmiidhagoo uffatee akka ture dubbatteetti.

Ergaawwaniifi mul’atawwan akkasii gaariifi faayidaa kan qaban fakkaatu ta’a. Waaqa biraa dhufanii? Isa biraa kan dhufan miti. Yihowaan ‘Waaqa dhugaati’. (Faarfannaa 31:5, hiika bara 1899) Matumaa nu gowwoomsuu ykn nu wallaalchisuu hin barbaadu. Kana kan godhan hafuurota hamoo qofadha.

Akkas taanaan hafuuronni hamoon gaarii ta’an jiru jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Al tokko tokko gargaaruu kan barbaadan fakkaatanillee, hundisaanii hamootadha. Seexanni Hewwaanii wajjin yommuu dubbate michuu fakkaatee itti dhihaateera. (Uumama 3:1) Ta’us, Hewwaan Seexana dhageessee wanta inni isheetti hime yommuu raawwattu maaltu irra ga’e? Ni duute.

Seexanni Hewwaan akka hin duune itti hime. Hewwaanis isa amante, dhumarratti garuu ni duute

Namni hamaan tokko nama gowwoomsuu ykn wallaalchisuu barbaadetti michuu fakkaatee dhihaachuunsaa wanta baramaa ta’uusaa beekta. Mammaaksi Oromoo tokko “allaattiin fira fakkaattee simbirroo nyaatti” jedha. Dubbiin Waaqayyoos, ‘Seexanni iyyuu ergamoota ifaa fakkaachuudhaaf in wallachifata’ jedha.—2 Qorontos 11:14.

Waaqayyo abjuu, mul’ata ykn sagaleen addunyaa hafuuraarraa akka dhaga’aman gochuudhaan namoota wajjin qunnamuu dhaabeera. Namoota kan geggeessuufi kan barsiisu, karaa Macaafa Qulqulluu isa nama tokko ‘hojii gaarii hundaaf qopheessuunidha.’—2 Ximotewos 3:17.

Kanaaf, Yihowaan gowwoomsaa Seexanaarraa akka fagaannu kan nu akeekkachiisu waan nu jaallatuufidha. Hafuuronni hamoon diinota gara jabeeyyii ta’uusaanii beeka.