Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Kun Tasumaa Dhugaa Taʼuu Hin Dandaʼu!”

“Kun Tasumaa Dhugaa Taʼuu Hin Dandaʼu!”

NAMICHI biyya Ameerikaa magaalaa Niiwu Yoork keessa jiraatu tokko akkas jedha: “Ilmikoo Jonaataan hiriyootasaa kiilomeetira muraasa fagaatanii jiran gaafachuu adeemee ture. Haati manaakoo Vaalentiinaan garuu deemuusaa hin jaallanne. Haalli daandii konkolaataa yeroo hundumaa ishee sodaachisa. Haata’u malee, meeshaalee elektirooniksii baay’ee waan jaallatuuf, akkatti meeshaaleen sun hojjetan shaakaluuf gara suuqii hiriyootasaa adeeme. Ani yeroo kanatti mana keenya isa Maanhaatan, Niiwu Yoork jiruun ture. Haati manaakoommoo firootashee gaafachuu Porto Riikoo adeemtee turte. ‘Jonaataan amma deebi’a’ jedheen yaadaa ture. Yerosuma bilbilli dallaa ni bilbilame. ‘Isa ta’uu qaba’ jedheen yaade. Garuu isa hin turre. Poolisiifi ogeessota fayyaa balaa akka tasaa uumamurratti gargaarsa kennan turan. Poolisichi, ‘Heyyamni konkolaachisaa kun kan eenyuu akka ta’e beektaa?’ jedhee na gaafate. ‘Eeyyee, kan ilmakoo Jonaataanidha’ jedheen deebiseef. ‘Oduu nama gaddisiisu sitti himuu dhufne. Balaan konkolaataa uumamee . . . ilmikee, . . . ilmikee du’eera’ naan jedhe. Wanti jalqaba natti dhaga’ame, ‘Kun tasumaa dhugaa ta’uu hin danda’u!’ kan jedhu ture. Waggoonni darbanillee, haalli nama naasisu kun, garaa keenya keessatti madaan hanga ammaatti fayyuu hin dandeenye akka uumamu godheera.”

‘Oduu nama gaddisiisu sitti himuu dhufne. Balaan konkolaataa uumamee . . . ilmikee, . . . ilmikee du’eera.’

Abbaan Baarseloonaa (Ispeen) keessa jiraatu tokko akkas jedhee barreesseera: “Waggoota 1960mmanii Ispeen keessatti maatii gammachuu qabu turre. Isaanis haadha manaakoo Maariyaafi ijoollee keenya sadan, Deevid, Paakiitoofi Iizaabel jedhaman duraa duubaan umriinsaanii 13, 11fi 9 ture.

“Bara 1963 ji’a Bitootessaa gaaf tokko, Paakiitoon mataansaa garmalee waan isa dhukkubeef mana barumsaatii gara manaatti deebi’e. Jalqabarratti wanti isa dhukkubse maal akka ta’e wallaallus, booda garuu beekneerra. Sa’aatii sadii booda ni du’e. Dhiigni sammuusaa keessatti waan dhangala’eef ijoollummaatti karaatti hafe.

“Paakiitoon erga du’ee waggaa 30 ol ta’eera. Ta’us, gaddi guddaan isa dhabuu keenyaan nutti dhaga’ame hanga har’aatti nu keessa jira. Warri erga mucaansaanii du’ee yeroon hangamiiyyuu yoo darbe ykn ijoollee baay’ee qabaatanillee kutaa qaamasaanii tokko akka dhaban itti dhaga’amuunsaa hin oolu.”

Muuxannoowwan kun lamaan, warri ijoolleesaanii yommuu du’aan dhaban gaddisaanii guddaa ta’uusaarrayyuu yeroo dheeraaf kan turu ta’uusaa kan argisiisudha. Wanti doktoorri tokko akkas jechuudhaan dubbate, kun dhugaa ta’uusaa argisiisa: “Miseensa maatii hundumaa keessaa ni du’u jedhamanii kan hin yaadamne ijoollee waan ta’aniif, yeroo baay’ee mucaan tokko du’uunsaa du’a nama dulloomee caalaa baay’ee nama gaddisiisa. . . . Mucaan tokko yeroo du’u firummaan gara fuulduraatti, karaa [ilmaa, haadha manaa ilmaafi ijoollee ijoollee] ni dhufa jedhamee eegamu . . . kan jalaa dukkaneessudha.” Gaddi guddaan akkasii dubartii ulfi irraa ba’uusaatiin mucaashee dhabdettis dhaga’amuu danda’a.

Haati manaa abbaan manaashee du’uusaatiin gaddite tokko akkas jetteetti: “Abbaan manaakoo Raasil, Waraana Addunyaa Lammaffaatti adda waraanaa Paasfiikitti yaalii fayyaa kennaa ture. Waraana baay’ee nama suukanneessan hedduu keessa darbeera. Achiis gara Yuunaayitid Isteetisitti deebi’ee jireenya tasgabbaa’aa jiraachuu jalqabe. Yeroo boodas Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’eera. Umriinsaa waggoota jaatamman keessa yeroo galutti, mallattoowwan dhukkuba onnee akka qabu argisiisan mul’achuu jalqaban. Ta’us akkuma yeroo fayyaa turetti jiraachuuf carraaqa ture. Bara 1988 gaaf tokko ji’a Adoolessaatti, onneensaa hojjechuu dhaabe; achiis ni du’e. Isa dhabuunkoo gar malee na gaddisiiseera. Nagaatti isaan jechuufillee carraa hin arganne. Inni abbaa manaakoo qofa utuu hin ta’in, michuukoo isan baay’ee jaalladhu ture. Waggaa 40f waliin jiraanneerra. Amma kophaakoo jiraachuuf waanan dirqamu natti fakkaata.”

Wantoonni kun, haalawwan gaddisiisaa kumaan lakkaa’amaniifi maatiiwwan addunyaa mararra jiraatan guyyaa guyyaan mudatan keessaa muraasasaaniiti. Akkuma namoonni gaddi isaanirra ga’e isinitti himuu danda’an, mucaan, abbaan manaa, haati manaa, warri ykn michuun keessan yeroo du’u, akkuma Phaawulos ergamaan jedhe duuti “diina isa dhumaa” ta’uusaa hubattu. Yeroo baay’ee namoonni du’a nama tokkoo yeroo dhaga’an wanti jalqaba isaanitti dhaga’amu, “Kun tasumaa dhugaa ta’uu hin danda’u! Ani kana hin amanu” kan jedhudha. Garuu, akkuma gara fuulduraatti ilaallu wantoonni namatti dhaga’aman kan biraanis jiru.—1 Qorontos 15:25, 26, NW.

Amma garuu, gadda namatti dhaga’amuu danda’u qoruu keenya dura gaaffiiwwan gurguddaa tokko tokko haa deebisnu. Namni tokko ni du’e jechuun sana booda abdii hin qabu jechuudhaa? Michoota keenya du’aan dhabne deebinee arguu akka dandeenyu abdiin jiraa?

Abdiin Amansiisaa Ta’e Jira

Phaawulos ergamaan “diina isa dhumaa, [NW]” kan ta’e du’a jalaa ba’anii jiraachuun akka jiru abdii kenneera. ‘Duuti ni golgoleeffama’ jechuudhaan barreesseera. (1 Qorontos 15:26) Phaawulos kana ilaalchisee hamma kana mirkanaa’aa ta’uu kan danda’e maaliifi? Kan isa barsiise Yesus Kiristos isa du’aa ka’e waan tureefidha. (Hojii Ergamootaa 9:3-19) Kanaaf Phaawulosis akkas jedhee barreessuu danda’eera: “Du’uun karaa nama tokkoo [Addaam] akkuma dhufe, warri du’an ka’uunis karaa nama tokkoo [Yesus Kiristos] dhufeera. Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka du’an akkasuma immoo harkisaa Kristosiin namoonni hundinuu in jiraachifamu.”—1 Qorontos 15:21, 22.

Yesus haadha hiyyeessaa mandara Naayin jiraattuufi ilmashee isa du’e yeroo argetti baay’ee gaddee ture. Seenaan Macaafa Qulqulluu akkas jechuudhaan nutti hima: “Inni [Yesus] balbala kellaa mandarichaatti [Naayinitti] yommuu dhi’aate, kunoo namoonni reeffa baatanii itti dhufan; inni du’e immoo haadha hiyyeessaa tokkoof ilma tokkicha ture. Namoonni baay’eenis mandaricha keessaa haadha isaa wajjin duukaa in bu’u turan. Gooftaan yommuu ishee arge oo’eefii, ‘Hin boo’in!’ jedheen. Itti hiiqee siricha harkaan qabnaan, warri baatan in dhaabatan; inni immoo, ‘Dargaggeessa nana, siin nan jedha ka’i!’ jedheen. Achumaan inni du’ee ture ol jedhee taa’ee, dubbachuus jalqabe; Yesus akkasitti haadha isaatiif isa deebise. Hundumti isaaniis na’anii, ‘Raajiin guddaan nu keessaa ka’eera; Waaqayyo saba isaa ilaaleera’ jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi’eessan.” Yesus oo’aan kaka’ee ilma haadha hiyyeessaa kana du’aa akka kaaseef hubadhu! Seenaan kun wanta gara fuulduraatti dhufu ilaalchisee maal akka argisiisu yaadi!—Luqaas 7:12-16.

Bakka namoonni baay’een turan sanatti Yesus dinqii tasumaa hin irraanfatamne raawwateera. Wanti yeroo kanatti raawwatame, raajii du’aa ka’uu lafa “bantii waaqaa haaraa” jalatti bulchamtu keessatti raawwatamu ilaalchisee dubbateef akka fakkeenyaatti kan gargaaru ture. Yeroo sanatti Yesus, “Waa’ee kanaa hin dinqifatinaa; warri du’anii awwaalaman sagalee isaa yeroon itti dhaga’an in dhufa” jedhee ture.—Mul’ata 21:1, 3, 4; Yohannis 5:28, 29; 2 Phexros 3:13.

Warri yeroo Yesus namoota du’aa kaase argan, Phexrosiin dabalatee ergamootasaa 12n isaa wajjin adeemaa turanidha. Yesus inni du’aa kaafame Galaana Galiilaa biratti yeroo dubbatu dhaga’aniiru. Seenaansaa akkas jechuudhaan nutti hima: “Yesus yommus, ‘Kottaa afaan bule baafadhaa!’ isaaniin jedhe. Bartoota keessaa immoo tokko illee ija jabaatee, ‘Ati eenyu?’ kan jedheen hin jiru; isaan gooftaa ta’uu isaa baraniiru. Yesus dhufee buddeenicha fuudhee isaaniif kenne; qurxummichas akkasuma godhe. Yesus du’aa erga kaafamee, kanaan si’a sadaffaa bartoota isaatti of mul’isuu isaa ti.”—Yohannis 21:12-14.

Kanaaf, Phexros akkas jedhee dubbachuu danda’eera: “Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta’u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra du’an keessaa ka’uu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera.”—1 Phexros 1:3.

Phaawulos ergamaanis akkas jechuudhaan abdii amansiisaa akka qabu ibseera: “Waan macaafa seeraa keessatti, macaafota raajotaa keessattis caafame hundumaa nan amana. Warra qajeelotaa fi warra jal’ootaafis du’aa ka’uun akka jiru, akkuma isaan abdatan, anis Waaqayyoon abdiidhaan nan eeggadha.”—Hojii Ergamootaa 24:14, 15.

Namoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi nama jaallatan du’aan dhaban haalawwan baay’ee adda ta’an keessatti gara jireenyaatti deebi’anii isaan arguuf abdii cimaa qabu. Haalawwan adda ta’an kun maalidha? Abdii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kana ilaalchisee odeeffannoon dabalataa mataduree, “Abdii Amansiisaa Namoonni Du’an Qaban” jedhuun kutaa dhumaa birooshura kanaarratti kennama.

Mee jalqaba gaaffiiwwan warri nama jaallatan du’aan dhabuudhaan gaddan kaasuu danda’anirratti haa mari’annu: Gaddi akkasii sirriidhaa? Gaddakoo danda’ee jiraachuu kanan danda’u akkamitti? Warri kaan gaddakoo danda’ee akkan jiraadhu na gargaaruu kan danda’an akkamitti? Anoo namoota gaddan gargaaruu kanan danda’u akkamitti? Hunda caalaa, Macaafni Qulqulluun abdii amansiisaa namoonni du’an qaban ilaalchisee maal jedha? Michootakoo warra du’an lammata arguu nan danda’aa? Yoo ta’e eessatti?