Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa

Seensa

Dubbisaa Kitaaba Kanaa:

Waaqayyotti akka dhihaatte sitti dhagaʼamaa? Namoonni hedduun kun kan dandaʼamu isaanitti hin fakkaatu. Tokko tokko, Waaqayyo isaan irraa baayʼee fagoo akka taʼe, warri kaan immoo isatti dhihaachuuf gaʼumsa akka hin qabne itti dhagaʼama. Taʼus Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti ni dhiʼaata” jedhee nu jajjabeessa. (Yaaqoob 4:8) Yihowaan, “Ani Waaqni kee Yihowaan, isa harka kee mirgaa qabee, ‘Hin sodaatin. Ani sin gargaara’ siin jedhu sana dha” jechuudhaan waaqeffattoota isaatiif mirkaneesseera.—Isaayyaas 41:13.

Waaqayyoo wajjin hariiroo akkasii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Michummaan kam iyyuu, nama tokko beekuu, amalawwan isaa dinqisiifachuu fi bakka guddaa isaaniif kennuu irratti hundaaʼa. Kanaafuu, amalawwanii fi daandiiwwan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman qoʼachuun baayʼee barbaachisaadha. Karaa Yihowaan amalawwan isaa hunda itti argisiisu irratti xiinxaluun, Yesuus Kiristoos amalawwan kana karaa mudaa hin qabneen akkamitti akka calaqqise hubachuu fi nutis akkamitti amalawwan kana horachuu akka dandeenyu barachuun keenya caalaatti Waaqayyotti nu dhiheessa. Yihowaan Gooftaa uumama cufaa taʼuuf mirgaa fi gaʼumsa akka qabu ni ilaalla. Kana malees, inni Abbaa hunda keenyaaf barbaachisudha. Yihowaan humna qabeessa, haqa qabeessa, ogeessaa fi jaalala qabeessadha; ijoollee isaa amanamoo taʼan matumaa hin gatu.

Kitaabni kun, caalaatti Yihowaatti akka dhihaattuu fi isaa wajjin hanga dhumaatti walitti dhufeenya cimaa qabaachuudhaan jireenya argattee bara baraaf akka isa jajattu kan si gargaaru akka taʼu hawwina.

Maxxansitoota