Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 3

“Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu Dha Yihowaan”

“Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu Dha Yihowaan”

1, 2. Isaayyaas raajichi mulʼata akkamii arge? Mulʼanni kun hoo waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?

 ISAAYYAAS mulʼata Waaqayyo itti argisiise tokkoon baayʼee ajaaʼibsiifamee ture. Mulʼatichi wantuma dhugumaan taʼaa jiru fakkaata. Yeroo booda Isaayyaas Yihowaan teessoo isaa isa ol kaʼaa irra taaʼee utuu jiruu ‘akka arge’ barreesseera. Uffanni Yihowaa inni dheeraan mana qulqullummaa isa guddaa Yerusaalemitti argamu guutee ture.—Isaayyaas 6:1, 2.

2 Isaayyaas, faarfannaa sagalee guddaadhaan faarfatamuu fi hundee mana qulqullummaa sochoose yeroo dhagaʼus ajaaʼibsiifateera. Faarfannicha kan faarfatan suraafelota, jechuunis maleekota humna guddaa qaban turan. Maleekonni kun, “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. Guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutamteetti” jedhanii jechoota salphaa garuu immoo hiika guddaa qaban kanaan tokkummaadhaan ulfina Yihowaatiif faarfatu turan. (Isaayyaas 6:3, 4) Qulqullinni Yihowaa ol aanaa waan taʼeef, jechi “qulqulluu” jedhu faarfannicha keessatti siʼa sadii caqasamuun isaa sirrii dha. (Mulʼata 4:8) Guutummaa Kitaaba Qulqulluu keessatti qulqullummaa Yihowaatiif xiyyeeffannaan kennameera. Caqasawwan dhibbaan lakkaaʼaman, jechoota “qulqulluu” fi “qulqullummaa” jedhan maqaa Yihowaa wajjin wal qabsiisanii ibsu.

3. Namoonni hedduun qulqullummaa Yihowaa dogoggoraan hubachuun isaanii Waaqayyotti isaan dhiheessuu mannaa isa irraa kan isaan fageesse akkamitti?

3 Kanaafuu, wantoota Yihowaan akka beeknu barbaadu keessaa inni guddaan qulqullummaa isaa akka taʼe ifa dha. Namoonni hedduun garuu yaada kanaaf ilaalcha dogoggoraa qabu. Namoonni tokko tokko qulqulluu taʼuu jechuun, qajeelaa of gochuu ykn nama Waaqayyoon tajaajilu of fakkeessuu akka taʼe godhanii karaa dogoggora taʼeen yaadu. Namoonni ilaalcha gad aanaa ofiif qaban immoo, Waaqayyo qulqulluu taʼuun isaa kan nama hawwatu utuu hin taʼin kan nama sodaachisu akka taʼetti yaadu. Waaqa qulqulluu kanatti dhihaachuuf matumaa gaʼumsa qabaachuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Kanaafuu, namoonni hedduun Waaqayyo qulqulluu waan taʼeef isa irraa fagaatu. Qulqullummaan Waaqayyoo akka isatti dhihaannu kan nu kakaasu taʼee utuu jiruu, isa irraa fagaachuun isaanii nama gaddisiisa. Isatti nu dhiheessa kan jennu garuu maaliifi? Gaaffii kana deebisuu keenya dura, qulqullummaa dhugaan maal akka taʼe haa ilaallu.

Qulqullummaan Maali Dha?

4, 5. (a) Qulqullummaa jechuun maal jechuu dha? Maal jechuu immoo miti? (b) Yihowaan “adda kan baʼe” karaawwan guguddaa lamaan kamiini?

4 ‘Waaqayyo qulqulluu dha’ jechuun, warra kaaniif dantaa hin qabu, of tuula ykn nama tuffata jechuu miti. Faallaa kanaatiin amalawwan akkasii ni jibba. (Fakkeenya 16:5; Yaaqoob 4:6) Maarree, jechi “qulqulluu” jedhu hiika maalii qaba? Afaan Ibrootaa isa Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen, jechi kun jecha hiikni isaa “adda kan baʼe” jedhu qabu irraa kan argame dha. Waaqeffannaa wajjin haala wal qabateen jechi “qulqulluu” jedhu, wanta kaayyoo tokkoof adda baafamee taaʼe argisiisa. Jechi qulqulluu jedhu xurii kan hin qabne yaada jedhus ni dabarsa. Jechi kun Yihowaaf kan hojjetu akkamitti? Kana jechuun, inni namoota mudaa qaban irraa “adda kan baʼe” dha ykn nutti dhihaachuu kan hin barbaanne dha jechuudhaa?

5 Akkas jechuu miti. Sabni isaa cubbamoota taʼanis Yihowaan, “Inni Qulqulluun kan Israaʼel” isaan “gidduu” akka jiraatu dubbateera. (Isaayyaas 12:6; Hoseʼaa 11:9) Kanaaf, qulqulluu taʼuun isaa namoota irraa akka fagaatu isa hin godhu. Taanaan, “Adda kan baʼe” akkamitti ree? Karaawwan guguddaa lamaani. Tokkoffaa, inni qofti Hundaa Olii waan taʼeef, uumamawwan hunda irraa adda kan baʼe dha. Inni guutummaatti qulqulluu dha; qulqullummaan isaa daangaa hin qabu. (Faarfannaa 40:5; 83:18) Lammaffaa, Yihowaan guutummaatti cubbuu irraa adda kan baʼe dha, kun immoo kan nama jajjabeessu dha. Akkas kan jennu maaliifi?

6. Yihowaan guutummaatti cubbuu irraa walaba taʼuun isaa kan nu jajjabeessu maaliifi?

6 Addunyaa qulqullummaa dhugaa argachuun ulfaataa taʼe keessa jiraanna. Wanti ilmaan namootaa Waaqayyo irraa fagaatan wajjin wal qabate hundi karaa taʼe tokkoon kan mancaʼee fi cubbuudhaan kan faalame dha. Hundi keenya cubbuu keessa keenya jiruu wajjin walʼaansoo gochuu qabna; akkasumas yoo of eeggachuu baanne, cubbuudhaan moʼamuu dandeenya. (Roomaa 7:15-25; 1 Qorontos 10:12) Yihowaan garuu rakkina akkasiitiif hin saaxilamu. Inni guutummaatti cubbuu irraa walaba waan taʼeef, wanta dogoggora taʼe kam iyyuu matumaa hin raawwatu. Kun Yihowaan guutummaatti kan amanamuu fi Abbaa hunda irra caalu taʼuu isaa nuu mirkaneessa. Haala abbootii hedduu irraa adda taʼeen, Yihowaan hin hammaatu, naamusa dogoggoraa hin qabaatu ykn aangoo isaa karaa sirrii hin taaneen itti hin fayyadamu. Qulqullummaan isaa wantoota akkasii akka hin raawwanne isa godha. Qulqullummaan isaa isatti amanamuuf sababa cimaa waan taʼeef, Yihowaan qulqullummaa isaatiin yeroo itti kakate illee qaba. (Amoos 4:2) Kun kan nama jajjabeessu mitii?

7. Qulqullummaa fi Yihowaa adda baasuun hin dandaʼamu kan jennu maaliifi?

7 Qulqullummaa fi Yihowaa adda baasuun hin dandaʼamu. Kana jechuun maal jechuu dha? Fakkeenyaaf, “namaa” fi “cubbuu” adda baasnee ilaaluu hin dandeenyu. Cubbuun dhaalle nu xureesseera; wanta raawwannu hunda irrattis dhiibbaa geessisa. Amma immoo jechoota “Yihowaa” fi “qulqulluu” jedhan haa ilaallu. Yihowaan guutummaatti qulqulluu dha. Wanti isaa wajjin wal qabate hundi qulqulluu fi qajeelaa dha. Jecha hiika guddaa qabuu fi “qulqulluu” jedhu kana yoo hubanne malee, eenyummaa Yihowaa sirriitti hubachuu hin dandeenyu.

“Qulqullummaan Kan Yihowaa Ti”

8, 9. Yihowaan namoonni cubbamoota taʼan hamma tokko qulqulloota akka taʼan akka isaan gargaaru wanti argisiisu maali dha?

8 Yihowaan guutummaatti qulqulluu waan taʼeef, inni madda qulqullummaa hundaa ti jedhamuun isaa sirrii dha. Inni amala gaarii kana ofiif hambifachuu mannaa, warra kaaniifis arjummaadhaan ni kenna. Waaqayyo karaa maleekaa isaa harangamaa bobaʼu keessaa yeroo Museetti dubbatetti, karaa maleekichaa bakka sana waan tureef naannoon sun qulqulluu taʼee ture.—Baʼuu 3:5.

9 Namoonni cubbamoota taʼan gargaarsa Yihowaatiin qulqulluu taʼuu dandaʼuu? Eeyyee, hamma tokko ni dandaʼu. Waaqayyo, Israaʼelonni “saba qulqulluu” akka taʼan abdii isaaniif kennee ture. (Baʼuu 19:6) Sirna waaqeffannaa qulqulluu taʼe isaaniif kennuudhaanis isaan eebbiseera. Qulqullummaan Seera Musee keessatti irra deddeebiʼamee kan caqasame kanaafi. Lubni ol aanaan, warqee diriiraa fuuldura marata mataa isaa irratti hidhamuu fi yeroo ifti irratti baʼu namoota hundatti calaqqisu godhata ture. Achi irratti yaanni “Qulqullummaan kan Yihowaa ti” jedhu bocameera. (Baʼuu 28:36) Kanaaf, waaqeffannaa fi jireenya isaanii keessatti ulaagaa qulqullinaa ol aanaa akka guutan isaan irraa eegama ture. Yihowaan akkas isaaniin jedheera: “Ani Waaqni keessan Yihowaan qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼuu qabdu.” (Leewwota 19:2) Israaʼelonni cubbamoota taʼanis hanga isaanii dandaʼame gorsa Waaqayyootiin yoo jiraatan, hamma tokko qulqulloota taʼuu dandaʼu turan.

10. Qulqullummaa ilaalchisee, Israaʼelota durii fi saboota naannoo isaanii gidduu garaa garummaa akkamiitu ture?

10 Qulqullummaadhaaf xiyyeeffannaan akkasii kennamuun isaa, waaqeffannaa Israaʼelotaa, waaqeffannaa saboota naannoo isaanii irraa adda godha. Saboonni naannoo Israaʼelotaa, waaqayyolii sobaa gara jabeeyyii fi sassatoo akka taʼan, akkasumas saalqunnamtii seeraan alaa akka raawwatan ibsaman waaqeffatu turan. Waaqayyoliin kun gama hundumaan xuraaʼoo dha. Waaqeffannaan isaaniif dhihaatus namoota ni xureessa ture. Yihowaanis sabni isaa waaqeffatoota waaqayyolii sobaa fi gocha isaanii isa mancaʼaa kana irraa akka fagaatan kan isaan akeekkachiise kanaafi.—Leewwota 18:24-28; 1 Mootota 11:1, 2.

11. Qulqullummaan jaarmiyaa Yihowaa isa samii (a) maleekota irratti, (b) suraafelota irratti (c) Yesuus irratti kan mulʼate akkamitti?

11 Israaʼelonni saba Yihowaa filatamoo turan carraaqqii akkamii iyyuu yoo godhan, qulqullummaa jaarmiyaa Waaqayyoo isa samii guutummaatti calaqqisuu hin dandeenye. Uumamawwan hafuuraa miliyoonaan lakkaaʼamanii fi amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilan ‘qulqulloota kumaatama hedduu’ akka taʼan ibsamaniiru. (Keessa Deebii 33:2; Yihudaa 14) Maleekonni kun miidhagina qulqullummaa Waaqayyoo isa ifaa fi taliila taʼe guutummaatti calaqqisiisu. Suraafelota Isaayyaas mulʼataan arges yaadadhu. Qabiyyeen faarfannaa qaamota hafuuraa humna guddaa qaban kanaa, isaan uumama cufa keessatti qulqullummaa Yihowaa beeksisuu irratti gaʼee guddaa akka qaban argisiisa. Uumamni hafuuraa tokko, jechuunis Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi garuu maleekota hunda irra ni caala. Yesuus eenyu irra iyyuu caalaa qulqullummaa Waaqayyoo ni calaqqisiisa. Kanaafuu, “Qulqullicha Isa kan Waaqayyoo” jedhamuun isaa sirrii dha.—Yohaannis 6:68, 69.

Maqaa Qulqulluu, Hafuura Qulqulluu

12, 13. (a) Maqaan Waaqayyoo qulqulluu dha jedhamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi? (b) Maqaan Waaqayyoo arrabsoo hunda irraa qulqullaaʼuu kan qabu maaliifi?

12 Maqaan Waaqayyoo hoo qulqulluudhaa? Akkuma Boqonnaa 1​ffaa irratti ilaalle maqaan kun maqaa inni ittiin waamamu qofa miti. Amalawwan isaa hunda kan of keessatti qabatee fi kan isa bakka buʼu dha. Kitaabni Qulqulluun, “maqaan isaa qulqulluu” akka taʼe kan dubbatu kanaafi. (Isaayyaas 57:15) Seerri Musee namni maqaa Waaqayyoo arrabse duʼaan akka adabamu ajaja. (Leewwota 24:16) Yesuus, “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu” jechuudhaan dhimma kana jalqaba kadhannaa irratti akka caqases qalbeeffadhu. (Maatewos 6:9) Wanta tokko qulqulleessuu jechuun, kaayyoo tokkoof adda baasuu fi wanta sanaaf ulfina kennuu jechuudha. Haa taʼu malee, maqaan Waaqayyoo durumaanuu qulqulluu erga taʼee qulqullaaʼuun kan isa barbaachise maaliifi?

13 Maqaan Waaqayyoo inni qulqulluun sobaa fi arrabsoodhaan salphifameera, akkasumas xureeffameera. Seexanni Eedan keessatti, Yihowaan Bulchaa uumamawwan isaa cunqursu akka taʼe ibsuudhaan, waaʼee isaa soba dubbateera. (Uumama 3:1-5) Seexanni inni addunyaa xuraaʼaa kana bulchu, yeroo sanaa jalqabee waaʼee Waaqayyoo soba hedduu babalʼiseera. (Yohaannis 8:44; 12:31; Mulʼata 12:9) Dhaabbileen amantaa, Waaqayyo kan nama cunqursu, namoota irraa fagoo fi gara jabeessa akka taʼe barsiisu. Waraanota dhiiga hedduu dhangalaasan irratti deggersa Waaqayyoo akka qaban dubbatu. Uumamawwan dinqisiisoo Waaqayyo uumeef beekamtii isaaf kennuu mannaa, carraa fi jijjiirama tirannaatiin akka argaman ibsu. Eeyyee, maqaan Waaqayyoo garmalee hadheeffameera. Maqaan kun qulqullaaʼuu fi ulfina isaaf malu deebisee argachuu qaba. Yeroo maqaan isaa itti qulqullaaʼuu fi ol aantummaan isaa mirkaneeffamu hawwiidhaan eegganna. Inni karaa Mootummaa Ilma isaatiin geggeeffamuun kana ni raawwata. Nutis gaʼee kaayyoo isaa isa guddaa kana irratti qabnu kam iyyuu gammachuudhaan ni raawwanna.

14. Hafuurri Waaqayyoo qulqulluu kan jedhamu maaliifi? Hafuura qulqulluu arrabsuun cubbuu cimaa kan taʼe hoo maaliifi?

14 Wanti kan Yihowaa taʼee fi qulqulluu jedhamu gara biraan immoo, hafuura isaa ykn humna isaa isa hojii irra jiru dha. (Uumama 1:2) Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf, humna isaa isa guddaa kanatti fayyadama. Inni wanta hundumaa karaa qulqulluu taʼeen waan raawwatuuf, humni isaa inni hojii irra jiru hafuura qulqulluu jedhamuun isaa sirrii dha. (Luqaas 11:13; Roomaa 1:4) Hafuura qulqulluu arrabsuun, taʼe jedhanii kaayyoo Yihowaa mormuu kan dabalatu yeroo taʼu, kun cubbuu dhiifama hin qabne dha.—Maarqos 3:29.

Qulqullummaan Yihowaa Isatti Kan Nu Dhiheessu Maaliifi?

15. Qulqullummaan Waaqayyoo akka isa sodaannu nu gochuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi? Sodaan kun hoo maal dabalata?

15 Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun, qulqullummaa Waaqayyoo fi sodaa namoonni isaaf qabaachuu qaban wal qabsiisee kan ibsu maaliif akka taʼe hubachuun ulfaataa miti. Fakkeenyaaf, Faarfannaan 99:3, “Inni sodaachisaa fi qulqulluu waan taʼeef, isaan maqaa kee isa guddaa haa jajatan!” jedha. Sodaan as irratti ibsame kun garuu kan nama romʼisiisu utuu hin taʼin, sodaa ulfina guddaa isaaf qabaachuudhaan dhufu dha. Qulqullummaan Waaqayyoo nu irra baayʼee waan caaluuf, akkas nutti dhagaʼamuun isaa sirrii dha. Qulqullummaan kun baayʼee dinqisiisaa fi ulfina qabeessa dha. Taʼus, isa irraa kan nu fageessu miti. Kanaa mannaa, qulqullummaa Waaqayyootiif ilaalcha sirrii qabachuun keenya caalaatti isatti nu dhiheessa. Akkamitti?

16. (a) Qulqullummaan ulfinaa fi bareedinaa wajjin kan wal qabsiifame maaliifi? Fakkeenya kenni. (b) Kitaabni Qulqulluu miidhagina Waaqa keenya isa qulqulluu kan ibsu akkamitti?

16 Kitaabni Qulqulluun, qulqullummaa bareedinaa wajjin wal qabsiisee ibsa. Isaayyaas 63:15 samii ilaalchisee, “Iddoo jireenyaa kee isa ol kaʼaa, isa qulqulluu fi ulfina qabeessa [ykn “bareedaa,” miiljalee]” jedha. Ulfinnii fi bareedinni ofitti nama harkisa. Fakkeenyaaf, fakkii fuula 39 irra jiru ilaali. Naannoon kun namatti hin toluu? Akka namatti tolu kan godhe maali dha? Bishaanichi hangam qulqulluu akka taʼe ilaali. Samiin cuquliisaa fi ifaa waan taʼeef, qilleensi isaas qulqulluu taʼuu qaba. Haa taʼu malee, lagichi utuu mancaʼee, naannoon isaa balfaan utuu guutamee fi qilleensi isaa utuu aaraan faalamee, naannoon kun of irraa nu fageessa malee nu hin hawwatu ture. Yeroo baayʼee nuti bareedina ykn ulfina, qulqullinaa fi ifa wajjin wal qabsiisna. Qulqullummaa Yihowaa ibsuufis jechoota kanatti fayyadamuun ni dandaʼama. Yihowaa ilaalchisee ibsi mulʼataan kenname hunda keenya kan hawwatu kanaafi. Miidhaginni Waaqa keenya isa qulqulluu, baayʼee kan ifu, akka albuudaa, akka ibiddaa ykn akka sibiila qulqulluu fi gati jabeessaa kan calaqqisu dha.—Hisqiʼel 1:25-28; Mulʼata 4:2, 3.

Akkuma bareedinni nama hawwatu, qulqullummaanis nama hawwata

17, 18. (a) Isaayyaas jalqaba irratti yeroo mulʼata arge maaltu itti dhagaʼame? (b) Yihowaan Isaayyaasiin jajjabeessuuf suraafelitti kan fayyadame akkamitti? Wanti Suraafelichi godhe hiika akkamii qaba?

17 Waaqayyo qulqulluu taʼuun isaa garuu, nuti isa biratti xinnoo akka taane akka nutti dhagaʼamu gochuu qabaa? Deebiin isaa eeyyee kan jedhu dha. Yihowaan nu irra baayʼee guddaa waan taʼeef, wal caalmaan nuu fi isa gidduu jiru hammana kan jedhamu miti. Kana beekuun keenya garuu isa irraa nu fageessuu qabaa? Isaayyaas yeroo suraafelonni qulqullummaa Yihowaa labsan yommuu dhagaʼetti maaltu akka isatti dhagaʼame haa ilaallu. “Anis, ‘Anaaf wayyoo! Nama hidhiin isaa xuraaʼe waanan taʼeef, uummata hidhiin isaa xuraaʼe gidduu waanan jiraadhuuf, ijji koos Mooticha, Yihowaa Gooftaa Raayyaa waan argeef, duʼuun koo hin oolun!’ jedhe” jedheera. (Isaayyaas 6:5) Eeyyee, Yihowaan baayʼee qulqulluu taʼuun isaa, Isaayyaas hammam cubbamaa akka taʼee fi mudaa akka qabu isa yaadachiiseera. Jalqaba irratti namni amanamaan kun baayʼee sodaatee ture. Yihowaan garuu haala kana keessatti isa hin dhiisne.

18 Suraafelli tokko yeruma sana isa jajjabeesseera. Akkamitti? Maleekaan aangoo guddaa qabu kun, gara iddoo aarsaatti erga balaliʼee booda, barbadaa ibiddaa iddoo aarsaatii fuudhee ittiin hidhii Isaayyaas tuqe. Kun kan nama jajjabeessu utuu hin taʼin kan nama dhukkubsu fakkaata. Haa taʼu malee, kun mulʼata hiika guddaa qabu akka taʼe hin dagatin. Isaayyaas Yihudii amanamaa waan taʼeef, dhiifama cubbuutiif guyyaa guyyaadhaan iddoo aarsaa mana qulqullummaa keessa jiru irratti aarsaan akka dhihaatu akka gaariitti beeka. Suraafelli sun, raajiin kun mudaa kan qabuu fi nama “hidhiin isaa xuraaʼe” taʼus, Waaqayyo duratti akka qulqulluutti ilaalamuu akka dandaʼu gaarummaadhaan isa yaadachiiseera. a Yihowaan nama mudaa qabuu fi cubbamaa taʼe, hamma tokko qulqulluu akka taʼetti ilaaluuf fedhii qaba.—Isaayyaas 6:6, 7.

19. Mudaa kan qabnu taʼus, hamma tokko qulqulluu taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Yeroo harʼaattis haalli isaa wal fakkaata. Aarsaawwan iddoo aarsaa mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu irratti dhihaatan hundi, aarsaa guddaa fi mudaa hin qabne isa Yesuus Kiristoos Dh.K.B. bara 33​tti dhiheesseef gaaddidduu turan. (Ibroota 9:11-14) Cubbuu keenya irraa garaadhaa yaada yoo geddaranne, dogoggora keenya yoo sirreessinee fi aarsaa kanatti yoo amanne dhiifama cubbuu arganna. (1 Yohaannis 2:2) Nutis Waaqayyo duratti akka qulqulluutti ilaalamuu dandeenya. Pheexiros ergamaan, “‘Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa’ jedhamee barreeffameera” kan jedhe kanaafi. (1 Pheexiros 1:16) Yihowaan hamma isaa qulqulluu akka taanu akka nu hin gaafanne qalbeeffadhu. Inni matumaa wanta humna keenyaa ol taʼe nu irraa hin eegu. (Faarfannaa 103:13, 14) Kanaa mannaa, inni qulqulluu waan taʼeef qulqulloota akka taanu nutti himeera. Mudaa qabaannu illee ‘ijoollee jaallatamoo waan taaneef’ hanga dandaʼame fakkeenya isaa hordofuu barbaanna. (Efesoon 5:1) Kanaaf, qulqulloota taʼuun wanta itti fufiinsa qabu dha. Karaa hafuuraa yommuu guddachaa deemnu, guyyaa guyyaadhaan “qulqullummaa keenya guutuu gochuuf” carraaqaa akka jirru argisiisna.—2 Qorontos 7:1.

20. (a) Waaqa keenya isa qulqulluu duratti akka qulqulluutti ilaalamuu akka dandeenyu beekuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Isaayyaas cubbuun isaa akka dhiifameef beekuu isaatti maaltu itti dhagaʼame?

20 Yihowaan wanta qajeelaa fi qulqulluu taʼe jaallata. Cubbuu immoo ni jibba. (Anbaaqom 1:13) Nuun garuu hin jibbu. Wanta hamaa jibbuu fi wanta gaarii jaallachuudhaan, ilaalcha inni cubbuudhaaf qabu yoo qabaanne, akkasumas faana Yesuus Kiristoos duukaa buʼuuf carraaqqii yoo goone, Yihowaan cubbuu keenya nuu dhiisa. (Amoos 5:15; 1 Pheexiros 2:21) Waaqa keenya isa qulqulluu biratti akka qulqulluutti ilaalamuu akka dandeenyu hubachuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. Isaayyaas jalqaba irratti Yihowaan qulqulluu akka taʼe beekuun isaa, xuraaʼaa taʼuu isaa isa hubachiisee akka ture yaadadhu. Isaayyaas, “Anaaf wayyoo!” jedhee iyyeera. Cubbuun isaa akka dhiifameef erga hubatee booda garuu ilaalchi isaa jijjiirameera. Yihowaan nama fedhiidhaan hojii isaa hojjetu yommuu barbaadetti, Isaayyaas hojichi maal akka dabalatu kan hin beekne taʼus yeruma sana, “Kunoo ani jira! Ana ergi!” jechuudhaan of dhiheesseera.—Isaayyaas 6:5-8.

21. Qulqulloota taʼuu akka dandeenyu akkamitti beekna?

21 Bifa Waaqa qulqulluutiin waan uumamneef, amala isaa calaqqisiisuu fi isaa wajjin hariiroo cimaa uumuu dandeenya. (Uumama 1:26) Hundi keenya qulqulloota taʼuuf dandeettii qabna. Qulqulloota taʼuuf yommuu carraaqnu, Yihowaan gammachuudhaan nu gargaara. Kun immoo caalaatti Waaqa keenya isa qulqulluutti nu dhiheessa. Boqonnaawwan itti aanan irratti yommuu waaʼee amalawwan Yihowaa caalaatti barannu, sababiiwwan guguddaan isatti akka dhihaannu nu godhan hedduun akka jiran hubanna.

a Ibsi ‘hidhii xuraaʼe’ jedhu ibsa sirrii dha; sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee hidhii dubbii ykn qooqa argisiisuuf itti fayyadama. Namoonni mudaa qaban hundi, yeroo baayʼee cubbuu kan hojjetan dubbii isaaniitiini.—Fakkeenya 10:19; Yaaqoob 3:2, 6.