Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 5

Humna Uumu—‘Isa Samii fi Lafa Tolche’

Humna Uumu—‘Isa Samii fi Lafa Tolche’

1, 2. Aduun humna Yihowaan uumuuf qabu kan argisiistu akkamitti?

 GALGALA qorrutti ibidda qaqqaammattee beektaa? Ibiddicha qaqqaammachuuf harka kee hamma tokko itti butta taʼa. Baayʼee yoo itti siqxe si gubuu, baayʼee yoo irraa fagaatte immoo sitti qorruu dandaʼa.

2 “Ibiddi” guyyaa guyyaa qaama keenya hoʼisu jira. “Ibiddi” kun fageenya kiilomeetira miliyoona 150 irraa bobaʼa! a Ibiddi kun, jechuunis aduun fageenya hammanaa irraa hoʼi ishii sitti dhagaʼamuu kan dandaʼe, humna guddaa waan qabduuf akka taʼe beekamaa dha! Taʼus lafti, fageenya sirrii taʼe irraa ibidda hoʼa guddaa qabu kanatti naannofti. Lafti utuu aduutti baayʼee siqxee, bishaan lafa irra jiru hurkaan dhuma; utuu baayʼee irraa fagaattee immoo wanti hundi cabbii taʼa. Utuu akkas taʼee, jireenyi ishii irra jiraachuu hin dandaʼu. Ifti aduu inni jireenyaaf barbaachisaa taʼe gammachiisaa taʼuu isaa irra iyyuu qulqulluu fi kan hin dhumne dha.—Lallaba 11:7.

3. Aduun barumsa barbaachisaa akkamii nu barsiisti?

3 Jireenyi namootaa aduu irratti kan hundaaʼe taʼus, namoonni hedduun garuu aduu akka laayyootti ilaalu. Kanaan kan kaʼes, barumsa aduu irraa argamu utuu hin hubatin hafu. Kitaabni Qulqulluun Yihowaa ilaalchisee, “Ifas taʼe aduu tolchiteetta” jedha. (Faarfannaa 74:16) Eeyyee, aduun Yihowaa isa ‘samii fi lafa’ tolcheef ulfina fiddi. (Faarfannaa 19:1; 146:6) Aduun, qaamota samii Yihowaan uumuuf humna guddaa akka qabu nu barsiisan hedduu keessaa tokko qofa dha. Mee amma waaʼee qaamota kanaa gadi fageenyaan erga ilaallee booda, waaʼee lafaa fi waaʼee lubbuuwwan lafa irra jiranii haa mariʼannu.

Yihowaan ‘ifaa fi aduu tolcheera’

“Ija Keessan Gara Samiitti Ol Kaasaatii Ilaalaa”

4, 5. Aduun humnaa fi guddina hangamii qabdi? Taʼus urjiilee kaanii wajjin yeroo waliin ilaalamtu hangam geessi?

4 Akkuma beektu, aduun urjiilee keessaa tokko dha. Aduun urjiilee kaan caalaa guddoo fakkaatti; guddoo kan fakkaatte garuu warra kaan caalaa nutti dhihoo waan taateefi. Humni ishii hangam guddaa dha? Hoʼi handhuura ishii, digirii seentigreedii 15,000,000 taʼa. Handhuura aduu keessaa hanga ija sanaaficaa fudhattee lafa kana irra utuu keessee, kiilomeetira 140 irraa fagaachuu qabda! Aduun, sekoondii tokkotti humna dhukaʼa boombiiwwan niiwkularii miliyoona dhibbaan lakkaaʼamanii wajjin wal gitu maddisiisti.

5 Aduun baayʼee guddoo waan taateef pilaanetoota hamma lafa keenyaa gaʼan 1,300,000 of keessatti qabachuu dandeessi. Kana jechuun garuu urjiilee kaan irra ni caalti jechuudhaa? Lakki, qorattoonni urjii, aduu urjii xinnoo bifa keelloo qabdu jedhanii waamu. Phaawulos ergamaan, “Ulfinni urjii tokkoo isa kan biraa irraa adda dha” jedhee barreesseera. (1 Qorontos 15:41) Phaawulos, hubannaa akkasii kan argate gargaarsa hafuura qulqulluutiin akka taʼe beekamaa dha. Urjii guddaan bakka amma aduun jirtu irra utuu taaʼee lafa kana guutummaatti golboobuu dandaʼu jira. Urjiin baayʼee guddaa taʼee fi bakka aduun jirtu utuu kaaʼamee pilaaneetii Saatarn jedhamtu bira gaʼuu dandaʼu kan biraanis jira! Pilaaneetiin Saatarn jedhamtu lafa irraa baayʼee fagoo waan taateef, mankoraakuriin tokko rasaasa caalaa harka 40 saffisaan utuu fiigee illee achi gaʼuuf waggaa afur itti fudhata.

6. Kitaabni Qulqulluun lakkoofsi urjiilee hedduu taʼuu isaa kan ibsu akkamitti?

6 Guddina urjiilee caalaa kan nama ajaaʼibsiisu garuu baayʼina isaanii ti. Kitaabni Qulqulluun urjiileen baayʼee hedduu waan taʼaniif, akkuma ‘cirracha galaana’ lakkaaʼamuu akka hin dandeenye ibsa. (Ermiyaas 33:22) Yaanni kun, urjiileen nuti ijaan arguu hin dandeenye hedduun akka jiran argisiisa. Kana malees, namni akka Ermiyaas kutaa Kitaaba Qulqulluu barreesse, halkaniin gara samii ilaalee urjiilee lakkaaʼuuf utuu yaalee, gargaarsa meeshaatiin alatti gara urjiilee kuma sadii caalaa lakkaaʼuu hin dandaʼu. Lakkoofsi kun immoo baayʼina cirracha kaballaa tokkoo irra hin caalu. Baayʼinni urjiilee garuu akkuma cirracha qarqara galaanaa hedduu dha. b Namni wanta hammana baayʼatu lakkaaʼuu dandaʼu jiraa?

“Inni hunda isaanii maqaa maqaadhaan ni waama”

7. Qorattoonni urjiilee gaalaaksii Milkii Weey keenya keessa urjiilee meeqatu jira ykn hawaa keessa gaalaaksota meeqatu jira jedhanii yaadu?

7 Isaayyaas 40:26, “Ija keessan gara samiitti ol kaasaatii ilaalaa. Wantoota kana kan uume eenyu? Raayyaa isaanii lakkoofsaan kan gad baasu isa dha; inni hunda isaanii maqaa maqaadhaan ni waama” jechuudhaan deebii kenna. Faarfannaan 147:4, “Inni lakkoofsa urjiilee beeka” jedha. ‘Lakkoofsi urjiilee’ meeqa dha? Kun gaaffii salphaa miti. Qorattoonni urjiilee, gaalaaksii Miilkii Weey keenya qofa keessa tilmaamaan urjiileen biliyoona 100 ol taʼan akka jiran dubbatu. c Namoonni tokko tokko garuu kanaa ol akka taʼe dubbatu. Haa taʼu malee, gaalaaksii keenya caalaa gaalaaksoonni urjiilee baayʼee qaban hedduun jiru. Garuu gaalaaksota meeqatu jira? Qorattoonni urjiilee tilmaamaan gaalaaksonni biliyoona dhibbaan lakkaaʼaman, darbees triiliyoonatti lakkaaʼaman akka jiran dubbatu. Kanaaf, ilmaan namootaa urjiilee gaalaaksota keessa jiran haa hafuutii, lakkoofsa gaalaaksotaa illee sirriitti beekuu hin dandeenye. Yihowaan garuu lakkoofsa isaanii beeka. Kana irra darbees tokkoon tokkoon urjiileetiif maqaa moggaaseera!

8. (a) Gaalaaksiin Miilkii Weey hammam guddaa dha? (b) Yihowaan sochii qaamota hawaa keessa jiranii maaliin toʼata?

8 Guddina gaalaaksonni qaban irratti yoo xiinxalle, ulfinnii fi dinqisiifannaan Waaqayyoof qabnu caalaatti ni guddata. Gaalaaksii Miilkii Weey jedhamu qaxxaamuruuf tilmaamaan bara ifaa 100,000 fudhata. Mee yaadi, ifti sekoondii tokkotti kiilomeetira 300,000 deema. Ifti saffisa kanaan deemu kun, gaalaaksii keenya qaxxaamuruuf waggaa 100,000 itti fudhata. Gaalaaksonni tokko tokko immoo gaalaaksii keenya irra harka hedduu caalu. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan “samiiwwan” kana akkuma huccuutti akka diriirse dubbata. (Faarfannaa 104:2) Kana malees, sochii uumamawwan kanaa ni toʼata. Awwaara urjiilee gidduu jirtu irraa jalqabee hanga gaalaaksoota guguddaatti, wanti hundinuu seera uumamaa Yihowaan baaseen sochoʼa. (Iyyoob 38:31-33) Kanaan kan kaʼes, saayintistoonni sochii qindaaʼaa qaamota hawaa keessa jiran kanaa, shubbisa nama ajaaʼibsiisuu wajjin wal fakkeessaniiru! Mee amma immoo waaʼee Waaqa wantoota kana uumee yaadi. Uumaa humna guddaa akkasii qabu kana hin ajaaʼibsiifattuu?

“Isa Humna Isaatiin Lafa Tolche”

9, 10. Taaʼumsa sirna aduu, Juppiitarii, lafaa fi addeessaa wajjin haala wal qabateen humni Yihowaa kan mulʼate akkamitti?

9 Humni Yihowaan uumuuf qabu lafa ishii bakka jireenyaa keenya taate irrattis ni mulʼata. Yihowaan lafa uumama cufa isa balʼaa taʼe keessa bakka sirrii kaaʼeera. Saayintistoonni tokko tokko gaalaaksoonni kan biroo hedduun, akka lafa keenyaa lubbuu qabeeyyiin akka irra hin jirre amanu. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, garri caalaan gaalaaksii keenyaas jireenyaaf mijataa miti. Gidduun isaa urjiilee hedduudhaan kan guutame dha. Iddoo kana carallaa guddaan kan jiru taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo baayʼee urjiileen haala nama sodaachisuun walitti siqanii sochoʼu. Qarqarri gaalaaksii kanaa immoo, elemantoota hedduu jireenyaaf barbaachisan hin qabu. Sirni aduu keenya iddoowwan jireenyaaf mijatoo hin taane kana lamaan gidduu bakka sirrii taʼetti argamti.

10 Lafti, pilaaneetii guddaa Juppiitar jedhamuu fi ishii irraa fagoo jiruun eegumsa argatti. Juppiitariin Lafa irra harka kuma tokkoo ol waan caaluuf, humna harkisaa guddaa qaba. Kun immoo, wantoota saffisa guddaadhaan hawaa keessa deeman ofitti harkisuuf ykn kallattii isaanii jijjiirsisuuf isa gargaara. Saayintistoonni akka jedhanitti, utuu Juppiitariin hin jiru taʼee, miidhaan wantoonni hawaa irraa gad rooban lafa irratti geessisan harka 10,000 dabaluu dandaʼa ture. Addeessi ishiin lafatti dhihoo jirtuu fi akka saatalaayitiitti tajaajiltus lafaaf faayidaa guddaa argamsiisti. Addeessi miidhagduu fi “ifa halkanii” kan kennitu qofa utuu hin taʼin, lafti gar tokkotti akkuma jallattetti akka naannoftu gooti. Lafti gar tokkotti jallachuun ishii immoo waqtiileen yeroo isaanii eeganii akka jijjiiraman kan godhu yeroo taʼu, kunis jireenya lafa irra jiruuf barbaachisaa dha.

11. Qilleensi naannoo, lafa balaa irraa akka eegu godhamee kan uumame akkamitti?

11 Humna Yihowaan uumuuf qabu haala lafti itti tolfamte irraas hubachuun ni dandaʼama. Mee qilleensa naannoo isa akka gaachanaatti lafa kana balaa irraa eegu ilaali. Aduun carallaa faayidaa qabuu fi miidhaa geessisu ni maddisiisti. Carallaan miidhaa geessisu qilleensa naannoo lafaa irra yommuu buʼu, oksijiiniin gara oozooniitti jijjiirama. Oozooniin kun immoo, carallaa miidhaa geessisu hedduu liqimsee hambisa. Kanaafuu, pilaaneetiin keenya dibaabee balaa irraa ishii eeguu wajjin uumamteetti jechuun ni dandaʼama!

12. Marsaan bishaanii, humna Yihowaan uumuuf qabu kan argisiisu akkamitti?

12 Kun faayidaa qilleensi naannoo inni gaaziiwwan hedduu qabuu fi lubbuu qabeeyyiin lafa irra akka jiraatan godhu qabu keessaa tokko qofa dha. Qilleensi naannoo marsaa bishaanii irrattis shoora guddaa qaba. Waggaa waggaadhaan aduun bishaan meeshaa dheerinni isaa, dalgi isaa fi gadi fageenyi isaa kiilomeetira 70 taʼe guutuu dandaʼu, garbaa fi galaana irraa akka hurku gooti. Bishaanichi duumessa kan uumu yommuu taʼu, qilleensi naannoo duumessa sana bakka adda addaatti bittinneessa. Achiis bishaanichi calalamee erga qulqullaaʼee booda, bokkaa fi cabbii taʼee buʼuudhaan hanqinni bishaanii akka hin jiraanne godha. Lallabni 1:7, “Lageen hundi gara galaanaatti yaaʼu, taʼus galaanichi hin guutu. Lageen gara iddoo keessaa yaaʼanitti deebiʼu, isaan yaaʼuu isaanii itti fufuuf achumatti deebiʼu” jechuudhaan yaada kana deggera. Marsaan bishaanii akkasii akka jiraatu gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha.

13. Biqiltoonnii fi biyyeen humna Uumaan keenya qabu ilaalchisee maal nu barsiisu?

13 Lubbu qabeeyyiin kam iyyuu, humna Uumaan keenya qabu argisiisu. Muka guddaa seekooyaa jedhamu isa fooqii abbaa darbii 30 caalaa dheeratu irraa jalqabee, hanga biqiltuu galaanaa ishii ijaan hin argamnee fi oksijiinii fudhannu keessaa hedduu isaa oomishtu irratti humni Yihowaan uumuuf qabu ni mulʼata. Biyyeen lubbu qabeeyyiidhaan, jechuunis raammoowwan, fangasootaa fi uumamawwan ijaan hin argamne hedduudhaan kan guutame dha; kun immoo guddina biqiltootaaf gumaacha godha. Dhuguma iyyuu, Kitaabni Qulqulluun biyyeen humna akka qabu dubbachuun isaa sirrii dha.—Uumama 4:12, miiljalee.

14. Atoomii xinnoo taate tokko keessa humna akkamiitu jira?

14 Yihowaan isa “humna isaatiin lafa tolche” akka taʼe beekamaa dha. (Ermiyaas 10:12) Humni Waaqayyoo uumamawwan isaa xixinnoo irratti illee ni mulʼata. Fakkeenyaaf, atoomonni miliyoona tokko taʼan utuu wal irra kaaʼamanii, hamma rifeensa tokkoo illee hin furdatan. Taʼus, wanti xinnoon niwukilasii jedhamtuu fi handhuura atoomii keessa jirtu, humna guddaa waan qabduuf, madda dhukaʼaa guddaa taatee tajaajilti!

‘Wanta Hafuura Baafatu Hunda’

15. Yihowaan waaʼee bineensota adda addaa ibsuudhaan Iyyoobiif barumsa akkamii kenne?

15 Bineeldonni gosa gara garaa hedduun lafa irra jiranis humna Yihowaan uumuuf qabu nuu hubachiisu. Faarfannaan 148 wantoota Yihowaa jajatan hedduu kan tarreessu yeroo taʼu, lakkoofsi 10, “isin bineensonni bosonaa, horiiwwan qeʼee hundis” jedha. Yihowaan, namni Uumaa isaa sodaachuu fi isaaf ulfina kennuu kan qabu maaliif akka taʼe hubachiisuuf, waaʼee bineensota akka leencaa, harree diidaa, gafarsaa, roobii fi lewaataan (naacha taʼuu hin oolu) Iyyoobitti himeera. Yihowaan Iyyoobiin maal barsiisuu barbaade? Namni uumamawwan humna guddaa qaban, nama sodaachisanii fi madaqsuuf rakkisaa taʼan kana kan sodaatu erga taʼe, Uumaa wantoota kanaa hoo kana caalaa sodaachuu fi ulfina kennuufii hin qabuu?—Iyyoob, boqonnaa 38-41.

16. Simbirroota Yihowaan uume tokko tokko ilaalchisee maaltu si dinqisiisa?

16 Faarfannaan 148:10 waaʼee simbirroota ‘baallee qabaniis’ ni dubbata. Mee baayʼina gosa simbirroota kanaa yaadi! Yihowaan waaʼee guchii ishii ‘fardaa fi abbaa fardaatti kolfituu’ Iyyoobitti himeera. Allaattiin meetirii 2.5 dheerattu kun balaliʼuu kan hin dandeenye taʼus, takkaatti gara meetirii 4.5 tarkaanfachuudhaan saʼaatii tokkotti kiilomeetira 65 fiiguu dandeessi! (Iyyoob 39:13, 18) Allaattiin albaasxiros jedhamu immoo, jireenya isaa keessaa gara caalaa isaa galaanaa irra balaliʼuudhaan dabarsa. Xiyyaarri uumamaa kun qoochoon isaa gara meetira 3 dheerata. Utuu qoochoo isaa hin afarsiin qilleensa irra saʼaatii dheeraa balaliʼuu dandaʼa. Simbirri seentiimeetira 5 qofa taatuu fi hamiingibardi jedhamtu immoo simbirroota lafa irra jiran hunda irra xinnoo dha. Simbirri kun sekoondii tokkotti al 80 qoochoo ishii afarsuu dandeessi! Simbirri akka albuuda gati jabeessaatti calaqqistu kun, akkuma heeliikooptarii qilleensa irra dhaabachuu fi gara duubaatti illee balaliʼuu dandeessi.

17. Biluu weeliin hangam guddaa dha? Bineeldota Yihowaan uume irratti xiinxaluun keenya maaltu akka nutti dhagaʼamu gochuu qaba?

17 Faarfannaan 148:7, “uumamawwan galaanaa” illee Yihowaa akka jajatan dubbata. Fakkeenyaaf, gosti qurxummii biluu weel jedhamuu fi bineensota lafa irra jiran hunda irra akka guddatu yaadamu haa ilaallu. Bineensi kun, ‘bishaanota gad fagoo’ keessa kan jiraatu yeroo taʼu, gara meetira 30 ykn isaa ol dheerata. Ulfaatinni isaa hamma arboota guguddaa 30 taʼuu dandaʼa. Arrabni isaa qofti hamma arba tokkoo ulfaata. Onneen isaa hamma konkolaataa xinnoo tokkoo gaʼa. Onnee hamiingibardi isa daqiiqaa tokkotti al 1,200 rukutu irraa haala adda taʼeen, onneen isaa daqiiqaa tokkotti al 9 qofa rukuta. Hiddi dhiigaa biluu weelii baayʼee guddaa waan taʼeef, daaʼimni tokko achi keessa daaʼimuu dandaʼa. Kanaaf, akkuma xumura kitaaba Faarfannaa irratti ibsame, garaan keenya “Wanti hafuura baafatu hundi Yaahiin haa jajatu” jechuuf akka nu kakaasu beekamaa dha.—Faarfannaa 150:6.

Humna Yihowaan Uumuuf Qabu Irraa Barachuu

18, 19. Lubbu qabeeyyiin Yihowaan uume sanyiin isaanii hammam baayʼata? Uumamni waaʼee ol aantummaa Yihowaa maal nu barsiisa?

18 Akkaataa Yihowaan humna uumuuf qabutti fayyadame irraa maal baranna? Uumamawwan akaakuun isaanii hedduu taʼan, Yihowaa akka dinqisiifannu nu godhu. Faarfataan tokko, “Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu! . . . Lafti wanta ati tolchiteen guutamteetti” jedheera. (Faarfannaa 104:24) Kun dhugaa mitii? Hayyoonni baayooloojii sanyiin lubbu qabeeyyii lafa irratti argamanii miliyoona tokkoo ol akka taʼan hubataniiru; taʼus miliyoona hangamiitu jira yaada jedhu irratti ilaalcha gara garaatu jira. Artiistiin tokko dandeettiin inni wanta haaraa uumuuf qabu oolee bulee jalaa dhumuu dandaʼa. Faallaa kanaatiin, dandeettiin Yihowaan wantoota haaraa fi adda addaa kalaquu fi uumuuf qabu matumaa hin dhumu.

19 Akkaataan Yihowaan humna uumuuf qabutti fayyadamu, waaʼee ol aantummaa isaa nu barsiisa. Wantoota hunda kan uumee Yihowaa waan taʼeef “Uumaa” kan jedhamu isa qofa dha. Ilmi Yihowaa inni tokkichi hojii uumamaa irratti “hojjetaa dandeettii qabu” ture illee, Kitaaba Qulqulluu keessatti matumaa Uumaa ykn Uumaa gargaaraa jedhamee hin waamamne. (Fakkeenya 8:30; Maatewos 19:4) Kanaa mannaa, inni “angafa uumama hundumaa ti.” (Qolosaayis 1:15) Yihowaan Uumaa taʼuun isaa, inni qofti uumama cufa irratti ol aantummaa qabaachuuf mirga akka qabaatu isa godha.—Roomaa 1:20; Mulʼata 4:11.

20. Yihowaan uumamawwan lafa irratti argaman uumee erga xumuree booda ni boqote yommuu jedhamu maal jechuu dha?

20 Yihowaan humna uumuuf qabutti fayyadamuu dhaabeeraa? Kitaabni Qulqulluun Yihowaan hojii uumamaa guyyaa jaʼaffaatti erga xumuree booda, ‘hojii isaa isa hojjechaa ture hundumaa irraa guyyaa torbaffaatti boqochuu akka jalqabe’ nutti hima. (Uumama 2:2) Guyyaan torbaffaan bara isaattis itti fufee waan tureef, Phaawulos ergamaan guyyaan kun waggaa kuma hedduu akka argisiisu ibseera. (Ibroota 4:3-6) Haa taʼu malee, jechi “boqochuu” jedhu Yihowaan guutummaatti hojjechuu akka dhaabe argisiisaa? Lakki, Yihowaan matumaa hojjechuu dhaabee hin beeku. (Faarfannaa 92:4; Yohaannis 5:17) Kanaaf, boqochuun isaa lafa irratti qaamota dabalataa uumuu akka dhaabe argisiisa. Hojiin inni kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf hojjetu garuu itti fufeera. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu barreessiseera. Hojiin isaa kun “uumama haaraa” Boqonnaa 19 irratti ilaallu uumuus kan dabalatu dha.—2 Qorontos 5:17.

21. Humni Yihowaan uumuuf qabu, namoonni amanamoon bara baraaf maal akka godhan gargaara?

21 Yommuu guyyaan boqonnaa isaa xumuramu, Yihowaan akkuma dhuma guyyaa uumamaa jaʼaffaatti jedhe, hojiiwwan harka isaa lafa irratti argaman hundi “baayʼee gaarii” akka taʼan dubbachuu dandaʼa. (Uumama 1:31) Sana booda Yihowaan humna uumuuf qabutti kan fayyadamu akkamitti akka taʼe yeroo sana kan ilaallu taʼa. Sanas taʼe kana akkaataa Yihowaan humna uumuuf qabutti fayyadamu dinqisiifachuu keenya akka itti fufnu beekamaa dha. Karaa uumamawwan isaa, bara baraaf waaʼee Yihowaa barachuu keenya itti fufna. (Lallaba 3:11) Waaʼee isaa caalaatti yommuu barannu, dinqisiifannaan isaaf qabnus ni guddata; akkasumas caalaatti Uumaa keenya Isa Guddaatti dhihaanna.

a Lakkoofsi kun hammam baayʼee akka taʼe hubachuuf yaada kana ilaali: Saʼaatii tokkotti saffisa kiilomeetira 160n guyyaatti saʼaatii 24f utuu konkolaachistee, fageenya hammasii deemuuf waggaa dhibbaa ol sitti fudhata!

b Namoonni tokko tokko, bara Kitaabni Qulqulluun barreeffametti namoonni teleskooppii salphaatti fayyadamanii taʼuu qaba jedhanii yaadu. Utuu kun taʼuu baatee namoonni bara sanaa baayʼinni urjiilee kan hin lakkaaʼamne akka taʼe akkamitti beekuu dandaʼu? jedhu. Haa taʼu malee, tilmaamni buʼuura hin qabne akkasii, Waaqa isa Kitaaba Qulqulluu barreessise ulfinaa fi beekamtii kan dhowwatu dha.—2 Ximotewos 3:16.

c Urjiilee biliyoona 100 taʼan qofa illee lakkaaʼuun maal jechuu akka taʼe mee yaadi. Saʼaatii 24 guutuu sekoondii tokkotti urjii tokko utuu lakkooftee, urjiilee kana lakkooftee xumuruuf waggaa 3,171 sitti fudhata!