Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 7

Humna Eegu—“Waaqayyo Iddoo Kooluu Itti Gallu” Dha

Humna Eegu—“Waaqayyo Iddoo Kooluu Itti Gallu” Dha

1, 2. Israaʼelonni Dh.K.D. bara 1513 gara jalqabaatti yommuu naannoo Siinaa gaʼan haala sodaachisaa akkamii keessa seenan? Yihowaan hoo kan isaan jajjabeesse akkamitti?

 ISRAAʼELONNI Dh.K.D. bara 1513 gara jalqabaa yommuu naannoo Siinaa seenan haala sodaachisaa keessa galan. “Lafa onaa guddaa fi sodaachisaa taʼe keessa, bakka bofti summii qabuu fi torbaanqabaan jiru” keessa deemuu waan qabaniif, imalli isaanii sodaachisaa dha. (Keessa Deebii 8:15) Saboota isaan jibban irraa haleellaan nu irra gaʼa jedhaniis ni sodaatu turan. Yihowaan sabni isaa haala akkasii keessa akka galan heyyameera. Maarree Waaqni isaanii kun isaan eeguu dandaʼaa?

2 Yihowaan, “Qoochoo risaatti isin baadhee gara ofii kootti isin fiduuf, wantan warra Gibxii irratti raawwadhe isinumti iyyuu argitaniittu” waan jedheef kun baayʼee kan isaan jajjabeessu ture. (Baʼuu 19:4) Yihowaan risaa akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan Gibxii keessaa baatee akka isaan baase isaan yaadachiiseera. Haa taʼu malee, ‘qoochoon risaa’ eegumsa Waaqayyo nuu godhuuf fakkeenya gaarii taʼa jechuuf sababii kan biraas qabna.

3. ‘Qoochoon risaa’ eegumsa Waaqayyo nuu godhuuf fakkeenya gaarii kan taʼe maaliifi?

3 Risaan qoochoo ishii isa balʼaa fi jabaa taʼetti kan fayyadamtu ittiin balaliʼuuf qofa miti. Risaa haadhoon, guyyaa hoʼutti qoochoo ishii isa meetira lamaa ol dheeratu akka dibaabeetti diriirsitee cuucota ishii warra humna hin qabne aduu saafaa irraa eegdi. Yeroo kaan immoo cuucota ishiitti akka hin qorrineef qoochoo ishiitiin isaan golboobdi. Yihowaanis akkuma risaan cuucota ishii eegdutti saba Israaʼel isa muuxannoo hin qabne eegeera. Sabni isaa kun isaaf amanamoo yoo taʼan lafa onaa keessatti gaaddisa qoochoo isaa isa jabaa jalatti kooluu galanii jiraachuu dandaʼu. (Keessa Deebii 32:9-11; Faarfannaa 36:7) Haa taʼu malee, yeroo ammaatti Waaqayyo eegumsa akka nuu godhu eeguu ni dandeenyaa?

Waadaa Waaqayyo Tajaajiltoota Isaa Eeguuf Gale

4, 5. Waadaa Waaqayyo nu eeguuf galetti amanamuu kan dandeenyu maaliifi?

4 Yihowaan tajaajiltoota isaa eeguuf dandeettii qaba. Inni “Waaqa Hundumaa Dandaʼu” dha; kun immoo humna wanti kam iyyuu dura dhaabbachuu hin dandeenye akka qabu argisiisa. (Uumama 17:1) Humni Yihowaa inni hojii irra jiru, akkuma dambalii galaanaa ittifamuu hin dandaʼu. Yihowaan wanta barbaade kam iyyuu gochuu waan dandaʼuuf, ‘humna isaatti fayyadamee saba isaa eeguuf fedha qabaa?’ jennee gaafanna taʼa.

5 Gabaabumatti deebiin isaa eeyyee kan jedhu dha. Yihowaan saba isaa eeguu akka barbaadu nuu mirkaneesseera. Faarfannaan 46:1, “Waaqayyo iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya, yeroo dhiphinaattis salphaatti isa biraa gargaarsa arganna” jedha. Waaqayyo ‘sobuu waan hin dandeenyeef’ waadaa inni nu eeguuf gale irratti amantaa qabaachuu dandeenya. (Tiitoo 1:2) Mee amma fakkeenyota Yihowaan eegumsa akka nuu godhu argisiisan tokko tokko haa ilaallu.

6, 7. (a) Bara duriitti tikseen tokko hoolota isaatiif eegumsa akkamii godha? (b) Kitaabni Qulqulluun Yihowaan hoolota isaa eeguu fi kunuunsuuf fedhii akka qabu kan ibsu akkamitti?

6 Yihowaan tiksee keenya; nuti immoo “saba isaa ti, hoolota kaloo isaa keessa jirru dhas” (Faarfannaa 23:1; 100:3) Horiin akka hoolaatti eegumsa barbaadu hin jiru jechuun ni dandaʼama. Bara duriitti tikseen tokko hoolota isaa leenca, yeeyyii, amaaketaa fi hattuu irraa eeguuf ija jabeessa taʼuu qaba. (1 Saamuʼel 17:34, 35; Yohaannis 10:12, 13) Taʼus, hoolota eeguuf yeroon gara laafina argisiisuun itti barbaachisus jira. Fakkeenyaaf, yommuu hoolaan tokko hoolota kaan irraa fagaattee dhaltu, tikseen gara laafessi yeroo eegumsi ishii barbaachisu kanatti ishii eega; akkasumas ilmoo ishii baatee gara hoolota kaaniitti geessa.

‘Qoma isaatti isaan ni baata’

7 Yihowaan tikseetti of fakkeessuudhaan, garaadhaa eegumsa nuu gochuu akka barbaadu nuu mirkaneesseera. (Hisqiʼel 34:11-16) Yaada Isaayyaas 40:11 irratti argamuu fi Boqonnaa 2​ffaa kitaaba kanaa irratti ibsame ni yaadattaa? Caqasichi Yihowaa ilaalchisee, “Inni akkuma tikseetti bushaayee isaa ni kunuunsa. Hoolota xobbaallaa irree isaatiin walitti ni qaba, qoma isaattis isaan ni baata” jedha. Ilmoon hoolaa tokko “qoma” tiksee ishii irra baʼuu, jechuunis uffata isaa isa irraan uffate keessa akkamitti galuu dandeessi? Tarii gara tiksee ishii dhaqxee miilla isaatti rigatti taʼa. Haa taʼu malee, gadi jedhee lafaa ishii kaasuu fi qoma isaatti ishii baachuu kan qabu tiksee sana dha. Kun, fakkeenya gaarii Tikseen keenya Inni Guddaan nu eeguuf fedhii akka qabu argisiisu mitii?

8. (a) Waaqayyo namoota akkamiitiif eegumsa gochuuf waadaa gale? Kun Fakkeenya 18:10 irratti kan ibsame akkamitti? (b) Maqaa Waaqayyootti kooluu galuun maalfaa dabalata?

8 Haa taʼu malee, Waaqayyo eeguuf waadaa kan gale namoota isatti dhihaatan qofa dha. Fakkeenyi 18:10, “Maqaan Yihowaa masaraa cimaa dha. Namni qajeelaan achitti fiigee eegumsa argata” jedha. Bara duriitti yeroo tokko tokko masaraan akka itti baqatamuuf lafa onaa keessatti ni ijaarama ture. Eegumsa argachuuf gara masaraa kanaatti baqachuu kan qabu garuu, nama balaaf saaxilame sana dha. Maqaa Waaqayyootti kooluu galuunis kanaa wajjin wal fakkaata. Kun, maqaa Waaqayyoo irra deddeebiʼanii waamuu caalaa wanta dabalatu qaba; maqaa isaa waan akka kudhaamaa humna dhokataa qabu goonee ilaaluu hin qabnu. Kanaa mannaa, Abbaa maqaa kanaa beekuu, isatti amanamuu fi ulaagaawwan inni qajeelummaaf baasee wajjin walsimnee jiraachuu qabna. Yihowaan isatti yoo amanamne akka masaraatti eegumsa akka nuu godhu nuu mirkaneessuun isaa gaarummaa isaa kan argisiisu mitii?

“Waaqni Keenya . . . Nu Oolchuu ni Dandaʼa”

9. Yihowaan eegumsa akka godhu waadaa galuu irra darbee maal godheera?

9 Yihowaan eegumsa nuu gochuuf waadaa galuu caalaa waan godhe qaba. Bara duriitti, dinqiidhaan saba isaa eeguu akka dandaʼu argisiiseera. ‘Harki’ Yihowaa inni jabaan diinota isaanii warra humna guddaa qaban irraa Israaʼelota eegeera. (Baʼuu 7:4) Yihowaan dhuunfaadhaan namoota eeguufis humna isaatti fayyadameera.

10, 11. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu Yihowaan dhuunfaatti namoota eeguuf humna isaatti akka fayyadamu argisiisan kamfaʼi?

10 Ibroonni sadan Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo jedhaman bifa warqee Nebukadnezaar Mootichi dhaabeef sagaduu yommuu didan, mootiin baayʼee aare kun ibidda garmalee bobaʼu keessatti akka isaan darbatu isaan sossodaachise. Nebukadnezaar mootichi inni lafa irratti aangoo olaanaa qabu, “Waaqni harka koo jalaa isin oolchuu dandaʼu eenyu?” jedhee Yihowaatti qoose. (Daaniʼel 3:15) Dargaggoonni sadan kun Waaqni isaanii isaan eeguu akka dandaʼu amantaa guutuu kan qaban taʼus, dirqama nu oolchuu qaba jedhanii hin yaanne. Kanaafuu, “Ibiddichatti yoo darbatamne illee Waaqni keenya inni nuti tajaajillu . . . nu oolchuu ni dandaʼa” jedhanii deebisaniif. (Daaniʼel 3:17) Dhuguma iyyuu, humni ibiddichaa inni isa duraa caalaa dachaa torba bobaʼe, Waaqa isaanii isa hundumaa caalaa humna qabutti hin ulfaanne. Yihowaan waan isaan oolcheef, mootichi “Waaqni akkasitti oolchuu dandaʼu kan biraan hin jiru” jechuuf dirqameera.—Daaniʼel 3:29.

11 Yihowaan jireenya Ilma isaa isa tokkichaa gadameessa durba Maariyaam jedhamtuu keessa yommuu kaaʼettis, humna guddaa eegumsa gochuu dandaʼu akka qabu argisiiseera. Maleekaan tokko Maariyaam ‘ulfooftee ilma akka deessu’ ishiitti hime. Achiis, “Hafuurri qulqulluun si irra buʼa, humni Isa Hundaa Oliis si golga” ishiidhaan jedhe. (Luqaas 1:31, 35) Ilmi Waaqayyoo, yeroo kanatti eegumsi cimaan isa barbaachisa. Cubbuu fi mudaan haati isaa qabdu daaʼima gadameessa ishii keessa jiru faaluu ni dandaʼaa? Seexanni, mucaan sun dhalachuu isaa dura isa miidhuu ykn ajjeesuu ni dandaʼaa? Matumaa hin dandaʼu! Yihowaan Maariyaam erga mucaa kana ulfooftee jalqabee ishii eeguudhaan cubbuun, humni miidhaa geessisu, namni nama ajjeesuu fi jinniin kam iyyuu mucaa gadameessa keessa jiru sana akka hin miine godheera. Yihowaan yeroo Yesuus daaʼima turettis eegumsa isaaf gochuu isaa itti fufeera. (Maatewos 2:1-15) Waaqayyo guyyaan inni murteesse hamma gaʼutti Ilma isaa isa jaallatamaa irra miidhaan akka hin geenye eegeera.

12. Yihowaan bara duriitti namoota tokko tokko karaa dinqii taʼeen kan eege maaliifi?

12 Yihowaan namoota tokko tokko karaa dinqii taʼe akkasiitiin kan eege maaliifi? Yeroo baayʼee namoota dhuunfaa kan eege wanta hunda caalaa barbaachisaa taʼe, jechuunis kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf jedhee ti. Fakkeenyaaf, Yesuus daaʼima yeroo turetti eegumsa argachuun isaa kaayyoon Waaqayyoo inni yeroo booda ilmaan namootaa fayyadu akka raawwatamu gochuuf barbaachisaa ture. Seenaawwan Yihowaan humna eeguuf qabutti fayyadamuu isaa ibsan, kutaawwan Kitaaba Qulqulluu, ‘Jabaannee dhaabbachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuu fi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman’ keessaa tokko dha. (Roomaa 15:4) Eeyyee, seenaawwan kun amantii Waaqa keenya isa hunda caalaa humna qabu irratti qabnu nuu cimsu. Haa taʼu malee, Waaqayyo yeroo ammaatti eegumsa akkamii akka nuu godhu abdachuu dandeenya?

Eegumsa Waaqayyoo Argachuu Jechuun Maal Jechuu Miti?

13. Yihowaan dinqiidhaan nu oolchuuf dirqama qabaa? Ibsi.

13 Yihowaan eegumsa nuu gochuuf waadaa galeera jechuun, nu oolchuuf jecha dirqama dinqii raawwata jechuu miti. Waaqayyo sirna moofaa kana keessatti jireenya rakkina irraa walaba taʼe nu jiraachisuuf waadaa hin galle. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo hedduun hiyyummaa, waraana, dhukkubaa fi duʼa dabalatee rakkoowwan guguddaan isaan irra gaʼu. Yesuus duuka buutonni isaa, amantii isaaniitiif jecha ajjeefamuu akka dandaʼan dubbateera. Hanga dhumaatti jabaatanii dhaabbachuun barbaachisaa taʼuu isaa kan ibses kanaafi. (Maatewos 24:9, 13) Yihowaan rakkina nu mudatu hunda irraa nu oolchuuf humna isaatti utuu fayyadamee, Seexanni Yihowaatti qoosuuf, akkasumas nuti garaadhaa namoota Waaqayyoof bulle taʼuu keenya irratti gaaffii kaasuuf sababii argata ture.—Iyyoob 1:9, 10.

14. Fakkeenyonni Yihowaan yeroo hunda tajaajiltoota isaa karaa wal fakkaatuun akka hin eegne argisiisan kamfaʼi?

14 Bara duriitti illee Yihowaan humna eeguuf qabutti fayyadamee yeroo isaanii malee akka hin ajjeefamne kan eege tajaajiltoota isaa hunda hin turre. Fakkeenyaaf, Heroodis Dh.K.B. naannoo bara 44​tti Yaaqoob ergamaa ajjeeseera; sana booda utuu baayʼee hin turin garuu Pheexiros “harka Heroodis” jalaa ooleera. (Hojii Ergamootaa 12:1-11) Obboleessa Yaaqoob kan taʼe Yohaannis immoo, Pheexirosii fi Yaaqoob caalaa bara dheeraa jiraateera. Waaqni keenya tajaajiltoota isaa hunda karaa wal fakkaatuun eega jennee yaaduu akka hin qabne ifa dha. Kana malees, “yeroo fi wanti hin eegamne” hunduma keenya irra gaʼa. (Lallaba 9:11) Maarree yeroo ammaatti Yihowaan kan nu eegu akkamitti?

Yihowaan Eegumsa Qaamaa Nuu Godha

15, 16. (a) Yihowaan gareedhaan saba isaatiif eegumsa qaamaa akka godhe ragaan argisiisu maali dha? (b) Yihowaan ammas taʼe yeroo “rakkina guddaa” tajaajiltoota isaa akka eegu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

15 Mee jalqaba Yihowaan gama qaamaatiin akkamitti akka nu eegu haa ilaallu. Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, gareedhaan eegumsa qaamaa akka argannu beekamaa dha. Utuu akkas taʼuu baatee, Seexanni salphumatti nu balleessa ture. Seexanni inni ‘bulchaa addunyaa kanaa’ taʼe waaqeffannaa dhugaa lafa irraa balleessuu caalaa wanti isa gammachiisu hin jiru. (Yohaannis 12:31; Mulʼata 12:17) Mootummoonni humna guddaa qaban tokko tokko hojii lallabaa keenya dhorkaniiru; akkasumas guutummaatti lafa irraa nu balleessuuf yaalaniiru. Haa taʼu malee, sabni Yihowaa jabaatanii dhaabbachuudhaan utuu wal irraa hin kutin lallabuu isaanii itti fufaniiru! Saboonni humna guddaa qaban kun, sochii Kiristiyaanota lakkoofsi isaanii xinnoo taʼee fi humna kan hin qabne fakkaatan kanaa dhaabsisuu kan dadhaban maaliifi? Yihowaan qoochoo isaa isa jabaa jalatti eegumsa waan nuu godhuufi.—Faarfannaa 17:7, 8.

16 “Rakkina guddaa” fuulduratti dhufu irratti hoo eegumsa qaamaa ni argannaa? Badiisa Waaqayyo hamoota irratti fidu sodaachuu hin qabnu. Kana malees, “Yihowaan namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu, jalʼoota immoo guyyaa murtiitti akka balleeffamaniif akkamitti akka tursu beeka.” (Mulʼata 7:14; 2 Pheexiros 2:9) Hammasitti garuu waaʼee wantoota lamaa mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Tokkoffaa, Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoon lafa irraa akka balleeffaman matumaa hin heyyamu. Lammaffaa, namoota amanamoo taʼan barbaachisaa yoo taʼe duʼaa kaasuudhaan, addunyaa haaraa qajeelummaadhaan guutame keessatti jireenya bara baraa isaanii kenna. Kanaafuu warri duʼan Waaqayyo waan isaan yaadatuuf guutummaatti eegumsa isaa keessa jiru.—Yohaannis 5:28, 29.

17. Yihowaan karaa Dubbii isaa eegumsa kan nuu godhu akkamitti?

17 Amma illee Yihowaan, “dubbii” isaa isa jiraataa isa garaa namaa fayyisuu fi jireenya namaa jijjiirutti fayyadamee eegumsa nuu godha. (Ibroota 4:12) Qajeelfamoota achi keessatti argaman hojii irra oolchuudhaan, karaa tokko tokkoon eegumsa qaamaa argachuu dandeenya. Isaayyaas 48:17, “Ani . . . Yihowaan isa wanta si fayyadu si barsiisu dha” jedha. Dubbii Waaqayyoo wajjin wal simnee jiraachuun keenya, fayyaa keenya akka fooyyessuu fi umurii keenya akka dheeressu beekamaa dha. Fakkeenyaaf, gorsa Kitaabni Qulqulluun ejja irraa akka fagaannuu fi xuraaʼummaa irraa akka of qulqulleessinu nuu kennu hojii irra oolchuudhaan, xuraaʼummaa fi amalawwan gadhee namoota Waaqayyoon hin sodaanne balaadhaaf saaxilan irraa eegumsa arganneerra. (Hojii Ergamootaa 15:29; 2 Qorontos 7:1) Waaqayyo karaa Dubbii isaa eegumsa waan nuu godhuuf baayʼee isa galateeffanna!

Yihowaan Karaa Hafuuraa Eegumsa Nuu Godha

18. Yihowaan karaa hafuuraa eegumsa akkamii nuu godha?

18 Hundumaa caalaa Yihowaan eegumsa hafuuraa nuu godha. Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe, wantoota qorumsa moʼuu fi hariiroo isaa wajjin qabnu eegnee jiraachuuf nu barbaachisan nuu kennuudhaan balaa hafuuraa irraa nu eega. Kanaaf Yihowaan yeroo muraasaaf qofa utuu hin taʼin, bara baraaf lubbuu keenya eeguuf hojjechaa jira. Qophiiwwan Waaqayyo eegumsa hafuuraa nu gochuuf taasise tokko tokko haa ilaallu.

19. Hafuurri Yihowaa rakkinoota nu irra gaʼan hunda akka moonu kan nu gargaaru akkamitti?

19 Yihowaan Waaqa ‘kadhannaa namaa dhagaʼudha.’ (Faarfannaa 65:2) Yommuu garmalee dhiphannu, yaada garaa keenyaa isaaf dhangalaasuun keenya boqonnaa nuuf argamsiisa. (Filiphisiiyus 4:6, 7) Yihowaan dinqiidhaan rakkina keenya balleessuu baatus, ogummaa rakkinoota kana moʼuuf nu barbaachisu nuu kennuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuu dandaʼa. (Yaaqoob 1:5, 6) Kana malees, Yihowaan namoota isa kadhataniif hafuura qulqulluu ni kenna. (Luqaas 11:13) Hafuurri humna guddaa qabu kun immoo, rakkina nu mudate kam iyyuu moʼuuf nu gargaara. Hafuurri kun, ‘humna humna caalu’ nuu kennuudhaan, hanga Yihowaan addunyaa haaraa dhiheenyatti fidu keessatti rakkoowwan hunda balleessutti jabaannee akka dhaabbannu nu gargaara.—2 Qorontos 4:7.

20. Humni Yihowaan nu eeguuf qabu karaa obboloota keenyaa kan mulʼatu akkamitti?

20 Yeroo tokko tokko humni Yihowaan eeguuf qabu, karaa obboloota keenyaa mulʼachuu dandaʼa. Yihowaan saba isaa gara “waldaa obbolootaa” addunyaa maraatti harkiseera. (1 Pheexiros 2:17; Yohaannis 6:44) Jaalalli waldaa obbolummaa addunyaa maraa keessa jiru ragaa cimaa hafuurri qulqulluun namoota irratti dhiibbaa gaarii geessisaa akka jiru argisiisu dha. Hafuurri kun firiiwwan hafuuraa kanneen akka jaalalaa, gaarummaa fi arjummaa jiran akka horannu nu gargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23) Kanaaf, yeroo rakkinaatti obboleessi keenya tokko gorsa gaarii yommuu nuu kennu ykn yeroo nu jajjabeessu, Yihowaan obboleessa kanatti fayyadamee eegumsa waan nuu godheef isa galateeffachuu qabna.

21. (a) Yihowaan karaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessaa’ yeroo isaatti nyaata hafuuraa akkamii nuu dhiheessa? (b) Qophii Yihowaan eegumsa hafuuraa nuu gochuuf taasise irraa dhuunfaatti kan fayyadamte akkamitti?

21 Yihowaan karaa kan biraas eegumsa nuu godha: nyaata hafuuraa yeroo isaatti nuu kenna. Dubbii isaa irraa jajjabina akka argannu nu gargaaruuf, “garbichi amanamaanii fi ogeessi” nyaata hafuuraa akka nuu dhiheessu itti gaafatamummaa isaaf kenneera. Hojjetaan amanamaan kun, barreeffamoota maxxanfaman kan akka Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! dabalatee, weebsaayitii keenya jw.org, walgaʼii gumii fi walgaʼii guguddaa irratti “yeroo sirrii taʼetti nyaata” nuu dhiheessuudhaan, wanta nu barbaachisu yeroo nu barbaachisutti nuu kenna. (Maatewos 24:45) Walgaʼii irratti yommuu yaanni kennamu, haasaan ykn kadhannaan dhihaatu yaada si jajjabeessu dhageessee beektaa? Mata duree barruulee keenya irratti baʼan keessaa tokko irratti yaada si tuqu argattee beektaa? Yihowaan qophiiwwan kana hunda kan godhu, eegumsa hafuuraa nuu gochuuf akka taʼe hin dagatin.

22. Yihowaan yeroo hunda humna isaatti kan fayyadamu akkamitti? Kana gochuun isaa kan nu fayyadu hoo maaliifi?

22 Yihowaan “warra isatti kooluu galan hundumaatiif” gaachana dha. (Faarfannaa 18:30) Yeroo ammaatti garuu rakkoowwan hunda irraa nu eeguuf humna isaatti akka hin fayyadamne beekna. Taʼus, kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf yeroo hunda humna eegumsa godhutti ni fayyadama. Kana gochuun isaa yeroo booda saba isaa ni fayyada. Isatti yoo dhihaannee fi jaalala isaa keessa yoo jiraanne, Yihowaan jireenya bara baraa mudaa hin qabne nuu kenna. Abdii kana sammuutti qabachuudhaan, rakkina sirna kana keessatti nu irra gaʼu kam iyyuu “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” akka taʼe goonee ilaaluu dandeenya.—2 Qorontos 4:17.