Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 8

Humna Haaromsu—Yihowaan ‘Wantoota Hundumaa Haaraa Godha’

Humna Haaromsu—Yihowaan ‘Wantoota Hundumaa Haaraa Godha’

1, 2. Yeroo harʼaatti wantoota akkamii dhabuu dandeenya? Kun hoo maaltu akka nutti dhagaʼamu godha?

 MUCAAN ashaangulliitiin jaallatu jalaa bade ykn jalaa cabe tokko garmalee booʼa. Akki itti booʼu garaa nama nyaata! Taʼus, yommuu warri isaa wanta isa jalaa bade sana arganiif ykn wanta isa jalaa cabe sana suphaniif fuulli isaa akkam akka ifu argitee beektaa? Ashaangulliitii sana argachuun ykn suphuun warra isaatiif baayʼee salphaa dha. Taʼus kun mucicha baayʼee gammachiisuu fi dinqisiisuu dandaʼa. Wanti deebiʼee hin argamnee fi hin suphamne fakkaatu iddootti isaaf deebiʼeera!

2 Abbaa hunda irra caalu kan taʼe Yihowaanis, wanta ijoolleen isaa lafa irraa dhabanii fi deebiʼee kan hin argamne fakkaatu iddootti deebisuuf humna qaba. Wanti Yihowaan iddootti deebisu garuu wanta ashaangulliitii irra caalu dha. ‘Yeroo addaa baayʼee rakkisaa’ taʼe kanatti rakkoowwan guguddaa hedduutu nu irra gaʼa. (2 Ximotewos 3:1-5) Wantoonni namoonni bakka guddaa kennaniif hedduun, jechuunis manni, qabeenyi, hojii fi fayyaan salphumatti dhabamuu dandaʼu. Mancaʼiinsa naannoo sanyiin lubbu qabeeyyii hedduu lafa irraa akka badu godhu irratti yommuu yaannus abdii kutachuu dandeenya. Taʼus, nama jaallannu duʼaan dhabuu caalaa wanti nu gaddisiisu hin jiru. Yeroo kanatti baayʼee gadduu fi wanta goonu wallaaluu dandeenya.—2 Saamuʼel 18:33.

3. Hojii Ergamootaa 3:21 irratti abdiin nama jajjabeessu akkamii kennameera? Yihowaan abdii kana kan raawwatu maalitti fayyadamee ti?

3 Maarree Yihowaan humna haaromsu akka qabu beekuun nama hin jajjabeessuu? Akkuma boqonnaa kana irratti ilaallu, Waaqayyo ijoollee isaa warra lafa irraatiif wantoota hedduu iddootti deebisuu dandaʼa; ni barbaadas. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan ‘wanta hunda haaressuuf’ kaayyoo akka qabu ibsa. (Hojii Ergamootaa 3:21) Kana galmaan gaʼuuf, Mootummaa Masiihichaa isa Ilmi isaa Yesuus Kiristoos hogganutti fayyadama. Ragaawwan akka argisiisanitti, Mootummaan kun bara 1914​tti samii irratti bulchuu jalqabeera. a (Maatewos 24:3-14) Wantoonni haareffaman maalfaʼi? Mee wantoota guguddaa Yihowaan haaressu tokko tokko haa ilaallu. Isaan keessaa isa tokko ammuma iyyuu argaa jirra. Warri kaan immoo guutummaatti kan raawwataman gara fuulduraatti dha.

Waaqeffannaa Qulqulluun Iddootti Deebifame

4, 5. Dhaloota Kiristoos Dura bara 607​tti saba Waaqayyoo maaltu mudate? Yihowaan hoo abdii akkamii isaanii kenne?

4 Wanta Yihowaan iddootti deebise keessaa tokko waaqeffannaa qulqulluu ti. Kun maal jechuu akka taʼe hubachuuf, mee seenaa mootummaa Yihudaa gabaabsinee haa qorannu. Kana gochuun keenya, Yihowaan humna haaromsuuf qabutti akkamitti akka fayyadamu gadi fageenyaan hubachuuf nu gargaara.—Roomaa 15:4.

5 Yerusaalem Dh.K.D. bara 607​tti yommuu balleeffamte, Yihudoonni amanamoon maaltu akka isaanitti dhagaʼame mee yaadi. Magaalaan isaanii jaallatamtuun ni balleeffamte; dallaan ishiis ni diigame. Caalaatti kan nama gaddisiisu garuu, manni qulqullummaa Solomoon ijaaree fi guutummaa lafaa irratti wiirtuu waaqeffannaa qulqulluu taʼee tajaajilaa ture balleeffamuu isaa ti. (Faarfannaa 79:1) Namoonni lubbuudhaan oolanis biyya isaanii ishii ona bineensonni itti galan taʼuuf jirtu dhiisanii boojuudhaan Baabilonitti geeffaman. (Ermiyaas 9:11) Akka ilaalcha namaatti wanti hundi haareffamuu kan hin dandeenye fakkaata ture. (Faarfannaa 137:1) Taʼus, Yihowaan inni badiisni kun akka dhufu yeroo dheeraa dura raajii dubbate, yeroon wantoonni kun haareffaman akka dhufus abdii kenneera.

6-8. (a) Raajonni Ibroota taʼan barreeffamoota isaanii keessatti waaʼee maalii irra deddeebiʼanii dubbataniiru? Raajiiwwan kun raawwii isaanii isa jalqabaa kan argatan akkamitti? (b) Yeroo harʼaatti, sabni Waaqayyoo raajiiwwan iddootti deebisuu ilaalchisee dubbataman hedduun yeroo raawwataman kan argan akkamitti?

6 Raajonni Ibroota taʼan barreeffamoota isaanii keessatti waaʼee haaromsaa irra deddeebiʼanii dubbataniiru. b Yihowaan, karaa raajota isaa kanaa biyyattiin akka haareffamtu, deebitee namootaan akka guutamtu, akka gabbattu, akkasumas miidhaa bineensotaa fi diinotaa irraa walaba akka taatu abdii kenneera. Biyyi isaanii kun akka jannata jalqabaa akka taatus abdii kenneera. (Isaayyaas 65:25; Hisqiʼel 34:25; 36:35) Hundumaa caalaa immoo, waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee ni hundeeffama; manni qulqullummaas deebiʼee ni ijaarama. (Miikiyaas 4:1-5) Raajiin kun Yihudootaaf abdii kenneera; kun immoo boojuu Baabilon waggaa 70f ture dandamachuuf isaan gargaareera.

7 Dhuma irratti guyyaan haareffamuu sun ni dhufe. Yihudoonni Baabilon keessaa bilisa baʼanii, gara Yerusaalemitti deebiʼuudhaan Yihowaaf mana qulqullummaa ijaaran. (Izraa 1:1, 2) Waaqeffannaa qulqulluutti maxxananii yeroo isaan jiraatan hundatti, Yihowaan isaan eebbiseera; lafti isaanii akka gabbattus godheera. Diinotaa fi bineensota hamoo waggoota dheeraaf biyyattii weeraran irraa isaan eegeera. Yeroo kanatti, humna Yihowaan iddootti deebisuuf qabutti gammadanii akka turan beekamaadha! Haa taʼu malee, raajiiwwan waaʼee haaromsaa dubbatan raawwii isaanii isa jalqabaa argatan malee guutummaatti hin raawwatamne. Raajiin kun raawwii isaa isa guddaa kan argatu, “guyyoota dhumaa” nuti keessa jirruu fi Dhaaltuun Daawit Mootichaa inni yeroo dheeraa dura abdachiifame mootii taʼe kanatti dha.—Isaayyaas 2:2-4; 9:6, 7.

8 Yesuus bara 1914​tti Mootummaa samii irratti mootii taʼee utuu baayʼee hin turin, fedhii hafuuraa saba Waaqayyoo amanamoo warra lafa irratti argamanii guuteera. Qiiros mootiin Faarsi Dh.K.D. bara 537​tti Yihudoota hafan Baabilon keessaa bilisa baaseera. Yesuusis Yihudoota hafuuraa lafa irratti hafan, jechuunis warra duuka buutota isaa taʼan, dhiibbaa “Baabilon Guddittii” bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa jalaa bilisa baaseera. (Mulʼata 18:1-5; Roomaa 2:29) Bara 1919 jalqabee Kiristiyaanonni dhugaan karaa Yihowaa biratti fudhatama qabuun isa waaqeffachuu jalqabaniiru. (Miilkiyaas 3:1-5) Yeroo sanaa jalqabee, sabni Yihowaa mana qulqullummaa hafuuraa, jechuunis qophii inni waaqeffannaa qulqulluuf godhe keessatti isa waaqeffachaa jiru. Waaqeffannaan qulqulluu iddootti deebifamuun isaa nuuf barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Haaromsi Hafuuraa Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?

9. Ergamoonni Yesuus erga duʼanii booda, waldaaleen Saba Kiristiyaanaa waaqeffannaa dhugaa maal godhan? Taʼus bara keenyatti Yihowaan maal godhe?

9 Mee seenaa waaʼee haaromsaa dubbatu ilaali. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa eebbawwan hafuuraa hedduu argataniiru. Haa taʼu malee, Yesuusii fi ergamoonni isaa waaqeffannaa dhugaan akka mancaʼuu fi akka badu raajii dubbataniiru. (Maatewos 13:24-30; Hojii Ergamootaa 20:29, 30) Ergamoonni Yesuus erga duʼanii booda sabni Kiristiyaanaa babalʼachuu jalqabde. Qeesonni ishii barumsawwanii fi gochawwan amantii sobaa fudhatan. Waaqayyo Sillaasee hubatamuu hin dandeenye akka taʼe, namoonni cubbuu isaanii qeesotatti akka himatan, akkasumas kadhannaa isaanii Yihowaatti utuu hin taʼin gara Maariyaamii fi “qulqulloota” adda addaatti akka dhiheessan barsiisuudhaan, Waaqayyotti dhihaachuun kan hin dandaʼamne akka fakkaatu godhaniiru. Yihowaan mancaʼiinsi kun erga jalqabamee jaarraa hedduu booda maal godhe ree? Addunyaa barumsawwan amantii sobaatiin guutamee fi gochawwan gadheedhaan faalame kana keessatti, waaqeffannaan qulqulluu iddootti akka deebiʼu gochuuf tarkaanfii fudhateera! Iddootti deebisuun kun, wantoota guguddaa yeroo ammaatti raawwataman keessaa isa tokkodha yoo jenne arbeessuu hin taʼu.

10, 11. (a) Jannanni hafuuraa wantoota akkamii lama of keessatti qabata? Atoo kutaa jannata kanaa taʼuu kan dandeessu akkamitti? (b) Yihowaan namoota akkamii gara jannata hafuuraatti sassaabaa jira? Namoonni kun maal arguuf mirga argatu?

10 Kanaafuu, yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni dhugaan jannata hafuuraa caalaatti miidhagaa deemu keessa jiraatu. Jannanni kun maalfaa of keessatti qabata? Adda durummaadhaan wantoota lama dha. Inni jalqabaa, waaqeffannaa qulqulluu Yihowaaf dhihaatu dha. Yihowaan waaqeffannaa, sobaa fi jalʼina irraa walaba taʼe nuu kenneera. Nyaata hafuuraa nuu kennaa jira. Kun immoo waaʼee Abbaa keenya isa samii barachuuf, isa gammachiisuu fi isatti dhihaachuuf nu gargaara. (Yohaannis 4:24) Wanti jannanni hafuuraa of keessatti qabatu inni lammaffaan immoo namoota dha. Akkuma Isaayyaas raajiidhaan dubbate, “Guyyoota dhumaatti” Yihowaan waaqeffattoota isaa daandii nagaa barsiiseera. Waraana irratti akka hin hirmaanne nu barsiiseera. Mudaa kan qabnu taanu illee, “namummaa haaraa” akka uffannu nu gargaaraa jira. Hafuura qulqulluu isa amalawwan gaggaarii akka horannu nu gargaaru nuu kennuudhaan, carraaqqii keenya nuu eebbisaa jira. (Efesoon 4:22-24; Galaatiyaa 5:22, 23) Atis hafuura qulqulluu wajjin wal simtee yoo jiraatte, kutaa jannata hafuuraa taata.

11 Yihowaan namoota jaallatu, jechuunis warra isa jaallatan, warra nagaa jaallatanii fi warra “wantoota hafuuraa dheebotan” gara jannata hafuuraa kanatti sassaabaa jira. (Maatewos 5:3) Namoonni akkasii haaromsi inni guddaan yeroo raawwatamu, jechuunis yeroo namoonnii fi lafti kun haareffaman arguuf mirga argatu.

“Kunoo, Ani Wantoota Hundumaa Haaraa Nan Godha”

12, 13. (a) Raajiin waaʼee haaromsaa dubbatu, fuulduraatti raawwii kan biraa argata kan jennu maaliifi? (b) Yihowaan akkuma Eedan keessatti ibse lafa kanaaf kaayyoo akkamii qaba? Kun waaʼee gara fuulduraa abdiidhaan akka eeggannu kan nu taasisu maaliifi?

12 Raajiiwwan waaʼee haaromsaa ibsan hedduun haaromsa hafuuraa qofa kan dubbatan miti. Fakkeenyaaf Isaayyaas, yeroon warri dhukkubsatan, warri naafatan, warri qaro dhabeeyyii fi warri gurri isaanii hin dhageenye fayyan, akkasumas yeroon duuti illee bara baraaf liqimfamu akka dhufu barreesseera. (Isaayyaas 25:8; 35:1-7) Raajiiwwan kun Israaʼel durii keessatti kallattiidhaan hin raawwatamne. Raajiiwwan kun bara keenyatti karaa hafuuraa yommuu raawwataman kan argine taʼus, fuulduraatti kallattiidhaan guutummaatti akka raawwataman shakkii hin qabnu. Kana akkamitti beekna?

13 Yihowaan, Eedan keessatti lafti kun namoota gammachuu, fayyaa fi tokkummaa qabaniin akka guutamtu gochuuf kaayyoo akka qabu ibseera. Addaamii fi Hewaan lafaa fi uumamawwan ishii irra jiran hunda kunuunsuu, akkasumas guutummaa lafaa gara jannataatti jijjiiruu qabu turan. (Uumama 1:28) Kun wanta yeroo ammaa argaa jirru irraa faallaa dha. Haa taʼu malee, kaayyoon Yihowaa utuu hin raawwatamin akka hin hafne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Isaayyaas 55:10, 11) Yesuus inni Yihowaan Mootii godhee muude, guutummaa lafaa Jannata godha.—Luqaas 23:43.

14, 15. (a) Yihowaan “wantoota hundumaa haaraa” kan godhu akkamitti? (b) Jannata keessatti jireenyi maal fakkaata? Atoo wanti yeroo raawwatamu arguu barbaaddu maali dha?

14 Guutummaan lafaa gara Jannataatti yommuu jijjiiramtu haalli isaa maal akka fakkaatu mee yaadi! Yeroo sana ilaalchisee Yihowaan, “Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa nan godha!” jedheera. (Mulʼata 21:5) Kun maal jechuu akka taʼe mee yaadi. Yihowaan humna balleessuuf qabutti fayyadamee sirna hamaa kana erga balleessee booda, “samiiwwan haaraa fi lafa haaraa” qofatu hafa. Kana jechuun, Mootummaa haaraan tokko samii irra taʼee hawaasa haaraa lafa irra jiraatu, jechuunis hawaasa Yihowaa jaallatuu fi fedha isaa raawwatu bulcha jechuu dha. (2 Pheexiros 3:13) Seexannii fi jinniiwwan dhiibbaa akka hin geessisne godhamu. (Mulʼata 20:3) Ilmaan namootaa waggoota kumaan lakkaaʼaman booda yeroo jalqabaatiif, dhiibbaa gadhee Seexannii fi jinniiwwan geessisan irraa walaba taʼu. Yeroo kanatti boqonnaa guddaa akka argannu hin shakkisiisu.

15 Sana booda, akkuma jalqaba irratti yaadamee ture, lafa keenya ishii bareedduu kana ni kunuunsina. Lafti uumama ishiitiin ofumaan of haaromsuu dandeessi. Haroowwanii fi lageen faalaman wanti isaan faalu yoo balleeffame ofiin of qulqulleessuu dandaʼu; lafti dirree waraanaa tures waraanni yoo dhaabate deebisee of haaromsuu dandaʼa. Dandeettii lafti qabdu kanatti fayyadamnee, lafti Jannata biqiltootaa fi bineeldota hedduudhaan guutamte akka taatu gochuun baayʼee nama gammachiisa! Ilmaan namootaa, taʼe jedhanii sanyii bineeldotaa fi biqiltootaa balleessuu mannaa, uumama lafa irra jiru hundumaa wajjin nagaadhaan jiraatu. Ijoolleen illee bineensota hin sodaatan.—Isaayyaas 9:6, 7; 11:1-9.

16. Jannata keessatti Yihowaan wantoota kan haaressu akkamitti?

16 Nuufis dhuunfaatti wanti iddootti nuuf deebifamu jira. Armaagedoon booda, addunyaa maratti namoonni badiisa irraa oolan dinqiidhaan ni fayyu. Yesuus akkuma yeroo lafa irra turetti godhe, humna Waaqayyo akka iddootti deebisu isaaf kennetti fayyadamee qaro dhabeeyyiin akka argan, warri gurri isaanii hin dhageenye akka dhagaʼan, warri naafatanii fi warri dhukkubsatan akka fayyan godha. (Maatewos 15:30) Warri dullooman akkuma yeroo dargaggummaa isaaniitti jabinaa fi fayyaa guutuu waan argataniif ni gammadu. (Iyyoob 33:25) Gogaan shuntuure akka gogaa ijoollee taʼa, irreen, miillii fi mashaaleen deebiʼanii jabaatu. Ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi, suutuma suuta rakkina cubbuu fi mudaa qabaachuun fide irraa bilisa baʼu. Yihowaan humna haaromsuu isaatti waan fayyadamuuf guddaa isa galateeffanna! Mee amma wanta baayʼee gammachiisaa yeroo haaromsaatti raawwatamu tokko haa ilaallu.

Namoota Duʼan Gara Jireenyaatti Deebisuu

17, 18. (a) Yesuus Saduuqotatti kan dheekkame maaliifi? (b) Eeliyaas Yihowaan mucaa tokko duʼaa akka kaasu kadhachuuf kan isa kakaase maali dha?

17 Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti geggeessitoonni amantii Saduuqota jedhaman duʼaa kaʼuutti hin amanan turan. Kanaan kan kaʼes Yesuus, “Isin Kitaabota Qulqulluus taʼe humna Waaqayyoo waan hin beekneef dogoggortaniittu” jedhee isaanitti dheekkameera. (Maatewos 22:29) Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan humna iddootti deebisuuf isa dandeessisu akkasii akka qabu nuu ibsa. Mee haa ilaallu.

18 Wanta bara Eeliyaasitti raawwatame tokko ilaali. Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko reeffa ilma ishii tokkichaa baattee jirti. Yeroo kanatti Eeliyaas raajichi inni yeroo muraasaaf keessummummaadhaan mana dubartii kanaa buufatee ture baayʼee naʼee taʼuu qaba. Sana dura Eeliyaas mucaan kun beelaan akka hin duune gargaaree ture. Tarii Eeliyaas mucaa kanaa wajjin michummaa uumee taʼuu dandaʼa. Haati isaa gadda guddaa irra buuteetti. Abbaan manaa ishii waan irraa duʼeef, kan ishiin qabdu ilma tokkicha kana dha. Tarii mucaan kun bara dulluma ishiitti akka ishii kunuunsu abdattee taʼuu dandaʼa. Dubartiin kun Waaqayyo cubbuu sana dura hojjetteef ishii adabaa akka jiru waan yaaddeef baayʼee dhiphattee turte. Eeliyaas haala gaddisiisaa kana yommuu argu garaan isaa ni raafame. Suuta jedhee reefficha haadha isaa harkaa erga fuudhee booda, gara kutaa isaatti geessee lubbuu mucichaa akka itti deebisuuf Yihowaa kadhate.—1 Mootota 17:8-21.

19, 20. (a) Abrahaam humna Yihowaan iddootti deebisuuf qabutti akka amanu kan argisiise akkamitti? Amantii akkasii kan qabaate maaliifi? (b) Yihowaan amantii Eeliyaas argisiiseef kan isa kiise akkamitti?

19 Eeliyaas duʼaa kaʼuutti amanuuf nama isa jalqabaa hin turre. Jaarraawwan hedduu dura Abrahaam, Yihowaan humna haaromsu akka qabu ni amana ture. Amantii akkasii kan qabaate maaliif? Yommuu Abrahaam umuriin isaa waggaa 100 turee fi Saaraan immoo umuriin ishii waggaa 90 turetti, Yihowaan dandeettii mucaa godhachuuf qaban iddootti isaaniif deebisuudhaan Saaraan dinqiidhaan ilma akka deessu godheera. (Uumama 17:17; 21:2, 3) Yommuu mucichi guddatu immoo, Yihowaan Abrahaam ilma isaa kana aarsaa godhee akka dhiheessu isa gaafate. Abrahaamis Yihowaan ilma isaa Yisihaaq isa jaallatu gara jireenyaatti deebisuufii akka dandaʼu waan abdateef, amantii akka qabu argisiiseera. (Ibroota 11:17-19) Abrahaam ilma isaa aarsaa gochuuf isaa wajjin gara gaaraatti baʼuu isaa dura, Yisihaaq wajjin deebiʼanii akka dhufan tajaajiltoota isaatti himuun isaa amantii akkasii akka qabu argisiisa.—Uumama 22:5.

“Kunoo, ilmi kee fayyeera”!

20 Yihowaan Yisihaaq akka hin ajjeefamne waan godheef, yeroo sanatti duʼaa isa kaasuun isa hin barbaachisne. Ilmi dubartii abbaan manaa irraa duʼee sanaa garuu duʼee ture; taʼus yeroo dheeraaf miti. Yihowaan mucicha duʼaa kaasuudhaan, amantii Eeliyaas argisiiseef isa kiiseera! Achiis Eeliyaas, “Kunoo, ilmi kee fayyeera” jechuudhaan, mucicha haadha isaatti kenne! Kun matumaa waan irraanfatamu miti.—1 Mootota 17:22-24.

21, 22. (a) Seenaan duʼaa kaʼuu Kitaaba Qulqulluu keessatti kan galmeeffame maaliifi? (b) Jannata keessatti, namoota hammamiitu duʼaa kaafama? Kana kan raawwatu eenyu?

21 Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo jalqabaatiif Yihowaan humna isaatti fayyadamee jireenya namaa iddootti akka deebise kan dubbatame yeroo kanattidha. Sana booda Yihowaan Eelsaaʼi, Yesuus, Phaawulosii fi Pheexiros namoota duʼaniif deebisanii jireenya akka kennan humna kenneeraaf. Namoonni duʼaa kaʼan sun yeroo booda deebiʼanii akka duʼan beekamaa dha. Taʼus seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kun wanta dinqisiisaa gara fuulduraatti raawwatamu nutti argisiisu.

22 Jannata keessatti Yesuus ‘duʼaa kaʼuu fi jireenya’ taʼuudhaan gaʼee isaa raawwata. (Yohaannis 11:25) Namoota miliyoona hedduu taʼan duʼaa kaasuudhaan, lafa Jannata taatu irra bara baraaf akka jiraatan carraa isaanii kenna. (Yohaannis 5:28, 29) Michoonnii fi firoottan yeroo dheeraa dura duʼaan gargar baʼan, yommuu gammachuudhaan wal hammatan haalli isaa maal akka fakkaatu mee yaadi! Ilmaan namootaa hundi, humna Yihowaan iddootti deebisuuf qabuuf isa jajatu.

23. Karaan humni Yihowaa itti mulʼate inni guddaan maali dha? Kun hoo abdii keenya kan nuu mirkaneessu akkamitti?

23 Yihowaan abdiin kun akka raawwatamu nuu mirkaneesseera. Ilma isaa Yesuusiin uumama hafuuraa humna guddaa qabu godhee duʼaa kaasuu fi aangoo maleekota hunda irra caalu isaaf kennuudhaan, karaa hunda irra caaluun humna isaa argisiiseera. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, namoota dhibbaan lakkaaʼamanitti mulʼateera. (1 Qorontos 15:5, 6) Kun, namoota abdii duʼaa kaʼuutti hin amanneef illee ragaa quubsaa dha. Yihowaan deebisee jireenya kennuuf humna qaba.

24. Yihowaan namoota duʼan akka kaasu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Hundi keenya abdiin inni kam yommuu raawwatamu arguuf carraaquu qabna?

24 Yihowaan warra duʼaniif deebisee jireenya kennuuf humna qofa utuu hin taʼin fedhiis qaba. Nama amanamaa kan ture Iyyoob, Yihowaan namoota duʼan kaasuuf akka yaadu ykn akka hawwu dubbateera. (Iyyoob 14:15) Maarree, Waaqa keenya isa humna iddootti deebisuu qabuu fi humna isaa kana jaalalaan fayyadamuuf hawwutti dhihaachuu hin barbaadduu? Taʼus duʼaa kaasuun, hojiiwwan guguddaa Yihowaan iddootti deebisuuf raawwatu keessaa tokko qofa akka taʼe yaadadhu. Yeroo kam iyyuu caalaa Yihowaatti dhihaachuudhaan, abdiin inni ‘wantoota hundumaa haaraa gochuuf’ kenne yommuu raawwatamu namoota argan keessaa tokko taʼuuf carraaqi.—Mulʼata 21:5.

a ‘Wanti hundi haareffamuu’ kan jalqabe, yommuu Mootummaan Masiihichaa inni sanyii Daawit Mootichaatiin geggeeffamu hundeeffametti ture. Yihowaan, Daawitiif dhaaltuun isaa bara baraaf akka bulchu waadaa galee ture. (Faarfannaa 89:35-37) Baabilon Dh.K.D. bara 607​tti Yerusaalemiin erga balleessitee booda garuu, sanyii Daawit keessaa namni teessoo Waaqayyoo irra taaʼe hin jiru. Yesuus inni dhaaltuu Daawit taʼee lafa irratti dhalate, yommuu samii irratti teessoo irra taaʼetti Mootii isa yeroo dheeraaf eegamaa ture sana taʼeera.

b Fakkeenyaaf, Musee, Isaayyaas, Ermiyaas, Hisqiʼel, Hoseʼaa, Yooʼel, Amoos, Obaadiyaa, Miikiyaasii fi Sefaaniyaan waaʼee kanaa raajii dubbataniiru.