Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 11

“Daandiiwwan Isaa Hundi Haqa Qabeessa Dha”

“Daandiiwwan Isaa Hundi Haqa Qabeessa Dha”

1, 2. (a) Yoseef irratti jalʼina haqaa guddaa akkamiitu raawwatame? (b) Yihowaan jalʼina raawwatame sana kan sirreesse akkamitti?

 GOCHI raawwatame jalʼina haqaa guddaa ture. Dargaggeessi bareedaan tokko yakka kan hin raawwanne taʼus, dubartii tokko gudeeduuf yaaleera jedhamee sobaan himatamee mana hidhaa galfame. Haa taʼu malee, kun jalʼina yeroo jalqabaatiif isa irra gaʼe hin turre. Dargaggeessi Yoseef jedhamu kun, waggoota hedduu dura yeroo umuriin isaa waggaa 17 turetti obboloonni isaa warri isa ajjeesuuf yaadan, garbummaadhaan biyya ormaatti isa gurguran. Achitti immoo, haati manaa gooftaa isaa akka ishii wajjin ciisu irra deddeebitee isa gaafatte; inni garuu gaaffii ishii fudhachuu ni dide. Dubartiin baayʼee aarte kun himata sobaa isa irratti dhiheessite; Yoseef mana hidhaa kan galfame akka kanaan ture. Kan nama gaddisiisu, namni Yoseefiif falmu tokko illee waan jiru hin fakkaatu.

2 Haa taʼu malee, Waaqni ‘qajeelummaa fi haqa jaallatu’ kana ilaalaa ture. (Faarfannaa 33:5) Yihowaan haala kana jijjiiree dhuma irratti Yoseef akka gadhiifamu gochuudhaan, jalʼina haqaa raawwatame sirreesseera. Yihowaan, Yoseef mana hidhaa keessaa akka baʼu gochuu qofa utuu hin taʼin, aangoo fi ulfina guddaa akka argatu godheera. (Uumama 40:15; 41:41-43; Faarfannaa 105:17, 18) Haala kanaan Yoseef haqa argateera, aangoo isaas kaayyoo Waaqayyoo raawwachuuf itti fayyadameera.—Uumama 45:5-8.

Yoseef jalʼinaan mana hidhaa galfameera

3. Hundi keenya karaa sirrii taʼeen qabamuu barbaaduun keenya nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?

3 Seenaan akkasii garaa nama nyaata mitii? Nu keessaa jalʼinni haqaa yommuu raawwatamu kan hin argine ykn jalʼinni haqaa kan irra hin geenye jiraa? Hundi keenya karaa sirrii fi loogii irraa walaba taʼeen qabamuu barbaanna. Yihowaan amalawwan isaa akka argisiisnu godhee waan nu uumeef, akkas nutti dhagaʼamuun isaa nama hin dinqisiisu; haqni immoo amalawwan isaa warra guguddaa keessaa isa tokko dha. (Uumama 1:27) Akka gaariitti Yihowaa beekuu yoo barbaanne, ilaalcha inni haqaaf qabu hubachuu qabna. Kana yoo goone, daandiiwwan isaa caalaatti dinqisiifachuu fi isatti dhihaachuuf kakaʼuu dandeenya.

Haqni Maalidha?

4. Akka ilaalcha namootaatti yeroo baayʼee haqni akkamitti hubatama?

4 Akka ilaalcha namootaatti, yeroo baayʼee haqa jechuun seera tokko karaa nama hundumaaf qixxee taʼeen hojii irra oolchuu caalaa hiika kan biraa hin qabu. Kitaabni Raayit eendi Riizin—Eetiiksi iin Tiiyoorii eendi Piraaktiis jedhamu, “Haqni, seera, dirqamaa fi mirgaa wajjin walitti dhufeenya kan qabu yeroo taʼu, nama hundumaaf akka gocha isaaniitti badhaasa ykn adaba isaaniif malu kennuu jechuudha” jedheera. Haqni Yihowaa garuu itti gaafatamummaan ykn dirqamni waan nama irra jiruuf qofa seera jiru tokko raawwachiisu caalaa waan dabalatu qaba.

5, 6. (a) Jechoonni “haqa” jedhamanii hiikaman afaan jalqabaatiin hiika maalii qabu? (b) Waaqayyo haqa qabeessa dha jechuun maal jechuu dha?

5 Afaan Kitaabni Qulqulluun jalqaba ittiin barreeffameen jechoota haqa argisiisan qorachuudhaan, balʼinaa fi gadi fageenya haqa Yihowaa caalaatti hubachuun ni dandaʼama. Kitaabni Qulqulluun afaan Ibrootaa, haqa ibsuuf jechoota sadiitti fayyadameera. Jechi yeroo baayʼee “haqa” jedhamee hiikame, “wanta sirrii” jedhamees hiikamuu dandaʼa. (Uumama 18:25) Jechoonni lamaan hafan immoo, yeroo baayʼee “qajeelummaa” jedhamanii hiikamu. Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii keessatti jechi “qajeelummaa” jedhamee hiikame, “sirrii ykn haqa qabeessa taʼuu” jedhamee ibsameera. Kanaafuu, jecha qajeelummaa fi haqa jedhu gidduu garaa garummaan hin jiru jechuun ni dandaʼama.—Amoos 5:24.

6 Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo haqa qabeessa taʼuu isaa yommuu dubbatu, inni yeroo hundumaa utuu namoota wal hin caalchisin wanta sirrii fi loogii irraa walaba taʼe akka raawwatu ibsuu isaa ti. (Roomaa 2:11) Yihowaan wanta kana irraa faallaa taʼe godha jedhanii yaaduun waan hin taane dha. Eliihuu inni amanamaa taʼe, “‘Waaqni dhugaan jalʼina raawwata, Inni Hundumaa Dandaʼus dogoggora raawwata’ jedhanii yaaduun wanta hin fakkaanne dha!” jedheera. (Iyyoob 34:10) Dhuguma iyyuu, Yihowaan jalʼina raawwachuu hin dandaʼu. Maaliifi? Sababiiwwan guguddaa lamaan kan kaʼe dha.

7, 8. (a) Yihowaan jalʼina raawwachuu kan hin dandeenye maaliifi? (b) Yihowaan hariiroo warra kaanii wajjin qabuun, qajeelaa fi haqa qabeessa akka taʼu kan isa kakaasu maalidha?

7 Tokkoffaa, inni qulqulluu dha. Akkuma Boqonnaa 3​ffaa irratti ilaalle, Yihowaan guutummaatti qulqulluu fi qajeelaa dha. Kanaaf, wanta qajeelaa hin taane ykn jalʼaa taʼe hojjechuu hin dandaʼu. Mee kun maal jechuu akka taʼe ilaali. Abbaan keenya inni samii qulqulluu waan taʼeef, ijoollee isaa matumaa akka hin cunqursine amanuu dandeenya. Yesuus amanannaa akkasii qaba ture. Yesuus, galgala dhumaa jireenya isaa isa lafaa irratti, ‘Yaa Abbaa Qulqulluu, . . . maqaa keef jedhiitii isaan [barattoota] eegi’ jedhee kadhateera. (Yohaannis 17:11) Kitaaba Qulqulluu keessatti “Abbaa Qulqulluu” kan jedhame Yihowaa qofa dha. Abbaan kam iyyuu qulqullummaadhaan isaan qixxaachuu waan hin dandeenyeef, inni Abbaa Qulqulluu jedhamuun isaa sirrii dha. Yesuus, barattoonni isaa Abbaa isaa isa guutummaatti qulqulluu taʼee fi cubbuu kam irraa iyyuu guutummaatti walaba taʼe jalatti eegumsa akka argatan amantii guddaa qaba ture.—Maatewos 23:9.

8 Lammaffaa, Waaqayyo jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe qaba. Jaalalli kun immoo, hariiroo warra kaanii wajjin qabuun qajeelaa ykn haqa qabeessa akka taʼu isa kakaasa. Haa taʼu malee, sabboonummaa fi loogii dabalatee jalʼinni haqaa kam iyyuu, yeroo baayʼee sassataa fi ofittummaa isa faallaa jaalalaa taʼe irraa madda. Waaqa jaalalaa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan qajeelaa dha; inni gocha qajeelaa ni jaallata” jedha. (Faarfannaa 11:7) Yihowaanis waaʼee ofii isaa, “Ani Yihowaan haqa nan jaalladha” jedheera. (Isaayyaas 61:8) Waaqni keenya wanta sirrii fi haqa akka jaallatu beekuun nama hin jajjabeessuu?—Ermiyaas 9:24.

Araaraa fi Haqa Yihowaa Isa Mudaa hin Qabne

9-11. (a) Haqaa fi araara Yihowaa gidduu walitti dhufeenya akkamiitu jira? (b) Ilmaan namootaa cubbamoota taʼanii wajjin haala wal qabateen haqnii fi araarri Yihowaa kan mulʼate akkamitti?

9 Akkuma amalawwan isaa warra guguddaa kaanii haqni Yihowaas mudaa hin qabu. Museen akkas jedhee Yihowaa jajateera: “Inni Qarsaa dha, wanti inni godhu mudaa hin qabu; daandiiwwan isaa hundi haqa qabeessa dha. Inni Waaqa amanamaa matumaa haqa hin jalʼisne dha; inni qajeelaa fi sirrii dha.” (Keessa Deebii 32:3, 4) Haqni Yihowaa mudaa hin qabu, jechuunis garmalee laafaas taʼe, garmalee cimaa miti.

10 Haqaa fi araara Yihowaa gidduu walitti dhufeenya cimaatu jira. Faarfannaan 116:5, “Yihowaan gara laafessaa fi qajeelaa dha; Waaqni keenya araara qabeessa dha” jedha. Eeyyee, Yihowaan haqaa fi araara qaba. Amalawwan kun lamaan wal hin faallessan. Yihowaan araara kan argisiisu, haqni isaa cimaa waan taʼeef haqa isaa laaffisuuf jedhee miti. Kanaa mannaa, yeroo baayʼee amalawwan kana lamaanuu yeruma tokkotti gocha tokko irratti argisiiseera. Mee fakkeenya tokko ilaali.

11 Ilmaan namootaa hundi cubbuu waan dhaalaniif, duʼa isa adaba cubbuu taʼetu isaaniif mala. (Roomaa 5:12) Taʼus, Yihowaan duʼa cubbamootaatti hin gammadu. Inni ‘Waaqa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼe, gara laafessaa fi araara qabeessa’ taʼe dha. (Nahimiyaa 9:17) Haa taʼu malee, inni qulqulluu waan taʼeef, cubbuu callisee hin ilaalu. Maarree ilmaan namootaa cubbuu dhaalanitti araara argisiisuu kan dandaʼu akkamitti? Dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuu fi Yihowaan ilmaan namootaa fayyisuuf furii akka qopheesse ibsu gaaffii kanaaf deebii nuu kenna. Boqonnaa 14​ffaa irratti waaʼee qophii jaalala irratti hundaaʼe kanaa caalaatti baranna. Qophiin kun haqaa fi araara Yihowaa of keessatti qabata. Yihowaan karaa qophii kanaa, haqa isaa isa mudaa hin qabne utuu hin jalʼisin cubbamoota yaada geddaratanitti araara argisiisuu dandaʼa.—Roomaa 3:21-26.

Haqni Yihowaa Isatti Nu Harkisa

12, 13. (a) Haqni Yihowaa isatti kan nu dhiheessu maaliifi? (b) Daawit waaʼee haqa Yihowaa maal hubate? Kun hoo kan nu jajjabeessu akkamitti?

12 Haqni Yihowaa kan isa irraa nu fageessu utuu hin taʼin, amala gammachiisaa isatti nu dhiheessu dha. Kitaabni Qulqulluun haqni ykn qajeelummaan Yihowaa gara laafina irratti kan hundaaʼe akka taʼe ifatti dubbata. Mee karaawwan gaggaarii Yihowaan haqa isaa itti argisiisu tokko tokko haa ilaallu.

13 Haqni Yihowaa inni mudaa hin qabne, tajaajiltoota isaatiif amanamaa akka taʼu isa kakaasa. Daawit faarfatichi, amala Yihowaa isa kutaa haqa isaa taʼe kana jireenya isaa keessatti argeera. Daawit, muuxannoo isaa irraa fi hojiiwwan Waaqayyoo qorachuudhaan maal hubachuu dandaʼe? “Yihowaan haqa ni jaallata, warra isaaf amanamoo taʼanis hin gatu. Isaan yeroo hundumaa eegumsa ni argatu” jechuudhaan wanta hubate dubbateera. (Faarfannaa 37:28) Kun yaada nama jajjabeessu mitii? Waaqni keenya yoom iyyuu taanaan warra isaaf amanamoo taʼan hin gatu. Kanaaf, michuu isaa taʼuu akka dandeenyuu fi kunuunsa akka nuu godhu isatti amanamuu dandeenya. Haqni isaa kanaaf wabii nuu taʼa!—Fakkeenya 2:7, 8.

14. Seerri Israaʼelotaaf kenname Yihowaan namoota rakkataniif akka yaadu kan argisiisu akkamitti?

14 Haqni Waaqayyoo namoota rakkatan gargaaruuf isa kakaasa. Yihowaan namoota rakkataniif akka yaadu, Seera Israaʼelotaaf kenne irraa hubachuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, Seericha keessatti ijoollee abbaa hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irraa duʼeef qophiin addaa godhameera. (Keessa Deebii 24:17-21) Yihowaan maatiiwwan akkasiitiif jireenyi hangam ulfaataa akka taʼe waan beekuuf, Abbaa Murtii fi Eegduu isaaniif taʼuudhaan, “mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef haqaan ni murteessa” a ture. (Keessa Deebii 10:18; Faarfannaa 68:5) Yihowaan, Israaʼelonni dubartootaa fi ijoollee gargaarsa hin qabne yoo miidhan, iyya namoota kanaa akka dhagaʼu isaan akeekkachiiseera. Yihowaan, “aariin koo ni bobaʼa” jedheera. (Baʼuu 22:22-24) Aariin, amalawwan Yihowaa warra guguddaa keessaa tokko taʼuu baatus, keessumaa jalʼinni itti yaadamee namoota gargaarsa hin qabne irratti raawwatamu, aarii qajeelinaa akka aaru isa godha.—Faarfannaa 103:6.

15, 16. Ragaa dinqisiisaan Yihowaan dhugumaan loogii irraa walaba akka taʼe argisiisu maalidha?

15 Yihowaan, ‘eenyuuf iyyuu akka hin loognee fi mattaʼaa akka hin fudhanne’ nuu mirkaneesseera. (Keessa Deebii 10:17) Namoota aangoo ykn beekamtii qaban irraa haala adda taʼeen, Yihowaan qabeenya ykn bifa namootaatiin hin gowwoomfamu. Inni guutummaatti loogii ykn wal caalchisuu irraa walaba dha. Fakkeenya gaarii Yihowaan akka hin loogne argisiisu tokko ilaali. Tajaajiltoota isaa warra dhugaa jireenya bara baraa argatan taʼuuf carraa kan qaban namoota filataman muraasa qofa miti. Kanaa mannaa, “saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.” (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Namoonni lammiin isaanii, sadarkaan hawaasa keessatti qaban, bifti isaanii fi biyyi isaanii maal iyyuu yoo taʼe abdii dinqisiisaa kana argachuu dandaʼu. Haqa dhugaa jechuu kana mitii?

16 Karaan Yihowaan haqa mudaa hin qabne itti argisiisee fi qorachuu qabnu kan biraanis jira; innis akkaataa inni namoota seera isaa cabsan itti qabu dha.

Isa Balleessaa Qabu Matumaa Utuu hin Adabin hin Dhiisu

17. Jalʼinni addunyaa irra jiru Yihowaan haqa qabeessa akka hin taane kan hin argisiisne maaliif akka taʼe ibsi.

17 Namoonni tokko tokko, ‘Yihowaan wanta qajeelaa hin taane callisee hin ilaalu erga taʼee, addunyaa kana keessatti rakkinnii fi jalʼinni kan babalʼate maaliifi?’ jedhanii gaafatu. Jalʼinni akkasii jiraachuun isaa Yihowaan haqa qabeessa akka hin taane kan argisiisu miti. Jalʼinni addunyaa hamaa kana keessatti argamu hedduun isaa, cubbuu ilmaan namootaa Addaam irraa dhaalaniin kan dhufe dha. Addunyaa namoonni cubbamoon daandii dogoggoraa irra deemuu filatan kana keessatti jalʼinni babalʼateera. Taʼus, kun yeroo dheeraaf itti hin fufu.—Keessa Deebii 32:5.

18, 19. Yihowaan namoota taʼe jedhanii seera isaa cabsan utuu hin adabin akka hin hafne wanti argisiisu maalidha?

18 Yihowaan namoota garaa qulqulluudhaan isatti dhihaatanitti araara kan argisiisu taʼus, haala maqaa isaa isa qulqulluu irratti arrabsoo fidu bara baraaf callisee hin ilaalu. (Faarfannaa 74:10, 22, 23) Waaqa haqa qabeessa taʼetti qoosuun hin dandaʼamu; Yihowaan, namoota taʼe jedhanii cubbuu hojjetan, murtii hamaa gocha isaaniitiin isaanitti dhufu irraa isaan hin eegu. Yihowaan, ‘Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee taʼe dha. Taʼus isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin hin dhiisu.’ (Baʼuu 34:6, 7) Yaada kanaa wajjin haala walsimuun Yihowaan yeroo tokko tokko namoota taʼe jedhanii seera isaa cabsan ni adaba.

19 Fakkeenyaaf, walitti dhufeenya Waaqayyo Israaʼelota durii wajjin qabu ilaali. Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda illee, yeroo baayʼee isaaf amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru. Gocha isaanii isa mancaʼaadhaan Yihowaa kan “gaddisiisan” taʼus, inni garuu dafee abdii isaanitti hin kutanne. (Faarfannaa 78:38-41) Kanaa mannaa, araara isaanitti argisiisuudhaan akkaataa jireenyaa isaanii akka jijjiiran carraa isaaniif baneera. Akkas jedhee isaan kadhate: “Ani duʼa nama hamaatti hin gammadu; kanaa mannaa, namni hamaan daandii isaa jijjiiree lubbuudhaan akka jiraatun barbaada. Yaa mana Israaʼel, deebiʼaa, daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa; maaliif duutu?” (Hisqiʼel 33:11) Yihowaan jireenyaaf bakka guddaa waan kennuuf, Israaʼelonni daandii isaanii isa gadhee irraa akka deebiʼan irra deddeebiʼee raajota isaa isaanitti ergeera. Haa taʼu malee, saba mata jabeessa taʼe sana keessaa baayʼeen isaanii yaada geddarachuu didaniiru. Dhuma irrattis, Yihowaan maqaa isaa isa qulqulluuf jecha, harka diinota isaaniitti dabarsee isaan kenne.—Nahimiyaa 9:26-30.

20. (a) Walitti dhufeenyi Yihowaan Israaʼelotaa wajjin qabu waaʼee isaa maal nu barsiisa? (b) Leenci haqa Yihowaatiif fakkeenya gaarii kan taʼe maaliifi?

20 Walitti dhufeenya Yihowaan Israaʼelotaa wajjin qabu irraa waaʼee isaa wanta baayʼee baranna. Ijji isaa inni waan hundumaa ilaaluu dandaʼu jalʼina akka arguu fi wanta arguttis akka gaddu baranna. (Fakkeenya 15:3) Namoota yaada geddaratanitti araara argisiisuu akka barbaadu beekuunis nama jajjabeessa. Kana malees, murtoo kan godhu ariitiidhaan akka hin taane baranna. Namoonni hedduun, Yihowaan obsa qabeessaa waan taʼeef, matumaa hamootatti hin murteessu jedhanii dogoggoraan yaadu. Haa taʼu malee, walitti dhufeenyi Yihowaan Israaʼelotaa wajjin qabu obsi isaa daangaa akka qabu waan argisiisuuf, yaanni kun dhugaa irraa kan fagaate dha. Yihowaan qajeelummaaf ejjennoo cimaa qaba. Ilmaan namootaa yeroo baayʼee haqa raawwachuu irraa duubatti jedhan irraa haala adda taʼeen, Yihowaan wanta sirrii gochuuf ija jabina qaba. Kitaabni Qulqulluun haqa Yihowaa ibsuuf leenca isa ija jabeessa taʼe akka fakkeenyaatti kan fayyadamu kanaafi. b (Hisqiʼel 1:10; Mulʼata 4:7) Kanaafuu, Yihowaan lafa kana jalʼina irraa walaba gochuuf abdii kenne akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Eeyyee, murtii Yihowaa akka armaan gadiitti kaaʼuu dandeenya: yeroo barbaachisaa taʼutti jabaa, yeroo sababii quubsaan jiraatutti immoo araara qabeessa dha.—2 Pheexiros 3:9.

Waaqa Haqaatti Dhihaadhu

21. Akkaataa Yihowaan haqa isaa raawwatu irratti yommuu xiinxallu, waaʼee isaa maal yaaduu qabna? Maaliifi?

21 Akkaataa Yihowaan haqa isaa raawwatu irratti yommuu xiinxallu, inni jaalala kan hin qabnee fi abbaa murtii hamaa warra balleessaa raawwatanitti murteessuu irratti qofa xiyyeeffatu akka taʼetti yaaduu hin qabnu. Kanaa mannaa, Abbaa jaalala qabeessa ejjennoon isaa cimaa taʼee fi yeroo hunda wanta ijoollee isaatiif gaarii taʼe godhu akka taʼetti yaaduu qabna. Yihowaan Abbaa haqa qabeessa ykn qajeelaa waan taʼeef, ejjennoo cimaa waan sirrii taʼe irratti qabuu fi gara laafina ijoollee isaatti argisiisu wal qixa deemsisa.—Faarfannaa 103:10, 13.

22. Yihowaan haqaan geggeeffamee abdii akkamii nuu kenneera? Kana kan godhe maaliifi?

22 Haqni Waaqayyoo, namoota cubbuu hojjetan irratti murtoo dabarsuu caalaa waan hedduu kan dabalatu taʼuun isaa Yihowaa akka galateeffannu nu godha! Yihowaan haqaan geggeeffamee, addunyaa “qajeelummaan keessa buufatu” keessatti jireenya mudaa fi dhuma hin qabne nuu qopheesseera. (2 Pheexiros 3:13) Kun haqni isaa namoota adabuu irra, namoota fayyisuuf karaa akka barbaadu argisiisa. Dhuguma iyyuu, haqa Yihowaa akka gaariitti hubachuun keenya isatti nu dhiheessa! Boqonnaawwan itti aanan irratti Yihowaan amala ajaaʼibsiisaa kana akkamitti akka argisiise gadi fageenyaan baranna.

a Jechi “mucaa abbaa hin qabne” jedhu Yihowaan dhiirota abbaa hin qabneef qofa utuu hin taʼan dubartoota abbaa hin qabneefis garaadhaa akka yaadu argisiisa. Yihowaan seericha keessatti seenaan intaloonni Zelofehaad warri abbaan isaanii jalaa duʼe dhaala argachuu isaanii ibsu akka barraaʼu godheera. Yihowaan mirgi dubartoota abbaa hin qabnee akka eegamu gochuuf murtoon kun seericha keessatti akka dabalamu godheera.—Lakkoofsa 27:1-8.

b Yihowaan Israaʼelota amanamoo hin taane irratti akka murteessu yeroo dubbatu leencatti of fakkeesseera.—Ermiyaas 25:38; Hoseʼaa 5:14.